Finfinne News Network

Finfinne News Network Finfinne News Network (FNN) is an umbrella public charity non-profit Oromo media organization that a The media included in Finfinne News Network are:
1.

Oromia News Network (ONN)
2. Sagalee Walabumma Oromiyaa (SWO)
3. Kayyo Multimedia Service (KMS)
4. Walabumma News Network (WNN)
5. Gumi Boko Media (GBM)
6. Gada Media Network (GMN)
7. Seife Nebalbal Radio (SNR)
8. Sagalee Bilisummaa Oromo (SBO)
9. Mediyaa Dhaddacha Oromoo (MDO)
10. Urjii Media
11. Oromia Today (OT)
Media is the 5th branch of government and is a powerful resource of a nation. We ne

ed to support our media and be the voice for our people. We have to be able to tell our story and promote our political cause. We promote self-determination, self-governance, Oromia nation building, and the rights of the Oromo people. Please support your media by donating to Finfinne News Network. Finfinne News Network n Oromoo sagalee dhowwatamee fi ukkaamfameef sagalee ta'uuf ijaarame. Sabaa-himaaleen olitti caqafaman walitti dhufuun Finfinne News Network ijaarrachuun satelayitii kireeffachuun akka sagantaan dabarsinu biyya Oromiyaa gahu gochuu barbanna. Kanaaf sabaa-himaa keessan gargaaraati qabsoo Oromoof sagalee tahaa. Tokkummaan Humna! Finfinne News Network (FNN)
Midiyaa Haqaa. Sagalee Keessan.

Godina Harargee Bahaa Aanaa Cinaaqsanitti lo-lli poolisoota humna addaa Somaalee Qonnaan bultoota Araddaa Tamaamitti dhu...
01/11/2026

Godina Harargee Bahaa Aanaa Cinaaqsanitti lo-lli poolisoota humna addaa Somaalee Qonnaan bultoota Araddaa Tamaamitti dhukkaasa bananiin hanga ammaatti namni ajj-eefame 10 gaheera.

Lolli guyyaa kaleessaa Amajjii 10/2026 Aanaa Cinaaqsan Araddaa Tamaamitti humni addaa poolisii mootummaa Somalee Qonnaan bultoota irratti bananeen hanga ammaatti namni ajj-eefame 10 yoo tahu, kanneen mada'aan 2 tahuu Lami Media'n jiraattoota Araddaa Tamaamirraa odeeffannoo argateen mirkaneesseera.

Poolisoonni Mootummaa Naannoo 5'ni kun dhukkaasa ganama barii itti fufaniinis lubbuu namaa war-eeganiin maleettiis manneen Qonnaan bultootaa gubuun qabeenyaa fi loowwaniis saa-manii jiraachuun mirkane.

Awustiraaliyaatti balaan ibiddaa lubbuu namaa galaafate, gamoowwan 300 barbadeesse. FNN. Amajjii.11/2026.Balaan ibiddaa ...
01/11/2026

Awustiraaliyaatti balaan ibiddaa lubbuu namaa galaafate, gamoowwan 300 barbadeesse.

FNN. Amajjii.11/2026.Balaan ibiddaa bosonaa kibba baha Awustiraaliyaatti muudate, babal'achuun gamoowwan 300 barbadeesse.

Gamoowwan kanneen keessaa hedduun manneen jireennaati.Balaa kanaan lubbuun nama tokkoo darbuutu ibsame.

Balaan kun guyyoota hedduuf kutaalee kibba baha Awustiraaliyaa keessatti babal'achuun wayita ammaa sadarkaa Gamoowwan dhibbootaan lakkaahaman barbaddessurra kan ga'e.

Keessattuu bulchiinsota akka Viktooriyaa fi Weelsi naay'ee miidhe.Lafa dachaa bal'ina magaalaa Landan ta'u gubeera. Hektaara kuma 350 jechuudha.

Sababa kanatti bulchiinsa Viktooriyaatti, labsiin yeroo muddamaa labsameera.

Hojjettoonni balaa ibiddaa kumaatamaan lakkaa'aman fi xiyyaaronni ibidda dhaamsan 70 ta'an ramadamaniiru.

Haala qilleensaa ho'aa kana keessatti ibiddi kun torbanootaaf itti fufuu akka danda'u aanga'oonni yaaddoo qaban ibsaniiru.

Pireezidaanti Puutiin Waldhabdeen Kallattiin Raashiyaa fi NATO Addunyaa Gara Waraana Addunyaa Sadaffaatti dhiibuu akkka ...
01/11/2026

Pireezidaanti Puutiin Waldhabdeen Kallattiin Raashiyaa fi NATO Addunyaa Gara Waraana Addunyaa Sadaffaatti dhiibuu akkka malu akeekkachiisan.

FNN. Amajjii.11/2026.Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin addunyaaf akeekkachiisa cimaa kan kennan yoo ta’u, waldhabdeen humnoota NATO kan biyyoota dhihaatiin durfamu fi Raashiyaa jidduutti uumamu dhala namaa gara qarqara Waraana Addunyaa 3ffaatti dhiibuu akka danda’u akeekkachiisaniiru.

Ibsa dhiheenna kana kennaniin pireezidaantichi loltoonni NATO duraanuu dirree waraanaa Yukireen keessa waan turaniif kallattiin waldhabdee uumuun daran balaa akka ta’u dubbataniiru.

Balaa haleellaa daangaa Raashiyaa irratti raawwatamu kaasuun pireezidaantichi, haleellaan kun yoo hin dhaabbanne, Raashiyaan nageenya ofii eeguuf naannoo Yukireen irratti to’annoo waraanaa “nageenna” uumuuf akka dirqamtu himaniiru.

Akeekkachiisni Puutiin kun biyyoota dhihaa biratti yaaddoo guddaa kan uume yoo ta’u, sararri akeekkachiisaa fi doorsisa jidduu jiru dirree dippilomaasii keessatti daran jajjabaataa dhufuu isaa agarsiisa.

Haa ta’u malee, Pireezidaanti Puutiin haasawa isaanii xummuruun, Raashiyaan marii nagaa kutannoo fi furmaata yeroo dheeraa irratti hundaa’eef ammallee qophii ta’uu ibsaniiru.

Filannoon nagaa kun kan dhiyaate fedhii fi nageenni Raashiyaa guutummaatti akka kabajamu qofa ta’uu cimsanii ibsuun, humnoonni idil-addunyaa dhimmicha of eeggannoo guddaan akka ilaalan gaafataniiru.

Godina Shawaa Kibba Lixaatti ogeeyyiin fayyaa hospitaalota garaagaraa keessa hojjatan kafaltiin yeroo hojii sa'aatii dab...
01/10/2026

Godina Shawaa Kibba Lixaatti ogeeyyiin fayyaa hospitaalota garaagaraa keessa hojjatan kafaltiin yeroo hojii sa'aatii dabalataa (Duty)n baatilee 4 darban akka hin kafalamifin himan.

FNN. Amajjii 10/2026. Ogeeyyiin fayyaa hospitaalota Leemman, Baantuu, Tullu Boolloo, Walisoo fi Diimaa maddeeniif yaada isaanii kennan, kafaltiin kun kafalamuufii dhabuudhaan mirgi isaaniis dhiibamee haala jireenyaa isaanii irraanis dhiibbaa geessisuu himaniiru.

Biiroon fayyaa Oromiyaa seeraa cabsee ajaja afaaniitiin kafaltii kana iskeelii mindaa duraaniitiin fudhattu akka jedheen, akka qajeelfamaatti garuu kafaltiin kun kan kafalamu iskeelii mindaa amma hojjataan argatuun akka ta'u qajeelfamni jiraachuu dubbatan.

Mootummaan Oromiyaa qajeelfama jiru cabsee mirga isaanii dhiibee gidiraaf akka isaan saaxilaa jiru eeranii, rakkoon bulchiinsa gaarii amma Biiroon fayyaa Oromiyaa raawwataa jiru, tajaajila ogeeyyii kan miidhu, kenniinsa tajaajila hospitaalaa kan hubu akka ta'e ibsaniiru.

Rakkoon kun saffisaan akka furamu kan gaafatan ogeeyyiin fayyaa hospitaalota garaagaraa kunneen, rakkoon kun gara biraattii tarkaanfatee ogeeyyiin tajaajila yeroo hojii sa'aatii dabalataa kennan dhaabuu bira otoo hin geenye mootummaan furmaata akka kennu gaafataniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa daawwannaa Somaaliyaatti taasisuufi jedhame haquun gabaafame FNN, Amajjii 10/ 2026. Waa...
01/10/2026

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa daawwannaa Somaaliyaatti taasisuufi jedhame haquun gabaafame

FNN, Amajjii 10/ 2026. Waang Yii Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa daawwannaa seenaa qabeessa Afrikaatti taasisaa jiruun sagantaa gara Somaaliyaa imaluufi ture hambisuu isaa Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa Jimaata kaleessa beeksise. Daawwannaan kun qaama imala Afrikaa kan tooftaa daldalaa cimsuuf karoorfamedha.

Daawwannaan Waang Yii gara Somaaliyaa taasisuufi karoorfame kun, erga bara 1980 moota booda yeroo jalqabaatiif Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa gara Somaaliyaa yeroo imalu kan jalqabaati jedhameera. Kunis, erga Israa’el Somaalilaandi beekamati biyyummaa kenniteen boodadha.

Qondaaltonni ministeera dhimma alaa Somaaliyaa Rooyitarsiif sababni sagantaan daawwana kun yeroo biraatti darbeefi booda ni ibsama jedhan.

Ministeerri dhimma alaa Chaayinaa dhimma kana irratti yaada kennuufi gaaffii Rooyitarsii irra dhiyaateef deebii hin kennine.

Roobii darbe imala seena qabeessa gara Afrikaatti kan taasisu jalqaban Waang Yii, imalli kun Beejiing daandii dooniifi sarara dhiyeessii qabeenya murteessaa ta’e mirkaneessuuf yeroo barbaaddutti qaqqabummaa daldalaa tarsiimoo guutuu Bahaafi Kibba Afrikaa irratti kan xiyyeeffatedha.

Waang Jimaata kaleessa daawwannaa hojii guyyoota lamaaf Taanzaaniyaa Daare Salaam galuu isaanii ministeerri haajaa alaa Taanzaaniyaa fuula Tiwitterri/ X isaanii irratti beeksiseera.

Itti dabaluunis daawwannaan kun hariiroo biyyoota lamaanii cimsuufi walitti dhufeenya diinagdee saboota lameenii jabeessuuf akka ta’e akeekaniru.

Kamisa darbe, Waang YIi Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmed (PhD) waliin wal arguun, dhimmota bu’uuraalee misoomaa, industiriifi diinagdee irratti mari’ataniru.

Abbaan Taayitaa Sirna Nyaataafi Qorichaa Itoophiyaa omishaalee Aannanii Nestle ilaalchisuun akeekkachiisa baase FNN. Ama...
01/10/2026

Abbaan Taayitaa Sirna Nyaataafi Qorichaa Itoophiyaa omishaalee Aannanii Nestle ilaalchisuun akeekkachiisa baase

FNN. Amajjii. 9/2025 Abbaan Taayitaa Sirna Nyaataafi Qorichaa Itoophiyaa odeeffannoo dhaabbata Nestlé jedhamu irraa argateen, oomisha nyaata daa’immaniifi ijoollee xixiqqoo dhiyaatu kan maqaa NAN Special Pro HA 0–12 jalatti oomishaman keessatti baakteeriyaan daddarbaa ta’e argamuu hordofee of eeggannoo baasee jira.

Akeekkachiisni kun Amajjii 08, 2026 kan bahe yoo ta’u, oomishni sun gabaa irraa hatattamaan akka ittifamuufi uummanni itti fayyadamuu akka dhaabu waamicha dhiyeesseera.

Oomishni kun rakkoon akka lakkoofsa oomishini suni eessatti oomishame, yoom, akkamitti oomishame hordofuufi fayyadu 51660742F3, akkasumallee guyyaan oomishame Waxabajjii 15, 2025, guyyaa oomshini kuni itti tajaajilaan ala ta’u Muddee 15, 2026 fi Ulfaatina 800g dabalate ragaan barreeffame irratti keesuma lakkoofsi oomisha 51660742F3 qulqullina qabachu dhabu isaa mirtkanneessera.

Abbaan Taayitaa Sirna Nyaataafi Qorichaa Itoophiyaa biyyattii keessatti namni oomisha kana arge kamiyyuu hatattamaan dhaabbatichaafi eeruu kennuu akka qabu hubachiseera.

Akka dhaabbanni Nestlé’ kan oomisha kan dhiyeessu ibsetti, faalamni kun summii baakteeriyaa Bacillus cereus jedhamu irra kan dhufe ta’u himeera.

Abbaan Taayitichaa omishaalee dhaabbatichaa biroo irrattis qorannoo adeemsifamaa akka jiru ibsuun, odeeffannoo dabalataa akkuma argameen yeroo dhiyootti ibsi haaraan akka bahu mirkaneessee jira.

Pireezidaantiin Veenzuweelaa haaraan amma filatamte Deelsii Roodriigeez kibxata dhufu Ameerikaa Washingitan DC'tti imalu...
01/09/2026

Pireezidaantiin Veenzuweelaa haaraan amma filatamte Deelsii Roodriigeez kibxata dhufu Ameerikaa Washingitan DC'tti imaluuf hayyama gaafatan

FNN. Amajjii 9/2026, Pireezidantiin Veenzuweelaa Deelsii Roodriizeez Eega Waraa-nni Ameerikaa Opireeshinii Magaalaa guddoo Karaakaas keessatti taasisuun Pireezidantii Veenzuweelaa Maaduroo fi haadha warraa isaa qabuun tohannoo jala oolchanii Veenzuweelaa guyyoota 4'f pireezidantummaa malee hafteen booda filatamte.

Pireezidaantiin haaraan muudamte Deelsii Roodriigeez eega filatamteen booda Ameerikaa waliin hojjachuuf fedhii guddaa qabachuu ibsite.
Arra ammoo Pireezidaantiin Deelsii Roodriigeez tun kibxata dhufu Masaraa pirezidaantii Ameerikaa Waayit Hawuus daawwachuuf eeyyama gaafatte.

Pirojektiin Dirree Xiyyaaraa Aabbuu Seeraatti ijaaramuuf karoorfame qaamuma itti fufa Master Plan duraan karoorfamee ta’...
01/09/2026

Pirojektiin Dirree Xiyyaaraa Aabbuu Seeraatti ijaaramuuf karoorfame qaamuma itti fufa Master Plan duraan karoorfamee ta’uu haalli amma raawwatamaa jiru ni agarsiisa jedhe ABOn.

Qonnaan bultoonni Aabbuu Seeraa, akkuma qonnaan bultoota Eekkaa, Gullallee, Galaanii fi Abbichuu, lafa isaanii irraa qofa osoo hin taane, aadaa, afaan, seenaa, duudhaa Oromummaa fi abdii egeree ofii irraa buqqaafamu jedhe.
Mancaatii eenyummaa saba tokkoo beenyaa hangamuu kaffaluun hirphuun hin danda’amu jedhe ABOn.

ABO buufata xiyyaaraa Aabbuu Seeraatti ijaaramuuf jedhu ilaalchisee ibsa baaseen, waggoota Soddomman darban kana keessa qonnaan bulaan Oromoo godinoota Oromiyaa garagaraa keessatti argamu yeroo adda addaatti sababa misoomaatiin lafa isaa irraa seeraan ala, beenyaa baay’ee xiqqaa ta’een, yookaan beenyaa homaatuu osoo hin kaffalaminiif buqqaafamaa ture jedhe.

Buqqaatiin seeraan alaa kun manca’iinsa aadaa, afaan, seenaa, duudhaa akaakilee fi guutummaa eenyummaa sabichaa balaa hamaaf saaxiluu eere. Keessattuu, haalli qonnaan bulaa naannawaa Finfinnee irratti raawwatame jiruu fi jireenya hawaasummaa hundee irraa diigee maatii bittinneessuun sadarkaa duguuggaa sabummaa (ethnic cleansing)tti ol guddachuu ibse.

Haaluma kanaan gosoonni Oromoo akka Eekkaa, Galaan, Gullallee fi Abbichuu qe’ee handhuura isaanii irraa dhabamsiisuun har’a gosoonni kunneen eessa akka jiran akka hin beekamne eere ABOn.

Finfinneen baay’ee bal’attee baay’ee guddattee guddinni ishee awwaala gosoota Oromoo kana irratti dhugoome jedhe.

Bara 2014 hojiitti hiikamuuf kan karoorfame Master Plan Finfinnee diddaa qindaa’aa Qeerroon Oromoo itti of kitimeen waan maqsame fakkaatus, dhiheenya kana karoorri sun keessa deebi’amee sududa sududaan hojiitti hiikamaa jiraachuu mallattoolee baay’ee argaa jirra jedhe.

Sirni mootummaa PPs karoora Master Plan duraan waan maqsame fakkaate sana daran babal’isee hojiitti hiikuun jireenya qonnaan bultoota Oromoo yaaddoo fi balaa hamaaf saaxiluu ABOn hime.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongorootti haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannootiin miidhaan gahuun dhaga...
01/08/2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongorootti haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannootiin miidhaan gahuun dhagahame.

FNN. Amajjii 8/2026. Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan, dheengadda ganama haleellaa humnoonni kun raawwataniin lubbuun nama nagaa tokkoo darbuu himaniiru.

Haleellaa hidhattoota finxaaleyyii kanaatiin namni lubbuun isaa darbe Mulugeetaa Oljirraa jedhamaa jedhan.

Haleellaan kun kan qaqqabe laga bunaatti akka ta'e eeranii, jiraattonni haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannootiin oomisha isaanii karaa sassaabbatan akka dhaban dubbataniiru.

Aanaan Abee Dongoroo aanaalee haleellaan humnoota finxaaleyyii Faannoo itti heddummaatu keessaa tokko.

Mootummaan qaamolee nageenya uummataa booressan kana irratti tarkaanfii fudhatee nageenya hawaasaa akka mirkaneessus jiraattonni gaafataniiru.

Jiraattonnis gurmaa'anii nageenya isaanii akka tiksuu qaban hubachiifameera.

Address

1317 47th Avenue E
Fife, WA
98424

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Finfinne News Network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Finfinne News Network:

Share