10/20/2022
Akkam jirtu qaqqaaliwwan sabaa❓
Barruu dheertuu yoo yaaddaniittu ta'e itti goraa. Yaada walabaa fi hubannaa qajeelaa ta'een,yaadoota Jaal.Marroon kaase irratti akka yaada sirreeffamaatti utuu hin ta'iin,komii fi yaada Marroon kaase madaalasaa eegsisuun gaarii waan ta'eefidha. Nuti Oromoon; yaada yaadaan falmuu fi yaada mo'ataa moosisuu danda'uu, shaakaluu qabna.
-----------------------------------------------------------------------------
1."ABOn qabsoo Bilisummaa Oromoo hin dhalchine,hin dhaale."
Deebii.
ABOn Qabsoo Bilisummaa Oromoo dhalchuurra darbes boca fi roga itti uumee,sagantaa Oromiyaan biyya taatu fi Oromoon saba ta'ee jiraatu yeroo jalqabaaf bu'uuresse.Oromoo wal irraanfate walbarsiisee,Oromiyaa Impaayera keessatti laaqamtetti kaartaa tolchee,seenaa,aadaa,eenyummaa fi Qubee A/Oromoo hojiirra oolche. Kana caalaa Qabsoo Oromoo dhalchuun eessa jira laata ❗
Tarii Qabsoo bakka adda addaatti taasifamaa ture,akka Jarmiyaa sabaatti fudhatame taanaan dogongoradha. Sun qabsoo diddaa gabrummaa bifa wal hin qabanneen taasifamaa turedha. Qabsoo ABOn dhalcheef ichima ta'uu malu.
~Tuulamni: warra Amaara Shawaa faana yeroo dheeraa wal lolaa ture.
~Abiishee Garbaa: Mootii Gojjaam Taklaaymaanoot faana wal lolaa ture.
~Walloon:jaarraa lama fi sadii ol Mootilee Amaaraa faana wal lolaa ture.
~Fincila Qonnaan Bulaa Baalee fi ergasii J/Waaqoo Guutuun hogganamaa ture Mootii H/Sillaasee faana wal lolaa ture.
~Waldaan Maccaa fi Tuulama qabsoo diinagdee fi walgargaarsaa fakkaatuun,toftaan Oromoo humneessaa ture.
~Elemoo Qilxuu fi Jaallansaa qabsoo diddaa gabrummaa taasisaa turan.... Kun hundi adeemsa sabni kamuu jiruuf jireenyasaa keessatti gochuu danda'u,Oromoonis gochaa asga'edha. Garuu qabsoo "Saba Oromoo" jedhee,sagantaa siyaasaa qopheessee,tarsiimoo qabsoo fi tooftaalee siyaasaa tolchee kan qabsoo Oromoo,Oromoo hunda hirmaachisee dhalche ABOdha. ABOn Qabsoo Bilisummaa Oromoo dhalche malee,hin dhaalle.Kana irratti negotiate gochuunuu hin danda'amu. ABO booda garuu,qabsoo ABOn dhalche bifa garagaraan dhaalaa,akkasaanif tolutti qabsoo saba Oromoo itti fufsiisaa turan fi ammas jiran dhaaboonni hedduun turaniiru,jirus.kana boodas hedduun dhalachuu malu.
2."ABOn DC keessatti waajjira qabaachaa ture.wajjiricha keessatti Suufii uffatanii taa'un alatti waan ABOn fayyadame hin qabu."
Deebii.
Dhaabni siyaasaa angoo siyaasaa biyya bulchu hin qabne tokko,biyya birmadummaa qabdu,keessumaa biyya hoggantuu Addunyaa taate Ameerikaa keessatti waajjira qabaachuun cimina ABO agarsiisa malee kan tuffatamu miti. Har'a Afrikaanoota miti,Addunyaan hedduun hariiroo dippiloomaasii gosa hedduu Ameerikaa waliin tolfachuuf kufee caba. Sarbamiinsi dhiittaa mirga namoomaa narra ga'e jedhee kan addunyaan iyyatatu Ameerikaamadha. Sabnikoo gabrummaa mootummaa Abbaa hirreen gidirfamaa jira jedhee dhaabni siyaasaa fi dhaabbanni hawaasaa,namoonni siyaasaa kan itti iyyatan Ameerikaadhuma kana. Maarree ABOn akka dhaabaatti Mootummaa Ameerikaa biratti beekamtii argachuurra darbee,eyyama waajjira qabaachuu argachuu caalaa hariiroon Dippiloomaasii maalidha? Dippiloomaasii hikkaan jedhu mataamti isaa qunnamtii gaarii qabaachuu jechudhumadha. Kun kan tuffatamuu male miti. Irratti hin hojjatamne,laafina qaba jechuun waan biraadha.
3."Nutimmoo biyyoota wajjiin hojjannu fi nugargaaraa jiran jiru. Diinagdeenis of dandeenyeerra."
Deebii.
Dhuguma kan akka biyyaatti qabsoo WB0n gaggeessaa jiru kan deggeran jiru taanaan,darbes hariiroo dippiloomaasii fi gargaarsa diinagdee gaariin jira taanaan,waan jajamuu qabudha.garuu ABO duukaa morkii fakkeessuu yaaluun gaarii miti. Akka Marroon jedhetti biyyoonni WB0 roga maraan gargaaraa jiran jiru taanaan hedduu bayeessa,Marroonis jajamuu qaba! Garuu wantoonni akka kanaa yeroo hedduu hin dubbataman.sababni isaa Mootummaan PP biyyoota akka diinaatti ilaalu akka shakku fi ergamtuu biyyoota sanaa godhee akka barjaa maxxansuu danda'u hubachuun bayeessa.
4."ABOn WB0 ganeera"
Deebii
ABOn WBO ganeera kan jedhuf ragaan hin jiru.ABOn waggoota arfan kana WB0f gatii humnaa'ol kaffaleera yoo jadhame ragaa hedduutu jira.
~Hariiroo WB0 faana qabdu shakkii jedhuun qondaaltoonni,hoggantoonni fi miseensoonni ABO ammayyu hidhaa jiran,kan dararamanii ba'aan,kan ajjeefamanis jiru.HD.ABO dabalatee shakkiima kanaan mana keessatti hidhamaa ture.Gaazexessitoota Miidiyaa akka tikaatti PPn itti dhimma baatu hedduu irratti kan Jaal.Daawud waggoota sadan darbe gaafatamaa ture harki caalu dhimma WB0 wajjiin wal qabatudha. "Eenyutu hiiksisa,eenyutu hiikkata" kan jedhu mataamti isaa Media Habashaa kan wal dubbisiisaa turedha.ABOn akka dhaabaattis waajjirri cufamuu,saamamuu fi dhiibbaan alseeraawaa kallattii hedduun irra ga'aa kan ture,shakkii WB0 taliigaa jirtu jedhudha.kun akkamitti irraanfatama!
5."ABOn waliigaltee tokko malee,Ertiraa irraa gale."
Deebii.
~Abbaan dhimmaa ODP/PPn waliigaltee keenya hin eegne jachaa ture,jiras.abbaa dhimmaa caalaa icciitii kana kan beeku eewudha laata? Hogganni ABO waliigaltee tokko malee utuu hin dhufa ta'e,Qaama sadaffaa jedhee didee booddatti hin hafu ture.arraba beekaa fi wallaalaa sana hundas hin keessumeessu ture. Waliigaltichi maaf ifatti hin dubbatamne waan jedhu taanaan,Siyaasni harki caalu,kan siyaaseessitoonni taphatan malee ummanni ifatti baruu qabu miti. Yoo bu'aan argame firiisaa dhandhamuu,yoo kisaaraan dhufe qabsoo isaa itti fufuudha.Fkn Mootummaan tokko hariiroo dippiloomaasii biyya biraa wajjiin taasisu ummata bulchaa jirutti himaa raawwataa? Siyaasni hedduun kan dhaabni siyaasaa abbummaan mo'ee argamuuf taphatudha.yoo injifate sabasaaf bu'aa argamsiisa,injifatamnaanis siyaasichaan of gamaggamaa tooftaa biraan itti fufa. Addunyaa siyaasaatu akkana.
6."ABOn akkamitti,WB0 Uummata Oromotti laata?"
Deebii
Battala gaaffiin hin eegamne akka bakakkaa waltajjii irratti hoggana dhaaba tokkoof yeroo dhihaatu,hogganni kamuu itti gaafatama qabutti dhimma ba'ee dantaa siyaasaa dhaaba fi dantaa sabasaa utuu hin sharafiin bilchinaan murtii laachuf dirqama. HD.ABO Habshaalummaa fi Bilchina guddaa agarsiisuun yerootti nu raajesse ture taateen sun. WB0n Oromoo keessaa dhalatee, Oromoof hojjata.Oromoof kan hin laatamne Somaalee,Guraagee moo Amaaratti laatamuu qaba ture! Jaarsa biyyaa ykn Abbootii Gadaa qaama hawaasa Oromooti,Oromoon immoo abbaa qabsichaatis,muddama akka kanaa keessatti isiniif qabsa'aa turre,qabsoon kun kankeessani,ani waan isiin itti dhamaatanitti murtii hin laadhu,Oromoo atumti murteeffadhu akka jechuutti HD.ABO WB0 Oromootti laachuun.gochaa kanaanis kan itti boonnu malee,akka dogongoraatti ilaalamuuf yaalamu ta'uun kongumaa hin danda'u.
7."HDn.ABO Xalayaa galaa nun jedhu nutti ergee,akka galluuf carraaqe."
Deebii
Xalayaa miti,utuu Jaal.Daawud Miidiyaa irratti olba'ee ijoollee kottaa galaa jedhe,dhugumasaa nu ajaje jedhee qaamni amanu,silumaa qorqalbii bu'aa ba'ii adeemsa qabsoo ABO hin beeku jechuudha.darbes qaruxummaa siyaasaa waa takka hin hubatu jechuudha.Jaal.Daawud waltajjii kallattiin karaa miidiyaa darbaa ture irratti kan "ammuma kana WB0n akka galu ajaja dabarsi" jedhamnaan toftaa adagamaatiin jalaa milqee ajaja utuu hin dabarsiin hafe,waajjira taa'ee xalayaatiin kottaa galaa jedha jedhee kan amanu ammayyu bosona keessa jira taanaan,leenjii hubannaa siyaasaatu isa barbaachisa! Haa ta'utii xalayaan sun Jaal.Gollicha bira ga'ee Jaal.Gollichi deebii qaruuxummaan Koree Teeknikaa ofirraa gaggeesse."HDnkoo haala akkamii keessa taa'ee akka xalayaa kana erge waan hin beekneef ajaja kana hin fudhadhu" jedhe. Qabsa'aan dhugaa nyaaraan miti,fuuluma wal ilaaleeyyu wal hubata.kanaafis zoonii kibbaarraa waraanni gale hin turre. Zoonii dhihaatu yaa'ee galaa ture.
8.ABOn Tarsiimoo sharafe.
Deebii.
ABOn tarsiimoo akkamii akka sharafe hin ibsamne. Ijoolleen Clubhouse tokkos yeroo hedduu waan akkasii kaasu,inumaayyu isaan immoo ABOn kaayyoo ganamaa gane jedhu! Mee qabxiidhaan kaayyoo ganame ykn sharafame tokko ykn lama naaf ibsaa gaafan jedhu eessaa fidu! Maal haa godhan waanuma itti himame wal harkaa fuudhanii daddabarsu.
Haa ta'utii, akka Marroon jedhuttuu "ABOn Tarsiimoo sharafe" haa jannu. Tarsiimoo jechuun mataamti isaa maalidha ?
Dhaabni siyaasaa tokko tarsiimoo qabsoo kudhanis,tokko fi lamas qabaachuu mala.kana kan murteessu haala siyaasaati. Tarsiimoo jechuun aanjessituu Kaayyooti.kanarra kan darbe waan addaa miti.Tarsiimoon immoo hin foyya'a,hin jijjiirama,barbaachisaa gaafa ta'u hin dhiifamas.kun dhaabichi haala qabsoo ofiisaa fi kan diinaa gamaaggamee ittiin dhimma ba'udha.Kaayyoodha kan hin sharafamne,hin ganamne. ABOn immoo kaayyoo ganama itt bu'uureffame akkuma qabateetti jira. Qabsicha tarsiimoo garagaraan gaggeessuu mala. Kaayyoon garuu akkuma tikfametti jira.
9."Araarri dhugaan yoo jiraate itti seenna."
Deebii
Araarri dhugaan yoo jiraate tarsiimoo waraanaan injifachuun hafee,teessoo geengoo barcumaa irratti siyaasaan negotiate gochuudha ta'a. Armaan olitti isa ABOn ittiin yakkamuuf yaalametu,qabxii kanarratti carraansaa argamnaan Marroon akka itti dhimma ba'uuf danda'u nutti hime! Deebiin kanaa isuma 8ffaadha jechuudha.
10."TPLF maal akka hojjatan beekna,PP faana akka taphatan kan gochaa jirrus nuyidha."
Deebii utuu hin ta'iin kanarratti yaada dhunfaakoon laadha.
Alkallattiin siyaasa ofii hojjachiifachuun habshaalummaadha.Marroon kana gochaa jira taanaan ammas irra deebi'een dinqisiifadha! Garuu TPLF uumamasheetiin Ameerikaa fi Awrooppaayyu humna gowwomsitu malee,humna diinagdee fi siyaasaan gitashee hin taaneef kan gowwomfamtus miti.tarii mariidhaan gochaa jirra jedhama taanaanis,siyaasni bakka bu'ummaan hojjatamu seenaa Addunyaa keessatti hin jiru.siyaasni gaafa cuunfamu,qabsoo dantaa sabaa fi biyyaati. Dhaabni kamuu dantaa saba fi biyya bakka bu'u sana kabachiisuuf dursa laata.darbees siyaasa keessatti nagahe,nan quufe wanti jedhamu hin jiru.qaawwa argametti wal gowwomsuu fi wal dorgomuutu jira. Kanaaf siyaasa ofii abbumatu hojjatata.
Michummaa hariiroo qabsoo qaama kamuu faana hojjachuun gaarii ta'ee,akka maatiitti waliin hojjannaan garuu,mana Amantii keessatti hafe.
Gaaffii fi Deebii ajajaa olaanaa ABO-WB0 Jaal.Marroo Dirribaa kanan dhaggeeffadhe keessaa yaadoota deebii barbaadan fi Oromoof ifa ta'uu qaban jedhee amaneen fo'ee irratti yaadakoo laadhadhe. Bakka haqni ABO itti dabeen yaada laadhe.Dhimma Naamusa WB0 wajjiin wal qabatee,seenaa siyaasa Impaayera sanaa fi haxxummaa diina sirnaan dubbateera.Hamileen fi haasaan Jaal.Marroo baayyee gaarii ture.
WBO abdii sabaa jajjabaadhaa.