10/03/2025
Ila Akkatti Bareedu Hidhannoon Gootaa Jedhe Gurbaan sun, osoo soogidda dhandhamee akka hin taane taheen dura.
Abbichuun
Oromummaa kee bu’uura godhadhu,
Oromoos tuffachuu dhiisi
Oromiyaa gadi qabdee, dandeettu diigdee abjuu Itiyoophiyaa guddoo ijaaruu san dhiisi
Ummata kee irraa of hin fageessin
Oromiyaa keessatti nagaa waaraa buusi
Gaafa jedhamee osoo jaarsi hin hafin kadhatamu, dhiisaa Oromoon siyaasas hin beeku, siyaasafis hin fayyadu jedhee ofirraa dhiibaa ture.
Gaafas, warri Kaabaa, keessattuu humnoonni Amaaraa ( garaan waan biraa itti yaadaa), yeroo tokko tokko afaaninis ( Kuni Hoomocha) jedhaanii baatee, dhumarratti diina ifaa waliin taate. Har’a kan eenyuyyuu caalaa Abbichuu hadheeffatee jibbus, kan diiguu barbaadus isaani.
Har’a Abbichuun Amaaras, Tigrees harkaa hin qabu. Oromoo duruu tuffatee ofirraa dhiibaa ture hawwatuuf garuu hedduu yaalaa jira. Hojii zalmaaxayaa akka gaafa fedhan Oromummaa ol kaasuu, gaafa fedhan gadi qabuutitti deebi’ee jira. Fakkeenyaaf, irreechi waggootuma muraasa dura dhoorkamaa ture har’a spoonsarummaa mootummaatiin gaggeeffamaa jira. Kun ejjannoo dhaabbataa dhabuurraa madda, ayyaan laallattummaadhasi.
Ummata tokko, ejjannoodhaan kooti jedhanii fudhachuun, keessattuu Ummata guddaa akka Oromoo, yoo nama milkeesse malee kasaaraa hin qabu. Itiyoophiyaa keessatti Oromoo haqaan onnee boojinaan, biyyattii nagaha isiitis haala amansiisaadhaan mirkaneessuun, guddina dinagdee isiitis saffisiisuun ni laaffata.
Siyaasni ayyaan laallattummaa garuu, boodden isaa salphinumaafi kasaaradha! Ummata tokko gaafa rakkataniifii gamaa gamanaan hudhaman qofa itti irkachuuf yaaluun, ammas Ummata kana ija tuffiitiin ilaaluudha. Ummanni garuu, hammamuu tuffatamee gadi qabamus, akkaafi baraaf keessa isaa dubbachuu dadhabus, dhugaaf quuqaa isaa sirritti hubata!
Kanuma
Keenyad Oluma