11/11/2025
Dhugaa nama gaddisiisa!
“Umuriikoo dargagummaa kanatti dhibeen takkaa naqaba jedhee sammuu kootii hin qabnetu naqabe. Ani Gaardii fi 'Gym coach’dha kanan hojjedhee jiraadhu. Osoon ‛Gym’ hojjedhee bahuu lafaan maree nakuffise. Sana booda hospitaala gaafan deemu Xannacha/Ixii sammuu akka qabu natti himan. Gara Kaansariitti kan inni deemaa jiru. Walumaa galatti Kaansarii sitti ta’eera naan jedhe Doktarri. Hospitaala gurguddoo baay’een deeme. Hundi isaanii Kaansarii Sammuu qabda. Biyya keessatti yaalamuu hin dandeessu naan jedhan.
Dhukkubni kun bifa bowwoo erga mataa nadhukkubsuu jalqabee waggaa 4 ta'eera. Ergan Kaansariidha jedhamee ji'a 6’dha. Abdiin jiraachuu kootii, Waaqaa gaditti harka uummata Itiyoophiyaa irratti kan isheen kuftee jirtu” jechuun miira gaddaa keessa taa’ee Maaster Abinnetitti haasa’aa jira. Viidiyoosaa toora miidiyaa kana jalaa argeen garaakoo na nyaate.
Dargaggeessi kun Abrahaam Baacaa jedhama. Waan baay’eetu isa eeggata. Jiraachuu qaba. Ijoollee horachuu qaba. Kaayyoosaa milkeeffachuu qaba. Akkuma innuu jedhe, Waaqaa gaditti maaloo haa gargaarru!
Lakk/Her - Acc.No
Abraham Bacha Regasa
1000055969985
Abraham Bacha Regasa
1478361200001
Abraham Bacha Regasa
O13200887216300
Abraham Bacha Regasa
1000531215404
Christian Media