Oromia Freedom Media

Oromia Freedom Media Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromia Freedom Media, 3904 MLK JR Way S, Seattle, WA.
(2)

Sirni awwaalchaa Dooktar Lataa Tasfaayee raawwate.OFM:Amajjii.16/2026.Sirni awwaalchaa Pireezidaantii duraanii Yuunivars...
01/16/2026

Sirni awwaalchaa Dooktar Lataa Tasfaayee raawwate.

OFM:Amajjii.16/2026.Sirni awwaalchaa Pireezidaantii duraanii Yuunivarsiitii Dambi Doolloo fi miseensa paarlaamaa Dooktar Lataa Tasfaayee raawwatameera.

Dooktar Lataan dhimma dhuunfaaf gara biyya Ameerikaa deemanii, kutaa hootela Hiiltan keessa qubatanii turan keessatti lubbuun isaanii darbee argamuu odeeffannoowwan bahan ni mul'isu.

Odeeffannoowwan Seenaa jireennaa isaanii akka mul'isanittis, Dooktar Lataan Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambidoolloo ganda 05tti dhalatanii, Barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaas achumatti manneen barnootaa adda addaatti baratan.

Barnoota digirii jalqabaa Yuunivarsiitii Jimmaa irraa Barnoota Fiiziksiin eebbifaman.

Digirii 2ffaa ammoo Yuunivarsitii Finfinnee, Barnoota "Condensed Matter Physics" jedhamu irratti qorannoo gaggeessuun eebbifaman.

Barnoota digirii 3ffaa (PHD) ammoo Afirikaa Kibbaa Yuunivarsiitii "Free State" irraa argataniiru.

Yuunivarsitiiwwan Walqixxee fi saayinsii fi Tekinooloojii Adaamaattis barsiisummaa fi itti gaafatamummaa adda addaan hojjechuu isaanii seenaan isaanii ni mul'isa. Pireezidaantii Yuunivarsiitii Dambi Doolloo ta'uunis waggoota ja'aa oliif tajaajilaniiru.

Yeroo sanas Yuunivarsiitichi rakkoowwan adda addaa turan dandamatee akka darbuu fi hojiiwwan kalaqa tekinooloojiiwwan adda addaan akka beekamu, hawaasa magaalaa Dambidoolloo fi naannoo isiifis tajaajila hawaasaa adda addaa akka kennu ga'ee guddaa nama taphataa turaniidha.

Hospiitaalli Dambi Doolloos sadarkaa kompreensiviitti guddatee Yuunivarsiiticha jala akka galuuf ga'ee guddaa taphachuu isaanitu himama.

Wayita pireezidaantii Yuunivarsiitii Dambi Doolloo turanitti, Uummata magaalaa Dambi Doolloo fi aanaa Sayyoo bakka bu'anii dorgomuunis miseensa Mana Maree Bakka Bu'oota uummataa ta'anii filatamuun hanga guyyaa lubbuun isaanii darbeetti uummata isaanii tajaajilaa turanii jiru.

Hojiiwwan qorannoo adda addaa 'google' irratti maxxansiisuun damee barnootaa ittiin eebbifamaniif gumaachaniiru.

Dooktar Lataan gaa'ela horachuun abbaa ijoollee durbaa lamaa akka turani.

OFM' Dooktar Lataa Biyyeen Itti haa salphattu jedhaa, Maatii fi firoottan, aantee, jaallattoota isaaniitiif jajjabina hawwa.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Pireezidaanti Tiraamp Mormii Minisoota Keessatti adeemsifamaa jiru dhaabsisuuf Humna Waraanaa fayyadamuuf doorsisan. OFM...
01/16/2026

Pireezidaanti Tiraamp Mormii Minisoota Keessatti adeemsifamaa jiru dhaabsisuuf Humna Waraanaa fayyadamuuf doorsisan.

OFM:Amajjii.16/2026.Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp mormii farra ICE (Immigration and Customs Enforcement) Minneapolis, Minisootaa keessatti geggeeffamaa jiru dhaabuuf humna waraanaa fayyadamuun dirqama ta’uu akka danda’u akeekkachiisan.

Akeekkachiisni pireezidaanti kun kan kenname yeroo mormiinii fi walitti bu’iinsi hojii guddaa qaamolee raawwachiistoota immigireeshinii federaalaa magaalattii keessatti raawwatameen hammaateetti.

Tiraamp ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin; "Namoonni Minisootaa siyaasaa malaammaltummaan
guutaman, seera yoo hin kabajnee fi shororkeessitoonni ogummaa qaban qondaaltota ICE (I.C.E.) dirqama irra jiran irratti akka hin duulle yoo dhoorgan, seera finciltootarratti fudhatamu nan raawwadha" jedhan.

Akeekkachiisni pireezidaantichaa kun kan kenname yeroo torban darbe lammiin Ameerikaa Renee Goode eegdota Iigireeshiiniin ajjeefamuu isii hordofee magaalattii aarii guddaa keessa seenuun jiraattonni magaalattii mormii keessa jirutti.

Guyyoota darban keessas lammiin Veenzuweelaa tokko bakka buutota federaalaatiin rasaasaan itti dhukaafamee rukutamuu hordofee walitti bu'iinsa caalaatti hammeessee jira.

Bulchaan Minisootaa Tiim Walz pireezidaantichi haala tasgabbeessuu dhiisanii ''ibiddatti boba'aa dabaluu'' jechuun qeeqaniiru.

Abbaan alangaa waliigalaa Minisootaa Keith Ellison akkasumas tarkaanfii pireezidaantichi humna waraanaa bobbaasuuf fudhatan kamiyyuu akka morman mana murtiitti dubbataniiru.

Yeroo ammaa kana Humnoonni seera kabachiisan federaalaa 3,000 ol ta’an Miniyaapoolis keessatti bobbaafamaniiru, kunis jiraattota biratti sodaa fi aarii guddaa uumeera.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Ogeessi Aartii beekamaa Natsaannat Warqinaan du'aan lubbuun darbe.OFM:Amajjii.16/2026.Ogeessi Aartii beekamaan Natsaanna...
01/16/2026

Ogeessi Aartii beekamaa Natsaannat Warqinaan du'aan lubbuun darbe.

OFM:Amajjii.16/2026.Ogeessi Aartii beekamaan Natsaannat Warqinaa dhibee irra bubbuleen du'aan addunyaa tanarraa godaaneera.

Natsaannat fiilmiiwwan koomeedii jaallatamoo hedduu qopheessuufi taatoo ta'uun beekama.

Televizhiinii EBS irratti kan tamsa’u sagantaa “Yebetasab Caawwataa” jedhamuu dhiheessuu fi fiilmiiwwan garaa garaa hojjechuudhaan uummata biratti beekkamtii fi jaalala kan horate artisti Natsaannat Warqineh, dhibee tasa isa muudateen Guyyaa har'aa du’aan addunyaa kana irraa kan godaane.

Sagantaa Tapha Anga'ootaa bara haaraa 2017 irratti Hidha Laga Abbayyaatti qophaa'errattis gaaffii aanga'ootaa gaafataa akkasumas sagantichi akka nama hawwatu taasisee ture.

Natsaannat nama bultii horatee fi Abbaa ijoollee sadii akka ture.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Paarlaamaan Awurooppaa raawwiin nagaa fi dimokiraasii Itiyoophiyaa gadi aanaa ta’uu naaf beekaa jedhe. OFM:Amajjii.16/20...
01/16/2026

Paarlaamaan Awurooppaa raawwiin nagaa fi dimokiraasii Itiyoophiyaa gadi aanaa ta’uu naaf beekaa jedhe.

OFM:Amajjii.16/2026.Jeequmsa siyaasaa biyya keessaa fi waldhabdee ji’oopoolitikaa humnoota alaa gaanfa Afrikaa waliin jiran jidduutti, raawwiin nagaa fi dimokiraasii Itiyoophiyaa gadi aanaa ta’uu Wiirtuun Qorannoo Nagaa fi Dimokiraasii Paarlaamaa Awurooppaa beeysiseera.

Jiddugalichi kana kan beeysise sanada mata duree “Global Threats to Peace and Democracy in Countries” jedhuun hojii paarlaamaa kanaaf gargaara jedhe yeroo ifa godhetti.

Jiddugalichi qorannoo nagaa fi dimokiraasii biyyoota 137 irratti gaggeessaa ture jedherratti, Itiyoophiyaa sadarkaa 112ffaa irratti kan kaa’e yoo ta’u, Biyyi federaalizmii sabaatiin bulfamtu sababaa walitti bu’iinsa, gogiinsa fi dhiibbaa diinagdeetiin lammiileen miiliyoona 21.4 qarqaarsa namoomaa barbaachisa jedheera.

Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha hordofuun raawwiin diinagdee biyyattii fooyya’uu ibsuun, nageenna saayibarii irratti fooyya’iinsi mul’atus, raawwiin nagaa fi dimokiraasii isii kan biyyoota Sahaaraa gadii irraa gadi aanaa ta’uu ibseera.

Shororkeessummaan, hanqinni anniisaa, yakkoonni biyyoota ollaa, rakkoo diinagdee, babal’achuun odeeffannoo dogongoraa, babal’achuun biyyoota tasgabbaa’oo hin taane, hookkaraafi walitti bu’iinsi nagaa fi dimokiraasii Itiyoophiyaaf yaaddoo ka'umsaa tahuu eereera.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Balaa Xiyyaara Itiyoophiyaatti muudatee tureen, himanni lammiin Kaanaadaa dhiheesse waliigalteedhaan xummurame. OFM:Amaj...
01/16/2026

Balaa Xiyyaara Itiyoophiyaatti muudatee tureen, himanni lammiin Kaanaadaa dhiheesse waliigalteedhaan xummurame.

OFM:Amajjii.16/2026.Dhaabbanni Booyiingi himata lammiin Kaanaadaa balaa xiyyaara daandii qilleensaa Itiyoophiyaa 'Boyiingi 737 Max' Amajji 10, 2019 muudateen miseensota maatii isaa dhabe dhiheesse walii-galtee irra gahuun xummuruu beeysiseera.

Falmiin baniinsaa seeraa Kiibxata mana murtii federaalaa Chikaagootti beellamamee ture, dhaabbanni Booyiingi dhaddacha irratti, himataa waliin daqiiqaa dhumaa irratti waliigalteerra ga’eera jedha abukaatoon maatii miidhamaa kiliford jedhamu.

Himannaan siviilii kun balaa xiyyaaraa Amajjii 10/2019 lubbuu namoota 157 galaafateef itti gaafatamummaa gaafachuun, .Himataan Maananz Vaayidiyaa jedhamu balaa kanaan haadha manaa isaa, obboleettii isaa, obboleessa abbaa haadha manaa isaa fi obboleettii obboleessa isaa lama dhabuun akka himates gabaafameera.

Akka abukaatoon himattootaa Roobart Kilifoordi jedhutti, Booyiing du’a namoota nagaa qulqulluu ittifamuu danda’uu fi miira hin qabneef itti gaafatamummaa guutuu fudhateera.

Dhaabbanni guddaan kun amma warraa fi obboleettii jaallatamaa dhabuudhaaf itti gaafatamummaa qabaachuun isaa akka injifannoo seeraa guddaatti ilaalamas jedheera.

Xiyyaarri Booyingi kanaan dura balaa Itiyoophiyaa fi Indooneeshiyaa keessatti muudateef dhiifama kan gaafate yoo ta'u, balaawwan lamaan sababa sooftiweerii to'annoo balalii fi MCAS jedhamutin muudate jechuun gabaaseera.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Miseensonni Paartii Siyaasaa Naannolee Filannoo Irratti Hubannoon qaban hanqina qabaachuu ibsame. OFM:Amajji.16/2026.Mis...
01/16/2026

Miseensonni Paartii Siyaasaa Naannolee Filannoo Irratti Hubannoon qaban hanqina qabaachuu ibsame.

OFM:Amajji.16/2026.Miseensonni mana maree paartii siyaasaa naannichaa filannoo biyyoolessaa 7ffaaf yeroo qophaa'aa jiranitti miseensonni tokko tokko waa'ee filannoo kana irratti hubannoon qaban yaaddessaa tahuun himameera.

Miseensonni mana marichaa maqaa paartii isaanii beekuudhaan alatti, adeemsa filannoo irratti hubannoo fi beekumsa gahaa akka hin qabne Manni maree waliigalaa beeysiseera

Manni maree paartilee siyaasaa naannoo Hararii fi Beenishaangul Gumuuz miseensota mana marichaa jala jiran tokko tokko biratti qaawwi hubannoo bal’aan akka jiru ibsaniiru.

Dura teessuun Mana Maree Paartilee Siyaasaa Naannoo Hararii Aadde Hasnet Mume akka ibsanitti, manni maricha jalatti paartileen siyaasaa waldorgoman 12 jiraatanis, Kanneen dammaqinaan hirmaatan sagal qofa.

Miseensonni tokko tokko maalummaa fi barbaachisummaa filannoo hubachuu irratti qaawwa bal’aa akka qaban, fakkeennaaf,maqaa paartii isaanii beekuu irraa kan hafe yeroo filannoo duraa fi maal akka godhan illee akka hin beeyne walitti qabduun kun ibsaniiru.

Manni marichaa qaawwa kana guutuuf hojjetaa akka jiruu fi sochiin filannoo biyyoolessaa 6ffaa irratti mul’ate filannoo kana keessatti mul’ataa akka hin jirre ibsaniiru.

Dubbi himaan Mana Maree Waliinii Paartilee Siyaasaa Naannoo Beenishaangul Gumuuz Obbo Abdusalam Shengel ejjennoowwan dhaabbilee siyaasaa naannicha keessatti socho’aniin qabaman jiraachuu fi haala siyaasaa hojiirra ooluu danda’u irratti mariin taasifamaa akka jiru hubachiisaniiru.

Haala amma jiruun adeemsa filannoo irratti hirmaachuu baatanis, paartiin siyaasaa dorgomaa ta’e hin jiru, garuu miseensota isaa biratti hubannoo guutuu dhabuun akka jiru dubbataniiru.

Filannoon biyyoolessaa bara kanaa Caamsaa 24, 2018 akka gaggeeffamu ibsamuun ni yaadatama.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Itiyoophiyaa fi Indiyaan waliigaltee viizaa irraa bilisa ta'e hojiirra oolchuu eegalan!OFM:Amajjii.15/2026.Itiyoophiyaa ...
01/15/2026

Itiyoophiyaa fi Indiyaan waliigaltee viizaa irraa bilisa ta'e hojiirra oolchuu eegalan!

OFM:Amajjii.15/2026.Itiyoophiyaa fi Hindiin namoota paaspoortii dippilomaasii qabaniif mirga viizaa irraa bilisa ta’e hojiirra oolchuu ifatti eegalaniiru.

Mootummoonni biyyoota lamaanii waliigaltee viizaa irraa bilisa ta’e kanaan dura irra ga’ame hojiirra oolchuuf har’a Amajjii 07/2018 Finfinneetti Sanada dippilomaasii wal jijjiirraa raawwataniiru.

Waliigaltichi abbootiin paaspoortii dippilomaasii biyyoota lamaanii viizaa malee akka imalan kan hayyamuudha.

Kunis hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaan jidduu jiru haala mijeessuu fi tumsa dhaabbilee cimsuuf kan kaayyeffate jedhameera.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindii Anil Kumaariin bakka argamanitti sagantaan kun gaggeeffamuun, tarkaanfiin kun amantaa sadarkaa ol'aanaa biyyoota lamaan jidduu jiru kan calaqqisiisu ta’uun ibsameera.

Waliigaltichi waraqaa qofaan osoo hin taane qabatamaan akka hojiirra oolu qajeelfamni bal’aan qophaa’ee jira, lammiileen paaspoortii dippilomaasii qaban har’a irraa eegalee itti fayyadamuu akka danda’an eeramee jira.

Itiyoophiyaa fi Hindiin seenaa fi hariiroo daldalaa waggoota 2,000 ol kan qaban yoo ta’u; waliigalteen har'aa kun michummaa durii kana daran kan cimsu yoo ta'u, "walta'iinsa tarsiimoo" biyyoonni dhiheenna kana jalqaban daran kan deeggaruudha.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Chaayinaan 'Sooftiweerii nageenna Saayiberii Ameerikaafi Israa'el akka hin fayyadamne labsite!OFM:Amajjii.15/2026.Chaayi...
01/15/2026

Chaayinaan 'Sooftiweerii nageenna Saayiberii Ameerikaafi Israa'el akka hin fayyadamne labsite!

OFM:Amajjii.15/2026.Chaayinaan Dhaabbileen biyya keessaa, sooftiweerii nageenna saayibarii Ameerikaa fi Israa’el akka hin fayyadamne ajajjeetti.

Qondaaltonni Chaayinaa Rooyitarsiif akka himanitti, mootummaan dhaabbileen biyya keessaa sooftiweerii nageenna saayibarii Ameerikaa fi Israa’el 12 fayyadamuu akka dhaaban kan ajajan yoo ta'u, kunis yaaddoo nageenna biyyaalessaa kaasuuni jedhame.

Dhaabbilee akka yaaddootti caqasaman keessaa VMware (kan Broadcom), Palo Alto Networks, US-based Fortinet fi Israel’s Check Point Software Technologies ni argamu.

Qondaaltoonni biyyattii yaaddoo guddaan isaan qaban, Sooftiweeriin kun daataa 'Odeeffannoo iccitii' walitti qabuun gara biyyoota alaatti dabarsuu danda'a jedhu akka ta'e eerameera.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

US karoora nagaa Gaazaa marsaa lammaffaa ifatti eegalte. OFM:Amajjii.15/2026.Mootummaan Yunaayitid Isteets karoora nagaa...
01/15/2026

US karoora nagaa Gaazaa marsaa lammaffaa ifatti eegalte.

OFM:Amajjii.15/2026.Mootummaan Yunaayitid Isteets karoora nagaa qabxii 20 qabu kan waraana Gaazaa dhaabbataadhaan xummuruuf qophaa’e gara marsaa lammaffaatti ceesisuu beeysise.

Akka ergamaan addaa pireezidaanti Doonaald Tiraamp, Steve Witkoff jedhanitti, marsaan haaraan kun Gaazaa deebisee ijaaruu, hidhattoota hidhannoo hiikkachuu fi bulchiinsa haaraa hundeessuuf kan xiyyeeffatu ta’a.

Marsaa kana jalatti gareen ogeeyyii, “Koree Bulchiinsa Biyyaalessaa Gaazaa” jedhamu kan yeroof Gaazaa bulchuuf hundeeffama.

Hayyoota fi ogeessota Falasxiin kanneen kaka’umsa siyaasaa hin qabneen kan ijaarame koreen kun jireenna guyyaa guyyaa fi tajaajila bu’uuraa ummata Gaazaa bulchuuf itti gaafatamummaa ni qabaata.

Ameerikaan gareen hidhattoota Hamaas guutummaatti hidhannoo hiikkachuun hidhamtoota isaa dhumaa hafan hatattamaan akka dabarsee kennu gaafatteetti.

Ta’uu baannaan ergamaan kun gareen kun “balaan hamaa” akka isa muudatu akeekkachiiseera.

Ameerikaan Masrii, Turkii fi Kaatar waliigaltee kana irra ga’uuf tattaaffii jidduu seenummaa taasisaniif galateeffatteetti, humna nageennaa idil-addunyaa bobbaasuun Gaazaa deebisee ijaaruu fi nagaa deebisuuf tattaaffiin akka taasifamu hubatameera.

Namoonni booji’aman irra caalaan isaanii gadi lakkifamanii hanga ammaatti marsaa jalqabaatiin qarqaarsi namoomaa kan kenname ta’uun isaa kan yaadatamuuudha.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Sa'udiin lammiilee Paakistaan ​​kumaatamaan lakkaa'aman biyyaa baafte. OFM:Amajjii.15/2026.Mootummaan Sa’udi Arabiyaa wa...
01/15/2026

Sa'udiin lammiilee Paakistaan ​​kumaatamaan lakkaa'aman biyyaa baafte.

OFM:Amajjii.15/2026.Mootummaan Sa’udi Arabiyaa waggoota darban keessa Bifa qindaa'een gocha kadhannaarratti kanneen bobbahan Lammiilee biyya alaarratti duula hordoffii gaggeesseen lammiilee Paakistaan ​​kuma 24tti dhiyaatan biyyaa ari’uu isaa beeysiseera.

Tarkaanfiin kun kan fudhatame garee namoota Umraa fi daawwannaadhaaf viizaa fayyadamuun Gara Biyyattii kanneen seenan, akkasumas iddoowwan qulqulluu fi magaalota adda addaatti kadhannaa seeraan alaa irratti bobba'an irratti qorannoon cimaan erga gaggeeffamee booda.

Qondaaltonni Sa’uudii mootummaa Paakistaaniif ​​akeekkachiisa kennaniin, namoota Sa’udii Arabiyaatti kadhataan qabaman keessaa dhibbeentaan 90 lammiilee Paakistaan ​​ta’uu ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Yunaayitid Arab Emireet namoota yakka kadhannaa fi sababa seeraa viizaa cabsuutiin gara 6,000 ta’an biyyaa ari’uunisii beekameera.

Qondaaltonni Galoo Galaanaa tarkaanfiin kun kan barbaachiseef sanadoonni imala kaayyoo sirrii qofaaf akka itti fayyadamanii fi Ibsituu(calanqee)biyya isaanii fi sirna hawaasaa eeguuf akka ta'e dubbatu jechuun miidiyaalee biyyattii dabalatee maddeen gabaasaniiru.

Mootummaan Paakistaan ​​gama isaatiin tarkaanfiin kun 'Ibsituu,calanqee' biyyattii irratti ''mallattoo gurraacha'' jechuun kaasuun, to'annoo toora waamicha seeraan alaa irratti cimsuu fi daldaltoota viizaa irratti tarkaanfii fudhachuuf dhaadateera.

Mootummaa naannichaa biratti, tarjaanfii akkanaa bal’inaan biyyaa ari’uun kun akka mallattoo kutannoo naannichi yakka gurmaa’e to’achuuf qabutti ilaalama.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Jarman, Kaanaadaa, Nezerlaand Loltoota gara Giriinlaandiitti bobbaasan. OFM:Amajjii.15/2026.Yaaddoo nageennaa Arktiik ke...
01/15/2026

Jarman, Kaanaadaa, Nezerlaand Loltoota gara Giriinlaandiitti bobbaasan.

OFM:Amajjii.15/2026.Yaaddoo nageennaa Arktiik keessatti guddataa dhufe hordofuun, Jarman, Kaanaadaa fi Nezerlaand loltoota gara Giriinlaandiitti bobbaasuu jalqabaniiru.

Michoonni kunneen tarkaanfii kana kan fudhatan Deenmaark waliin shaakala waraanaa waloo irratti hirmaachuuf yoo ta’u, murteen kun kan fudhatame yeroo Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Giriinlaand dhuunfachuuf fedhii qaban irra deebi’anii ibsanitti.

Himannaa naannoo Ameerikaatiin alatti sochiin Raashiyaa fi Chaayinaan naannicha keessatti dabalaa dhufuun miseensota NATO yaaddoo guddaa ta’ee jira.

Ministirri Ittisaa Deenmaark Trolls Lund Poulsen akka jedhanitti nageenni Arktiik Deenmaarkfi michoota isiif barbaachisummaa tarsiimoo waan qabuuf qophii waraanaa waloo naannichatti cimsuun barbaachisaa ta'eera.

Shaakala waraanaa kun bobbaa xiyyaarota waraanaa fi ergama nageenna galaanaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, humna qilleensaa, humna galaanaa fi waraana miilaa Deenmaark kan hirmaachisu ta’a.

Giriinlaand qabeenna albuudaa bal’aa fi daandii daldalaa haaraa qabaachuu isiitiin humnoota gurguddoof dirree waraanaa ji’oopoolitikaa ta’aa jirti.

Bobbaan loltoota NATO kun dhiibbaa Raashiyaa qolachuuf, akkasumas himannaa Ameerikaan naannoo sana irratti qabdu qolachuuf akka ta’es himama.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Sa’uudi Arabiyaa, Kaatar, Omaan Ameerikaan Haleellaa Iraan irratti akka hin raawwanne keekkachiisan. OFM:Amajjii.15/2026...
01/15/2026

Sa’uudi Arabiyaa, Kaatar, Omaan Ameerikaan Haleellaa Iraan irratti akka hin raawwanne keekkachiisan.

OFM:Amajjii.15/2026.Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi maddeen oduu idil-addunyaa akka ibsanitti, Sa’uudii Arabiyaa fi biyyoonni Galoo Galaanaa biroo bulchiinsa Doonaald Tiraamp haleellaa waraanaa Iraan irratti raawwachuuf karoorfate akka dhaabuuf dhiibbaa dippilomaasii cimaa taasisaa jiru.

Dippilomaatonni Biyyoota garagaraa fi miidiyaaleen Idila addunyaa Ameerikaan Iraan irratti haleellaa yoo kan gaggeessitu ta'e "Gabaa Boba'aa Addunyaa tasgabbii dhabeessa" taasisa jedhu.

Roya News gabaasa Wall Street Journal irratti ba’e waabeeffachuun akka gabaasetti Qondaaltonni Sa’uudii Arabiyaa, Qaatarii fi Omaan tarkaanfiin waraanaa Waashingitan Tehran irratti fudhattu kamiyyuu “gabaa boba’aa addunyaa tasgabbii dhabsiisuu” akka danda’u akeekkachiisaniiru.

Jeequmsi kun dhumarratti US mataa isii fi diinagdee addunyaa irratti miidhaa akka geessisu qondaaltonni kunneen himaniiru.

Akka gabaasa kanaatti Saawud Arabiyaan haleellaa kamiyyuu karaa naannoo qilleensaa Iraan irratti akka hin hayyamnee fi waldhabdee kana keessatti akka hin hirmaanne ifatti ibsiteetti.

Biyyoonni kunneen haleellaan kun yoo raawwatame Iraan daandii doonii boba’aa furtuu fi murteessaa ta’e Strait of Hormuz cufuu dandeessi jechuun sodaa qaban, kunis gatiin boba’aa akka samiirratti ol ka’ee rakkoo addunyaatti fidu dubbataniiru.

Pireezidaanti Doonaald Tiraamp Iraan keessatti “jijjiirama sirnaa” akka taasifamu ifatti kan gaafatan yoo ta’u, maddeen Waayit Haawus garuu murteen dhumaa akka hin murtoofne agarsiisaniiru.

US yeroo ammaa haleellaa waraanaa, haleellaa saayibarii, qoqqobbii cimaa haaraa fi deeggarsa mormitoota Iraan keessa jiraniif akka filannootti ilaalaa jirti.

Akeekkachiisni kun kan kenname yeroo mormiin Iraan keessatti kufaatii diinagdee isiitiin ka’aa jiru itti fufee fi namoonni dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamanitti.

Haa ta’u malee, biyyoonni Galoo Galaanaa gochi US mormii kana deeggaruurra, naannicha gara waraanaa fi rakkoo diinagdee dhuma hin qabnetti geessuu akka malu yaaddoo isaanii ibsaa jiru.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Address

3904 MLK JR Way S
Seattle, WA
98108

Opening Hours

Monday 8:30am - 8pm
Tuesday 8:30am - 8:30pm
Wednesday 8:30am - 8pm
Thursday 8:30am - 8pm
Friday 8:30am - 8pm
Saturday 8:30am - 4pm
Sunday 8:30am - 4pm

Telephone

+12064835571

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Freedom Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromia Freedom Media:

Share