Bokkuu Media

Bokkuu Media โœ“
๐Ÿ‘‡Watch More ๐Ÿ‘‡
๐Ÿ‘‰ https://bokkuumedia.com/ ๐Ÿ‘ˆ
Bokkuu Media:
Kuusaa Seenaa Ummataa (ู…ุญููˆุธุงุช ุงู„ุชุงุฑูŠุฎ ุงู„ุดุนุจูŠ)
(2)

Maanguddoo Arsii Haadha Warraa shan, ijoollee 52 fi horii 800 qaban. Ilmaan ijoollee isaanii dabalatee lakkoofsi maatii ...
12/30/2025

Maanguddoo Arsii Haadha Warraa shan, ijoollee 52 fi horii 800 qaban. Ilmaan ijoollee isaanii dabalatee lakkoofsi maatii isaanii 100 ol. Magaalatti galuun barbaada jedhu Obbo Jaarsoo Daksiisoo

๐—ข๐——๐—จ๐—จ ๐—ฆ๐—œ๐— ๐—•๐—œ๐—ฅ๐—ง๐—จ๐—จ!       [ Bokkuu Media ]๐—ฃ๐—ถ๐—ฟ๐—ฒ๐˜‡๐—ถ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐˜๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐— ๐—ผ๐—ผ๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ก๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ ๐—ข๐—ฟ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜†๐—ฎ๐—ฎ ๐—ท๐—ฎ๐—น๐—พ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ช๐—ฎ๐—ด๐—ด๐—ฎ๐—ฎ ๐Ÿฎ๐Ÿณ ๐—ฏ๐—ผ๐—ผ๐—ฑ๐—ฎ ๐—ฏ๐—ถ๐˜†๐˜†๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—ฏ๐—ถโ€™...
12/25/2025

๐—ข๐——๐—จ๐—จ ๐—ฆ๐—œ๐— ๐—•๐—œ๐—ฅ๐—ง๐—จ๐—จ! [ Bokkuu Media ]

๐—ฃ๐—ถ๐—ฟ๐—ฒ๐˜‡๐—ถ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐˜๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐— ๐—ผ๐—ผ๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ก๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ ๐—ข๐—ฟ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜†๐—ฎ๐—ฎ ๐—ท๐—ฎ๐—น๐—พ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ช๐—ฎ๐—ด๐—ด๐—ฎ๐—ฎ ๐Ÿฎ๐Ÿณ ๐—ฏ๐—ผ๐—ผ๐—ฑ๐—ฎ ๐—ฏ๐—ถ๐˜†๐˜†๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—ฏ๐—ถโ€™๐—ฎ๐—ป.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalqabaa, Obbo Hasan Alii hardha gara biyyaa deebiโ€™an. Gaafa Buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee gahan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan simataman.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalqabaa, Obbo Hasan Alii turtii baqattummaa waggoota 27 Ameerikaatti dabarsanii, yeroo jalqabaatiif gara biyyaa deebiโ€™an. Obbo Hasan Aliin bara 1984 hanga 1987 ALItti Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalqabaa taโ€™uun tajaajilaniiru.

Bara 1988 ALI ,Obbo Kumaa Dammaqsaan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa wayita taโ€™anii muudaman Obbo Hasan Alii immoo Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa taโ€™an.

Obbo Hasan Alii Mootummaa Naannoo Oromiyaa buโ€™uuressuu keessatti Nama jalqabaati. Waaโ€™ee Jijjiirraa Alaabaa Itiyoophiyaa irrattis gumaacha guddaa akka qaban ni himama.

Obbo Hasan Aliin โ€œ๐—™๐—ถ๐—ป๐—ณ๐—ถ๐—ป๐—ป๐—ฒ๐—ฒ๐—ป ๐˜†๐—ผ๐—ผ ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฑ๐—ฑ๐—ฒ ๐˜€๐—ฎ๐—บ๐—ถ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ผ๐—น๐—ด๐˜‚๐—ฑ๐—ฑ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐—บ๐—ฎ๐—น๐—ฒ๐—ฒ, ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป ๐—พ๐—ผ๐—ป๐—ป๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐—ฏ๐˜‚๐—น๐˜๐—ผ๐—ผ๐˜๐—ฎ ๐—ข๐—ฟ๐—ผ๐—บ๐—ผ๐—ผ ๐—ฏ๐˜‚๐—พ๐—พ๐—ถ๐—ณ๐˜๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฑ๐—ฎ๐—น๐—ด๐—ฎ akka ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—นโ€™๐—ฎ๐˜๐˜๐˜‚ ๐—ต๐—ถ๐—ป ๐—ต๐—ฒe๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—บ๐—ป๐˜‚,โ€ jechuun ABUT/ TPLF waliin walitti buโ€™anii bara 1989 biyya abbaa isaanii gadhiisanii godaanuuf dirqaman.

Hardha sirni isaan Oromiyaaf jecha morman dabareesaa akka hin deebinetti godaanee isaan ammoo biyya isaaniitti deebiโ€™an. Isin Obbo Hasan Alii maaliin yaadattu?

[ Bokkuu Media (BM) ]

Naan jettiifani!    (Bokkuu Media]Namichatu naannoo jiraatutti bu*daadhan hamatama.Guyyaa tokko dubartii tokkaan walitti...
12/24/2025

Naan jettiifani! (Bokkuu Media]

Namichatu naannoo jiraatutti bu*daadhan hamatama.
Guyyaa tokko dubartii tokkaan walitti buโ€™ee โ€œbu*daaโ€ jedhee arrabse. Jaarsarratti wal himatanii maaf bu*daa jetteen jedhamee gaafatamnaan โ€œlakkii isheen bu*daa taatee miti naan jettiifaniโ€ jedhe.

Namichi paaster Heenok Girmaa kunii fi fakkaattonni isaa amantaa dahoo godhatanii jibba namoota dhuunfaa irra ceโ€™anii hawaasa balโ€™aa xiqqeessuu fi eenyummaa saba qulqulluu maqaa faalaa oolan seeran gaafatamuu qabu.

Bakka beekan nama barbaadu! [ Bokkuu Media (BM) ]

Iteka Teferi

Daldaltoonni Galii 1,000,000 gadii fi 250,000 Gadi argatan Gibira Irraa Bilisa Jedhame.              **"""""""""""""""""...
12/21/2025

Daldaltoonni Galii 1,000,000 gadii fi 250,000 Gadi argatan Gibira Irraa Bilisa Jedhame.
**""""""""""""""""""""""""""**

Ministerri Mallaqaa Federaalaa Daldaltoonni galii gadi aanaa qaban Gibiraa irraa hirโ€™isuuf qabeenya birrii miliyoona tokkoo gadi tilmaamamu magaalota Finfinnee fi Dirree Dhawa keessatti jiraatan gibira irraa bilisa akka taโ€™u murteessee jira.

Akka qajeelfama Ministirri Maallaqaa, Ahmed Shide bulchiinsa naannoo fi magaalotaaf kennaniin, daldala gatii gibira irraa bilisa taโ€™e sadarkaa magaalotaatiin garaagarummaa qaba jechuun

โ€ข Finfinnee fi Dirre Dhawaatti - birrii miliyoona tokkoo gadi, .
โ€ข Magaalota bulchiinsa magaalaa biroo keessatti - birrii kuma 250,000 gadi, fi
โ€ข Magaalota guddachaa jiran keessatti qabeenyi birrii kuma 100,000 gadi taโ€™e gibira hin kaffalu.

โ€œMaatii galii gadi aanaaโ€ jechuun kanneen galiin waggaa isaanii galii walakkaa gadi taโ€™ee fi qondaaltota dhimma hawaasummaa naannootiin rakkina dinagdee keessa akka jiran mirkanaaโ€™eedha.

Akka seera naannichaa labsii Paarlaamaan raggaasise irratti hundaaโ€™uun qophaaโ€™uu qabuun gatii qabeenyaa shallaggii gibiraaf oolu gatii gabaa madaalawaa qabeenyichaa keessaa harka afur keessaa tokko (1/4) qofa taโ€™a. Sadarkaan gibiraa dhibbeentaa 0.1 hanga dhibbeentaa 10 gidduutti kan murtaaโ€™u taโ€™a.

Kana malees, qajeelfamni kun dhaabbilee amantaa, bakka awwaalchaa, daandii ummataa, paarkiiwwan, siidaa, fi qabeenya dhaabbilee tajaajila hawaasummaa bilisaan ummataaf kennan bilisa taasisuu kan hammatedha.

Oduu Gammachiisaa! [Bokkuu Media]Abbaan โ€ โ€Artisti Ibroo Ibsaa ayyaana bara haaraa sababeeffachuun jiraattota biyya Suโ€™u...
12/18/2025

Oduu Gammachiisaa! [Bokkuu Media]

Abbaan โ€ โ€Artisti Ibroo Ibsaa ayyaana bara haaraa sababeeffachuun jiraattota biyya Suโ€™uud Arabiyaa bashannansiisuudhaaf guddicha qabatee kaamoleen dabaalee qaamaafi qalbii ofii gama keessan qajeelfatee jira.

January 8/2026 magaalaa , January 15/magaalaa โ€™tti qophaaโ€™a. Sagantaan eessattiifi bifa kamiini kan jedhu kan isin beeksifnu taโ€™a!

Odeeffannoo dabalataaf๐Ÿ‘‡
๐Ÿ“ž 055 849 1293
WhatsApp 0530425705

Galatoomaa๐Ÿ™
Koree โ€KAAMOLEEโ€ irraa๐Ÿ™

Bokkuu Media (BM)

Shakkamaan hojjettuu baankii rasaasaan ajjeesee bineensa nyaachise barbaadamaa jiraDubartiin ajjeefamte Adaanech Kumsaa ...
12/18/2025

Shakkamaan hojjettuu baankii rasaasaan ajjeesee bineensa nyaachise barbaadamaa jira

Dubartiin ajjeefamte Adaanech Kumsaa jedhamtu hojjettuu Baankii Daldala Itoophiyaa damee Alaltuu yoo taatu, jireenyaan Magaala Sandaafaa Bakkee jiraachaa turte jedha Poolisiin.

Qajeelcha Poolisii Magaala Sandaafaa Bakkeetti itti-gaafatamaa Kutaa Qorannoo kan ta'an Itti aanaa Komadaraa Nigaatuu Alamuu BBCtti akka himanitti, ajjeechaa sukaneessaan kuni A L I Muddee 6, bara 2018 raawwatame.

"Hojjettuu Baankii Daldala Itoophiyaa damee Alaltuuti miidhamtuun kuni. Jireenyaan magaala keenya keessa jiraatti. Taateen kuni A L I gaafa Muddee 06, bara 2018 halkan naannoo sadiitti raawwatame."

"Magaala Sandaafaa Bakkee Gomaaxaa jedhamutti halkan sa'aatii 3tti ajjeechaan kuni kan raawwatame," jedhan.

Akkaataa yakki kuni ittiin raawwatame irratti qorannoon poolisiin hanga ammaatti taasise akka mul'isutti, miidhamtuun tunii fi shakkamaan Obbo Tsagaayee Asaalifoo jedhamu hariiroo jaalalaa kan qaban yoo ta'u, galgala sana hoteelatti nyaata ajajatanii nyaachuu ibsa.

"Jarri kuni lamaan galgala sana Hoteela Yeroosan jedhamutti nyaata ajajatanii dhibdee isaan gidduu tureen miidhamtuun kuni nyaata sanalleen osoo hin nyaanne dhiistee baatee deemte."

"Ergasii shakkamaan kuni konkolaataa kaafachuun duuka erga bu'ee konkolaataa keessa seensiseen booda bakka Gomaaxaa jedhamuu fi magaalarraa bahee jiru kana geessuun shugguxiidhaan ajjeese" jedhan.

Miidhamtuu kana rasaasaan erga ajjeeseen booda achumatti gatee deemuun gara Magaalaa Alaltuutti akka miliqee fi konkolaataa fi shugguxiin yakki kuni ittiin raawwatame achuma magaala keessatti gatee miliquu ibsan.

"Konkolaataa fi meeshaan yakka kana ittii raawwate magaalaa Alaltuutti gatee miliqe. Yakkichi konkolaataa kana keessatti akka raawwatame dhiignii fi shugguxiin konkolaaticha keessaa ragaadha," jedhan Komaandar Nigaatuun.

Shakkamaan kuni miidhamtuu dhuunfaa kana rasaasaan erga ajjeeseen booda achumatti gatee waan deemeef reeffi miidhamtuu kanaa aluma bulee qaamnishee bineensaan nyaatamuus eeran.

Eeruu hawaasarraa dhufeen galgala sana namootni naannoo sanaa dhukaasa naannichatti dhagahuu fi konkolaataan bakkicha turtes kan too'atamte kanaan kan walfakkaatu akka ta'e himanii jedha poolisiin.

Haftee reeffa bineensaan nyaatame kana walitti qabuun qorannoodhaaf Hospitaala Phaawuloos erga geeffameen booda maatiin fudhatanii awwaaluus himan.

Shakkamaan yakka kana raawwate konkolaataa fi meeshaa yakka kana ittiin raawwate gatuun bakka biraatti akka miliqee fi poolisiin hordofee seeratti dhiheessuuf tattaaffii gochaa jiraachuun himame.

BBC News Afaan Oromoo

Namoonni baayโ€™een keessattuu dubartoonni halkan halkan fincaan qabatanii hoggaa rafan akka waan walqunnamtii saalaa godh...
12/10/2025

Namoonni baayโ€™een keessattuu dubartoonni halkan halkan fincaan qabatanii hoggaa rafan akka waan walqunnamtii saalaa godhanii quufanitti miirri addaa waan itti dhagayamuuf fincaan qabatanii rafu. Faayidaa hin malle fincaanirraa argatuuf jecha fincaan nama qabee jiru qabatanii rafuun, Infeekshinii Ujummoo Fincaanii fii Kalee miidhuun hanga guutumatti dadhabsiisuu dabalatee rakkoowwan fayyaa baay'eef waan nama saaxiluuf fincaan yeroo isin qabe yeroon fincaa'aa!
Ulfaadhaa Fayyaa dahaa!
ยฉ๏ธ Dr. Hamzaa Jamaal

Ibsi Muddee 19, 1926 baสผeefi waan Hayilessillaaseen dubbatee ture kun akkas jedha: โ€œMootummaan Itoophiyaa yaada ifa ta'e...
12/04/2025

Ibsi Muddee 19, 1926 baสผeefi waan Hayilessillaaseen dubbatee ture kun akkas jedha:

โ€œMootummaan Itoophiyaa yaada ifa ta'e qaba. Ummanni biyyattii hundi afaan Amaaraa akka dubbatu barbaada. Afaan tokko waan taโ€™aniif yeroo waliin jiraatan addaan bahuu hin dandaโ€™an. Misiyoononni Wangeelaafi kitaaba kadhannaa, Afaan Oromoo, Afaan Gurageefi Walaayittaan maxxansiisanii raabsaafi barsiisa jiru. Kun garuu fudhatama hin qabu. Tokkummaaf gufuu taโ€™a. Mootummaan Itoophiyaa ummanni Itiyoophiyaa hundi Afaan Amaaraa baratee Afaan tokko(Afaan Amaaraa) akka dubbatu barbaada. Afaan addaa addaatti akka qoodaman hin hayyamu. Akkuma bilisummaa amantii qabaachuutti baay'ee gammaddan, mootummaan Itoophiyaas osoo ummanni hundumtuu Afaan Amaaraa babal'isuufi dubbachuu irratti xiyyeeffata yoo ta'e gammada.

Qaroomina babaldhisuufis afaan tokko yoo dubbatame filatamaadha.

Namni Afaan Amaariffaa hin dubbanne akkamitti Itiyoophiyaawwii jedhamee waamama?โ€ jedha.

โ€œMusiliimni yoo barate Amantaa isaa irratti hubannoo gaarii argatee, gaaffii mirgaa gaafata. Mirgaafi bilisummaa isaatiifis falmata. Sirna bulchiinsaa keessattis qooda fudhachuu bara. Kun akka hintaaneef, Musiliimota hundumaa mana barumsaa irraa fageessuu qabna!โ€๐Ÿฅฒ
โ€œItiyoophiyaan guddoo turte. Guddoos nitaatiโ€ moo maal jechaa jiruu?๐Ÿ˜๐Ÿ™ˆ

Bokkuu Media          Celebrating my 5th year on Facebook. Thank you for your continuing support. I could never have mad...
11/23/2025

Bokkuu Media
Celebrating my 5th year on Facebook. Thank you for your continuing support. I could never have made it without you. ๐Ÿ™๐Ÿค—๐ŸŽ‰








       Ciniinsifattuu finnaa,Kunuunsituu ilmaa,Deessee,Geessee,Haadha gurbaa,Haadha durbaa,Kumaa kitila,Faayoo taliila,J...
11/19/2025



Ciniinsifattuu finnaa,
Kunuunsituu ilmaa,
Deessee,
Geessee,
Haadha gurbaa,
Haadha durbaa,
Kumaa kitila,
Faayoo taliila,
Jiraadha guddaa,
Aayyoo hundaa,
Garaatti baadhaa,
Gatii !





"Gatii jaalalaaBineensi kun Anaconda jedhama. Anaconda dhaltuun dhiira ishee ulfeessu guyyaama sana qarxamsitee nyaatti....
11/17/2025

"Gatii jaalalaa

Bineensi kun Anaconda jedhama. Anaconda dhaltuun dhiira ishee ulfeessu guyyaama sana qarxamsitee nyaatti.
Maaliif?
Guyyaa qunnamtii gootu irraa hanga gaafa dhaltuutti homaa hin soorattu. Ni soomti. Ulfi ishees jiโ€™a torbaaf tura. Kanaaf, dhiira ishee ulfeessu nyaachuun soorata waqtii ulfaatti ishee fi dhala ishee gadameessa keessa jiruuf barbaachisu kuusti.
Oduu wal fakkaatuun, Kormi kanniisaas guyyaama gaafa mootittii waliin qunnamtii raawwatu wareegama. Kanniisni kormaa yeroo qunnamtii raawwatutti qaamni saalaa isaa (Endophallus) qaama saala mootittii keessa seenuun erga dhimma isaanii fixanii booda ni dhukaโ€™a. Kormichis dhukaasa kana irraa bayyaannachuu waan hin dandeenyeef ni duโ€™a. Aluma tokko cuqaasee ilmoo isaa utuu hin argiin wareegama.
Mootummaa bineensotaa keessatti kan jaalalaaf wareegamu dhiira qofa ๐Ÿ™ƒ"

Sababni weerara dhibee Jinkaatti mudatee beekkamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.*****************************************...
11/14/2025

Sababni weerara dhibee Jinkaatti mudatee beekkamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
******************************************
Ministeerri Fayyaa sababni dhukkuba bifa weeraraatiin Magaalaa Jinkaatti mudatee Vaayirasii "Marburg" jedhamuun taโ€™uu qorannoon mirkaneessee jira. Baattuun vaayirasii tanaa ammoo gosa shimbira halkanii (Fruit Bats) kan fuduraa fi abaaboo soorattu hoggaa ta'u, gaafa namni fincaan, hancufa ykn dhangalaโ€™aa ishii keessaa bahuuf saaxilame vaayirasichi gara namatti dabra. San booda nama irraa gara namaatti, tuttuqaa dhangalaโ€™aa qaamaa of-eggannoo hin qabneen daddabra. Kanaaf Tatamsa'ina isaa ittisurratti haa xiyyeeffannuun dhaamsa kiyya.
Dr. Hamzaa Jamaal

Address

Minneapolis, MN

Website

https://www.oduu8.com/

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bokkuu Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Bokkuu Media:

Share