Chilalo Media

Chilalo Media Cilaaloo Media 'n Odeeffannoo dhugaa fi Saffisaa ta'e Hawaasa isaa biraan gahuuf kaayyeeffatee kan hundaa'edha.

10/07/2026

Cilaaloo Media : ODUU SINBIRTUU

Waraanii Eritriyaa Kaaba biyyattii Naannoo Tigraayitiin daangaa Itoophiyaa seenuun mirkanaa'ee jira. Itoophiyaan Waraanii Eritriyaa seeraan ala Daangaa seene gadi dhiisee akka ba'u gaafatte.

10/03/2026

Irreecha Hora Finfinnee
Onkololeessa 3/2026

Cilaaloo Media : Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Harsadeef uummanni miiliyoonotaan gara Finfinneetti yaa'aa jira. Baga i...
10/02/2026

Cilaaloo Media : Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Harsadeef uummanni miiliyoonotaan gara Finfinneetti yaa'aa jira. Baga ittiin isin gahe !

Irreechi Mallattoo Tokkummaa keenyaati jedhan warri ayyaanicha irratti hirmaachuuf imalaa jiran.Finfinnee Qe'ee keenya ormi nu haaluuf yaalutti gamtaan baanee irreeffachuun hiikkoo guddaa qaba jedhan.

Oromoo duudhaa isaa ganamaa waltajjicha irratti calaqqisiisaa diina Oromoo fi Oromummaatti duulutti immoo hirree tokkummaa isaa Irreechaan agarsiisa jedhan.

Karra Shaggarii fi Karra Finfinneetti keessummoota kutaalee Oromiyaa hundaa fi bakkoota birootii dhufan simachuuf torbanii oliif qophiin taasifamaa ture.

Cilaaloo Media : ODUU : Magaalaa Baatuutti Sagantaan Galateenfannaa Barsiisotaa Barattoota duraanii Mana Barumsaa Sad. 2...
09/26/2026

Cilaaloo Media : ODUU : Magaalaa Baatuutti Sagantaan Galateenfannaa Barsiisotaa Barattoota duraanii Mana Barumsaa Sad. 2ffaa Baatuutiin qophaa'e.

Barattoonni Mana Barnootaa Baatuu Sadarkaa 2ffaa tti Barnoota garagaraa achitti barachaa turaniif Yeroo ammaa Ogummaalee garagaraa gonfachuudhaan bifa adda addaatiin Hawaasa isaanii Ogummaa barataniin Tajaajilaa jiran gurmaa'uudhaan Barsiisota isaan barsiisaanii, Rabbii gaditti bakka har'a isaan irra jiran kanaan isaan gahaniif Sagantaa beekamtii fi Galateenfannaa Magaalaa Baatuutti qopheessuun beekamtii kennaniifii jiru.

Sagantaa beekamtii kana irratti Barsiisaa Maabiraatuu Bogaalee Qarshii Miiliyoona tokko fi kanneen biroo uwwisa Ulfinaa garagaraa taasisaniifii jiru.

Sagantaa kana irratti Barattoonni duraanii Mana Barumsaa Sad. 2ffaa Baatuu hundi argamuun beekamee jira.

Koreen waan kana qopheessitan Galatoomaa 🙏

Cilaaloo Media : ODUU : Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Harsadee Oromoon miiliyoonotaan bahee Gamtaan irreeffach...
09/23/2026

Cilaaloo Media : ODUU : Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Harsadee Oromoon miiliyoonotaan bahee Gamtaan irreeffachuun hiikkaa guddaa qaba jedhame.

Irreecha dhalootaa dhalootatti dabarsuun alatti, tokkummaa, gamtaa fi irreen Oromoo kan itti mul'atuu dha.

Ayyaanni Irreechaa bara 2019 Fulbaana 23 fi 24 bara 2019 Hora Finfinnee fi Hora Harsadeetyi akka kabajamu Gamtaan Abbootii Gadaa ibse.

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 23/2019 akkasumas Irreechi Hora Harsadee Fulbaana 24, 2019tti akka Irreenfatamu Gamtaan Abbootii Gadaa Oromiyaa ibse.

Abbootiin Gadaa Ayyaanni Irreechaa Ayyaana galateeffannaa, Abdii, Tokkummaa, Jaalalaa, Araaraafi Barii birraa waan ta'eef, Uummanni Oromoo hundi, Sabaaf sablammii akkasuma Uummanni Addunyaa hundi Ayyaana Irreechaa Uummata Oromoo waliin akka kabajaniif waamicha dhiyeessanii jiru.

Ilaalcha Oromoo keessatti bariin birraa iddoo guddaa qaba. Ummanni guddaan gaanfa Afrikaa Oromoon “baga bacaqii gannaa baatee booqaa birraa geesse” jedhee wal eebbisa.

Ganna yeroo ulfaataa fi dukkanaa, yeroo firrii wal irraa faagate, yeroo hojiin qonnaa baay’atuu fi lagni guutee wal argaan haammaatuudha.

Birraan ammoo yeroo ililliin daraartee, lagni guute hir’atee firri walitti bahee itti wal arguudha. Kan ganna wal yaadaafi fagootti wal dharra’aa turan birraa lagnis hir’atee, doloolloon gannaas qooree yoo jedhu wal arguuf sissi’atu.

Birraan geenyaan midhaan ganna facaafame ga’aa jira jechuudha. Boqqolloon ni asheeta; Midhaan ganna lafa bu’e martuu yeroo itti bilchaachuuf qophii ho’aa keessa jiru waqtii birraati.

Birraan quufa; namni ganna ba’e birraa hin beela’u jedhama. Birraan Oromoo birratti kan adda taasisu ayyaana Irreechaati. Barii Masqalaa ayyaanni Irreecha Malkaa Hora Finfinnee fi Hora Harsadeetti miliyoonota hirmaachisuun kabajama.

Cilaaloo Media : Ibsa ABO-WBO irraa kenname Waraanni Bilisummaa Oromoo ABO-WBOn, WBOn gamtaa Tsimdoo jedhamu keessa hin ...
09/18/2026

Cilaaloo Media : Ibsa ABO-WBO irraa kenname

Waraanni Bilisummaa Oromoo ABO-WBOn, WBOn gamtaa Tsimdoo jedhamu keessa hin jiru, garuu walta'insa humnoota siyaasaa Mootummaa Biltsiginnaa mormani keessa jira jedhe.

ABO-WBO’n ibsa baase keessatti qabxiilee sadii dhimma Wallaggaa, dhimma Tsimdoo fi dhimma ummata Siviilii hidhachiisuu irratti xiyyeefate jira.

WBOn dhimma Wallaggaa yoo ibsu “akkuma waggota lamaan darban irra deddeebiin ibsaa turre, humni “Fannoo Wallaggaa” ofiin jechuun Wallagga keessa socho’u, humna badiinsaa Oromoo ajjeesuun beekamu, kan Biltsiginnaan ijaartee, hidhachiiftee Oromoo irratti gadhiifte ta’uu ammas irra deebinee mirkaneessina” jedhe.

Gareen kun hanga waraanni naannoo Amaaraa eegalutti, ifaan qaama milishaa Bilxiginnaa ture kan jedhe ABO-WBO’n, Waraanni naanno Amaaraa erga eegalee booda, milishaa Bilxiginnaa keessaa baafame jedhe.

Bilxiginnaan garuu garee badii kana gargaaruu hin dhiifne. Humnoota Oromiyaa meeshaa hidhachiiftee garee kanatti erga bobbaaftee booda, dhukaasa otoo hin baniin humnoonni Oromiyaa meeshaa isaanii garee kanaaf dhiisanii duubatti akka baqatan ajajaa turte jedhe.

Ibsichi itti fufuun odeeffannoo keessaa dabarsitee kennuun, gareen kun qarshii fi meeshaa waraanaa akka saamu gargaaraa turte. Kunis sababa lamaaf jedhe.

“Tokko, gareen kun ilmaan Oromoo akka ajjeesu, qe’ee Oromoo akka mancaasu dhaabattee ilaalti yookan al-kallattiin ajaja dabarsiti. Du’aa fi manca’uu Oromoo kana ammoo, Oromoon wareegamee akka barcuma ishee tiksuuf itti gargaaramuu barbaaddi. Lammata, ummanni fi humnooti saboota lamaanii wal qoccoluu dhiisanii, Biltsiginnaa irratti akka hin xiyyeeffanneef, marammartoo wal fixuu fi gumaa baafannaa keessa akka jiraatu barbaaddi” jechuun ibsee jira.

Osoo Bilxiginnaan harka irra qabuu baattee, gareen farra Oromoo fi kan gargaarsa kamuu Oromoo irraa hin arganne, uummata keenya gidduu jiraachuu hin danda’u ture jechuun eere.

Faannoon laga gamaa, kaayyoo Biltsiginnaa kana osoo sirnaan hin xiinxaliin, humna hidhatee fi afaan ishee dubbatu ta’uu isa qofa argitee waliin dhaabachuu filatte. Kun doggoggora siyaasaa guddaa, kan WBO biratti fudhatama tokkollee hin qabne dha jedhe.

Xiyyeefannaa isaa itti aanuun Gamtaa Tsimdoo jedhamu ilaalchisee wanti afuurfamu hedduun dhugaa irraa waan fagaate. WBOn gamtaa Tsimdoo jedhamu keessa hin jiru, dhimma kanas itti dhiyeenyaan hin hordofu jechuun ibse.

WBO’n itti fufuun Haa ta’u malee wal-ta’insi humnota Biltsiginnaa mormanii kan WBOn qooda keessaa qabuu fi kan humnoota biyyattii baha hanga dhihatti, kaabaa hanga kibbaatti hirmaachise, marii gara xumuraa irra gahee jira jedhe.

Wal-ta’insi kun dhimmoota lama irratti hundaa’e. Tokko, humnoonni Biltsiginnaa lolan wal qocollaa bukkee dhiisanii qaama ummattoota keenya balleessuuf dhama’u irratti akka fulleffatanii fi lammaffaa, waltajjii mootummaa cehumsaa kan gaaffileen ummatoota biyyattii hunduu, hirmaannaa kallattii ummatotaatiin itti furaman, qopheessuu dha. Wal-ta’insi kun wal ta’insa dubbi ijoo siyaasaa (substantive political questions) osoo hin taane, wal ta’insa deemsaa (procedural consensus) jechuun ibsee jira.

WBO’n qabxii 3ffaa ibsa isaa keessatti eereen ummata Sivilii hidhachiisuu Biltsiginnaa jechuun, “Ummanni keenya balaa kamirrayyuu of ittisuuf hidhachuun mirga isaati” jedhe.

Haa ta’utii, deemsi Biltsiginnaa Oromoon balaa isatti dhufe akka ofirraa ittisuuf osoo hin taane, saboboota lamaafi. Tokko, Oromoon barcuma ishee tiksuuf akka qoraan ta’uuf bal’inaan hojjechaa jirti. Yaaliin Biltsiginnaa hunduu Oromoo jalatti dhokachuudha. Ummanni keenya of haa ittisu. Biltsiginnaan of dandeessee haa loltu jechuun ibsee jira.

Lammata, yakkoota waggootan saddet darban hojjette ummata keenya irratti haqachuuf yaalaa jiraachuu argaa jirra. Kana hubachuun ummanni keenya maatii fi qe’ee ofii ittisuu bira darbee Biltsiginnaa waliin dhaabbachuun barcuma kufaa jiru tiksuuf aarsaa diinaaf kaffaluu akkasumas yakka Biltsiginnaa ofitti fudhachuu ta’uu hubachuun, walta’insa waraana isaa, WBO, waliin qabu jabeessee akka itti fufu dhaamna jedhe.

09/14/2026

Cilaaloo Media : ODUU ADDAA

Gandoota Aanaa Adaamii Tulluu Jidoo Konbolchaa hedduu keessatti hanqina Roobaa mudateen Yeroo Hoongee Sa'aa Nama miidhaa akka jiru beekamee jira. Rakkoo mudate kana Qaamni dhimmi ilaalu dafee Xiyyeeffannaa yoo itti hin kennin miidhaa guddaatu as deemaa jira.

08/30/2026


08/21/2026

Cilaaloo Media : Sagantaa Eebba Kitaabaa irraa hin hafinaa ! Hagayya 23/2026 USA, Minnesota

Cilaaloo Media : ODUU : Waggaa 30ffaa isaa kan kabajachaa jiru Federeeshiniin Ispoortii Oromoo Kaaba Ameerikaa OSFNA'n k...
08/02/2026

Cilaaloo Media : ODUU : Waggaa 30ffaa isaa kan kabajachaa jiru Federeeshiniin Ispoortii Oromoo Kaaba Ameerikaa OSFNA'n kaleessa Feestivaalii Ispoortii Gosoota garagaraatiin Ameerikaa Kutaa Minisootaatti jalqabe.

Feestivaaliin ispoortii kun hanga Hagayya 8tti itti fufu yoo ta'u Feestivaalii ispoortii OSFNA kana irratti dhalattoonni Oromoo kaaba Ameerikaa Magaalota garaagaraa irraa dhufan irratti hirmaataa jiru.

Address

1600 Washing Avenue
Minneapolis, MN
55426

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Chilalo Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share