Oromo Voice Media

Directions Contact the business

Oromo Voice Media is a distinguished platform committed to elevating awareness of the historical narratives, cultural heritage, economic endeavors, and promoting peace in the Horn of Africa.

10/13/2026

: Shirri Hamaan Egypt Fi Eritiraan, Lola Kaabaa Keessatti Raawwatan Saaxilame

 : "Walitti Dhukaasuu Irra Waliin Taanee Diinatti Dhukaasuu Nuuf Wayya" Jechuun Finciltoonni Naannoo Amaaraa Waamicha Na...
10/13/2026

: "Walitti Dhukaasuu Irra Waliin Taanee Diinatti Dhukaasuu Nuuf Wayya" Jechuun Finciltoonni Naannoo Amaaraa Waamicha Nagaa Fudhatanii Hawaasatti Makamaniiru

OVM Onkoloolessa 3/2019: Naannoo Amaaraatti waggoota sadan darbanitti dhabamuu nageenyaa hordofee balaan dhaqqabe lubbuu dhala namaa galaafachuu bira darbee jeequmsa hawaasummaafi diinagdee olaanaa hordofsiiseera. Finciltoonni rakkoo kana hubatan waamicha nagaa dhihaateef fudhataniiru. Ammas fudhachuu irratti argamu.

Naannichatti yeroo garaagaraatti hidhattoonni filannoo nagaa dhihaate fudhatanii galan akka jedhanitti, Jireenyi isaan bosona keessatti dabarsan hawaasa irratti saamichaafi gocha gara jabinaan guutame akka ture ibsuun, gochi isaan raawwachaa turan kun madaa sammuu guddaa isaanitti uumuu dubbataniiru.

Waamicha nagaa erga fudhatanii booda leenjiin haaromsaa kennameefii gara hawaasatti akka makaman taasifamuu isaaniis ibsaniiruu. Yeroo ammaa gara jireenya idilee isaaniitti deebi'anii nagaa kabachiisuun uummataafi mootummaa tajaajilaa akka jiran ibsaniiru.

 : Lola Kaabaa Keessatti, Egypt fi Eritiraan Qooda Olaanaa Qabaachuu Ragaan Meeshaalee Waraanaa Booji'aman Irraa Argame ...
10/13/2026

: Lola Kaabaa Keessatti, Egypt fi Eritiraan Qooda Olaanaa Qabaachuu Ragaan Meeshaalee Waraanaa Booji'aman Irraa Argame Ta'uu Raayyaan Ittisa Biyyaa Diploomaatota Addunyaa Daawwachiisuu itti fufe

OVM Onkoloolessa 3/2019: Raayyaan Ittisa Biyyaa lola Kaabaa Keessatti, Raagaalee qabatamaa hirmaannaa Eertiraa fi Egypt agarsiisu meeshaalee waraanaa Ammayyaa Booji'aman irraa argamee fi Sanadoota Diploomaatota Addunyaaf Dhiheessaniiru. Meeshaaleen waraanaa kunneen mootummaa Eertiraa irraa gara TPLF'tti darba turan to'annoo jala kan oolan yoo ta'u, kuniis Finfinneetti ambaasaaddarootaa fi dippilomaatota biyyoota Addunyaa daawwachiiseera.

Haaluma Kanaan, Sagantaa daawwannaa guyyaa lammataaf Waajjira Muummee Humna Waraanaa fi mooraa Humna Lafootti Ambaasaaddar Redwaan Huseenii fi Jenaraal Gammachuun durfame kanaan, ragaaleen qabatamaan hirmaannaa Eertiraa fi Gibxii waraana kaabaa keessatti qaban saaxilan dhiyaataniiru.

Akka gabaasa kanaatti, koodiiwwan (batch code) meeshaalee waraanaa, sanadoonni ragaa geejjibaa fi meeshaaleen quunnamtii kuusaa hidhattootaa magaalaa Maqalee keessaa argaman, meeshaaleen kunniin biyya kamitti akka hojjetamanii fi haala akkamiin akka gurguraman dippilomaatota kanaaf ifa taasifameera.

Sagantaan ragaa qabatamaa daawwachiisuu kun guyyoota itti aananitti Bishooftuu fi Maqaleettis kan itti fufu yoo ta'u, tarkaanfiin kunis kallattii dippilomaasii Mootummaan Itoophiyaa fuulduratti hordofu kan akeeku jedhameera.

#የሰሜኑጦርነት #የኢትዮጵያመከላከያ #ኢትዮጵያ

 : Dandeettii Diroonitti Fayyadamuu Humna Namaa Cimsuu Irratti Xiyyeeffannoo Guddaa Kennee Hojjachaa Jiraachuu Humni Qil...
10/13/2026

: Dandeettii Diroonitti Fayyadamuu Humna Namaa Cimsuu Irratti Xiyyeeffannoo Guddaa Kennee Hojjachaa Jiraachuu Humni Qilleensaa Itoophiyaa Beeksise

OVM Onkoloolessa 3/2019: Humni Qilleensaa Itoophiyaa ammayyummaa meeshaalee waraanaa faana dandeettii dirooniitti fayyadamuu fi leenjii humna namaa irratti xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jira. Haaluma kanaan, Waggaa tokko dura Indaastiriin Eeroonootiksii Skay Wiin (Sky Win Aeronautics) kan dirooniilee hojii siivilii fi waraanaaf oolan biyya keessatti uumuu fi oomishuu danda'u eebbifamuun seenaa biyyattii keessatti boqonnaa haaraa banuu danda'ee jira. Teeknooloojiin kun sosochii diinaa daqiiqaa keessatti hordofuu, qo'annoo gochuu fi deebii hatattamaa kennuuf gumaacha olaanaa taasisuu Humni Qilleensaa ibseera.

Hoogganaan Olaanaa Humna Qilleensaa Itoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa akka jedhanitti, qophiin taatisee dhaabbatichaa humna namaa, teeknooloojii, leenjii fi sirna deeggarsaa qindoominaan qopheessuu dabalata. Diriyeen waraanaa fi duudhaan hojii Humna Qilleensaa ajaja fudhatanii raawwachuu, dirqama gareen hojjechuun teeknooloojii ammayyaa waliin qindaayee yeroo hojiirra oolu gahumsa ergaa fi nageenya biyyaa eegsisuuf bu'uura cimaa uuma jedhaniiru.

#የኢትዮጵያአየርኃይል #ሓይሊአየርኢትዮጵያ #ኢትዮጵያ #ኢትዮጵያችን #ብቃትንቴክኖሎጂ

 : Ijipt Karra Galaanaa Itiyoophiyaa Dhorkuuf Bu'uura Seeraa Akka Hin Qabne Tiiboor Naazyiin Jala Saraaranii Dubbataniir...
10/13/2026

: Ijipt Karra Galaanaa Itiyoophiyaa Dhorkuuf Bu'uura Seeraa Akka Hin Qabne Tiiboor Naazyiin Jala Saraaranii Dubbataniiru.

OVM Onkoloolessa 3/2019: Itti Aanaan Ministeera Alaa Ameerikaa Dhimmoota Afrikaa duraanii Tiiboor Naazyiin akka ibsanitti, Ijipt, Itiyoophiyaan karra galaanaa akka hin arganne dhorkuuf mirgas ta'ee bu'uura seeraa idil-addunyaa hin qabdu. Itiyoophiyaan madda bishaaniis Abbayyaa %86 ta'ee osoo jirtuu, Ijipt gumaacha malee abbaa bishaanii of taasisuuf yaaluun sirrii akka hin taane dubbataniiru. Kana malees, Ijipt waldhabdee jiru fayyadamtuu dhiibbaa uumuuf hojjetaa akka jirtu kaasanii, gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa nagaa fi mariin xumuramuu akka qabu ibsaniiru.

Obbo Tiiboor Naazyii akka jedhanitti, Itiyoophiyaan maree biyyaalessaa milkaa'aa gaggeessuun araara keessoo yoo cimsatte, biyya guddoo fi murteessituu Afrikaa ta'uun ishee ni mirkanaa'a. Ummanni miiliyoona 130 ol ta'e karra galaanaa argachuun daldala qofaaf osoo hin taane, nageenya naannawaa fi walitti hidhamiinsa diinagdeef murteessaa waan ta'eef, ummanni Itiyoophiyaa rakkoo keessoo isaa karaa nagaa, marii fi waliigalteen furachuu akka qabu waamicha taasisaniiru.

#ኢትዮጵያ #የባህርበር #ሰላም #ብሔራዊምክክር #ዓይኒባሕሪ #ኤርትራወይስኢትዮጵያ #መንግስቲኢትዮጵያ

 : Meeshaaleen TPLF biyyaan diiguuf karoorfate kan lafa jala dhoksee baqate eeruu uummataatiin Too'atamuu Raayyaan Ittis...
10/13/2026

: Meeshaaleen TPLF biyyaan diiguuf karoorfate kan lafa jala dhoksee baqate eeruu uummataatiin Too'atamuu Raayyaan Ittisaa Beeksise.

OVM Onkloolessa 3/2019: Gareen badii fi Gantuun Biyyaa TPLF inni biyya jeequuf hawwaa turee fi Raayyaa Ittisa Biyyaatiin haleelamee gara Eertiraatti baqate, meeshaalee fi rasaasota gosa garaa garaa kutaalee Tigraay hedduu keessatti dhoksaa ture to'annoo jala oolaniiru.

Har'as Shiree Endaabagunaatti meeshaalee fi rasaasota lafa jala koonkiriitiin uwwisamee dhokfamee ture keessaa:

Meeshaa Kilaashinkoof ---- 1,059
Rasaasa Kilaash ---- 222,000
Rasaasa 14.5 -- 3,000

Meeshaalee kunneen odeeffannoo uummataan to'annoo jala oolaniiru. Uummannis nagaa kan barbaadu ta'uu isaatiin odeeffannoo barbaachisaa ta'e Raayyaa Ittisa Biyyaaf kennaa jira.

#ኢትዮጵያ #መከላከያሠራዊት #ትግራይ #ሽረ #ሰላም #ህዝብ #ሰራዊት #ህወሓት

 : Gareen Galaana Diimaa Affaar, Isaayyaas Afwerqii mootummaa isaa waliin seera duratti dhiyaatee akka gaafatamu Qabsoo ...
10/12/2026

: Gareen Galaana Diimaa Affaar, Isaayyaas Afwerqii mootummaa isaa waliin seera duratti dhiyaatee akka gaafatamu Qabsoo Jalqabu Beeksise

OVM Onkoloolessa 2/2019: Dhaabbanni Dimokraatawaa Galaana Diimaa Affaar (Red Sea Afar Democratic Organization — RSADO), dhaabbata siyaasaa fi hidhannoodhaan mootummaa Eertiraa mormu yoo ta'u, gochoota suukanneessaa Isaayyaas Afwerki fi mootummaa isaa uummata Affaar kan Galaana Diimaa irratti raawwataniif itti gaafatamummaadhan akka seera duratti dhiyeessuuf kan qabsaawan ta'uu ibsaniiru.

Gareen kun waamicha fi yaada qabsoo kana kan dhiyeesse, walgahii uummataa magaalaa Logiyaa, Naannoo Affaar Itoophiyaa keessatti gaggeesse xumura irratti yoo ta'u, Walgahiin kun mata-duree “Tokkummaa irraa gara Injifannootti” jedhuun taa'amuu isaa Gabaasni Kun ifoomseera.

#አፋር #ኤርትራ #ዓፋር

 : Meeshaalee TPLF, Itoophiyaan Jeequuf fi Biyyaan Diiguuf SUUDAANII FI ERITIRAA irraa Galfatte Sanada Waliin Ambaasaadd...
10/12/2026

: Meeshaalee TPLF, Itoophiyaan Jeequuf fi Biyyaan Diiguuf SUUDAANII FI ERITIRAA irraa Galfatte Sanada Waliin Ambaasaaddaroota Biyyoota Adda Addaaf Dhihaate

OVM Onkoloolessa 2/2019: Raayyaa Ittisa Biyyaatiin qindeeffamuudhaan, meeshaaleen waraanaa, droonii fi meeshaaleen farra-droonii Tigraay keessatti booji'aman ragaa fi sanada waliin ambaasaaddaroota biyyoota addaddaaf dhiyaataniiru.

Akka Ibsa kanaatti Ambaasaaddar Ridwaan Huseen, Jeneraal Gamachuu fi qondaaltonni olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa biroo argamuun ibsa bal'aa kennaniiru.

Meeshaaleen kunneen eenyuun akka bitaman, biyyoota kamirraa akka dhufan, eenyuun akka darban fi karaa kamiin gara Tigraay akka galan kan agarsiisan sanadoonni ragaa Eertraa fi Suudaan irraa gara Itoophiyaatti akka galan ragaan mul'isu dhiyaataniiru.

#ኢትዮጵያ #ትግራይ #አዲስአበባ #ድሮን #ማስረጃ #ኢትዮጵያ #ትግራይ

 :- Gootichi Abbaan Diplomaasii Ministeerri Muummee Itoophiyaa  Dr Abiy Ahmed Ali Ministira Muummee Israa’el Beeniyaamin...
10/12/2026

:- Gootichi Abbaan Diplomaasii Ministeerri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahmed Ali Ministira Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliin mari'achuu MM Dr Abiyy beeksiseera.

OVM Onkoloolessa 2/2019: Akka Ibsa Kanaatti, Dr Abiyyii fi Benjaamiin Netaaniyaahuun Marii isaanii kanaan dhimmoota biyyoota lameenii irratti bilbilaan mariin taasisan baay'ee gaarii turuu Muummeen Ministreraa Dr Abiyyii fuula X isaanii irratt beeksisaniiru. Guyyoota muraasa dura Ministeronni Dhimma Alaa Biyyoota lameenii marii gaarii taasisuun ni yaadatama.

#ኢትዮጵያ #እስራኤል #ዲፕሎማሲ #ጠቅላይሚኒስትርአብይ #ኢትዮጵያወእስራኤል #ዲፕሎማሲ #ስልኪዘተ

 : Naannoo Tigraayitti, Hojiin Hidhattoota Irraa Hidhannoo Hiikkachiisuu Jalqabamuu Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa Be...
10/12/2026

: Naannoo Tigraayitti, Hojiin Hidhattoota Irraa Hidhannoo Hiikkachiisuu Jalqabamuu Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa Beeksise

OVM Onkoloolessa 2/2019: Hojiin Hidhattoota Hidhannoo hiikkachiisuu fi gara jireenya nagaatti deebisuu Naannoo Tigraay keessatti hojii irra ooluu jalqabuun ibsameera.Haaluma kanaan, hidhattoonni meeshaa waraanaa isaanii Raayyaa Ittisa Biyyaatiif dabarsanii kennuudhaan, Wiirtuu Galmeessaa Komishinii Poolisii Tigraay kan magaalaa Meqeleetti argamutti dhihaachuun galmaa'aa jiraachuu isaanii odeeffannoon argame ni agarsiisa.

Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa gama isaatiin, hidhattoonni hafaniis Wiirtuu Komishinii Poolisii Tigraay fi Wiirtuu Eejiikitoorii Kaabaa kan Meqeleetti argamutti dhihaachuun akka galmaa'an waamicha dhiheesseera.

#ትግራይ #የትጥቅማስፈታት #ኢትዮጵያ

Address

Minneapolis, MN

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromo Voice Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromo Voice Media:

Shortcuts

Share