10/05/2026
Hooggansa Itoophiyaa, kan Oromiyaa fi Oromoo Gujii:
SEENEFFAMA SODAACHISAA fi yaaddo tiyya
Dr. Ayele K Roba 'tiin
Marii miilana maqaa dhaye san maaliif jedhe seetan?
Sababi gabaabaan kunooti.
Woggoota 90 oliif hooggantoonni Itoophiyaa fi Oromiyaa yeroo gara garaatti ummaticha miidhuudhaan SEENEFFAMI tokko lafa akka qabatu godhame jira. UMMATA MATAA JABAATU. KAN MOOTUMMAA DURA DHAABBATU.
Hayilesillaaseen ummata keennaan BAANDAA jedhee waan maqaa keenna qabu hunda dhabamsiise. San qofaan hindhiisne, ummata san bittinneessee ummata ollaa isaa jalatti akka bulu godhe.
Dargiin ummatichuma bakka lamatti hiree akka wolfixu godhe. Kan irraa hafe akkuma saboota biraa godhaa ture kan irraa hafe daangaa biyya eegna jedhee dargaggeessa hedduu fixe.
Gujiin ummatoota ollaa isaatiin akka bulu godhame sun hundi sharrii hedduun irratti hujatamee lafarraa haga baduuf sodaachisutti woraanni irratti adeemsifamaa baye. Tulaa Surrootti gara namoota 370 oliitti guyyaa tokkotti galma keessatti wolitti qabamee dhaabbitti gubame.
Kanneen duguugamanii ragaan balleeffamee, garuu maanguddoon teennna nutti himaa turan immoo laakkofsa hinqabanu.
Bara Woyyaanee ho?
Hooggansi Oromoo hedduun Woyyaanee woliin hiriiree ummata keenna hedduu galaafate. Asirratti Abbaa Duulaa caalaa nami ummata keenna dhageeffatee kabaje hinturre.
Me angawaa tokko isinti haa himuu. Obbo Yonaatan Dibbisaati. Ummanni Gedoo weerara daangaa nurratti banee jennaan hooggansa Oromiyaa bakka bu’ee dhufee Magaala Bulee Horaatti ummata wolitti qabe. Lafa teenna irratti worri Gedoo riiferendamii gaafate. Ummanni keenna kana morminaan feetan bayaa lolaa jedhee ummata salphisee deeme. Ummanni sun deeggarsa mootummaa malee woraana san irratti lubbuu hedduu gabbaree gandoota 30 oli hambifate.
Seenaa kana me gara dhiyeennatti asi haa fiduu. Nami biraa Obbo Lammaa Magarsaati. Televijiiniin gadi bayee Gujiin worra biraa dhiisi Oromoo buqqisa jira jedhe. Dhufeelle dhugaa lafarra jirtu hinilaallee hubadhaa.
Yeruma san fiinxaleyyiin Gedoo woraana nurratti banan.
Ummanni keenna akka ummata mootummaa hinqabnee woraana san qofaa isaa dura dhaabbate. Worri nuun lolu immoo naannoo fi godina irraa rasaasaa fi qawween hundi gumachameefii nutti duulaa bayan. Gama miidiyaatiin immoo miidiyaan Afaan Ingilishii fi Afaan Amaaraa addunyaa guututti akka bineensaatti nu labse.
Gama keennaan ho?
Miidiyaan Afaan Oromoo kan mootummaa dhiisii kan dhunfaalle maqaa ummata keenna hindhoonne. Isumayyuu orma bira dhaabbatee nutti duule.
Woraana saniin duuba maltu te’e?
Dr Abiyyi buqqaatota irra deemee ilaala jedhee dhufe. Buqqaatota gama Gedoo qofa dubbisee kan Gujii adaala isaaniituu ado hinbayin deebi’e. Ummanni keenna deeggarsaa fi jajjabeessa tokko malee hafe. Isumaayyuu hooggansa Oromoo maqaa balleessuuf jedhamee seeneffama isiniin jedhe saniif galteen godhame.
Obbo Lammaan akka deeggarsa gama Oromiyaatiin nuuf godhuuf maanguddoon teenna haga waajjira isaa deemanii gaafatan. Ni dide. Maanguddoonni sunniinille karaa galan dhaban karaa irratti hidhaman.
Eegasii ho?
Woraanni godinicha mandhee godhate. Qaami godinoota Gujii keessa hidhatee socho’u akkuma kan Wollaaggaa fi naannolee biraalle ergama garagaraa qaba. Keenna garuu nami waan isaa dubbatu hinjiru.
Akkuma yeroo dhiyeenna kana Jawaar Mohaammed saaxilaa ture nama Buraayyuu irratti lubbuu namoota hedduu galaafate akka hooggansa mootummaatti godhanii garas ramadan.
Woggoota darban 8 guutuu lubbuu nama Gujii nama galaafatu hinbeekaniiyyu. Maqaa WBO jedhuun bosona Gujii keessatti nami keenna akka horiitti qalamaa baye. Achii immoo ‘Shanee’ qallabda jedhanii nama hedduu nurraa galaafatan.
Hooggansi Oromiyaa maal jedhaa baye?
Obbo Taayyee jalqabee yeroo ummanni siiviliin ijjeefamu mootummaan ‘Shanee’ irratti tarkaanfi fudhate jedhanii du’a nama keenna daldala siyaasaa godhan.
Worri hafelle harka jalaan garee garagaraa godina san keessatti qindeessun haga ammaa nami keenna bayee galuu dadhabe.
Carraan misoomaa itti yaadamee nurra dabarfame.
Dhiyeenna kana hidhattoonni Naannoo Sidaamaa ummata keenna irratti woraana banan. Hooggansi Sidaamaa Obbo Dastaa Leedamoo dabalatee ummata isaa kan miidhame dhaqee bira dhaabbatee deeggarsa barbaachisu godheef.
Kan Oromiyaa hoo?
Kan naannoo dhiisii kan godinaalle ifatti bayee ummata san bira hindhaabanne.
HUNDAA OLI DHIMMA KANA MIIDIYAA AFAAN OROMOO KAMUU HINDUBBATU. Hooggansii fi aktiviistiin Oromoo ummata keenna bira dhaabachuu caalaa worra ollaa gammachiisuu irratti xiyyeeffatu. Xiinsammuu miidhama ummata keenna namuu akka xurii harkaa keessalletti hinlaakkayu.
Yeroo tokko akkaa qeeraan nama itti qalan jiru Seenaa Jimjimootti dubbate. Yomiiyyuu galata qabnaaf. Nuuti Oromoon tokko ado jennuu ummanni Gujii bakka heddutti akka Oromootti hinilaalamu. Yo ati dubbattu gandummaa siin jedhan.
Namoonni nuuti qabatamaan beennu kan duguuggaa lubbuu nama keennaatiif sababa te’an ammalle muudami isaanii itti fufee jira.
Marsaa itti aanu akkamitti nu duguugu gaaffii jedhu deebiin maal teeti?
Amma yaadi kiyya, ani akka dhunfaatti hooggansa Godina Kibba Oromiyaa irraa gaaffii tokko hinbeeku.
Namoota amma ramadamaa jiran muraasa ni beeka. Kan ani hinbeennelle hedduudha. Yakkaa fi malaanmaltummaan kan ani beeku ammaaf hinjiru.
Garuu sodaan tiyya namoonni kun SEENEFFAMA kanaan dura ture ni cabsu moo itti fufsiisu kan jedhuudha.
Seeneffami kun seeneffama cubbuuti. Kan dabaati. Innille akkana jedha: Gujiin yeroo mara mootummaa morma. Seenaan isaanii kan mootummaa dura dhaabbachuuti. Kan misooma mormuuti. Saba ollaa isaa hacuuca. Hinajajmu kan jedhuudha. Woggoota saddeeti kanalle akka itti yaadamee cabsamuu fi dhimma isaalle ajandaa akka hingodhamne kan godhameef SEENEFFAMA kana. Garuu dhugaan lafa jirtu seeneffama cubbuu kana ni faallessa. Ragaan qabatamaa hinjiru.
Kana eessa dhageette yo jettan ani dhimma ummata kana irratti boqonnaa argadhee hinbeeku. Mana mootummaa keessalle namoota hedduu beeka. Worri ummata keenna beekan qofaa keennattille teetu rakkoo tana nutti kaasu. Akka dubbiin tun dogoggora taatelle ni beeku. Maddi rakkoo teennaa SEENEFFAMA kana.
Kanaafuu hooggansi haarenni kun dubbii tana akkamitti ilaaluu qaba? Akka yaada kiyyatti ummata wolitti qabanii haasofsiisanii yaada garaa ummata dhageeffatuu qabu. Kanaaf mariin baldhaan ni barbaachisa jedhe ani.
Yaadi garaa na jiru kana. Ani amma nama dhunfaati. Womaa godhuu hindande’u. Garuu dhugaa tana dubbachuun dirqama kiyya. Yo dandeettan yaada kana irra darbuu dhiisaati karaa dandeettaaniin qaama dhimmi ilaalu biraan geyaa.
Kanaaf yo jijjiirami dhufe ani harka baldhisee fudhadha. Gama kamiinuu qaama ummata keenna boqachiisu bira dhaabbachuuf qophiidha.
Garuu ammatti abdii tokkolle hinqabu.
Nagaan turaa!
Dr Ayyelee Kebbede Roobaa, 5/10/26
Bornaaf Media 's hordofaa