ForX Entertainment LLC

ForX Entertainment LLC U.S.-based entertainment media company | Studio in Cairo, Egypt | Finfinne (Addis Ababa), Ethiopia — coming soon.

08/31/2026

Poolisiin maal Sakatta'aa jira?

YUUBNI GADAA BOORANAA LIIBAN JALDEESSAA DU'AAN BOQATAN. Abbaa Gadaa Booranaa 69ffaa kan turan Yuubni Gadaa Liiban Jaldee...
08/30/2026

YUUBNI GADAA BOORANAA LIIBAN JALDEESSAA DU'AAN BOQATAN.

Abbaa Gadaa Booranaa 69ffaa kan turan Yuubni Gadaa Liiban Jaldeessa kaleessaa boqachuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

Yuubni Liiban Jaldeessa Dhibee isaan mudateen wal’aanamaa turuu fi dhibee dandamachuu dadhabuun ALI Hagayyaa 23/2018 Addunyaa kana irraa boqotan.

Abbaan Gadaa Liiban Jaldeessa,Gadaa Booranaa keessatti Abbaa Hadaa 69ffaa tahuun gaggeessaa kan ture yeroo tahu, qaroo, jabaa, Jaalatamaa fi nama hawaasaa keessaatti nagaa fi araaraa buusuun beekamuu dha je'an gabaastonni.
Kana malees bara Gadaa isaanii Sirnaa Gadaa jabeessuu fi gaggeessuu qofa osoo hin taane, daangaa Oromiyaa eeguu keessatti adda durummaan hojjechaa turuu isaanitu ibsame.

Hanga lubbuun isaanii boqottuttis aadaa, duudhaa fi safeeffannaan Oromoo kabajamee dhalootatti akka darbu nama hawaasa Booranaa tajaajilaa turan tahuu seenaan isaanii ni hima.
Reeffii abbaa Gadaa Booranaa 69ffaa fi abbaa seera Gadaa Booranaa Liiban Jaldeessaa magaalaa Yaaballootti guyyaa har'aa kan samatame yeroo tahu,
Sirni awwaalcha isaanii guyyaa boruu godina Boorana bahaa aanaa Areeroo qa'ee isaanitti kan gaggeeffamu tahuun ibsamee jira.

08/29/2026

Maaltu mudate? Qorattoonni maal je'an?

Piriimiyer liigii ingilaand torbee lammaffaa har'a gageeffamaa tureen, Hull City n injifannoon galee jira. Tottenham fi ...
08/29/2026

Piriimiyer liigii ingilaand torbee lammaffaa har'a gageeffamaa tureen, Hull City n injifannoon galee jira.
Tottenham fi Newcastle taphachaa jiran.

Hull City n torbee dabre Man United 2 fi 0 n injifate Ar'as kilaba Waggaa Dabre Shaampiyoonship irraa Isa dursee Shaapiyoonaa tahe Conventry City Dirree isaatin ala 1 fi 0 moo'ee Tapha lama irratti qabslxii 6 kuufatee jira.

08/29/2026

Namicha biyya Chaaynaa Dinqisiisoo

Liiverpuul 2 – 2 Notiingahaam ForestiPriimiyer liigii ingiliiz torbee lammaffaan Liverpool Nottingham Forest keessummees...
08/29/2026

Liiverpuul 2 – 2 Notiingahaam Foresti

Priimiyer liigii ingiliiz torbee lammaffaan Liverpool Nottingham Forest keessummeessee 2fi2 qixxee bahe.

Taphni kunis har'a waaree booda sa’aatii 8:30 eegalee Anfiildi irratti taphatame.

Liiverpuul taphoota lamarratti galchiiwwan 4 lakkoofsisuun, galchiiwwan 4 ammoo keessummeessee jira.

Qabxii argachuu qabu 6 keessaa 2 qofa milkeesse.

08/29/2026

Gaafa dhufu "እኔ ከመምጣቴ በፊት ሁላችሁም ዕድል ነበራችሁ…

08/28/2026

Akkamitti Namni yaada kee beeka? Qaroominaa

KIRKIRA LAFAA Kirkirri_lafaa cimaan reekter iskaalii 6.0 qarqara Galaana Edenii kan Somaaliyaafi Yaman jidduutti argamut...
08/28/2026

KIRKIRA LAFAA

Kirkirri_lafaa cimaan reekter iskaalii 6.0 qarqara Galaana Edenii kan Somaaliyaafi Yaman jidduutti argamutti mudate.

Kirkirri lafaa kun Hagayyaa 28,2026 Jum'ata har'aa ganama kan mudate tahuu, Dhaabbanni Hordoffii Kirkira Lafaa Yuunaaytiid Istets (USGS) ibsee jira.

Dhaabbatichi, kirkirri lafaa galmaaye kun gadi-fageenya ol dhiyoorratti kan mudate yoo tahu, wiirtuun kirkira lafaa kun daangaa qarree galaana Somaaliyaa irraa kiilomeetira 145 fageenya irratti argama.

Dhaabbanni biraa garuu kirkirri reekter iskeelii 6.2 mudachuu galmeesse.
Qorannoo Dhaabbilee lamaanii jiduu xiqqo garaa garummaan uumamee jira.

Dhaabbanni oduu Masrii Dhaabbata Qorannoo Saayinsii Lafaa Jarman (GFZ Research Centre for Geosciences) wabeeffachuun, kirkirichi reekter iskeelii 6.2 ta'uu gabaase.

Kirkira lafaa Uumame kanaan hanga ammatti Miidhaan dhaqqabe hin ibsmne.

JOONIIN INJIFATE! Morkii Seeddoo fi Joonii jiddutti gaggeeffamaa turte Ol'aantummaa Joonitiin xumuramte.Dorgomaan Guyyaa...
08/28/2026

JOONIIN INJIFATE!

Morkii Seeddoo fi Joonii jiddutti gaggeeffamaa turte Ol'aantummaa Joonitiin xumuramte.

Dorgomaan Guyyaa har'aa Qabattoo badhaafame Yohaannis Silashii, kan miidiyaa hawaasummaa irratti “Joonii Jiiyuu Juutisuu”n beekamu, Dhaadannoo isaa "Seddoo Miilan cabsa jechaa ture, akkuma kuffifateen Haka Seddoo Cabsuuf yaalii guddaa godhe.

Kaamil Nagaash, yookaan “Seeddoo”n kan beekamu, Akkuma Wal'aansoo jalqabanii Jooniin kuffifamus, jala ciisee miidhaa cimaan akka irra hin geenyeef ittisa jabaa fi jidduu jidduun miilaan rukutaa ture.
Jooniin Dorgommichaaf Muuxannoo yeroo dheeraa qabaachuu irraa kan ka'e, Seeddoo kuffifannaan Tooftaan lafatti qabuun jiddu jidduun haleelaa moo'ate.

Morkiin kun Joonii fi Sedo qofa osoo hin taane, Dhiirota akka Idiriis Takluu kan Booykaa lafaan dhahee Funyaan cabse dabalatee, Nikaatahilliinaa kan Amma dura Jooniin injifatame har'a Morkataa isaa injifatee jira.

Dorgommiin kun galgala Sa'aatii 12:00 irraa eegalee hanga halkanirraa sa'aatii 9:00tti gaggeeffame.
Dorgommiin akkanaa Itoophiyaa keessatti haaraa tahuu irraa kan ka'e, Jaalattionni Ispoortii kanaa ji'ootaaf Hawwiin eegaa turan, hirriiba dhiisanii Daawwachaa turan.

Address

Portland, OR

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ForX Entertainment LLC posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to ForX Entertainment LLC:

Shortcuts

Share