09/21/2026
Mootummaanis humnoonni siyaasaa Kaabaas diina garuu mootummaa buusuuf humnoota kaabaa waliin waltumsuuf deemuun balaa guddaa qabaa jedhan Piroofeesar Asaffaa Jaalataa fi Piroofeesar Mohaammad Abbaajabal Xaahiroo.
Yeroo tokko mariif ABO-WBO bakka bu'uun hanga Taanzaaniyaa kan deeman obbo Xahaa Abdii gama isaaniitiin tumsa ijaarrachuun waanuma jiruu jedhan.
Hayyoonni kunneen dhimma “Tibibbirii” uumame jedhamu ilaalchisee OMN waliin turtii taasisaniiru.
Piroofeesar Asaffaa Jaalataa wayituma kana akka jedhan, humni siyaasaa tumsa ni waammata kun waanuma jiru.
Tumsi amma ijaarame jedhamu garuu tumsa akkasii miti jedhan piroofeesar Asaffaa Jaalataa.
Humnoota siyaasaa kaabaa uummata Oromoo irratti yakkoota jajjaboo hojjatan waliin tumsa tolfachuun ni ulfaata jedhan.
Kaayyoon humnoota siyaasaa kaabaa uummata Oromoo cabsuu akka ta'e ibsan.
Diina lamatu Oromoo irratti aggaammate. Tokko Mootummaa dha, tokko immoo Humnoota Siyaasaa Kaabaati kan jedhan hayyuun kun, warri kaabaa otuma humna Oromoo waliinuu tumsa tolfanne jedhaniiyyuu uummata keenya haleelaa jiru jechuun dubbatan.
Marii fi tumsi orma waliin taasifame jedhame maaliif Oromoo waliin maryatamuu dadhabe? jechuunis gaafatu Piroofeesar Asaffaa Jaalataa.
ABO-WBOn murtii kana irra gahuun dura uummata Oromoo mariisisuun akka irra ture ibsanii, hooggansi dhaabichaa uummata irraa of fageessutu mul'ata jechuun, nama waliin maryachuuf fedhii dhabuun akka jiru ibsan.
Rakkoon Oromoo kan furamu maryannee mooraa siyaasaa Oromoo cimsachuu qofaani jedhan Piroofeesar Asaffaan.
Obbo Xahaa Abdii immoo adeemsi tumsa ijaarrachuu waanuma barame akka ta'e dubbatan.
Gamtaa tolfachuun waanuma jiru kan jedhan obbo Xahaa Abdii, akeekni tumsa ammaa daandii qabsoo gabaabsuu akka ta'e dubbatan. Toftaa ta'uus ibsan.
Kaayyoon humnoota siyaasaa kaabaa akka beekamu eeranii, ABO-WBOn ofeeggannoo taasisa jedheen abdadhaa jedhan.
Balaa dhufu ofeeggataatuma tumsa ijaarrachuu wayyaa yaada jedhu obbo Xahaa Abdii deeggaranii dubbatan.
Oromoon humna isaa jabeeffachuu akka qabu kan eeran obbo Xahaan, humna qabsoo isaa tumsee jabeeffachuu akka qabus dhaamaniiru.
Piroofeesar Mohaammad Abbaajabal Xaahiroo gama isaaniitiin mootummaan Itoophiyaa uummata Oromoo irratti badii guddaa raawwataa jira, garuu eenyu waliin dhaabbannee mootummaa waraanna kan jedhu sirriitti ilaalamuu qaba jedhan.
Warri kaabaa fedhiin isaanii Oromoo cabsuu kaayyoo isaanii ifatti himataa jiraachuu isaanii ibsan.
Otuma mootummaan Abiy bu'eeyyuu qabsoo boqonnaa biraatu dhufa. Humnoonni siyaasaa kaabaa uummata Oromoof balaa guddaa dha jedhan.
Mootummaa Abiy caalaa jarri uummata Oromoof hamoo akka ta'an ibsan.
Mootummaan Abiy mootummaa badaadha garuu biyya keessan miti nuun hin jenne, jarri garuu biyyuu keessan miti nuun jedhu jedhan piroofeesar Mohaammad Abbaajabal Xaahiroo.
Warra kana waliin tumsa ijaarrachuun uummata Oromoof mitii ABO-WBOfuu kan fayyadu akka hin taane himan.
ABO-WBOn mee maal fayyadama tumsa kana keessaa? jechuunis gaafatu Piroofeesar Mohaammad.
Tumsa kana irraa jara malee ABO-WBOn hin fayyadamu jedhan.