07/23/2025
"Waraana Shaneetiif Mobile chaarjii guuta" jedhanii abbaa ishee barbaacha deemani. Akka tasaa abbaan mana hin turre. Haati mucaa kana baatteetu dhaabbatti. Mucaa Harkaa fuudhanii lafa kaa'ani. Haadhaan irraa achi siqii ilaali waan goonu jedhaniin. Haati na sodaachisuuf malee ni a**eesu jettee tasuma hin yaadne. ija haadhaa duratti daa'ima qoreedhaan waraanuuf iyyuu si sassachiistu kana qawwee itti dhukaasanii galaafatani. Haati daqiiqaa tokko dura ilmoo nagaa baadhataa turte reeffa dhiigaan laaqame lafaa fudhatte. Kan kana godhe, qaamuma nageenya keessanin siniif eega jedhee hawaasa sana keessaa ba'edha. Akka herrega jaraatti nama ajjeesuuf deemanii nama barbaadan sana yoo dhaban rasaasni isaan dhukaasuuf deeman sun deebi'ee galuu hin qabu kanuma arge ajjeesa malee.
Kaleessaa fi dheengadda dhimma kana qulqulleeffachuuf jechan callise. Kaan waraana mootummaati jedha. Kaan Waraana WBO ti jedha. Amma garuu haadha ilmoo kana deesse irraan qulqulleeffadhe. Kan daa'ima kana a**eese miseensa waraana Mootummaa kan Abbaa ishee qabuuf deemee manaa dhabedha. Kan hunda dura silaa balaaleffachuu qabu qaama mootummaa ture. Koominkeeshiniin Godinaas ta'ee, Aanaa homaa hin jenne. Hin balaaleffanne.
Qaamni gocha kana raawwate hatattamaan seeratti dhiyaatee gaafatamuu qaba. Hangasitti sagaleen keenya itti fifa!
Odeeffannoo adda addaa dhugaa irratti hundaa'ee argachuuf fuula facebook Kenya kana follow Like share godhaa