Oromia Global Media

Oromia Global  Media Oromia Global Media is deeply committed to delivering high-quality journalism representing profession

Oromia Global Media is a nonprofit news outlet registered in Washington State producing accurate and citizen-driven reporting on Ethiopia and the world. Our goal is to create a multilingual newsroom that will serve as reliable sources of information for the community. We want to connect the growing Oromo diaspora to its homeland using innovative digital tools and people-centered storytelling techn

iques. Our high-quality multimedia content will be available on the web, mobile devices, social media, satellite television, and radio.

Kirkirri Lafaa naannawaa Matahaaraatti mudate Finfinneetti hollannaan isaa dhaga’amuu ibsameFinfinnee, Mudde 24, 2024 (O...
12/24/2024

Kirkirri Lafaa naannawaa Matahaaraatti mudate Finfinneetti hollannaan isaa dhaga’amuu ibsame

Finfinnee, Mudde 24, 2024 (OGM) – Kirkirri Lafaa Fantaallee naannawaa Matahaaraatti mudate hollannaan isaa Finfinneetti dhaga’amuu Yuunivarsiitiin Finfinnee beeksiise.

Aanaa Fantaallee fi naannawaa magaalaa Matahaaraatti kirkirri lafaa hammi isaa garaagaraa ta’e Mudde 23, 2024 eegalee mudachaa jiraachuu Yuunivarsiitii Finfinneetti Itti Gaafatamaan Muummee Barnoota Seesmooloojii Piroofesar Attaalaay Ayyaalaan ibsaniiru.

Eda halkan naannoo Sa’aatii 4:41 naannawaa magaalaa Matahaaraa Kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 4.9 galmaa’e mudachuu Piroofesar Attaalaay Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Kirkirri lafaa naannawichatti mudate kun hollannaan isaa Finfinneetti dhagahamuu ibsaniiru.

Kirkirri lafaa eda mudate kun hollannaan isaa haala kana duraarraa bifa adda ta’een dhagahamuu Naannoo Afaaritti bulchaan Zoonii 3 Obbo Abdoo Alii Abbubakar eeraniiru.

Hollannaan kun hanga halkan keessaa sa’aatii 7:00 itti fufiinsaan dhagahaamaa turuu himaniiru.

Kaleessa guyyaa naannawaa sa’aatii 9:00 Gaara Fantaalleerratti Kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 4.6 mudachuun kan yaadatamuudha.


Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ) Israa’el naannoo Falasxiin qabamte keessatti itti fufuun ishee seeraan ala waan t...
07/20/2024

Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ) Israa’el naannoo Falasxiin qabamte keessatti itti fufuun ishee seeraan ala waan ta’eef “hanga danda’ametti saffisaan” xumuramuu akka qabu murteesse.

Pirezidaantiin ICJ The Hague Nawaf Salam yaada gorsaa dirqama hin qabne garee abbootii murtii 15n Israa’el naannoo Falasxiin qabachuu ishee irratti Jimaata darbe kenne dubbisaniiru.
Maddi:

Legal Consequences arising from the Policies and Practices of Israel in the Occupied Palestinian Territory - Reading of the Advisory Opinion of the Court

07/17/2024

Pirezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen marsaa 4ffaa aangoo isaanii mirkaneessuuf daandii irra kan jiran yoo ta’u, bu’aan yeroo sagalee dhibbeentaa 99 ol argachuu isaanii akka agarsiisutti, akka aanga’oonni filannoo gabaasan.

Waggoota kurnan sadiif biyyattii karaa bu’a qabeessa ta’een kan hooggane Kagameen, manneen murtii qeeqxonni isaa beekamoo ta’an akka hin dorgomne erga dhorkanii booda mormitoota lama qofa qaba ture.
Maddi: Voice of America

07/17/2024

Xiyyaaronni waraana Israa’el ganama har’aa mana magaalaa Gaazaa keessatti boombii darbachuun yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin lama du’uu fi daa’imman dabalatee namoota biroo madaa’uu gabaasni dhaabbata oduu Waafaa irraa argame ni mul’isa.

Dabalataanis xiyyaaronni waraanaa Israa’el masjiida kaaba kaampii baqattootaa Nuseirat giddugala Gaazaa keessatti argamu irratti xiyyeeffachuun miidhaan irra gahee oduun Al Jazeera Arabic geesse ni ibsiti.
Maddi: Al Jazeera

07/17/2024

Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti waraanni Israa’el giddugala Gaazaa naannoo az-Zawayda jedhamutti mana tokko irratti boombii darbachuun yoo xiqqaate namoota torba ajjeesuu fi hedduun madaa’uu isaanii gabaasaa jiru.

Manni kun kan maatii Diab yoo ta'u, namoota hanga 70 ta'an akka qubataa turantu himama.
Maddi: Al Jazeera

07/17/2024

Ejensiin Ittisa Siivilii Gaazaa guyyaa Kibxata haleellaa xiyyaaraa Israa’el sadiin sa’aatii tokko hin guunne keessatti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 48 du’uu beeksise. Haleellaan kun giddugala Gaazaa naannoo Nusseirat mana barumsaa UNn geggeeffamu keessatti yoo xiqqaate namoota 25, kibba Khan Younis keessatti 18 fi kaaba Gaazaa Beit Lahia keessatti 25 ajjeesuu gabaasni achi irraa bahaa jiru ni mul’isa.
Maddi: Al Jazeera

07/16/2024

Bulchiinsi Nyaataa fi Qorichaa U.S. qoricha Orexo AB doosiin ol’aanaa ajaja ogeessa fayyaatiin kennamu kan dozii ol’aanaa opioid fudhachuuf kennamu raggaasisuu diduu isaa dhaabbatichi Kibxata ibsee jira.
Source : Router's

07/16/2024

Doonaald Tiraamp senetera Ameerikaa JD Vaansiin hiriyyaa dorgomaa isaanii taasisuun filachuu isaanii beeksisanii jiru. Tarkaanfiin kun Rippabilikaanota Ohio daran hidda gadi fageennan ijaara, kanneen kanaan dura Tiraamp qeeqanis ajandaa ummatummaa pirezidaantii duraanii fudhatanii jiru. Tiraamp kaadhimamaa adda addaa of eeggannoodhaan erga ilaalanii booda waltajjii Dhugaa Hawaasummaa irrat kan ifoomsan. Beeksisni kun guyyaa jalqabaa walgahii biyyoolessaa Rippabilikaanotaa waliin kan walsimu yoo ta’u, guyyoota muraasa dura hiriira duula filannoo Tiraamp tokko irratti yaalii ajjeechaa raawwatame hordofeeti. Murtee Tiraamp kun bakka bu'oonni walgahii kana irratti argamaniin simannaa ho'aa kan argatan yoo ta'u, battaluma sanatti maqaa Vaansii mallattoo Tiraamp irratti hammachuu jalqaban.
Source: CNN

07/16/2024

Koreen giddu galeessaa OFC ibsa gaazexeessummaa gaafa Adoolessa 14 2024 baaseen waldhabdeen humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti adeemsifamaa jiru zoonii naannoo Oromiyaa 22 hunda keessatti bal’inaan akka mul’atu ibsee jira. "Waldhabdeen kun hidhaa, reebicha, buqqa’iinsa, mana namoota nagaa jumlaan gubuu, ajjeechaa loonii, namoota nagaa lubbuun gubachuu fi ajjeechaa suukaneessaa biroo humnoota mootummaatiin raawwatamuun kan beekamudha."
Source: Addis Standard

Address

Seattle, WA
98122

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Global Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromia Global Media:

Share