Oluma A Place Where Empowerment Matters! Serving the Peace Efforts in the Horn of Africa Region!

09/15/2025

የወደቁት ተማሪዎችስ እጣ ፈንታ?🥹🥹🥹

Kanuma
Keenyas Oluma

09/15/2025

ግእዝ እናስተምር አላሉም😂😂

Harree Duuten Chee Jettaa Jedhe Warri Keenya😂

የድሮ ስርዓት ናፋቂ ሁላ!

Kanuma
Keenyas Oluma

09/08/2025

Humna dhabaafi malee osoo humna qabaatanii, eddoo nuti itti waaqeffannu akka hin geenye jedhu turan🙂

Osoo luka lamaanuu sirritti lafa hin qabatin, funyaanin dubbachuu eegaluun kun boodden isaa kasaaradha✍🏽

Immoo akka waan ofiin as gahee🙃

!

Kanuma
Keenyas Oluma

    Paaswordiin keessan hammam jabaadha? Jabinaaf laafina isaa akkamiin beektu? Hidhata asii gadii kana keessatti deebii...
09/05/2025



Paaswordiin keessan hammam jabaadha?

Jabinaaf laafina isaa akkamiin beektu?

Hidhata asii gadii kana keessatti deebii ni argattu.

Afaan Ingiliffaa hedduu salphaa taheen barreeffame.

Kanuma
Keenyas Oluma

IS YOUR PASSWORD SECURE? Many times, hackers and scammers do not need to work very hard. We make it easy for them without realizing it. One common mistake is sharing too much personal information o…

 /Cyber Dhimmoota ijoo  ’n irratti xiyyeeffatu keessaa tokko damee Nageenya Infoormeeshinii ( Information Security/Cyber...
09/05/2025

/Cyber

Dhimmoota ijoo ’n irratti xiyyeeffatu keessaa tokko damee Nageenya Infoormeeshinii ( Information Security/Cyber Security) dha.

Dameen kun bara kana keessatti hedduu murteessaa waan taheef, akkasumas gama keenyaan qaamni dhimma kanarratti hojjatu waan hin jirreef irratti hojjachuudhaaf murteesse.

Hamma dandahameen, dhimma kana ilaalchisee odeeffannoowwan, ragaawwan, akkasumas leenjiwwan garagaraa qopheessuudhaaf kan hojjannu taha. Namoonni dhimma kanarratti ogummaa, dandeettii akkasumas muuxannoo qabaattanii dhaloota barsiisuudhaaf fedhii qabdan nu qunnamuu dandeettu.

Hammasittuu, hidhata asii gada tuquun eddoowwan xiyyeeffannaa keenyaa kana akka mil’attan isin affeera.

Kanuma
Keenyas Oluma

Cybersecurity Cybersecurity is more important than ever in today’s connected world. At Oluma, we raise awareness, enhance digital literacy, and helping people stay informed and protected. Areas of …

 Obbolii👇🏽 Barri bara dijitaalati. Bara kana keessatti milkaa’uudhaaf of eeggannaa guddaatu nama barbaachisa. Odeeffanno...
09/05/2025



Obbolii👇🏽

Barri bara dijitaalati. Bara kana keessatti milkaa’uudhaaf of eeggannaa guddaatu nama barbaachisa. Odeeffannoon dhuunfaa keetii, kan si ibsu, kan waa’ee kee akeeku takkaa Intarneetirra baanaan, balleessuun hedduu ulfaataadha. Bishaan dhangala’e lafaa haruudhaan adda hin jiru.

Waan marsaa hawaasaa irratti maxxansitu kamuu, of eeggannaadhaab godhi. Dandahamee, waa’een kee wanti ati facaastu osoo murtaa’aa tahee irra filatamaadha. Waa’ee ofii hedduu facaasuun qaawwa saaxilamiinsaa ( Vulnerebility ) guddaa namatti uuma. Wanti harka keetii bahemmoo, eessa akka gahu, maalif akka hojiirra oolu, akkamiin faallaa sittis akka garagalee si miidhuu dandahu hin beektu. Kanaaf, of eeggannoo duraa ofirraa eegaluun barbaachisaadha jechuudhumaafi. Dhimma kanarratti barruu tokko tibbana marsariitii koo https://olumadigital.com/cyber/ irratti nan maxxansa.

Hammasittuu nagaharra naaf jiraadhaa.

Kanuma
Keenyas Oluma

ObboliiKan akkuma kee gadadoof hadhaa jiruu hedduu keessa dabree, irraan tarkaanfatee milkaaye hedduudha. Atumti teessee...
09/03/2025

Obbolii

Kan akkuma kee gadadoof hadhaa jiruu hedduu keessa dabree, irraan tarkaanfatee milkaaye hedduudha. Atumti teessee sababa lakkaa’aa hin oolin. Ilma namaa kabaji malee, jettee jettee namaatiif hin dhiphatin. Ati waan feetes gootu, waan feetes yaaltu, ilmi namaa waan siin jedhu hin dhabu. Immoo, irra hedduun namaa nama cabsuuf tuffatuutu isaaf salphataa beeki.

Guutuu isaa dubbisuudhaaf hidhata asii gadii kana tuqi.

Kanuma
Keenyas Oluma

EENYUTU SI DHOORKA? Mana koo keessa, eddoo hojii kootii taa’ee foddaarraan yoon gadi ilaalu, ifa bareedduu ganamaatitu natti mul’ata. Aduu bareedduu qaama nama si’eessitu, kan keessa taa’an nama ga…

Dear👇🏽 Think about your own life. Maybe you were born in a poor family, in a country where life is not easy. Maybe you w...
09/03/2025

Dear👇🏽

Think about your own life. Maybe you were born in a poor family, in a country where life is not easy. Maybe you went through hunger, had no good clothes, or faced other struggles. Still, you made it through. You survived those hard days. That shows you already have great strength inside you. If you could pass through all of that, you also have the power to pass through today’s challenges.

Click the link to read more.

Kanuma
Keenyas Oluma

The Amazing Potential You Haven’t Discovered About Yourself Many people do not know how strong they really are. We often think we cannot do something because life is hard, or because people tell us…

09/01/2025

Nu biraa Guyyaan guyyaa Dafqaan Bulaati!

Hamman an argetti ~ Wanti akka hojjatanii dafqa ofiitiin nyaachuu namatti mi’ooftu hin jirtu.

Kanuma
Keenyas Oluma

Join Us as a Volunteer Creative Content Champion! 🌟Do you have a passion for writing, storytelling, or creating videos?O...
08/27/2025

Join Us as a Volunteer Creative Content Champion! 🌟

Do you have a passion for writing, storytelling, or creating videos?

Oluma is looking for dedicated volunteers who want to empower youth through impactful content. Whether it’s an article, a short video, or a book summary, you can inspire the next generation in areas like leadership, career skills, technology, information security, and more.

💻 Work from anywhere (Remote/Online)

🕒 Contribute just 1 article or video per week

🌍 Make a real difference in the lives of young people

👉 If this excites you, send your resume to [email protected] and be part of the movement to uplift and inspire

Kanuma
Keenya Oluma

JOB VACANCY Role: Creative Content Champion (Volunteer) We are looking for passionate and committed individuals to join our volunteer team as Creative Content Champions. As a contributor, you will …

Ee BAALE BIYYYA🥰❤️Dheengadda osoon akkuma tasaa Tiktok irra deemu ijoollee teenya tan waa’ee Baalee😍 quuqamaan dubbattu ...
08/26/2025

Ee BAALE BIYYYA🥰❤️

Dheengadda osoon akkuma tasaa Tiktok irra deemu ijoollee teenya tan waa’ee Baalee😍 quuqamaan dubbattu arge. Immoo ani ajandama akkanaa kanatu naaf hin taane. Garuummoo jaalatanis jibbanis yeroo tokko dubbiin nama hin hanqattu. Xiqqoo yoon dhageeffadhuu, edaa dubbii Ustaaz Suufiyaan “ Baale Biyya.” jedhe takkatu dubbii kaase.

Ustaaz Suufiyaanin waanin beekuf, waan dubbate maalif akka dubbate tilmaamun na hin rakkisne. Namni tokko waan tokko yoo jedhe maalif? maalirraa ka’ee? eessatti? waan jedhu qorachuun dhugaa hubachuun barbaachisaadha. Yookiimmoo dubbima sanuu, tuni nama san fakkaattii? jedhanii madaala keessa galchuun barbaachisaadha.

Edaa, gama tokkoon akkamitti Ustaaz Baale biyya jedhaan dubbii taate. Inumaa Arsii achi dhiibee, Baale rakkoo hin qabdu Rakkoon warra Arsii bira jedhee Arsii Mootummatti diinomsuuf jedhe warri jedhanis arge🙂 [ Dubbiin tun an dhugaadha jedhee tasuma an hin fudhadhuu beekaa]. Warra dheebuu ajandaa qabutu jiran seeha, dubbii hafarsuun garuu ittuma fufe.

Jidduma kanattimmoo ka warra Arsii tokko Baales, Seenaa Gootota Baalee ilaalchisees waan tokko barreesse. Wanti barraaye, miira keessa nama galche. Aadaan yeroo wahii walirratti duuluu tuni waan nu keessatti hidda godhatteef Rabbi haa beeku. Rabbis nu keessaa haa buqqisu.

Ani, marii Tiktookii san seenee, ijoollee sanis tasgabbeessuf, mee irratti mari’annaa, an gurbaas nin dubbisaa guyyaa muraasa naaf kennaa jedheen. Tole jedhanii, anis gurbaa qunnamee, maalif akkas jedhee akka barreessuu filate gaafadhe. Gurbaanis waan barreessef naaf hime. Yaada isaa kana qabadhee, ijoollee waliin haasaye san, keessan barreessee mee bilbila naa ergaa ni mari’annaa jedheen. Isaan nama lama, lameenuu deebii naaf hin deebisne.

Kaleessas yoon Tiktook an seenu, yeroo mari’atan argee, xiqqoo dhageeffadhe. Ammas miiraan namoonni haasa’an akka jiran arge. Ka yaada araaraa kaasus arge. Jidduu kana ani, hojmanee ofirratti fudhadhe hojjadhee, ni mari’anna jedhee keessan isiniif yoo barreessu maaf hin deebisinaa jedheen. An gurbaa dubbisee akkan yaada isaa harkaa qabu, yaada garanaan jirus dhageeffachuuf mari’achuutu gaaridha jennaan, waan isaan waliin haasofte Publicly nutti himi naan jedhan. Lakki, an waan keessan nama waliin haasaye alatti wanti dubbadhuuf hin jiru jedheen. Inni bar Publicly seenaa keenna xureessee, ati maalif harka irra qabda naan jedhan. Well, an wanti harka namarra na qabsiisu hin jiru, garuummoo rakkoo kamuu mariitu fura jedhee waan amanuufi jedheen.

Inuu faallaa natti dallanuu eegalan😀

Tokko atuu garee isaati naan jedhe.
Tokko wanti gurbaan kun dubbatu firii takkas hin qabdu naan jedhe.
Tokko inumaa si fa’atu duuban jira naan jedhe.
Tokkommoo dubbii tee keessatti waan hamtuu guddoo argineeyyuu atis seenaa Ummataaf hayyoota Baalee xureessuu feeta naan jedhe😄😄😄
Tokkommoo, hin sobdaayyuu ati gurbaayyuu hin dubbisne naan jedhe😃 Damn jette faranjiin📍
Tokko gurbaan bakka jirutti qaxxa’amuu qaba jedhe.
Tokko gurbaan seeratti dhiyaatuu qaba jedhe.
Ka tuqame Baale waan taheef, as keessaa namni ati addatti dubbitu hin jiru naan jedhe [ Bar guyyaa jalqabaa isinii barreessa ni mari’anna jennee walii gallee turree😄]

Ani Miskiintichi keessan, Rakkoo furuuf sirna itti godhanii, nama itti godhanii, ka balleesses dhiifama gaafatee, ka miidhames dhugaa argata malee caluma jedhanii miira keessa wal galchuudhaan waan furamu natti hin fakkaannef waa yaaluu barbaadee ture. Ijoollen anaayyuu awwazaaggabdee mana sanii baqadhee baye - lamuu ooydaa dubbii akkasii yoo dhaqe badiinuu kiyya😄😄 Hooo! Dhiibanii dhiibanii Saahiba kiyya ka Gaasaraa tokkoon walitti na busaniiyyu jedhee baqadhee bahe😄

Kabajni, Jaalalliifii Ulfinni Ummata Oromoo Baaleetiid an qabu ol’aanaa waan taheef, dubbii tana waan furuun dandahamu sehee itti zaw jedhe🙂 Zaw na godhan malee😄😄😄 Eat your job guys!

Anyways,

BAALE Ummata Oromoo bal’aafis madda Oromummaafi Madda Goototaati. Biyya hayyuu, biyya aalimaa, biyya naamusaa, biyya Oomishaati. Gosaafi sanyii eenyumtuu filatee hin arganne. Arsoomnis tahee Oromummaan eenyuyyuu eennuf kennu hin jirtu. Namni seenaa qabsaa’ota kamuu xureessuus barbaadu, yaaduma ifaaja malee dhugaa aduun itti baate haguuguu hin dandahu. Gaafa miira keessa galamu Seenaa hin taane barreessuun Dogongora. Ofduraafis irraa of qusachuun dirqama. Immoo, namni kamuu yoo eenyumayyuu arrabse yookin xiqeesse ofuma bakka bu’a. Kanaaf, sababa nama tokkoo Ummata bal’aatti bu’uun sirrii miti.

Haaji Aadam Saaddoo faanti wanti Baalerraa ka’anii Jeneraal Taaddasaa bira dhufaniif, wanti isaan walitti hidhu waan jiruufi. Diina tokko waan qabaniifi, waliin qabsaa’uun kopha kophaa qabsaa’uurra ni caala jedhanii waan amananiiifi. Ijoollen Baalee gaafa namni kamuu daangaa dabru loluun, haqa dabde sirreessuf mari’achuun keessan dubbii haqaati. Yoo dubbiitti roga godhuu dandeettan, falli ni argama - ka balleesse dhiifama gaafachuus haa tahu, haa gaafatamuus haa tahu or whatever. Yoo namuu loluuf dallanuu qofa tahe garuu, falli hin dhufu. Yookii sirna itti godhanii fala itti godhuudha malee, miiruma keessa walgalchitanii wal hin dadhabsiisinaa. Yoo waa furaa hin deemne boru ka Gindhiir Biyya jedhutu dhufa. Waaqoo Guutoo keessanii mitii keenna qofa ka jedhutu dhufa✍🏽

Kanuma
Keenyas Oluma

Obbolii👇🏽 Yaaduma mataa keettii ofumaa of sobuuf dhamaata yoo taate malee Ajandaan yartuun akkanaa eessaa akka dhufte xi...
08/23/2025

Obbolii👇🏽

Yaaduma mataa keettii ofumaa of sobuuf dhamaata yoo taate malee

Ajandaan yartuun akkanaa eessaa akka dhufte xiinxaluu dadhabdee yookin qaamuma saniif ergamaa tahuu yoo feete malee

Dhugaa eenyufuu ifa tahe ija cufattee haaluu yoo feete malee

~ Biyyi akka biyyaatti
~ Ummatni akka ummataatti
~ Godinni akka godinaatti
~ Gosti akka gosaatti
~ Gandi akka gandaatti
~ Balbalti akka balbalaatti

GAARINIS

HAMTUUNIS

Adduunyaa kanarra hin jirtu📍

Ana abaluu abaluu, ka gosa akkanaa, kan mootii akkanaa
jinnii jaankaa jettee Xurumbaan ati ooftu eenyumaayyuu caalaa dubbii yartuu ati ittiin of sobdu akka taate baruu dandahuu qabda.

Uuman nama jaalatamaa namaafii dacheen jaalattu eessaa akka qabu isuma qofatu beeka. Hamaa namaa, boolla isaa guutuu waliinis kan beeku isuma.

Immoo atiin naannoo, ganda yookin gosa wahii maqaa dhahataa xurumbaa oofaa ooluu barbaaddu, eenyufuu osoo hin tahin gosuma dahoo godhachuuf jettee maqaa dhoftu saniif jecha irraa dhaabadhu. Ilmoon balaa, nama arrabsiteet arraba warratttiin galti!

Kana beeynaa nuti hafarsaa fiinyaa yoosuu xash jettu gaafa arginu nuttis hin hoo’ine, nuttis hin qorrine. Kanaafis, of qofa bakka buunee haasofna✍🏽

Kanuma
Keenyas Oluma

Address

New York, NY

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oluma posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oluma:

Share