Oromia11

Oromia11 Oromia 11 is established to address chronic information gap on issues that affect the Oromo people
(2)

06/19/2026

OROMIA11: Dhaabata African Economic Solutions.

06/19/2026

OROMIA11: African Economic Solutions.

06/18/2026

Seenaa gooticha Oromoo Jeneraal Taaddasaa Birruu!

Walharkaa Fuudhiinsa Halangee Gadaa Tuulamaa
06/16/2026

Walharkaa Fuudhiinsa Halangee Gadaa Tuulamaa

OROMIA11: Walharkaa Fuudhiinsa Halangee Gadaa Tuulamaa.

๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐š๐Ÿ๐Ÿ:- ๐€๐๐๐ฎ๐ง๐ฒ๐š๐š ๐ˆ๐ฌ๐ฉ๐จ๐จ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐š๐‰๐š๐š๐ฉ๐ฉ๐š๐š๐ง๐จ๐ง๐ง๐ข ๐Œ๐จ๐จโœ๐š๐ง๐ข๐ฌ, ๐Œ๐จ๐จโœ๐š๐ฆ๐š๐ง๐ข๐ฌ ๐๐ฎ๐ฅ๐ช๐ฎ๐ฅ๐ฅ๐ข๐ง๐š ๐‡๐ข๐ง ๐ƒ๐ก๐ข๐ข๐ฌ๐š๐ง           Tapha geeba kubbaa...
06/15/2026

๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐š๐Ÿ๐Ÿ:- ๐€๐๐๐ฎ๐ง๐ฒ๐š๐š ๐ˆ๐ฌ๐ฉ๐จ๐จ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐š
๐‰๐š๐š๐ฉ๐ฉ๐š๐š๐ง๐จ๐ง๐ง๐ข ๐Œ๐จ๐จโœ๐š๐ง๐ข๐ฌ, ๐Œ๐จ๐จโœ๐š๐ฆ๐š๐ง๐ข๐ฌ ๐๐ฎ๐ฅ๐ช๐ฎ๐ฅ๐ฅ๐ข๐ง๐š ๐‡๐ข๐ง ๐ƒ๐ก๐ข๐ข๐ฌ๐š๐ง

Tapha geeba kubbaa miilaa addunyaa waggaa afur afuriin gaggeeffamu irratti, taateewwan ajaa'ibsiisoo gara garaa arguun baramaa dha. taateewwan geeba kubbaa miilaa addunyaa bara 2026 gaggeeffamaa jiru irratti taateewwan qalbii namaa harkisaa jiran keessaa tokko, gocha gaarummaa deeggartoota kubbaa miilaa biyyoolessaa Jaappaaniitiin raawwatame.

Tapha guyyaa kaleessaa Waxabajjii 14,2026 tti jidduu garee biyyoolessaa Jaappaanii fi Neezarlaand gaggeeffamee 2:2 xumurame booda, deeggartoonni garee biyyoolessaa Jaappaan Isteediyeemii taphni keessatti gaggeeffame boodatti hafanii qulqulleessaa turan.

Ummanni Jaappaan qulqullummaa ofii eeggachuu biyya isaanii keessatti aadaa fi jireenya isaanii godhatanii ittiin jiraatan, gara biyya itti imalaniitti faffacaasuu itti fufanii jiran. Hojii gaarii isaan hojjataa jiran kanaan hawaasa addunyaa biratti faaruu bareeda ittiin argataa jiran.

Tapha kubbaa miilaa gaggeeffamu caalatti naamusnii fi kabajni taphattoonnii fi deeggartoonni Jaappaan agarsiisan qalbii hawaasa addunyaa booji'aa jira. Moo'anis,moo'amanis namoomaa fi naamusa isaanii gonkumaa gadi hin dhiisan.

06/14/2026

Dhama Weelluu- "Weellisaa taโ€™uuf dirqama sagalee kiilolee qofa qabaachuun gahaa miti" Artist Guutuu Abarraa

Waxabajjii 7/2018 Oromia 11 Media Kora Gadaa Oromoo Tuulamaa Dhakaa Koraatti taasifameen Halangeen gadaa Meelbaa ciisuun...
06/14/2026

Waxabajjii 7/2018 Oromia 11 Media

Kora Gadaa Oromoo Tuulamaa Dhakaa Koraatti taasifameen Halangeen gadaa Meelbaa ciisuun halangeen gadaa Muudanaa kaateerti.

Ummanni Oromoo Tuulamaa akkuma uummata Oromoota biroo, Jaarraa hedduuf Sirna Gadaan bulaa turan; ammas ittiin bulaa jiru. Sirni Gadaa sirna bulchiinsa walqixxummaa, dimokraasii uumamaa fi qindoomina hawaasummaa irratti hundaaโ€™eedha.

Akka Gadaa Tuulamaatti, gosoonni gurguddoon Tuulamaa sadan Daaccii, Bacho fi Jiillee sirna
kana keessatti qooda fudhatu. Gosoonni kunneen Luba Gadaa tokko jalatti hiriiruun, marsaa
waggaa saddeet saddeetiin BAALLII walharkaa fuudhu. Luba Gadaa tokko irraa gara isa itti aanuutti osoo hin ceโ€™in dura sirni addaa tokko ni raawwatama. Sirni kun Sirna Godaannaa jedhama. Sirni Godaannaa Gadaa duraanii irraa gara Gadaa itti aanuutti karaa nagaa, seeraa fi tokkummaa eeguun baallii dabarsuuf dursee sirna gaggeeffamuudha. Haaluma kanaan, Waxabajjii bara darbee Tuulamni miseensa Gadaa Michillee/Muudanaa waliin Odaa Nabeetti kora taaโ€™ee Caffee Tumaatiin seera tumate. Adeemsa sirna Gadaa keessatti kun ijoodha.

Gogeessa Gadaa Muudanaa filachuuf SAGLII Gadaa Tuulamaatiin hayyoonni akka
raggaasisan ni taasifama. Filannoon kunis Bokkuu Ilmaan Sadeen Tuulamaa jalatti raawwatama.
Kaadhimamtoonni gosoota sadan Tuulamaa keessaa akka armaan gadiitti dhiyaatu:
Daaccii keessaa nama 5-Bacho keessaa nama 2 -Jiille keessaa nama 2
Saglii kana keessaa Hayyuun Gogeessa Gadaa Muudanaa/ Michillee kan waggaa saddeettan
dhufu Tuulamaa bulchu ni filatama.
Gadaan Muudanaa nama waggoota saddeettan dhufuuf Tuulama gaggeessu bakka buusummaa Abbaa Bokkuu Daaccin raggaasifateera.

Haaluma kanaan jila waxabajjii 7/2018 Dhakaa Booratti taasifameen Abbaan Gadaa Meelbaa Goobana Hoolaa alangee gadaa dabarsii Abbaa Gadaa haarawa Muudanaa/Michillee Abbaa Gadaa Geetuu Taliilaatiif dabarsanii kennuun gulantaa gadaa isaaniitiin gara yuubaatti ceโ€™aniiru.

Gadaan Muudanaa Alangee fudhates dhimma nageenyaafi tokkummaa Oromoo irratti cimsee hojjachuun nageenyi obbolaa lamaan gidduutti akka buusu dhaamaniiru.

Abbaan Gadaa Tuulamaa haaraan Geetuu Taliilaa bara Gadaa isaanitti ardaalee jilaa misoomsuu, aadaafi duudhaalee Oromoo cimsuufi dhimmoota nageenyaarratti cimsanii akka hojjatan dubbataniiru.

06/12/2026

OROMIA11: Juneteenth 2026 events across the Twin Cities.

06/11/2026

OROMIA11: Gowwoomsa Immigireeshiniitiin Wal qabate irraa of Eeguudhaaf Maal Godhuu Qabna?

06/11/2026

Address

250 Second Avenue South Suite 106
Minneapolis, MN
55401

Opening Hours

Monday 9am - 5pm
Tuesday 9am - 5pm
Wednesday 9am - 5pm
Thursday 9am - 5pm
Friday 9am - 5pm
Saturday 9am - 5pm
Sunday 9am - 5pm

Telephone

+16123457172

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia11 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromia11:

Share