Chilalo Media

Chilalo Media Cilaaloo Media 'n Odeeffannoo dhugaa fi Saffisaa ta'e Hawaasa isaa biraan gahuuf kaayyeeffatee kan hundaa'edha.

01/10/2026

Sirna Buttaa Qalaa Oromoo Kaarrayyuu, tuuta Gadaa Michillee Ardaa Jila Tarree Leedii Kutaa 2ffaa.

Via : Qubee Tv

Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa guddicha Bishooftuutti ijaaramuuf jedhu MMI Dr. Abiyyi Ahimadiin har'a Amajjii 10/2026 e...
01/10/2026

Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa guddicha Bishooftuutti ijaaramuuf jedhu MMI Dr. Abiyyi Ahimadiin har'a Amajjii 10/2026 eegalchiifame.

Cilaaloo Media : Yaa'iin Gadaa Sikkoo Mandoo Gaggeeffamaa jiraCilaaloo Media :  Amajjii 10/2026Yaa'iin Gadaa Arsii Sikko...
01/10/2026

Cilaaloo Media : Yaa'iin Gadaa Sikkoo Mandoo Gaggeeffamaa jira

Cilaaloo Media : Amajjii 10/2026

Yaa'iin Gadaa Arsii Sikkoo Mandoo Dhaddacha Heeroo deebisanii dhaabuu Godina Baalee Bahaa Aanaa Laga Hidhaa Dhaddacha Heerootti geggeeffamaa jira.

Oromoon Arsii Sikkoo Mandoo Yaa'a Dhaddacha Guutaa irratti gaggeeffateen Dhaddachoonni Gadaa Sikkoo Mandoo 20'n akka deebi'aniif murtee dabarsee ture.Qaama murtee kanaa kan ta'e dhaddacha hangafa dhaddacha Heeroo deebisuuf guyyaa har'aa fi boruu yaa'a Gadaa geggeessaa jira.

Yaa'a Gadaa kanaanis Abbootiin Gadaa fi Hayyonni qoraa murtiin luba Gadaa shanan dhaddacha Heerootti deebisuun heerri uumee ganamaa kan caqafamu tahuun ibsamee jira.

Odeeffannoon kan BKOtti

01/10/2026

Cilaaloo Media : Korri Caffee Gumii Bulchiinsa Sirna Gadaa Humbannaa Bareentoo Magaalaa Harar Galma Calanqootti har'a adeemsifame.

Amajjii 10/2026

Kora kana Irratti Abbaan Gadaa Afran Qalloo, Abbaan Gadaa Ituu Murawwaa akkasuma bokkuuleen Gadaa hedduun argamaniiru.

Kana malees, Hayyoonni, Namoonni bebbeekamoon akkasumas Ummanni bal'aan Kora kana irratti heddumminaan argameeti jira.

Ummanni Humbannaa Bareentoo seenaa Oromoo keessatti iddoo guddaa qaba.

Gulantaa Gadaa Humbannaa deebisanii ijaaruu fii Ardaa Jilaatti deebisuu kanarra gahamuutti gammaduu hirmaattonni himaniiru. Korri har'aa kun kora milkaa'aa akka ta'es ibsaniiru.

Deeggarsi akka godhamuufii qabu gaafatame. Biyya keessatti lakkoofsi Herreega Baankii maqaa Gammachuu Magarsaa(PhD)tiin ...
01/10/2026

Deeggarsi akka godhamuufii qabu gaafatame. Biyya keessatti lakkoofsi Herreega Baankii maqaa Gammachuu Magarsaa(PhD)tiin akka banamee ifoomu Namoonni biyya keessaa gargaaruuf fedhan gaafataa jiru.

Dhalattoonni Oromoo Daayaaspooraas maqaa isaaniitiin Gofundmen akka banamu Yaada kaasaa jiru.

01/09/2026

Cilaaloo Media : Haasawa gabaabaa Ustaaz Naasir Hamzaa Sirna Kakuu Kantiibaa Magaalaa Miniyaappolis Jacob Frey irratti godhan.

01/08/2026

Cilaaloo Media : Dr. Gammachuu Magarsaa Handhuura haa dhiifnuu mee Onneemti Oromiyaayyuu Arsiidha " jedhan.

01/08/2026

Cilaaloo Media : Gaaffiin deebii Obbo Jawaar Mohaammad BBC Afaan Oromoo wajjiin taasise hordofaa.

Gaazexeessaa : " Obbo Jawaar Amma KFO keessa jirtaa ? "

  Yaa'a Gadaa Sikkoo Mandoo Dhaddacha Heeroo.‎‎Arsii Sikkoo Mandoo yaa'a Dhaddacha Guutaa irratti gaggeeffataniin Dhadda...
01/08/2026

Yaa'a Gadaa Sikkoo Mandoo Dhaddacha Heeroo.

‎Arsii Sikkoo Mandoo yaa'a Dhaddacha Guutaa irratti gaggeeffataniin Dhaddachoonni Gadaa Sikkoo Mandoo 20 akka deebi'aniif murtee dabarse.

Dhaddachi 21ffaan Hosaanaa keessatti kan argamu yoo ta'u Qaama murtee jila yaa'a Dhaddacha Guutaa dhaddachoota 20'n deebisuu kan ta'e yaa'iin guddaan Arsii lafa seena qabeettii Baalee Bahaa Aanaa Laga Hidhaa Dhaddacha hangafa dhaddachoota Sikkoo Mandoo kan ta'e 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐇𝐞𝐞𝐫𝐨𝐨𝐭ti Ammajjii 01 hanag Amajjii 03/2018 tti yaa'iin guddaan Arsii gaggeeffamuuf qophiin hundi xumuramee hirmaattonni fageenya irraa garasitti imalaa jiru.

‎Oromoon duudhaa isaa ganamaa Sirna Gadaa jalaa laafee cimsachuun bakkatti deeffachuun yeroo murteessaa fi barbaachisaa ta'ee jira.

Sirni kun yeroo mootummaan Oromoon duudhaa isaa ganamaatti akka deebi'uuf Haroomsa aadaa cimse xiyyeeffannoo itti kennee hojjachaa jirutti gaggeeffamuun xiyyeeffannoo addaa akka argatu godheera.

‎Yaa'iin kun kan hunda keenyaa waan ta'eef ilmaan Oromoo hunduu keessattuu abbaan sirnichaa Ilmaan Arsii Sikkoo Mandoo, yaa'a kanarratti argamuun sirna keenna bakkatti akka deeffannu waamicha waliif dabarsina.

Kominikeeshinii Godina Baalee Bahaati.

01/06/2026

Cilaaloo Media : Haasawa haala Yeroo MMI Dr. Abiyyi Ahimad

"Yuunivarsiitii AI ijaaruuf jirra" - Ministirri Muummee Abiy Ahimad ODUU : Amajjii 5/2025MMI Dr.Abiyyi Ahimad akka jedha...
01/05/2026

"Yuunivarsiitii AI ijaaruuf jirra" - Ministirri Muummee Abiy Ahimad

ODUU : Amajjii 5/2025

MMI Dr.Abiyyi Ahimad akka jedhanitti, hojiin qophii Pirojektichaa ji’oota jahan dhufan keessatti kan xumuramu ta’uu ibsuun, Waggaa 75ffaa Yuunivarsiitii Finfinnee sababeeffachuun yuunivarsiitichatti haasaa ijoo dhiheessaniiru.

Yuunivarsiitichi Barattoota dandeettii olaanaa qabaniif dursa kennuuf kan qophaa’e yoo ta’u, galmi isaas eebbifamtoota gahumsa olaanaa qaban kuma tokko oomishuuf ta’uu himaniiru.

Ida’amuu Ardiileetiif jecha dhaabbatichi tokkoon tokkoon biyyoota Afrikaa irraa barattoota lamaaf kootaa kan qabu yoo ta’u, kunis leenjii addaa akka fudhatan kan taasisu ta’uu Ministirri Muummee himaniiru.

Karrayyuun Tarree Leediitti jila jilachaa jira.Karrayyuutti tuutni Gadaa Michillee Gabalaan Baasoo buttaa qalee walannaa...
01/05/2026

Karrayyuun Tarree Leediitti jila jilachaa jira.

Karrayyuutti tuutni Gadaa Michillee Gabalaan Baasoo buttaa qalee walannaasaa Halchiisaaf Gooba kennuuf ardaa jilaa Tarree Leediitti jila gaggeessaa jira.

Ilmaan Baarentuu keessaa tokko kan ta'e Karrayyuun, uummata aadaa, seenaa, safuufi safeeffannaa akkasumas uffannaa, sirba, tolfannaa rifeensaa fi haala jiruufi jireenya mataasaa qabudha.

Karrayyuun aadaa, seenaa, safuufi safeeffannaa isaa dabalatee beekumsa xabboo ganamaa hunda osoo gadi hin dhiisiin tiksee kunuunsuun har'aan gahee jira.

Karrayyuun akkuma Oromoo kanneen biroo sirna Gadaatiin bulee kan walbulchu yoo ta'u, sirni Gadaa isaa kunis osoo hin sharafamin akkaatuma duudhaa ganamaatti dhimmoota siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa isaa gaggeeffachaa ture.

Akka sirna Gadaa Karrayyuutti Gadaan tokko Baallii gadoomaa fuudhee erga waggaa jaha hawaasa tajaajile booda walannaasaa sirna bulchiinsa Gadaa shaakalchiisuuf buttaa qalee aangoo qoodaafi.

Sirni kunis Gooba/Irreessa kennuu jedhama. Goobaa kennuu jechuun goobsuu, dhiiromsuu, moosisuu ykn barsiisuu jechuudha.

Kunis tuutni Gadaa itti aanu hojiiwwan bulchiinsaa gama maraan jiran, warra duraa irraa beekumsaa fi muuxannoo akka qooddatu, waraabbatuu fi yeroo itti aanuuf akka of qopheessu gochuufi.

Tuutni Gadaa fudhachuuf qophaa'u 'Goobaa fudhate' yoo jedhamu, kan irreecha oofkaltii kennummoo 'Buttaa qale' jedhama.

Haaluma kanaan Gadaa Karrayyuutti tuutni Gadaa Michillee Gabalaan Baasoo walannaasaa Gadaa Halchiisaaf buttaa qalee aangoo qooduuf ardaa jilaa tarree Leediitti sirnicha raawwachaa jira.

Sirnoota aadaa barbaachisan hunda walduraa duuban erga raawwatee boodas buttaa qaluun walannaasaaf Gooba/Irreessa kenna.

Tuutni aangoo qooddatu Halchiisaanis waggoota lamaan dhufan sirna bulchiinsa Gadaa shaakaluun waggaa lama booda aangoo Gadoomaa guutummaan Michillee irraa fudhachuun hawaasa kan tajaajilu ta'a.

Gabaasni OMN

Address

1600 Washing Avenue
Minneapolis, MN
55426

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Chilalo Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share