01/05/2026
Taphataan Garee biyyaaleessa Kanaadaa fi Kilaba Vaankoovar hidda dhalootaa Oromoo ta'e Ali Ahmad Garee Kubbaa Miilaa Ingiliiz Norwich Siitiif mallatteesse.
Alii Ahmad Kilaba Ingiliiz yeroo ammaa Shaampiyoonship keessa taphataa jiru Norwich Siitiif kan mallateesse yoo ta'u, kun imala milkaa'inna isaa keessatti tarkaanfii olaanaadha jedhame jira.
Aliin kilaba Toronto Oromia jedhamu keessatti taphataa kan guddate yemmuu ta'u, OSFNA keessatti kilaba isaa bakka bu'uun yeroo dheeraaf taphataa turee jira.
Ali Ahmed, he is from OSFNA. Aliin OSFNA booda kilaba Kanaadaa Vancouver Whitecaps jedhamu MLS keessa taphachaa ture.
Kilaba taphataan guddaan Addunyaa Meesiin keessa taphatu Interniyaamii wajjiin xumura dhaqqabuun garee Vaankoovariif hiriiree kan taphate Alii Ahmad kilaba isaatiif tapha kana irratti goolii galchee jira.
Garee kubbaa Miilaa biyyaaleessa Kanaadaaf kan taphatu Ahmad Aliin, ilmi Oromoo amma gara Awrooppaa cee'uun garee Shaampiyoonship keessa taphatu Norwich Siitiif mallatteessee jira.
Waxabajjii 10 bara 2000 maatii hidda dhaloota Oromoo irraa Kanaadatti kan dhalate Ali Ahmad, Kilaba Toronto Oromia wajjiin OSFNA irratti hirmaatuun taphoota danuu taphatee jira.
Abjuu kubbaa miilaa kilaboota gurguddoof Awrooppaa taphachuutiin kan dheengi'ame Alii Ahmad hojii boonsa haadhaa fi abbaan isaa isa irratti hojjataniin garee dargaggootaa Vaankoovaritti makamee taphataa ture.
Bara 2022 garee jalqabaa Vaankoovaritti dabalamuun taphataa ture. Aliin dirree keessatti jiddu fi ittisaa qarqara bitaa ta'ee taphachuu danda'a.