Oromia Stars

Oromia Stars We’re an energetic and forward-thinking digital media platform with a passion for keeping you informed and inspired.

We features on Locals, National, Continental, & Global News that keeps you connected with what’s happening in the world around us. Oda Entertainment is yours; visit, comment, share and invite others

11/21/2025

✍️Namoonni 11,000 Humnoota TPLF'n buqqa'an deeggarsa dhabanii gaaddisa mukaa Jala jiru...,
✍️Humnoota Affaariifi TPLF gidduutti Waraanni eegaluuf Ajaja qofatu hafa;
Oduuwwan kanaafi kanneen biroo 'Link' kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa!👇
https://youtu.be/o63wlTWrevE?si=mmf80iVwM2w2yGJV

11/20/2025
Bulchiinsi Yeroo Tigiraayi hanqinni baajataa isa mudachuu beeksise; OS - Sadaasa 20/2025  sababa hanqina baajataa cimaat...
11/20/2025

Bulchiinsi Yeroo Tigiraayi hanqinni baajataa isa mudachuu beeksise;

OS - Sadaasa 20/2025
sababa hanqina baajataa cimaatiin sirreeffama miindaa siiviil sarvisii federaalaa haaraa hojiirra olee ture, guutummaatti hojiirra oolchuu hin dandeenyee jedhe.

Naannichi sirreeffama mindaa hojjetoota Mootummaa Fulbaana 2025 irraa eegalee hojiirra oole, guutummaatti hojiirra oolchuuf hanqinni baajata cimaan akka isa mudate miidiyaaleen Tigiraayi gabaasaniiru.

Iskeelii mindaa hojjettoota mootummaa fooyya’e kana hojiirra oolchuu akka hin deenye kan himan, Komiishinara Komiishinii Karoora Tigraay Haansaa Teklaay, sababa hanqinni maallaqaa guddaa ta’e mudate irraa kan ka’e hojiirra oolchuu hin dandeenyee jedhan.

Kana hojiirra oolchuuf Waggaa kanaaf birrii biiliyoona 12 gaafata. Kan mootummaan federaalaa nuuf erge immoo birrii biiliyoona 4.8 qofa dha. Hanqina birrii biiliyoona 7 ol qabna, kana ammoo sadarkaa naannootti guutuu hin dandeenyuu jedhan.

Waggaa darbe keessa gaaffileen kaffaltii fi mindaa waliin walqabatan Tigraay keessatti irra deddeebiin kan mul’atan yoo ta’u, mufannaa hojjetoota mootummaa fi humnoota nageenyaa birattillee bal’inaan akka mul’atu himaniiru.

Naannichi dhiibbaa humnoota TPLF'n ataakaroo waraanaa keessa jira. Bulchiinsi yeroo naannichaas Siyaasa TPLF jalatti sababa kufeef, walaba ta'ee fedhii uummata naannichaa kabajuu hin dandeenye.

Inumaayyuu baajanni naannichaa harkicaalu miindaa humnoota ittisaa Tigiraayi kan isaan TDF jedhaniif akka oolu Presidaanti bulchiinsa Tigiraayi duraanii obbo Geetaachoo Raddaa himaa turan.

Humni hidhatee naannicha keessa jiru, humna baajata naannichaan ol sababa ta'eef hiikkatee gara hojii idilee isaatti haadeebi'u jedhamaas ture. Ta'us hoggantoonni TPLF hin eeyyamne.

Haleellaa Meeshaa gurguddaa TPLF raawwatuun jiraattonni naannoon Affaar haala rakkisaa keessa jiraachuun himame; OS - Sa...
11/20/2025

Haleellaa Meeshaa gurguddaa TPLF raawwatuun jiraattonni naannoon Affaar haala rakkisaa keessa jiraachuun himame;

OS - Sadaasa 20/2025
Torbee tokko dura gandoota Affaar jaha to’atee kan ture TPLF ammallee naannoo sanatti haleellaa meeshaa waraanaa gurguddaa raawwataa akka jiru qondaalli olaanaan Naannichaa himaniiru.

Naannoo Affaaritti lakkoofsi namoota Gandoota akka Toonsaa fi naannolee ollaa irraa buqqa’anii kuma 18 kan ga’e yoo ta’u, namoonni 11,000 ta'an hanga ammaatti gargaarsa namoomaa akka hin arganne qondaaltonni naannichaa “Ethiopia Insider” tti himaniiru.

Mootummaan Naannoo Affaar ibsa gara torbee lama dura baaseen “gareen TPLF” Aanaa Magalee ganda Tonsaa haleeluu fi gandoota 6 humnaan to’atan jechuun himate.

Tibbuma sana Bulchiinsi Yeroo Mootummaa Naannoo Tigraay ibsa guyyaa tokko booda baaseen, humnoonni TPLF “Naannoo Affaar weeraree akka hin jirre himuun, himannaa MN Affaar TPLF haleellaa narratti raawwate jedhu haaluun isaa ni yaadatama.

Qondaalli Ganda Toonsaa tokko akka jedhanitti hidhattoonni “humnoota Tigraay” jedhanii waaman kunneen ammallee naannoo Milkii, Warea, Mila, Kerefetu, Kasobera fi Keremuga torban lama dura to’annaa jala oolchaan ammas gadihindhiisnee jedhan.

Jiraattonni gandoota kanarraa buqqa'anis mana barumsaa ganda Arorii keessattiifi gariin ammoo muka jala gaaddisa godhatanii
haala rakkisaa keessa jiruu jedhan.

“Ethiopia Insider” Odeeffannoo raayyaa ittisa biyyaa irraa mirkaneeffadheera jedheen, humnoonni TPLF ammallee dhuguma naannicha buufatanii jiruu jedhe.

“Ethiopia Insider” bilbilaan dubbisuu kan hime ittigaafatamaan ganda Tonsaa, “humnoonni Tigraay” darbee darbee meeshaa gurguddaa dhukaasaa akka jiran mirkaneeffadheera jedha.

Milishoonni Affaaris gandoota Humnoota TPLF'n qabaman kana ittdhiyeenyaan hordofaa akka jiran himan. Naannichatti waraanni deebi'ee ka'uuf ajaja humnoota olaanoo qofa akka eeggatanis himameera.

Affaaritti namoonni kuma 18 ol Humnoota TPLF'n qe'ee isaanniirraa buqqa'anii jiraachuun himame;OS - Sadaasa 18/2025Humno...
11/19/2025

Affaaritti namoonni kuma 18 ol Humnoota TPLF'n qe'ee isaanniirraa buqqa'anii jiraachuun himame;

OS - Sadaasa 18/2025
Humnoonni TPLF Naannoo Affaar bakkeewwan 6 qabatanii turan ammayyuu gadihindhiisne, inumaa lafa qabatan ittibal'ifachaa, darbee darbee ammoo Meeshaalee gurguddaa dhukaasa, jiraattota naannichaa yaaddoo keessa galchaniiruu jedhame.

TPLF daangaa cehee Naannoo Affaariin akka hin seenne haalus, bulchitoonni Gandoota naannichaafi Hawaasni ammas Tplf lafa qabatee ture gadihindhiisne, jiraattonnis sodaa nageenyaan hedduminaan buqqaa'aa akka jiran himameera.

Dura namoonni 2000 akka buqqa'an himame, achiis 7000 gahuu, Amma ammoo Kuma 18 ol akka ta'e himameera.

Baay'inni namoota buqqa'anii dabalaa akka jiruufi deeggarsi hatattamaa akka isaan barbaachisus himameera.

Xalayaan ABO fi KFO'n Presidaanti Shimallisiif barreessan maaliif Ajaandaa dubbii ta'e? OS - Sadaasa 19/2025 Dhaabbileen...
11/19/2025

Xalayaan ABO fi KFO'n Presidaanti Shimallisiif barreessan maaliif Ajaandaa dubbii ta'e?

OS - Sadaasa 19/2025
Dhaabbileen siyaasaa Oromoo gurguddooniifi namoonni Siyaasaa gameeyyiin Jaal ibsaafi Pro. Mararaa Guddinaa dhimma Oromoofi Oromiyaa irratti Presidaanti Shimallis waliin haasa'uu barbaanna jedhanii xalayaa barreessuun isaanii Ajandaa Miidiyaa Hawaasaa ta'ee ittifufeera.

Gaaffiin cimtuun gameeyyyiin Siyaasaa kun dhimma Oromoo irratti haasofna jedhanii Presidaantii naannichaaf barreessuun isaanii kabaja guddaan ilaalamee jajjabeeffamuu waanqabu fakkaatus qeeqaafi yaadota adda addaa keessummeessaa jira.

Xalayaa isaan barreessan kana ilaalchisee yaadota wal-falmisiisoo lamatu jira.

Gariin wayita jajan, gariin ammoo qeeqaa turan, Oromiyaan nagaa barbaaddi, uummanni oromoos nagaa dheeboteera, obbolewwan gidduutti dhukaasi dhaabbachuu qaba, kanaaf ammoo bu'uurri isaa mariidha jechuun yaadicha kan jajjabeessan danuudha.

Gariin ammoo jarri qofti presidaanti waliin mari'achuun nagaan fiduu danda'u hin qabu, humni hidhatee mootummaa waliin lolarra jiru osoo keessatti hammatameerata'ee abdiin nagaa buusuu qabaachuu mala ta'a, amma garuu andiin inni qabu xiqqaadhaa jedhu.

Keessattuu ammoo geggeessitoota siyaasaa gurguddoo kana kan qeeqan, duraan waamicha Muummee Ministiraa didanii amma maaltu taanaan gaaffii dhiyeessan, mootummaa cehumsaa jechaa turani amma maaltu ta'uufii didee jennaan ofiin gaafatan jechuun qeequ.

Maaliyyuu ta'u gameessonni siyaasaa kun jijjiirama qabsoo saba kanaa keessatti shoorri isaan qaban guddaadha. Seenaa qabsootiinis, umuriinis Hangafoota warra amma aangoo siyaasaa of-harkaa qabanii sababa ta'aniif kabaja maluuf argachuu qabu kan jedhanis hedduudha.

Gaaffii isaanii ilaalchisee Mootummaan ifatti deebiin kenni jiraachuu baatus, Presidaanti shimallis Hayyoota Siyaasaa kana argatanii waliin akka mari'atantu eegama.

Tarii Activistoonni Ayyaanlaallattuu ta'an waanuma isaanitti fakkate afarsuun namoota kana xiqqeessuuf yaalu.

Presidaanti Shimallis akka Activistoota Ayyaanlaallattoota kanaatti yaadu jedhamee hin eegamu. Gameeyyii Siyaasaa kanaaf Kabaja akka qabantu amanama.

Torban darbe akka Jeneral kaasanii kan turan keessaa, faayidaa dhuunfaa ofiif warri wixxifatan, nagaan akka bu'us kan hin feene, jeequmsa keessaa bu'aa warri argatan marii karaa nagaa mormu.

Quuqamtoota Mootummaa fakkaatu, gariin ammoo quuqamtoota warra paartii morkattootaa fakkaatu, gidduutti ammoo ibiddaafi cidii firfirsu. Jarri akkasii warra duuti ilma namaa galii isaaniif galchu, nagaan yoo bu'e warra maddi galii isaanii gogudha. Kanaaf nagaan akka dhufu hin fedhan.

Dhimma marichaa ilaalchisee Pro. Mararaa Guddinaa, waan saba keenaya baraaruu danda'u irratti eenyu wajjiinii ni mari'anna, hanga humna keenyaas nagaa Oromiyaaf ni carraaqnaa jedhan.

Filannoo bara kanaatti akka hirmaatanis ibsuun, ulaagaan guutamu qabu maal akka ta'es dubbataniiru.

Ulaagaawwan filannoof barbbachisan keessaa nagaan isa bu'uuraati.

Waan bu'uuraa kanaaf deebii kennuuf ammoo waliin mari'achuun tarkaanfii sirriidha. Kanaafis xalayaan Presidaantiif barreessan deebiin isaa eegamaa jira.

Warri Mootummaaf, akkasumas ABO fi KFO f waan quuqaman fakkaachuun dubbii gara hin malletti jal'isuuf yaalan qalbiitti haa deebi'aniin dhaamsa keenya!
!
'ee Oromoof!

Manni Maree Nageenyaa UN karoora karoora Tiraamp Gaazatti nagaa buusuuf baase, wayita deeggaru Haamaas garuu ni morme;OS...
11/18/2025

Manni Maree Nageenyaa UN karoora karoora Tiraamp Gaazatti nagaa buusuuf baase, wayita deeggaru Haamaas garuu ni morme;

OS - Sadaasa 18/2025
Hojiirra oolmaan isaa harkifataa ta'us, Karoora abbaa qabxii 20 Tiraamp dhiyeessee tureen walgalteen waraana Gaazaa dhaabuu Israa'elifi Hamaas gidduutti mallattaa'ee ture deeggarsa hawaasa idiladdunyaa argatee turuun isaa ni yaadatama. llll

Amma immoo Manni Maree Nageenyaa UN yaa'ii taa'een karooricha irratti sagalee kenneen deeggareera.

Karoora Tiraamp kana keessatti Gaazatti nagaan Gaazatti akka bu'uuf Humni Tasgabbeessaa Idiladdunyaa akka hundaa'u ibsameera.

Biyyoonni heddu humna tasgabbeessaa kanaaf waraana akka gumaachan US ibsitee turte.

Miseensota Mana Maree UN keessaa biyyoonni 13 karora Gaazatti nagaa buusuu Tiraamp yoo deeggaran, Raashiyaafi Chaayinaan sagalee kennuurraa of qusatan.

Hamaas garuu murtee UN kana mormuun murtichi "fedhii mirgoota uummata Filisxeem kan yaada keessa galche miti" jechuun balaaleffate.

Loltoonni Erteraa   dhabuufi   daangaa Itoophiyaatti dhiyaachuun Isaayyaasitti yaaddoo uumuun himame;OS - Sadaasa 18/202...
11/18/2025

Loltoonni Erteraa dhabuufi daangaa Itoophiyaatti dhiyaachuun Isaayyaasitti yaaddoo uumuun himame;

OS - Sadaasa 18/2025
Loltoonni Ertiraa umuriin kan fagaatan ta'uu hordofee Waraanni Itoophiyaa Waliin kan Eegalu yoota'e yaaddoo waan itti ta'eef Mana manarra deemuun humnaan qabuun gara Leenjii Waraanaatti namoota dabalataa akka jiran gabaasni baase ni mul'isa.

Ulaa galaanaa Asabiin wal-wabatee Itoophiyaafi Erteraan muddama keessa erga galanii bubbuleera. Jechoonni Waraanaa gamlachuunuu darbatamanis qaxanichatti yaaddoo uumeera.


Barruun Newsline jedhamu xiinxila qabatee baheen Erteraan yaaddoo gurguddaa lama akka qabdu hime. Inni duraa Loltoonni Erteraa Umuriin dulloomuu ta'uun isaaniifi Buufanni doonii Itoophiyaatti dhiyaattee argamuun ishee Lola Itoophiyaa Waliin geggeessitu irratti carraa mul'amuu ishee bal'isuu danda'aa jedhe.

Dabaluunis Xiinxalichi akkas jedhe "biyyoonni lachuu Waraana eegaluuf haala eeggataa akka jiran eeruun, Waraana kallattiin Itoophiyaa waliin eegaluurra jeequmsa biyya keessatti akka jabaatu gochuun, Hidhattoota Mootummaa wajjiin wal-lolaa jiran jabeessuun keessoo Itoophiyaa Tasgabbii dhorkuu akka tooftaa Waraanaatti fayyadamaa jiraa jedhe.

Gabaasichi Waraanni yoo eegale gamlachuunuu gaaga'amni guddaan akka uumamu ibsuun, Itoophiyaan sababa keessoon ishee rakkoo qabuuf, gaaga'amti.
Erteraan ammoo Sababa hanqina loltoota dargaggoo qabduufi teessumni lafa xiyyeeffannoon Waraanaa irra jiruu Itoophiyaatti dhiyaatuuf miidhamuu malti, akkasuma Carraan lafa ishee dhabuullee bal'aadhaa jedhe Xiinxalichi.

Keessattuu Waraanni Kaaba Itoophiyaa Hidhattoota Faannoo Waliin Mootummaan geggeessaa jiruufi wal-dhabdeen TPLF Waliin qabu Erteraaf akka carraa gaariitti yoo ilaalamu, Itoophiyaaf ammoo gaaga'ama ishee akka bal'isu Ibsa. Ta'us waraanicha keessatti Erteraan Carraan lafa ishee xiyyeeffannoon Itoophiyaa irra jiruu dhabuu bal'aa ta'uu hin dhoksine.

Dabalatas waraanichi Miidhaan inni Mootummaa 4kiiloof guddaa ta'uu himuun, Inumaa ammoo Mormitoota Mootummaa Erteraa fayyadamuun Carraan bulchiinsa Isaayyaas dhabamsiisuus bal'aadhaa jedhe.

Address

Mountville, PA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Stars posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share