08/22/2026
: Akka Biyyaatti Qormaata Kutaa 12ffaatiin, Dodolli Ammaas Adaamaa fi Mana Barnoota AgawMidiritti Aansee Qabxii Olaanaa Fiduun Milkaa'ina Waggaa Darbee irra Deebi'e.
OVM Hagayya 16/12/2018: Firiin Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Ifoome.Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa qabxii qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2018 ifoomsuun isaa beekameera. Haaluma kanaan, bara kana akka waliigalaatti barattoonni hedduun qormaata kana hordofaa turuun ni yaadatama.
Baay'ina barattootaa fi bu'aa waliigalaan, barattoonni qormaaticha fudhatan 550,201 keessaa kan darban 70,544 qofa ta'uu ragaan ministeerichaa ni mul'isa. Kunis dhibbantaan yoo ilaalamu %12.82 kan ta'u yoo ta'u, kunis bu'aa qormaataa biyyoolessaa bara kanaa agarsiisa.
Naannoo Oromiyaatiif immoo, barattoota qormaata fudhatan keessaa namoonni 20,877 qormaaticha milkaa'inaan darbaniiru; kunis dhibbantaa %10.53 qabata. Bu'aan kun adeemsa barumsaa naannichaa keessatti fooyyansi itti fufiinsa qabu akka barbaachisu kan akeekudha.
Milkaa'ina manneen barnootaa fi qabxii olaanaa biyyoolessaa ilaalchisee, Damee Saayinsii Uumamaatiin Mana Barnootaa Bultii Addaa WMO Adaamaa irraa qabxii olaanaa 591 kan galmeessisan yoo ta'u, Damee Saayinsii Hawaasaatiin immoo Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Dodolaa irraa qabxii 576 galmofeera. Dabalataanis, manneen barnootaa barattoota isaanii dhibbantaa dhibba (%100) dabarsan biyyattii irraa walitti qabaadhaan 88 yoo ta'an, kana keessaa 37 kan ta'an naannoo Oromiyaa keessatti argamu.
Dhuma irratti, barattoonni carraa qabxii Remedial argatan ilaalchisee odeeffannoon bal'aan fuula dura kan ibsamu ta'uun beeksifameera. Maatiin fi barattoonni odeeffannoo dabaalataaf fuula seeraa Ministeerichaas hordofuu akka qaban hubachiifameera.
#የ12ኛክፍልፈተና #የፈተናውጤት #ኢትዮጵያ #የተምህርትሚኒስቴር #ተፈጥሮሳይንስ #ማህበራዊሳይንስ