Gadaa Media Network-GMN

Gadaa Media Network-GMN GMN Miidiyaa kabajaa, safuu fi eenyumma Oromoo tiksee eeguun sagalee Uummata Oromoo ta'uuf hundaa'e
(1)

Gamtaan Awurooppaa dorsiisa qaraxa %50 kaa'u Tiraamp'n booda 'kabaja' akka ta'u gaafate.Tiraamp Gamtaa Awuroopparra qara...
05/24/2025

Gamtaan Awurooppaa dorsiisa qaraxa %50 kaa'u Tiraamp'n booda 'kabaja' akka ta'u gaafate.Tiraamp Gamtaa Awuroopparra qaraxa %50 kaa'uf akeekkachiisnaan,"kabajaan"malee "sodaachisuun"furmaanni hin dhufu jechuun gamtichi deebii kenne.Odeessa guutuuf karaa toora Telegram channel keenya kanaan nu hordofaa 👇
http://t.me/GadaaMediaNetworkGMN

05/23/2025

GMN: Oduu Caamsaa 23/2025.
Gadaa Media Network-GMN YouTube Channel Keenya Subscribe gochuun nu hordofuu hin dagatinaa.

05/22/2025

GMN: Oduu Caamsaa 22/2025.
Gadaa Media Network-GMN YouTube Channel Keenya Subscribe gochuun nu hordofuu hin dagatinaa.

05/21/2025

GMN: Oduu Caamsaa 21/2025.
Gadaa Media Network-GMN YouTube Channel Keenya Subscribe gochuun nu hordofuu hin dagatinaa.

05/20/2025

GMN: Oduu Caamsaa 20/2025.
Gadaa Media Network-GMN YouTube Channel Keenya Subscribe gochuun nu hordofuu hin dagatinaa.

05/19/2025

GMN: Oduu Caamsaa 19/2025.
Gadaa Media Network-GMN YouTube Channel Keenya Subscribe gochuun nu hordofuu hin dagatinaa.

GMN: Balaa konkolaataa Itoophiyaatti mudateen namoonni 19 du'an.Balaa konkolaataa magaalaa Gilgel Balasitti dhaqabeen yo...
05/19/2025

GMN: Balaa konkolaataa Itoophiyaatti mudateen namoonni 19 du'an.

Balaa konkolaataa magaalaa Gilgel Balasitti dhaqabeen yoo xiqqaate namoonni 19 du'uun hedduun madaa'uu himame.

Balaan kun kan dhaqabe Naannoo Benishaangul Gumuz, Godina Matakkal keessatti Dilbata kaleessaa ganamadha.

Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti, balicha kan dhaqabsiise konkolaataa fe'umsaa godhaadha.

Konkolaataan fe'umsaa Iskaavatera fe'ee deemee ture yeroo magaalicha galu to'annoo konkolaachisaan ala tahuun lubbuu namootaa irra balaa dhaqabsiise.

Hogganaan Qajeelcha Poolisii Gilgel Balas, Taayyee Gurmeessaa miidiyaalee biyya keessaatti akka himanitti, 7konkolaatichi magaalaa Chaaginii irraa ka'uun garas imalaa ture.

Konkolaataan dhaabbachuu dide kun naannoo uummanni bashannanaa turan keessa galuun balicha dhaqabsiise.

Namoota 13 irra dabalataan miidhaan qaamaa ulfaataa fi salphaan gahuus himameera.

Pirezidaantiin naannoo Benishaangul Gumuz gadda isaanitti dhagahame ibsuun maatii miidhamtootaaf jajjabina hawwaniiru.

GMN: Waldaan Hakiimoota Itoophiyaa gaaffii ogeeyyii fayyaaf falli atattamaa akka kennamu gaafate.Waldaan Hakiimota Itoop...
05/19/2025

GMN: Waldaan Hakiimoota Itoophiyaa gaaffii ogeeyyii fayyaaf falli atattamaa akka kennamu gaafate.

Waldaan Hakiimota Itoophiyaa duula ogeeyyiin fayyaa gaggeeessaa jiran ilaalchisuun ibsa baaseen ogeeyyiin fayyaa hidhaman akka gadhiifamaniifi hojii idileetti akka deebi'an gaafate.

Waldichi ogeeyyiin hangamii duula kanaan walqabatee akka hidhaman hin ibsine. Gama kaaniin lagannaa hojiin walqabatee hojjettoonni fayyaa 80 tti dhiyaatan hidhamuu qindeessitoonni duula ogeeyyii fayyaa guyyoota muraasa dura BBCtti himanii turan.

Waldaan Hakiimota Itoophiyaa ibsa miidyaa hawaasaarratti Dilbata kaleessaa maxxansee keessatti gaaffii ogeeyyiin mindaan xiqqaachuu, fayidaan ogeeyyiin argachuu qaban akka eegamuu fi bakki hojii akka mijatuuf kaasan ''sirriidha'' jechuun deeggaree fala akka argachuu qabu gaafate.

Waldichi hojjattoonni fayyaa tajaajilli fayyaa fi barnoonni fayyaa hubamuun hawaasa, ogeeyyii fayyaa fi sirna eegumsa fayyaa akka waliigalaatti akka hubu ibsa baase kana keessatti akeekkachisuun, dhimmichi mariidhaan saffisaan akka hiikamu gaafate.

Dabalataan Waldichi fala barbaadurratti qaamolee qooda qaban waliin akka hojjatu ibse.

GMN: Hawaasni Oromoo Melbourne fi naannoo ishee jiraatan Irreecha Arfaasaa kabajan.Hawaasni Oromoo biyya Awustiraaliyaa ...
05/19/2025

GMN: Hawaasni Oromoo Melbourne fi naannoo ishee jiraatan Irreecha Arfaasaa kabajan.

Hawaasni Oromoo biyya Awustiraaliyaa magaalaa Meelboorniifi naannoo ishee jiraatan tokkummaan ba'uun Irreecha Arfaasaa ayyeeneffachuun himame.

Akka maddeen jedhanitti sirni kabaja ayyaanichaa guyyaa kaleessaa gaafa Caamsaa 18, 2025 magaalaa Meelboorni tulluu Daandinoogi jedhamu irratti geggeeffameera.

Sagantaa kanarratti maanguddoonni, qabsaa'oonni buleeyyiin, hawwaniifi daa'imman uffata aadaatiin miidhaganii argamaniiru.

Boordiin Filannoo galmee dijitaalaa buufataalee filannoo marsaa 2ffaa eegaluu ibse.Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itooph...
05/17/2025

Boordiin Filannoo galmee dijitaalaa buufataalee filannoo marsaa 2ffaa eegaluu ibse.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoo biyyoolessaa 7ffaa dhufuuf hojiin buufataalee filannoo karaa sirna dijitaalaatiin galmeessuu marsaa lammaffaaf eegaluu beeksise.

Boordichi filannoo biyyaalessaa dhufuuf qophii adda addaa gaggeessaa akka jiru ibsuun, filannoon kun kan kanaan dura gaggeeffaman caalaa bu’a qabeessaa akka ta’uufi akka yeroon barbaadutti ammayyeessuuf hojjetamaa akka jiru hubachiiseera.

Kanaanis iddoo sirrii buuftaaleen filannoo itti argaman teeknooloojii GIS fayyadamuun hojii karaa 'XY Coordinates' adda baasuu fi galmeessuu hojjetamaa akka jiru akeekeera.

Marsaa jalqabaatiin naannolee Sidaamaa, Dirree Dhawaa, fi Hararii, akkasumas naannoo Kibba Itoophiyaa keessaa godina Geedi’oo buufataalee filannoo 3495 irratti galmeen 'XY Coordinate' akka raawwatame ibseera.

Abune Maatiyaas tajaajiltoonni bataskaanaa waraana akka hin labsine akeekkachiisan.Paatriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii ...
05/17/2025

Abune Maatiyaas tajaajiltoonni bataskaanaa waraana akka hin labsine akeekkachiisan.

Paatriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas sagantaa marii tajaajiltoota Kawaalaa ykn Gadaamiif qophaa'eerratti haasaa taasisaniin, tajaajiltoonni bataskaanaa waraana akka hin labsine akeekkachisaniiru.

Abune Maatiyaas, dogoggora mul'ata turan kaasuun monoksoonni gara waraanaa deemuu, waamicha gochuufi deeggaruun sirrii akka hin taaneefi saalfichiisaa akka ta'e himaniiru. Kun dogoggora guddaadhaa kan jedhan Abune Maatiyaas wal gorfachuun barbaachisaa ta'uu himan.

“Namni tokko nama lama ta’uu hin qabu. Namnni tokko ejjennoo tokko qofa qabaachuu qaba. Gara waraanaa deemna jedhee monokseen tokko akkamitti dhaadata? Monokseen ni kadhata malee akkamitti gochaa akkanaa keessa seena? Kun waan fokkisaa dha. Waan kana hundi keessanuu calliftanii hin ilaalinaa. Gadaamiiwwan keessatti namoonni gochoota akkanaa irratti hirmaatan tarkaanfiin afuuraa (amantaa) irratti fudhatamuu barbaachisa. Kun nama saalfachiisa. Waaqnis namnis waan hin jaalannedha” jedhan Paatriyaarkichi waltajjii kanarratti.

Abbootiin Gadaamii keessaa tajaajilan waan akka nagaa biyyaa, jaalalaa fi tokkummaaf kadhachuutu irraa eegama jedhan Paatriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas.

US himannaa balaa xiyyaara Itoophiyaafi Indooneeshiyaan Booying irratti dhiyaate kaasuufi.Abbaan alangaa Ameerikaa himan...
05/17/2025

US himannaa balaa xiyyaara Itoophiyaafi Indooneeshiyaan Booying irratti dhiyaate kaasuufi.

Abbaan alangaa Ameerikaa himannaa yakkaa dhaabbata guddaa xiyyaara oomishuu Booying irratti baname, balaa xiyyaaroota isaa gurguramaa lamaan, 737 Max waliin walqabatee ture kaasuu danda'a jedhame.

Qondaaltonni Ministeera Haqaa (DOJ) firoota namoota balaa lamaan kanaan firoottan jalaa du'an waliin walgahii karaa toora interneetiin taasisaniin, dhaabbatichi dhimmicha xumuruuf waliigaltee abbaa alangaa hin taane akka mallatteesse hayyamuuf yaadaa akka jiran himaniiru.

Tarkaanfiin kunis himannaa hanna yakkaa kan baatii Waxabajjii keessa jalqabuu qabu irratti dhaddacha akka hin jiraannee kan taasisu yoo ta'u, kunis erga abbaan murtii tokko beenyaa kanaan dura Booyingi yakkasaa amanuuf waliigale erga kuffisee boodadha.

Abukaatoon maatii namoota balaa kanaan miidhamanii bakka bu'an ammoo karoora haaraa kanaan ''baay'ee mufachuu'' ibsaniiru.

''Waajirri haqa Ameerikaa murtee dhumaarra akka hin qaqabiin ibsulleen, sanadni barreeffamichaan dhiyaate garuu bu'aan dhumaa maal ta'u akka malu agarsiisa'' jechuun abukaatoon maatii namoota balaa xiyyaara daandii qilleensa Itoophiyaatiin wal qabaee du'an 34, Eeriin Apilbam dubbataniiru.

Itti dabaluunis, ''sababii yakkawwan dhaabbanni Boying jecha itti keneetiin lubbuu namoota 346 badeef hanga ammaatti murteetti hin dhiyaanne. Amma ammoo waajirri haqaa akka adabbii maallaatiin ala isa hin argannee miliqu taasisuuf jira'' jedhan.

Waggoota jahaan dura balaa xiyyaara daandii qilleensa Itoophiyaa fi daandii qilleensa Indooneshiyaa laayan Eer irra yeroo garaa garaatti qaqabeetiin Booyiing yeroo ammaatti himannaawwan waliin dhahu irratti dhiyaateera.

Balaa xiyyaaroota baayyee hammayyaa'oo jedhaman Boying 737 Max 8 irra qaqabeen namoonni 346 lubbuu kan dhaban yoo ta'u, sababiinsaas meeshaalee to'annoo kutaa balaliinsaa kan balaliiftoonni xiyyaaroota irratti galfamusaanii hin beekneen kan wal qabatudha jedhamee ture.

Address

1640 N Formosa Avenue
Los Angeles, CA
90046

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gadaa Media Network-GMN posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Gadaa Media Network-GMN:

Share