05/17/2025
US himannaa balaa xiyyaara Itoophiyaafi Indooneeshiyaan Booying irratti dhiyaate kaasuufi.
Abbaan alangaa Ameerikaa himannaa yakkaa dhaabbata guddaa xiyyaara oomishuu Booying irratti baname, balaa xiyyaaroota isaa gurguramaa lamaan, 737 Max waliin walqabatee ture kaasuu danda'a jedhame.
Qondaaltonni Ministeera Haqaa (DOJ) firoota namoota balaa lamaan kanaan firoottan jalaa du'an waliin walgahii karaa toora interneetiin taasisaniin, dhaabbatichi dhimmicha xumuruuf waliigaltee abbaa alangaa hin taane akka mallatteesse hayyamuuf yaadaa akka jiran himaniiru.
Tarkaanfiin kunis himannaa hanna yakkaa kan baatii Waxabajjii keessa jalqabuu qabu irratti dhaddacha akka hin jiraannee kan taasisu yoo ta'u, kunis erga abbaan murtii tokko beenyaa kanaan dura Booyingi yakkasaa amanuuf waliigale erga kuffisee boodadha.
Abukaatoon maatii namoota balaa kanaan miidhamanii bakka bu'an ammoo karoora haaraa kanaan ''baay'ee mufachuu'' ibsaniiru.
''Waajirri haqa Ameerikaa murtee dhumaarra akka hin qaqabiin ibsulleen, sanadni barreeffamichaan dhiyaate garuu bu'aan dhumaa maal ta'u akka malu agarsiisa'' jechuun abukaatoon maatii namoota balaa xiyyaara daandii qilleensa Itoophiyaatiin wal qabaee du'an 34, Eeriin Apilbam dubbataniiru.
Itti dabaluunis, ''sababii yakkawwan dhaabbanni Boying jecha itti keneetiin lubbuu namoota 346 badeef hanga ammaatti murteetti hin dhiyaanne. Amma ammoo waajirri haqaa akka adabbii maallaatiin ala isa hin argannee miliqu taasisuuf jira'' jedhan.
Waggoota jahaan dura balaa xiyyaara daandii qilleensa Itoophiyaa fi daandii qilleensa Indooneshiyaa laayan Eer irra yeroo garaa garaatti qaqabeetiin Booyiing yeroo ammaatti himannaawwan waliin dhahu irratti dhiyaateera.
Balaa xiyyaaroota baayyee hammayyaa'oo jedhaman Boying 737 Max 8 irra qaqabeen namoonni 346 lubbuu kan dhaban yoo ta'u, sababiinsaas meeshaalee to'annoo kutaa balaliinsaa kan balaliiftoonni xiyyaaroota irratti galfamusaanii hin beekneen kan wal qabatudha jedhamee ture.