Hawi - Anole

Hawi - Anole A Place Where Empowerment Matters! Serving the Peace Efforts in the Horn of Africa Region!

An👇🏾 Jiruu kiyya keessatti qabsoon hamman dandahuun, garaafi qalbii guutun itti hirmaadhe qabsoo Qeerrooti. Gaafa Wayyaa...
10/02/2026

An👇🏾

Jiruu kiyya keessatti qabsoon hamman dandahuun, garaafi qalbii guutun itti hirmaadhe qabsoo Qeerrooti. Gaafa Wayyaanen ni kufti moo hin kuftu jedhamaa ture sanitti hamma Oromoon tokkoometti wayyaanen inuma kufti jennee abdiin dubbataa turre.

Gaafa OPDOn daandii walakkaa dhaabattee bitaaf mirga laalaa turte, hamma dandeenyuun utubnee, jajjabeessinee, tokkummaa Oromoo yoomuu caala wayyaaye uumnee alagaa injifanne.

Abiy gaafa dhufu, hamileen isaa, miirri isaa, onneen isaa, haasaan isaa hundi hedduu nama hawwataa ture. Hedduu keenyatu deeggare, ittiin gammade. Ilaalchi tarkaanfataan inni calaqqisu, egeree abdachiisaa akka biyyaaf tahu abdachaa turre.

Waan hedduu dubbachuun barbaachisaa tahuus baatu, gaafa Qabsaa’aa Ummataa ajjeesuuf murteessee hojiitti seenerraa garaan irraa na cite. Hammamuu gaarii Abiy natti himan, waan gaarii inni hojjate dinqisiifachuu mala taha malee, akka namaatti ilaalchi ani isaaf qabu Fundamentally gaafas jijjiirame.

Inuu nin yaadadha, waggoota muraasaan dura, Magaala Chikaagoo jedhamtu takkatti waahilli, bar isaan keessaa inni xiqqoos taatu fooyyee qaba naan jennaan, rifadhee, sila ni irraanfattemoo bar namtichi kanuma si ajjeesuuf halkaniin iyyaala sitti erge sanii jechuunii kiyya nin yaadadha. Hammam Waahilli aarsaa akka kanfale waanin beekuf, hammamuu siyaasaan waliigalamuus baatu, isa ajjeesuun garuu cubbuu guddaa akka tahetti amana.

Waan sanii as tahe hunda warri beeku inuma beeka. Shira hedduu, cubbuu hedduutu raawwatame, osoo Abiy argu! Kan inni dalage silaafuu heddu! Kan ofii dalageef guyyaan fala haa kennuuf, isa innumti sirreessuu dandahu, waan sirreessuu hin feeneef, dantaa isaa waan hin taaneef malee osoo ajandaa isaa tahee akkuma Pirojektiiwwan mimmiidhagoo hedduu hojjatetti dhimmoota ijoo Ummanni komatuuf irrattis hojjachuu ni dandaha ture.

Amma Waan biraattu dhufaa jira!

Hammamuu wal jaalannus, wal jibbinus, diina fuulduratti Oromoon Oromooma, Sidaamni Sidaamuma, Hadiyyaan Hadiyyuma, inni kuunis akkasuma. Warra Kaabaa ( Tigraayifi Amaara) biratti nuti diinuma. Warri Tigraay xinnoo fooyyee qabaachuu malu. Hamma dandahameen aangoo siyaasaa deeffachuun isaanif abjuu yoomiyyuuti ( keessattuu Amaarri). Tigreen Federaalatti deebi’uu waan hawwitu hin sehu. Amaarri garuu, ji’ootaaf waggootaaf mitii Torbee tokkoof osoo nu bulchitee akkamiin akka nu bulchitu Oromoon numa beeka!

Ammaaf nuti akka Oromootti isaaniif Diina! Abiyyis, Sabni Oromoo bal’aanis, Mormaanis, Mufataanis, Faarsee Bulaanis isaan biratti Tokkoma. Hundi keenyaa diina isaaniti. Akka ilaalcha isaaniitti isaan injifataa tahuuf nuti cabuun dirqama. Kan kana wallaalu ni jira natti hin fakkaatu.

Oromoon guutuun ejjannoo hin daddaaqne qabaachuun isaa dirqama. Hammamuu Abiyyis tahee sirna isaatis jibbinu, diina nutti as deemu ( sababa kamiinuu rakkoo kana keessa seennus), yaadaaf ilaalcha tokkoon fuuldura dhaabbachuun dirqama.

Eeyyen

Warri Kaabaa gadi Mootummaa Federaalaa waraanaa jiru Diina Oromooti! Mootummaa Federaalaatu keenyaaf miti, Xiyyeeffannaan guddaan waraanichaa balaan guddaan inni fidee dhufu nurratti kan fuulleffate waan taheefi. Kanaaf, qaama Kaaba kallattuma isaan irraa ka’anitti deebisu kamuu deeggaruun filmaata waan qabuu miti. Kana dubbachuun ulfaataas tahu, kana malee karaan biraa hin jiru!

Waraanni Bilisummaa Oromoo, hammamuu garee tumsaa waliin hojjachuuf fedhii agarsiisus agarsiisuus baatu waan Kaabaa gadi deemu kana waansaa ni wallaala jedhee ani hin yaadu. Kan Kaabaa gadi deemu osoo taheefii milkaayee handhuura ejjatee WBO kaampii tokkotti naqeet, beenzila itti firfirsee guba!

Dogongorri siyaasaa mooraa keenya keessatti, osoo uumamuun irra hin jiraanne uumamee har’aaf nu saaxile osoo durirraa furameera tahee har’a kuni hundi hin dhufu ture. Erga dhufee, seenawuun falaa miti, of dura tarkaanfachyufi of dura mil’achuutu fala. Qaamni hundi, ilalcha kanarra dhaabbatee herrega siyaasaa herreguu qaba📍📌

Siyaasarraa afaan 🤐 godhadhus, tuni garaatti nan hafini jechumaafi!

Kanuma
Keenyas Oluma

10/01/2026

Gatii kamiinuu balaan Suudaan mudate akka biyya keenna hin mudanne tiksuun dirqama guddaadha!

Miiraan waa balleessuurraa of qusachuun gaaga’ama boruu hambisuu keessatti gahee guddaa qaba!

Warri ibiddi halaala isinitti fakkaatee Zarraaf jettanis tasgabbaa’aa ~ Wanti as deemu hunduu DHIYOODHA📌
Kanuma
Keenyas Oluma

09/28/2026

Viidiyoowwan Akkami Warra Jettaniif?

Akka kiyya Siyaasa keessa akka seentan hin fedhu.

Garuummoo waan Ummata Fayyaduu Dandahu, Waan Nama Barsiisuu Dandahu, Waan Qulqullina Qabu Nama Hojjachuu Dandahu.

Fakkeenyaaf

- Xiinsammuu Hawaasaa Guddisuu Irratti

- Barnoota Teknolojii Kennuu Irratti

- Namooma Dagaagsuu Irratti

- Dinagdeen Of Cimsuu Irratti

- Dhaloota Qalbii Bal’atu Horachuu Irratti

- Seenaawwaan Gaggaarii Qooduu Irratti

- Jireenya Biyya Alaa Qabatamaan Argisiisuu Irratti

Fi kkf

Wanti guddaan

- Waan Qulqullummaa qabu hojjachuu
- Aantummaa Ummataa Qabaachuu

Akkamiin Fayyadamna?

- Viidiyoowwan maxxanfaman kamuu galii argamsiisu. Galiin argamu xinnaas, guddaas tahuu dandaha. Akkaatuma hojiin nama sanii maallaqa argamsiisen abbaan hojjates argata jechuudha.

Dirqama nama tokko tahuu hin qabu.
Nama hedduu tahamees gurmuudhaan hojjachuun ni dandahama.

Kanuma
Keenyas Oluma

09/28/2026

Osoma Jennuu👇🏾

Nama Gaari Peejii Kanarratti Viidiyoo Gaggabaabaa Hojjatee Shaqqalachuu Dandahun Barbaadaa Jira☺️

Koottaa mee yoo dandeettii qabaattan!

Kanuma
Keenyas Oluma

09/26/2026

የአብይ መነካትየኦሮሞ መነካት ነው ብለው የሚያምኑ ጥቂት ጅላጅሎች ይኖሩን እንደሆን እንጂ የአብይ መነካት የኔ መነካት ነው ብሎ የሚያምን ህዝብ የለንም! ሊኖረንም አይገባም!

09/26/2026

አብቹን እንዳሻችሁ!
ኦሮሞ'ን ግን
አትችሉትም!
We Can’t Afford The Return of Butchers ~ Ever!
So, We Wont
Let it happen📌

09/25/2026

Akka kiyyatti👇🏾

Gara marattuu kan dhangala’u dhiiga qulqullootaati

Gara marattuu kan dhanagala’u qabeenya biyyaati!

Maal qaba garuu,

Kanaa mannaa, osoo fala waaraa fiduun har’aafis, boruufis murteessaadha gaafa jedhaman

Osoo dhagahanii?!

Maal qaba,

Mariifi araara fakkeessaa dhiisaanii
Araara waaraaf haqaa irratti osoo hojjatanii?

Anyways,

Hammamuu jaalatamus
Hammamuu jibbamus
Hoggansis Sirnis Dabraadha!

Rabbi Ummata keenya kasaaraa Ummataafi Biyyoota hedduu gaaga’e irraa haa tiksu🙏🏽

Kanuma
Keenyas Oluma

09/22/2026

Kan Kuunnoti Jedhan, Kunootin Hin Oolu
Jedha Oromoon!

09/12/2026

Baga bara haaraatti ceetan!

Rakkoofi Hamtuun Isin Boodatti Haa Haftu🙏🏽

Barri Kan Bal’inaaf Qananii Of Nama hin dagachiisnee isiniif haa tahu🙏🏽

Kanuma
Keenyas Oluma

“ Namni heddu gahee ani sirna wayyaanee buqqisuu keessatti taphadheef na galateeffata. Animmoo qabsoon Ummata keenyaa AB...
07/25/2026

“ Namni heddu gahee ani sirna wayyaanee buqqisuu keessatti taphadheef na galateeffata. Animmoo qabsoon Ummata keenyaa ABO jalatti sakaalamtee, hudhamtee, socho’uu dadhabdee ummata kiyya kasaaraa guddaadhaaf osoo hin saaxilin jalaa isaan baasuu kiyyattin gammada.”

Jawaar Muhammad

ገጥመን መስሎኝ jette Goondareen😁

Kanuma
Keenyas Oluma

Address

New York, NY

Telephone

+19177195871

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hawi - Anole posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Hawi - Anole:

Shortcuts

Share