Dambal Media

Dambal Media "Your Trusted Media Partner"
Madda odefannoo amanamaa
(1)

🔥🇪🇹 TikAfrica Challenge – Xumura Dorgommii! 🏆🔥Dorgommii TikAfrica Challenge irratti gara xumuraatti kan ga’e dargaggeess...
09/03/2026

🔥🇪🇹 TikAfrica Challenge – Xumura Dorgommii! 🏆🔥

Dorgommii TikAfrica Challenge irratti gara xumuraatti kan ga’e dargaggeessi biyya keenyaa Freedom, har’a halkan sa’aatii 3:30 irratti TikTok LIVE irratti dorgommii xumuraa qaba. 🇪🇹❤️

👉 Dorgommii isaa irraa hin hafinaa!
👉 LIVE isaa seenaatii deeggersa keessan mul’isaa! 🙌🔥

Freedom haa deeggaramuu! 🇪🇹🏆❤️

Isa kamtuu Sirriidha?  "A"  ykn  "B"  maaliif? Yaada keessan sanduqa yaada jalatti barreessa.
09/02/2026

Isa kamtuu Sirriidha? "A" ykn "B" maaliif? Yaada keessan sanduqa yaada jalatti barreessa.

Gamoon hardha ijaarru boru ni moofa. Daandiin hardha ijaarru boru ni caccaba. Hojiin bara baraan hin moofne kan hin cacc...
09/01/2026

Gamoon hardha ijaarru boru ni moofa. Daandiin hardha ijaarru boru ni caccaba. Hojiin bara baraan hin moofne kan hin caccabne hojii dhaloota barsiisuti.

"Abbaa Duulaa Gammada"

‎Mo’amee illee dhaabbileen beeksisaaf balbala isaa tarree galanii eeggata jiru. Sedoo Marshal!‎Dorgommii MMA (Mixed Mart...
08/29/2026

‎Mo’amee illee dhaabbileen beeksisaaf balbala isaa tarree galanii eeggata jiru. Sedoo Marshal!

‎Dorgommii MMA (Mixed Martial Arts) yeroo dhihoo kana gaggeeffame irratti, marsaa jalqabaa keessatti Jooniin kan mo’ame Sedoo Marshal, erga mo’amee booda wanti isa mudate garuu carraa ajaa’ibaa, injifannoo caalaa guddaa ta’eef isaaf argamsiisaa jira.
‎
‎Yeroo baay’ee dorgommii ispoortii keessatti dorgommii mo’amuun dhabbata sponsara fi beeksisa irraa fagaatuu fida.
‎
‎Sedoo irratti garuu wanti ta’e waan ajaa’ibaa dha. Sedoon guyyaa itti mo’ame irraa kaasee guyyaa itti aanu qofa keessatti beeksisaawwan gurguddoo 4 ol hojjetee jira. Yeroo ammaa immoo dhaabbileen hedduun beeksisa isaanii Sedoon akka hojjetuuf tarree dheeraa qabatanii eeggachaa jiru jedhameera!
‎
‎“Mo’amuun dhuma kufaatii miti, balbala karaa haaraa namaaf bana” kan jedhan yaada kana dhugaa fakkeessaa kan jiru seenaa Sedoo Marshal, yeroo ammaa kana miidiyaa hawaasaa fi addunyaa daldalaa keessatti mata-duree guddaa marii ta’eera!

Ibsa Abbootii Gadaa Tuulamaa irraa xalayaadhaan kennamen Ambaasaaddara Irreechaaf nama tokko kan hin muudne ta'uu beeksi...
08/26/2026

Ibsa Abbootii Gadaa Tuulamaa irraa xalayaadhaan kennamen Ambaasaaddara Irreechaaf nama tokko kan hin muudne ta'uu beeksisan.

Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa baranaatiin qabxii 600 keessaa 591 fiduudhaan akka biyyaatti 1ffaa kan ta'e barataa J...
08/24/2026

Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa baranaatiin qabxii 600 keessaa 591 fiduudhaan akka biyyaatti 1ffaa kan ta'e barataa Jaalal Girmaa Kuusaa jedhama. Mana barumsa bultii addaa Adamaa irraa.

Baga gammadde!!

Gochaa sukkaneesa Lammiileen biyya keenyaa     Suadi Arabiyaa kessati walirratti rawwatanin namoonni qabaman mana murtit...
08/23/2026

Gochaa sukkaneesa Lammiileen biyya keenyaa Suadi Arabiyaa kessati walirratti rawwatanin namoonni qabaman mana murtiti dhihaachun jalqabame.
Naamota gochaa kana keessa harka qaban kan hafanis seeraaf dhiheesuuf akka hojjetamaa jiru midiyaaleen garagaraa gabaasa jiru.

Barana kanaa, qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan qoraman barattoota 550,210 keessaa, barattoota 70,544 qofatu darbe....
08/22/2026

Barana kanaa, qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan qoraman barattoota 550,210 keessaa, barattoota 70,544 qofatu darbe.

Kana jechuun, barattoonni 479,666 qabxii darbiinsa barbaachisu hin arganne (hin dabarre) jechuu dha.

Maddi: Ministeera Barnoota

Qabxii Olaanaa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Bara Kanaa Ifoome!Ibsa qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa har'a...
08/22/2026

Qabxii Olaanaa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Bara Kanaa Ifoome!

Ibsa qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa har'a kennameen, qabxiin olaanaan bara kana galmaa'e ifoomeera.

Haaluma kanaan, damee Saayinsii Uumamaatiin (Natural Science) barattoota dhiiraa keessaa qabxiin olaanaan 600 keessaa 591.6 kan galmaa'e yoo ta'u, barataan qabxii ajaa'ibsiisaa kana fides barataa Mana Barumsaa Bultii Addaa Odaa magaalaa Adaamaati.

Gama barattoota dubaraatiin , damee Saayinsii Uumamaa kanaan qabxiin olaanaan 600 keessaa 583 kan galmaa'e yoo ta'u, barattuun qabxii kana galmeessistes barattuu Mana Barumsaa Injiibaaraa Agawuu Midir ta'uun ifoomeera.

‎Hayyuu biyyaaf bu’aa guddaa buusanii, kanneen galanni isaanii sirriitti hin faarfamne‎BAATUU— Hagayya 8/2018 A.L.I.‎Man...
08/14/2026

‎Hayyuu biyyaaf bu’aa guddaa buusanii, kanneen galanni isaanii sirriitti hin faarfamne

‎BAATUU— Hagayya 8/2018 A.L.I.

‎Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Baatuu keessatti gaggeessaa mana barumsaa ta’uun kan tajaajilanii fi barnoota Baayoloojii karaa addaa fi hawwataa ta’een barsiisaa turan, barsiisaa bara sanaa beekamaa, barattoota isaanii jaalalaan kan qabatan, nama qajeelfamaa fi sirna jaallatu, akkasumas naamusa cimaadhaan beekaman Barsiisaa Mabraatuu Boogaalee Dibaabaa, barsiisaa fuula kanaa har’aa galateeffatamaa fi nama dhalootaaf bu’aa guddaa buuse, gabaabinaan isin yaadachiisna.
‎
‎Barsiisaa Mabraatuu Boogaalee, bara 1980moota fi 1990moota irraa eegalee Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Baattuu (Ziway) keessatti gaggeessaa mana barumsaa ta’uun tajaajilaniiru. Isaan nama sammuu bal’aa fi hubannoo gadi fagoo qabu, bara warqee sana keessatti mallattoo isaanii sammuu fi qalbii dhalootaa irratti kan kaa’an, barsiisaa ajaa’ibaa fi hogganaa gaarii turan.
‎
‎Barattoota hunda biratti naamusa addaa fi akka abbaa isaanii kabajamaa fi sodaatamaa turan. Kennaa barsiisummaa addaa kan qaban, nama amala gaarii fi eenyummaa guutuu qabu turan.
‎
‎Har’a biyya isaanii Itoophiyaa keessatti, keessumaa magaalaa Baattuu keessatti, dameewwan hojii gara garaa irratti bobba’anii kan argaman, akkasumas addunyaa irratti akka urjii ifanii mul’atan hayyoota hedduu horachuun gahee olaanaa kan taphatan, hayyuu beekamaa, nama gadi of qabu, amala gaarii qabu, nama hojii isaa irratti mul’isu, barsiisaa hubataa fi barattoota hedduu biratti jaallatamaa fi kabajamaa ta’an Barsiisaa Mabraatuu Boogaalee Dibaabaa ti.
‎
‎Isaan bara jireenya isaanii keessatti barsiisummaa isaanii amanamummaa fi kutannoodhaan raawwatanii, yeroo ammaa sooramaa irra jiru. Ifa beekumsaa ta’anii, ijoollee hedduu beekumsaan horatanii, ogummaa fi beekumsa isaanii biyya isaanii Itoophiyaa tajaajiluuf oolchanii, garuu hanga har’aatti galanni isaanii sirriitti hin faarfamne. Kanaafuu, Barsiisaa Mabraatuu Boogaalee Dibaabaa hayyoota biyyaaf bu’aa guddaa buusan keessaa tokko, akkasumas nama duraa ti.
‎
‎Seenaa isaanii irraa akka hubannutti, Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Baatuu (Ziway) qofa osoo hin taane, yeroo booda Kolleejjii Teknikaa fi Ogummaa Baatuu keessatti waggoota muraasaaf Diinii ta’uunis tajaajilaniiru. Yeroo kolleejjicha keessatti turanitti, hoggansa cimaa, hojii irratti cichoomina, dandeettii bulchiinsaa addaa fi muuxannoo hoggansaa isaanii fayyadamuun hawaasa kolleejjichaa waliin hojii gaarii hojjetanii, Diinii jaallatamaa fi galateeffatamaa turan.
‎
‎Dhumarrattis, muuxannoo hojii fi hoggansaa isaanii irraa ka’uun Waajjira Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuu keessatti itti gaafatamaa ta’anii ramadamanii hojjetanii turuu galmee dhuunfaa isaanii irraa hubachuun danda’ameera. Nama baadiyyaa irraa kaasee hanga magaalaatti beekamaa fi muuxannoo bal’aa qabu waan ta’aniif, hojii isaanitti kenname hunda milkaa’inaan raawwatanii, hoggansa gaarii, amanamummaa fi dhugaan tajaajilanii, amma immoo sooramaa irra jiru.
‎
‎Isin barattoonni isaan barsiisan, kanaaf ragaa dha!!!
‎
‎Barsiisaa keenya jaallatamaa Mabraatuu Boogaalee Dibaabaaf jaalala fi kabaja qabdan ibsaaf!
‎
‎Addunyaa kana irratti dhalootaan hojii gaarii hojjatanii, qalbii fi yaada dhalootaa keessatti maqaa gaariin yaadatamuun, dhugumaan eebba guddaa dha!
‎
‎Barsiisaa Asnaaqee Dachaasaa
‎(Baatuu — Itoophiyaa)

Address

Katy
Katy, TX

Telephone

+251916243285

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dambal Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dambal Media:

Shortcuts

Share