OBN International

OBN International OBN International is a non profit Media Organization based in Minneapolis,Minnesota USA.

12/04/2022

Godaa hambaaMalkaa Qunxurre bakka hambaa qaroomina dhala namati

OBN Waxabajjii 22,2012- ODUU GADDAAWeellisaa Haacaaluu Hundeessaa ajjeefame.Weellisaan Oromoo beekamaan Haacaaluu Hundee...
06/29/2020

OBN Waxabajjii 22,2012- ODUU GADDAA

Weellisaa Haacaaluu Hundeessaa ajjeefame.

Weellisaan Oromoo beekamaan Haacaaluu Hundeessaa rasaasaan rukutamee ajjeefamuu beekkameera.

Galagala kana Magaalaa Finfinnee naannoo Galaanitti rasaasaan dhahame,reeffi isaa qorannoodhaaf gara hospitaalaatti geeffamuun beekameera.

06/25/2020

Oduu galgalaa OBN International

Qophii Dirbaba Oromummaa
06/25/2020

Qophii Dirbaba Oromummaa

Turtii obbo Murtiguutoo Baraartii waliin taasifne
06/24/2020

Turtii obbo Murtiguutoo Baraartii waliin taasifne

OBN INTERNATIONAL: Waxabajjii 17, 2020-Maqaa gaarii biyyaa beeksisuun invastimentii hawwachaa jirra jedhan,biyyoota 'Sca...
06/17/2020

OBN INTERNATIONAL: Waxabajjii 17, 2020-Maqaa gaarii biyyaa beeksisuun invastimentii hawwachaa jirra jedhan,biyyoota 'Scandinavia'tti dippiloomaatii kan taa'an Obbo Lammeessaa Haata'uun.

Hojii hojjetameenis kaampaanonni biyyoota kanneenii gurguddaan afur Itiyoophiyaa keessatti hojii invastimentiirratti bobbaa'anii akka jiran dubbatan.
Kaampaanonni 'H&M fi Yara International' akka keessatti argamanis himan.

Oomishaaleen Itiyoophiyaa kanneen akka Bunaa fi Gogaas gabaa akka argataniif waltajjiiwwan qophaa'an irratti oomishtoonni biyya keenyaa hirmaachuun akka of beeksisan godhaa jirra jedhan.

Oomishtoonni 'Copenhagen fashion festival' irratti dhufanii hojii gama bu’aa Gogaan hojjetamaa jiru beeksisaniiru jedhan.
Kaampaanota Fiinlaandi waliinis buna irratti hojjetamaa akka jiru dubbatan.
Oomishaaleen Itiyoophiyaa qulqullinni isaanii eegamee kallattiin gabaa akka argataniif xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabus dhaamaniiru.
Lammiilee Itiyoophiyaa biyyoota kanneen keessa jiraatan waliin Mirga fi kabaja lammiilee eegsisuun dhimma biyyaarrattis qindoominaan hojjechaa jirra jedhan.

Weerara vaayiresii koroonaa ittisuuf hojii biyya keessatti hojjetamaa jiruufis birrii miliyoona 2.2 karaa Imbaasiin akka walitti qabame himaniiru.
Hojiin kun cimee akka itti fufuuf qindoominaan hojjechaa jirras jedhan. Akaaluu Baqqalaatu gabaase.

OBN INTERNATIONAL: Waxabajjii 16, 2020-Biyya Sawud Arabiyaatti lammiileen Itiyoophiyaa afur Vaayiresii koroonaan akka du...
06/16/2020

OBN INTERNATIONAL: Waxabajjii 16, 2020-Biyya Sawud Arabiyaatti lammiileen Itiyoophiyaa afur Vaayiresii koroonaan akka du'an Imbaasiin Itiyoophiyaa beeksise.

Lammiileen 400 vaayiresii kanaan akka qabamanii fi 4 ammoo akka du'an ragaan mootummaa sawud Arabiyaarraa arganne ni mul'isa jedhan,Sawud Arabiyaatti Ambaasaddarri Itiyoophiyaa Abdulaziiz Ahimad.

Dhibee kanaan wal-qabatee sochiin biyyattii keessatti dhaabbachuu isaanis lammiileen hojii dhaabaniiru; baankii nyaataa mootummaa Sawud Arabiyaarraa fi gurmaa'insa hawaasan deeggarsa garaa garaa argamuun lammiilee kanneen deeggaraa jirras jedhan.

Lamiileen hojii ittisa vaayiresichaaf biyya keessatti hojjetamu deeggaruufis birrii miiliyoona 2 walitti qabuun gara biyyaatti erguuf akka jedhanis dubbataniiru.

Itiyooohiyaan akkaataa ulfaatina rakkoon lammiilee Giddu Galeessa Bahaa deebi'aan dabareen keessummeessaa waan jirtuuf warreen Sawud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi'uuf jedhanis kana beekuun obsaan eeggachuu akka qaban dhaaman.
Lammiileen dhibee kanarraa of eeguu akka qabanis hubachiisaniiru.

Walitti dhufeenyi Sawud Arabiyaa fi Itiyoophiyaa cimaa akka ta'ee fi Hidha Haromsaarrattis hojii dippiloomaasii hojjetameen Sawudiin biyyoonni sadan marii qofaan akka dhimma isaanii furan ijjennoo ishee akka ta'e nu beeksiftee jirti jedhan.

Carrawwan gabaa Sawud Arabiyaa jirus biyyi keenya akka fayyadamtu cimnaan hojjechuu feesisa jedhan. Akaaluu Baqqalaatu gabaase.

OBN INTERNATIONAL: Waxabajjii 11, 2020-Wayita biyyoonni Addunyaa sababa vaayiresii Koroonaan gaaga'ama keessa jiran kana...
06/11/2020

OBN INTERNATIONAL: Waxabajjii 11, 2020-Wayita biyyoonni Addunyaa sababa vaayiresii Koroonaan gaaga'ama keessa jiran kanatti Itiyoophiyaan lammiilee ishee biyyoota alaa keessa jiraataniif xiyyeeffannoo kennuu qabdi jedhan, Jiraataa biyya Sawud Arabiyaa fi bakka bu'aan hawaasa Oromoo naannoo 'Taif' Obbo Jabaluu Jamaal.

Imbaasiiwwan tajaajila kennan yeroo rakkoo kana keessa dhaqqabamaa taasisuu qabus jedhan.

Lammileen dinagdeen fooyyee qaban biyyoota gara garaa keessa jiraatanis biyya isaanii tumsuu akka qaban dhaamaniiru. Akaaluu Baqqalaatu gabaase.

OBN INTERNATIONAL: Waxabajjii 11, 2020- Gaaffii Imbaasiin Itiyoophiyaa biyya Chaayinaa jiru dhiyeesseen Dhaabbileen deeg...
06/11/2020

OBN INTERNATIONAL: Waxabajjii 11, 2020- Gaaffii Imbaasiin Itiyoophiyaa biyya Chaayinaa jiru dhiyeesseen Dhaabbileen deeggarsaa Chaayinaa hojii Itiyoophiyaan ittisa Vaayiresii Koroonaatiif hojjettuuf tumsan. Mootummaa fi uummanni Itiyoophiyaas michuu isaa kan ta'e uummata Chaayinaaf deeggarsa kanaaf galata galchuu isaanii Toora Feesbuukii Imbaasii Itiyoophiyaa Chaayinaa jirurraa arganne.

Address

3055 Old Highway 8
Saint Anthony, MN
55418

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when OBN International posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share