Oromia Voice

Oromia Voice Bakka citee dhiigaafan siif dhiige;bakka cabee okkoluufan siif okkole, aanteef boo’uufan siif boo'e!

❤️
04/28/2024

❤️

   !
04/27/2024



!

04/26/2024

Lafti Aanaa Darraa qaama dhimmi ilaallatu irraa xiyyeeffannoo dhabuun bulchiinsa Oromiyaa jalaa bahaa jira jedhu jiraattonni.

Aanaan Darraa waggootaaf dhumaatii fi mancaatiin hidhattoota Finxaaleyyii Faannoo irraa dhaabbatee hin beeku. Guyyaatti manni 1000 yeroon gubate, qabeenyi beeyladaa 300 yeroon itti saamaman jira.

Uummanni aanichaa balaa jiraachuu fi jiaachuu dhabuu jala jirra jedhu.

Aanaan tun bakka gareen finxaalessaa Faannoo yeroo Gojjamii fi Wallorraa rukutame dahannoo godhatee itti tajaajilamaa jiru ta’uun beekameera. Bakka leenjii fi kuusaa hidhannoo waraanaa garee kanaa ta’aa jiraachuus himu jiraattonni.
===

Aanaan Darraa aanaa gama hedduun naannoo Amaaraatiin wal daangessitu dha. Uummata Oromoon cinatti dhalattooti saba Amaaraa hedduunis aanicha keessa ni jiraatu. Haalli kun aanichi akka weerartoota Finxaaleyyii naannoo Amaaraatiin weeraramtu, uummanni aanicha keessa jiraatus balaaf saaxilamu godheera. Aanichi gama Gojjamiin Gammoojjii Abbayyaatiin, gama Walloon Kalaalaa fi Wagiddii lafa jedhamaniin, gama godina Shawaa kaabaa naannoo Amaaraatiin immoo aanaalee Marraabitee fi Miidhaa Oromoo jedhamaniin daangeffama. Gama Oromiyaatiin aanaa godina Salaalee jala jiru Hidhabuu Abooteen daangofti.

Weerarri walirraa hin cinne aanaa kanarratti gama naannoo Amaaraatiin erga banamee waaggoota lama caaleera. Lakkoofsaan adda baasanii himuuf ragaa qindaawan jiraachuu baatus jiraattonni aanichaa haleellaa hidhattootaa dhuman hedduu dha. Kanneen madaa’anii dhaabbilee fayyaatti waldhaanamaa jiranis baay’eedha. Diigamuu dhaabbilee fayyaatiin kanneen waldhaansa malee ciisanis hedduu. Kan qe’ee ofiirraa buqqa’ee jiru kumaatama. Manneen barnootaa aanichi qabdu 94 keessaa lama qofatu tajaajila kennaa jira jedha hojjetaan mootummaa aanichaa OMN dubbise tokko. Guyyaa tokkotti manneen hawaasaa kuma tokko yeroon itti gubate, beeyladoonni 300 gaafti itti saamaman jiraachuu yaadachiisa namni nu dubbifne.

Daandiin aanaa tanaa gara magaalaa godinaa Fiichee geessu cufamee ji’atti al tokko uummanni aanichaa raayyaa ittisa biyyaatiin tikfamee bahee deebi’a. Konkolaataa fe’iisa meeshaa ykn Uummataa. Fiichee fi Darraa gidduu fageenyi jiru 86KM qofa.

Sababa kanaan namoota daldalli hojiisaanii ta’e dabalatee hawaasni nyaatee buluufuu rakkatee jira. Gatiin qinxaaboo magaalota irraa dhufuu hanqina uumame kanaan samii koree jira. Jireenyi qaalayeera. Karaan kun erga cufamee waggaa lamaaf deema.

Rakkoo nageenyaa aanichaa tasgabbeessuuf mootummaan Oromiyaa yeroo poolisii humna addaa ramadee turetti haalli nageenyaa wayyoo qaba ture kan jedhu jiraatan aanichaa wabeeffanne tokko, gaaffii humna finxaalessaatiin hidhatee jiruun garuu Poolisiin humna addaa Oromiyaaa asirraa kaafame jedhe. Uummani keenyas dararaa keessa turetti deebi’e. Yeroo ammaa milishaa Oromiyaa fi humna federaalatu aanichatti bobba’ee jira. Humni federaalaa as jiru hidhattoota weeraraaf bahaniif tumsa jedha namni kun. Qonnaan bulaa hidhannoo hiiksisuu, Ati seelii WBO ti jedhanii dararuun taatee aanichatti mul’atu kan uummata hiraarsaa jiru jedha. Qabata WBO balleessina jedhamuun immoo qonnaan bulaa qofa osoo hin taane milishoota Oromoo ofii hidhachiisanirraa hidhannoo hiikaa jiru. Bulchiinsi aanichaa garee finxaalessaa lafa Oromiyaa weeraru waliin hariiroo cimaa qabaachuu fi tumsa cimaa garee kanaa ta’uu irra deddeebiin jiraattonni himachaa jira. Yeroo ammaa araara jechuun qonnaan bulaa Oromoo hiikkachiisaa weerara hidhattoota finxaaleyyiif haala mijeessaa jiru bulchiinsi aanaa Darraa. Aanicha naannoo Amaaraa jala galchuun akeeka isaaniiti.

Uummanni aanichaa kumaatamaan qe’eerraa buqqa’ee jiru deeggarsa namoomaa tokkollee argachaa hin jiru. Uummata kanaaf mootummaa fi uummanni akka birmatu waamicha godhu dhalattoonni aanichaa.

Aanaan Darraa bakka hidhattoonni Faannoo yeroo Gojjamii fi walloorraa rukutaman akka Dahannoo (Mishigiitti) dhimma itti bahaa jiran ta’uu baramee jira.

04/25/2024

OLF Condemns The Killing of Jaal Battee Urgeessaa and Appeals for Impartial and Neutral Investigation.

OLF Press Release, April 10, 2024

The OLF learned today the brutal murder of its member and political officer Jaal Battee Urgessaa with agony and grave sadness.

The unwarranted and extrajudicial killing of conscious and active Oromo political and cultural figures has been a systematic and irresponsible act of silencing the Oromo throughout years and decades.

Up on our fresh memory of the killing of the renowned and beloved iconic Oromo artist Hachaluu Hudeessa, we again, as people, are experiencing another tragic death of our eloquent, selfless, and brave Oromo soul, Battee Urgeessaa.

Hachalu, his family and the Oromo people have not yet got justice, and his killers were not brought to the impartial court of law. The Oromo people are waiting for this to happen.

Jaal Battee Urgessa was born in the Meki area of Central Oromiya and was murdered in the same place. OLF sources and the media (Addis Standard) so far say that he was shot dead.

The OLF is conducting its further investigation into the killings, though circumstances are so difficult for all of us as people.

OLF express its deep condolence to Batte’s Family and call upon the Oromo People to stand by the side of his wife and children.

We appeal to all human rights organizations and peace-loving people to undertake an immediate neutral and impartial investigation.

Victory to the Masses!
Oromo Liberation Front
April 10 2024
Finfinnee

Address

Los Angeles, CA

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Voice posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share