The Oromia Post

The Oromia Post sagalee Ummata Oromoo

11/05/2025
06/07/2025

Finxaaleyyiin Faannoo kaayyoon isaanii guddaan Mootummaa Oromoo hogganamu balleessuudhaan, mootummaa nama isaaniin gaggeeffamu gadi dhaabuu barbaadu. Akka ragaatti miidiyaalee fi walgahii isaanii irraa akkasumallee hoggantoota isaanii irraa kaasee hanga aktiivistootaatti, diina isaanii guddaan OROMUMMAA dha. Akkamiin jara kana waliin Dhaabbannee dhagaa ilma Abbaa Gadaa irratti darbanna? Duunee bannaa malee dhagaa itti hin harruu!!

Haa ta’u malee yeroo ammaa hoggantoonni siyaasaa Oromoo muraasnii diina uummata keenya waliin hariiroo uumuun, mootummaa namni Oromoo hogganu jigsuuf halkanii fi guyyaa hojjechaa jiru. Kana caalaa waan garaa nu gubu hin jiru, hin jiraatuus. Mootummaan addunyaa kana irra jiru hundi rakkoo mataa isa qaba akkasumallee mootummaa Itiyoophiyaa hanqina qabaachuu mala, garuu diina waliin hiriiruun furmaata Oromoofiis tahee kan biyyaattiis hin tahuu. Guys, drop the ego and get back to yourselves.

Gareen shorarkeessaa “Faannoo” jedhamuun of waamu, sirna Minilik uummata keenya irra deebisuuf halkaniifi guyyaa waan danda’u hundaan yaalaa jira. Jarana akkamiin osoo ilmi Abbaa Gadaa kiiloo afur keessa jiru Zammaanee kaasee waliin ta’uun mootummaa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed gaggeeffamu jigsuuf yaalla? gonkumaa hin yaalluu.

Oromoon karaa kamiinuu tokkummaan gurmaa’ee finxaaleyyii Amhaaraa kana balleessuu qaba. Akka lammata yaaddoo Oromoo fi Oromiyaa hin taaneetti.

Abiy Ahmed Ali will continue to lead for another 35 years!!! Liqimsi!!!

05/24/2025

Jaal Jawar Mohammed, slow down, there’s Ilma Abbaa Gadaa in Arat Kilo. I don’t understand why you chose to align yourself with the extremist Fano group against your own brothers. Please drop the ego, it’s not helping anyone.

Adeemsi Jawaar yeroo ammaa garee finxaaleyyii waliin ta’uun mootummaa Oromoo irratti gaggeessaa jiru kun tasumaa fudhatama hin qabu. Hamilee akkamii qabaatee Mootummaa kana Faannoo fi deeggartoota isaanii waliin dhakaa itti haruun hawaasa Oromoo birattiis fudhatama isa dhabsiisaa.

05/23/2025

Jawar Mohammed nama ani duraan kabajaa fi dinqisiifannaa guddaan ilaalu ture. Haa tahuu malee adeemsa fi tarkaanfii inni yeroo ammaa fudhataa jiru hubachuun hedduu na rakkisee.

Mootummaa Itiyoophiyaa amma biyya bulchaa jiru kan gaggeessaa jiru ilma Abbaa Gadaa kiiloo afur keessa jiru sani. Sababa maaliif garee finxaaleyyii Fannoo kan uummata Oromoo akka bineensaa jibbu waliin waliifgaltee naaf galuu dide? Mee of-tuulummaa fi hinaaffaa keessaa ba’i waan gochaa jirtu of ilaali.

Adeemsi Jawaar yeroo ammaa garee finxaaleyyii waliin ta’uun mootummaa Oromoo irratti gaggeessaa jiru kun tasumaa fudhatama hin qabu. Hamilee akkamii qabaatee Mootummaa kana Faannoo fi deeggartoota isaanii waliin dhakaa itti haruun hawaasa Oromoo birattiis fudhatama isa dhabsiisaa jira.

haala amma jiru keessatti, mootummaan rakkoo qabaachuu ni mala, garuu karaa ati deemaa jirtuun furmaanni hin dhufu. Mootummaan Itiyoophiyaa kana booddee barreeffama ati feesbuukii gubbaatti barreessiteen yokaan maxxansaa jirtuuf kufuus hin jiraatu, kana hubachuun si barbaachisa. Waan barbaadde yoo maxxansitillee Oromoon kana booddee si dhagahee hiriiraas tahee dhakaa darbatuu hin jiru, siif gala jedheen abdi qaba.

Of-tuulummaafi hinaaffaa keessaa bahii obboleeyyan kee waliin hojjadhuu, kuni dhaamsa Ibro!!

05–23-25
Ibro Shaxa

Address

Decatur, GA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when The Oromia Post posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to The Oromia Post:

Share