12/20/2025
Waancaan Afrikaa 35ffaan qopheessummaa Morookootiin dilbata boruu muddee 21 bara 2025 irraa jalqabee hanga Amajjii 18 bara 2026tti adeemsifamaa.
Bara 1957 qopheessummaa Sudaanin kan jalqabe waancaan Afrikaa bara kana yeroo 35ffaaf qopheessummaa Morookootiin geggeefama.
Bara kana yeroo lammataaf kan qopheessitu Morookoon tapha baniinsaa magaalaa guddoo biyyattii Rabaat keessatti Istaadiyeemii guddicha mootii Moolaay Abdallaa kan daawwattoota kuma 69 ol qabatu keessatti Komoroos waliin taphatti.
Maqaa Atilaas Laayinsi jedhamuun kan beekamu gareen biyyaaleessa Morokoo kubbaa miilaatiin Afrikaa keessaa sadarkaa jalqabaarra, addunyaarraa ammoo sadarkaa 11ffaarra kan jiru yoo ta'u, biyyoota waancaa kana ni injifatu jedhamani eeggaman keessaa isa tokko.
Waancaa Afrikaa 35ffaa kana irratti biyyoonni Afrikaa 24 kan hirmaatan yoo ta'u, ramaddii 6tti qooddamuun falmii taasisuu.
Ramaddi A jalatti Morookoo, Maalii, Zaambiyaa fi Komoroos waliin ramadamuun wal falmu
Ramaddii B: jalatti Masirii, Afrikaa Kibbaa, Angooolaa, Zimbaabuwee.
Ramaddii C: jalatti Naajeeriyaa, Tuniiziyaa, Yugaandaa, Tanzaniyaa.
Ramaddii D: jalatti Senegaal, DR Koongoo, Beenin, Botiswaanaa.
Ramaddii E: jalatti Algeeriyaa, Burkinaa Faasoo, Iqquwaatooriyaal Giinii, Sudaan.
Ramaddi F: jalatti Ayivorii Kost, Kaameruun, Gaabon, Mozaambiik waliin ramadamuun morkii miidhagaa taasisu.
Ramaddiiwwan hunda keessaa gareeleen qabxii olaana argatan lama lama kallattiin marsaa mo'anii darbuutti ce'u. Dabalataan gareeleen afur qabxii gaarii qabaachuun sadarkaa sadaffaan xumuranis marsaa ittaanutti ni ce'u.
Bara 2030tti Ispeen fi Porchugaal wajjiin qopheessummaa waancaa addunyaatiif qophii irraa kan jirtu Morokoon dorgommii kanaaf Istaadiyeemiiwaan garagaraa miidhagsitee jirti.
Magaalota biyyatti jaha keessatti Istaadiyeemiiwwan sagala dorgommii Waancaa Biyyoota Afrikaa kanaaf kan qopheessite Morookoon, Istaadiyeemiiwwan 4 magaalaa guddoo biyyatti Rabaat keessatti argamu.
Waancaa Afrikaa kanaa Biyyi Misraa yeroo 7, Kaameruun yeroo 5, Gaanaan yeroo 4, Naayijeeriyaa yeroo 3, Ayveerikoosti yeroo 3 injifachuun biyyoota olaantummaa qabaniidha.
Itoophiyaan biyyoota waltajjii waancaa Afrikaa hundeessan keessa takka taatus seenaan waancaa Afrikaa irratti qabdu xinnaa ta'uu isaattu dubbatama.
Itoophiyaa bara 1962 waancaa Afrikaa qopheessuun waancicha kan injifatte yoo ta'u irra deebiin bara 1968 fi 1976 qopheessitus injifachuu hin dandeenye.
Hirmaannaan waancaa addunyaa irratti qabdus gadi bu'aadha.