Shimallis abdiisaa ሺመሊስ አብዲሳ

Shimallis abdiisaa  ሺመሊስ አብዲሳ universal

Dhaabbileen Inveestimantii dhuunfaa naannoo keenyaa keessa jiran hojii misoomaa fi fayyadamummaa Hawaasa keenyaa hojjech...
05/15/2023

Dhaabbileen Inveestimantii dhuunfaa naannoo keenyaa keessa jiran hojii misoomaa fi fayyadamummaa Hawaasa keenyaa hojjechaa jirru keessatti shooraa guddaa taphachaa jiru!

Dhaabbilee Inveestimantii Naannoo keenyaa keessa lakkoofsi dhaabbilee Maanufaakchariingi Industirii irratti bobba'an hedduudha.

Warshaalee fi dhaabbileen omishaa kun carraa hojii uumuu, sharafaa alaa argamsiisuu fi baasii sharafa alaa hambisuu keessatti qoodni qaban akkuma jirutti ta'ee, ce'uumsa ogummaa fi teeknolojii keessatti faayidaa olaanaa qabu.

Milka'ina hojii qonnaa keessatti argannee irratti qoodni dhaabbile Omisha Maashinarii fi Teeknoloojiiwwan qonnaa gumaachan olaanaa dha.

Hojiin misoomaa fi fayyadamummaa hawaasa gara fuulduraa irratti hojjetamanis saayinsii fi Teeknolojiin kan deeggaraman ta'uu waan qabaniif, bu'aa hojii qonna keessatti arganne seektara hunduma keessatti babal'isuuf hojjetamaa jira.

Gama kanaan Ogummaa fi Teeknolojiin dhaabbilee kanneen keessa jiru bifa qinda'aa ta'een, hojii qorannoof qo'annootif, misooma ogummaa Kalaqaa fi Intarpirenarshiippii dhaabbilee barnoota leenjii ogummaa fi Yuunivarsiitii keessatti hojjechaa jirruu akka deeggaruu fi ce'uuf karoora addaatiin ni hojjenna. Badhaadhina hunda galeessa ni mirkaneessina!

04/22/2023

It's time to change not drama

Address

Maryland City, MD

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shimallis abdiisaa ሺመሊስ አብዲሳ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category