Kush Broadcasting Corporation

Kush Broadcasting Corporation Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kush Broadcasting Corporation, TV Channel, 15002 Layhill Road, Silver Spring, MD.

It is great jobs !!
11/30/2025

It is great jobs !!

Great investment opportunity, property contract to assign in Washington Dc Kennedy Street NE & South Dakota Ave NE need end buyer. Beautiful Townhouse residential home

5bed
2fullbath
1 halfbath

Basement
Central A/C

1,638 SqFT

Esimated gift down payment :

03/11/2025
Korri waliin ABO fi KFO ajandaalee 6 Hoteela Ilillii keessatti irratti mari'achaa turan ijjannoo waloo fudhachuun guraan...
02/22/2025

Korri waliin ABO fi KFO ajandaalee 6 Hoteela Ilillii keessatti irratti mari'achaa turan ijjannoo waloo fudhachuun guraandhala 22, 2025 milkiin xumurameera. Murtiilee adda addaas dabarseera. Achi keessa haalli Oromiyaa keessa jiru gara sirna badiballaa (anarchy) tti osoo hin jijjiiramin jaarmiyaaleen karaa nagaatiin qabsaa'an, warri afaan qawweetiin qabsoo Bilisummaa godhanii fi mootummaan biyyan bulcha jedhu lola dhaabanii walitti dhufuun mari'atanii akka Mootummaa Cehuumsa Biyyoolessa Oromiyaa (MCBO) ijaaran yaada murtii dabarseera.

Warra ajandaalee gaafataniif
1. Nagaa Oromoo buusuu fi tiksuu
2. Rakkoo daangaa Oromiyaa furuu
3. Tokkummaa fi ijaarsa ummata Oromoo
4. Birmadummaa ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa
5. Hariiroo Oromoon sabaa fi sablammoota wajjin qabaachuu qabu
6. Hariiroo Oromiyaa fi Mootummaa Federaalaa jidduu jiru

11/13/2024

Alert ‼️

Eessaa Garamitti?
========

Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhamaatii yeroo dheeraatiin bara 2014 keessa yeroo hin yaadamnee fi hin eegamnetti dhohe,wareegama barbaachisaa itti baasuun hanga bara 2018 kan ture jijjiirama maqaa jedhuun Warraaksichi butamuun isaa kan hubatamudha.

Haala sochii fi adeemsa siyaasaa impaayera Itoophiyaa yeroo ammaa yoo ilaalle,gartuleeb kaayyoo hin qabne qabsoo Qeerrootti erga abbaa of taasisanii booda uummati keenya gidiraa bara Dargii dhagahaa guddannetti deebi'e.

Yeroo ammaatti,haala uummattooti impayerattii irra jiran yennaa hordofnu uummattooti Itoophiyaa hundi mootummaa Biltsiginnaa irraa abdii kutatanii jiru.

Odeessi keessoo biltsiginnaa akka agarsiisutti WARRAAKSI UUMMATTOOTA CUJQURFAMAA ITOOPHIYAA deebi'ee boba'uu akka danda'u shakkuun yaaddoo keessa galanii jiru.Mirkana oduu keessoo kanaatiif Biiroon Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa yaaddoo keessa seenuun dargaggoo gara diinagdeetti galchina jechuun xiyyeeffannaa dargaggootaa wayita bonaa kanatti fincila dhohuu malu hambisuuf xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiran hubanneerra.

Kanaafuu, Warraaksi irra deebii dhalachuun waan fardiidha.Hangasitti garuu haaldureewwan barbaachisan mijeessuun kan itti fufnu ta'a!

Nu eegaa! !

Lammii kiyya Oromoo, bagan jiraadhee nagaan deebi'ee isin arge. Haluma qabsoo taheetu dararaa hedduu dabarsine; hiree Or...
09/20/2024

Lammii kiyya Oromoo, bagan jiraadhee nagaan deebi'ee isin arge. Haluma qabsoo taheetu dararaa hedduu dabarsine; hiree Oromoo maraati. Aniif Jaallan kiyya illee jiraannee har'a geenye. Garuu, kan baayyee gara nu gubeefi eelaa tahe, Jaal Battee Urgeessaa of biraa dhabuun boqonnaa nu dhorke. Gumaan isa bilisummaa ni taati!

Jaallan qabsoo, miseensonniifi deeggartoonni, akkasumas, haawsni bal'aan kan biyya keessaafi alaa addatti kan biyya hambaatiifi biyya keessa manneen hiraarsaa adda addaa nuti naanneffamaa turretti dhuftanii nu gaafachaa turtan galata guddaa qabdu.
Kanneen Lubbuu kiyya hambisuufi har'a gahuu kiyyaaf sababa taatan hedduu keessaa Dr Tsaggaayee Araarsaa dhaabbataan qoricha naa dhiyeessuuf sagalee naaf tahuu, Obbo Tuulii Baay'isaa Abukaattummaan alatti akka lubbuun kiyya hin baaneef akka sabni na birmatee na cinaa dhaabbatu gochuu, Komishinar Daraartuu Tulluu Qoricha Ji'a Jahaa naaf dhiyeessuu, Dr Ilillii Jamaal Qoricha Ji'a lamaa naaf dhiyeessuun, Yaanneet Dinquu Qoricha Ji'a Lamaa naaf dhiyeessuun warri na gargaartan galata guddaa narraa qabdu. Kanneen maqaa keessan ammatti dhahuu hin feene, warri yeroo hundaa na cinaa dhaabbachuun Bassoo, Dammaafi waan ani nyaachuu dandahu naaf dhiyeessitan hundi galata qabdu. Midiyaalee adda addaa sagalee nuuf taatan hundi, akkasumas namoonni dhuunfaa karaa sabahimaalee of harkaa qabdaniin cubbuu nurratti dalagame saaxilaa turtan hundi galatoomaa;galanni keessan bilisummaa saba keenyaa haa tahu.

Lammiin keenya biyya keessaafi alaa dinagdeefi haamileen dandammannee akka harra geenyu nu gargartan hundi onnee kiyya keessa jirtu. Jaarmiyaalee adda addaa biyya keessaafi Idil Adduunyaa Komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa, Boordii Filannoo Itoophiyaa, Human Right Watch galatooma. Qabsoon sabaa haga bilisummaa itti fufa. Tokkummaa keenya cimsinee wal taanee gara fuula duraa akka tarkaanfannu shakkii tokkollee hin qabu.

Haalota biroo keessa turreefi itti deemnu bal'inaan ibsuuf walitti deebina. Birraa milkii nuuf haa tahu.

Gada Gabisa

Qabsaawota haqaa hoogganoota oromoo baga nagaan mana dukkanaa sana keessaa baatan!! Hiikamuu keessanitti heddu gammannee...
09/05/2024

Qabsaawota haqaa hoogganoota oromoo baga nagaan mana dukkanaa sana keessaa baatan!! Hiikamuu keessanitti heddu gammanneerra.

Address

15002 Layhill Road
Silver Spring, MD

Telephone

+12404766301

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kush Broadcasting Corporation posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category