
18/07/2025
Itoophiyaan Kufaatii Siyaasaa fi Dinagdee Keessa Jirti: Gabaasa Haala Yeroo fi tilmaama IMF
Biyya nagaa fi tasgabbii dhabde keessatti, dinagdeen hin dagaagu. Mootummaan gara furmaata nagaa fi iftoominaatti osoo hin socho’in, to’annoo humnaa fi waraanaaf dursa yoo laatu, kufaatiin mootummaa tilmaamuu miti — dhugaa ifatti mul’atu ta’a. Manni Maallaqaa Addunyaa (IMF) fi dhaabbileen gargaarsaa addunyaa irratti hirmaatan haala dinagdee Itoophiyaa qorachuun, biyyattiin kufaatii bu’uura qabu keessa jirtu ta’uu ifa godhan
1. Biyya Nagaa Hin Qabne, Lolli Hammaataa Jira
Naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Tigraay keessatti yeroo dheeraaf lolli guutummaa guutuutti babal’ateera. Uummatni nagaan jiraatuu dhabee, buqqa’uu fi dararamaa jira. Manneen barnootaa fi fayyaa gubamu, qabeenyi manca’uu, fi ajjeechaan suukanneessaan raawwatamu. Mootummaan marii nagaa fi araaraa fidan osoo hin jajjabeessin, waraanaaf dursa laachuu itti fufuun, rakkoo furuu irra hammeessa jira.
2. Gabaasa IMF fi Haala Dinagdee Biyyattii
Dhaabani Maallaqaa Addunyaa (IMF) gabaasa bara 2025 irratti akka ibsetti:
Hojii dhabdoonni biyyattii keessatti 30% ol ta’an, dargaggoonni miliyoonaan lakkaawwaman hojii malee jiraachu isaani fi
Liqii biyya alaa dachaan dabaluun $28 billion ol gahe, kaffaltii irratti rakkoo hammaataa fidaa jira.
Gatiin nyaataa fi tajaajilaa sirna to’annaa dhabee, uummata beela fi beela fakkaatu keessa buusee jira.
Birriin (ETB) humna bitinsaa dhabee, gatii doolaara waliin wal bira yoo qabamu, hoji-dhabdummaa fi daldala alaa irratti miidhaa cimaa geessisaa jira.
IMF fi World Bank biyyattiin karaa haqaa fi dimokraatawaa irra osoo hin deebiin liqii dabalataa kennuun akka rakkisaa ta’e beeksisaniiru.
Haala kana keessatti Itoophiyaan alaa fi keessaa irraa deggersa argachuuf carraa xinnaa qabdi.
3. Tilmaama Kufaatichaa: Dhugaa Ifatti Mul’atu
Haalli biyya keessaa kun:
Mootummaa uummata to’atuu dadhabe,
Lola kamuu dhaabsisuu dadhabe,
Dinagdee deggersa uummataa fi daldaltoota irraa hin qabu,
Sirna itti gaafatamummaa irraa fagaatee humnaan bulchu filate,
jechuudhaan kufaatii mootummaa tilmaamuuf bu’uura cimaa ta’a. Kun yaada falmisiisu osoo hin taane, haala mul’atu irraatti hundaa’ee dhugaa ifa ta’e ibsuu dha.
4. Furmaata: Daandii Nagaa fi Sirna Haqaa
✔ Waraanni haadhaabbatu:
Uummanni nageenya malee jiruu hin gaggeeffatu. Waraana kamuu dhaabsisuun bu’uura furmaataati.
✔ Marii siyaasaa haqa-qabeessa:
Gareewwan hunda hammatee mariin dhugaa gaggeeffamuu qaba. Rakkoon siyaasaa marii malee hin furamu.
✔ Deggersa namoomaa fi fayyaa:
Ummata qe’ee fi nyaata dhabeef gargaarsi hatattamaa kennamuu qaba. Kun ammoo mootummaa tasgabbaa’aa barbaada.
✔ Sirna itti gaafatamummaa fi iftoomina:
Mootummaan Abiy Ahimad ofiif of ilaaluun sirna mootummaa, dinagdee fi siyaasa keessatti dogongora isaa sirreessu qaba.
5. Xumura: Kufaatin Mootummaa, Kufaati Saba Hin Tahuu
Kufaatiin mootummaa tokko, kufaatii saba ta’uu hin qabu. Mootummaan Abiy Ahimad haala ammaa keessatti kufaatii hunda qabeessa keessa jiraachuu agarsiisaa jira. Biyyi nagaan dhabde, dinagdeen kufte, siyaasaan burjaajee, mootummaa deebii kennu dhabde – keessa jiru. Tilmaama kufaatii mootummaa jechuun dhugaa haala jiru ifatti dubbachuun, falmii sobaa osoo hin taane, seenaa saba keenyaa yaadachuun, furmaata waamuudha.