Oromo Voice Media

Oromo Voice Media Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromo Voice Media, Media/News Company, Washington D.C., DC.
(1)

Oromo Voice Media serves as the leading platform committed to amplifying global awareness about the history, culture, struggles, and achievements of the Oromo people.

 : 🇪🇹 Korporeeshiniin Albuudaa Itoophiyaa fi dhaabbanni 'Sunbird' Baayo-inarjii Afrikaa, Itoophiyaa keessatti damee anni...
10/24/2025

: 🇪🇹 Korporeeshiniin Albuudaa Itoophiyaa fi dhaabbanni 'Sunbird' Baayo-inarjii Afrikaa, Itoophiyaa keessatti damee anniisaa haaromfamuun waliin hojjechuuf sanada walhubannoo mallatteessaniiru.

Waliigaltee kanaan dhaabbanni biyyoota Afrikaa garagaraa keessatti hojii anniisaa haaromfamu omishuu hojjetu 'Sunbird' Baayo-inarjii Afrikaa, pirojektii Itoophiyaa keessatti eegaluuf jedhurratti qorannoowwan hojjechaa akka ture himameera.
Sanadicha kan mallatteessan Hoji Gaggeessaa Olaanaan Korporeeshinii Albuudaa Itoophiyaa Obbo Tewodiroos Getaachoo, ''lammiileen Itoophiyaa qabeenya biyyattiin qabdurraa akka fayyadaman hojjechaa jirra,'' jedhan.

Dabaluunis "Waliigalteen har'a 'Sunbird' waliin waliif mallatteessine misooma qonnaan akkasumas gama fayyadamtootaan immoo dhaabbilee akka Daandii Qilleensa Itoophiyaaf boba'aa xayyaaraa faalamarraa bilisa ta'e (Sustainable Aviation Fuel) biyya keessatti omishuuf humna kan uumudha" jedhan.

Akka addunyaattuu jijjiirama qilleensaafi misoomni itti fufiinsa qabu biyyoota hedduuf rakkoo ta'uu kan kaasan angawaan kun, sanadni har'a mallattaa'e Itoophiyaaf carraa kan uumu ta'uus dubbatan.
"Mul'anni keenya anniisaa qulqulluutti (faalamarraa bilisa ta'e) fayyadamuun Itoophiyaa gara fakkeenya badhaadhina magariisaatti ceesisuudha" jedhan.
Kunis abjuu fagoo osoo hintaanee kan daandiin tarsiimo'aa ijaaramaafii jiru akka ta'es dubbatan.

Hoji Gaggeessaa Olaanaan dhaabbata 'Sunbird' Baayo-inarjii Afrikaa Richaard Beenet, pirojektichi omishaalee qonnaa anniisaa haaromfamuuf galtee ta'an omishuu, omisha kana warshaa keessatti gara boba'aatti jijjiiruufi boba'aa kana gurguruu ofkeessatti akka qabatu himaniiru.
"Pirojektiin jalqaba hojjennu waggaatti itaanolii miliyoona 60 omishuu kan dandeesisudha. Kunis lafa hektaara kuma 10 fi qonnaan bultoota kuma 10 kan hirmaachisu ta'a" jedhan.

Dhaabbatichi jalqaba boba'aa itaanoolii kana kaasaavaa irraa omishuuf karoorfachuusaa kan himan Richaard Beenet, kaasaavaa kilogiraama jaharraa boba'a konkolaataa liitira tokko akkasumas kaasaavaa kilogiraama 10 irraa boba'a xayyaaraa liitira tokko omishuun akka danda'amu himaniiru.
Hawaasni kaasaavaa akka omishu gochuun kaasaavaa qonnaan bultootaan omishame bituun boba'a xayyaarotaa, konkolaataafi boba'a nyaata bilcheesuuf gargaaru omishuuf karoorfachuusaa himaniiru.
Itoophiyaa keessa lafti qonnaa haalaan hojiirra hinoollee baay'inaan jiraachuu kan eeran hoji gaggeessichi, lafa kanatti fayyadamuun anniisaa amansiisaa ta'e omishuufi hawaasni qabeenya akka horatu gochuun akka danda'amu dubbatan.

"Waliigalteen har'aa adda durumaan omisha baayo-inarjii irratti waliin hojjechuuf kan mallattaa'eedha" kan jedhan Hoji Gaggeessaa Olaanaan Korporeeshinii Albuudaa Itoophiyaa Obbo Tewodiroos Getaachoo, pirojektichi waggoota itti aananitti hojiirra akka oolu karoorfamuu himaniiru.

Biqilonni pirojektii kanaan omisha boba'aaf galtee ta'an isaan ijoon Kaasaavaa fi shankoora akka ta'an kan himan Obbo Tewodiroos, gara fulduraatti galteewwan nyaataaf hin oollerraa anniisaa boba'a omishuuf waliigalteerra gahamuus dubbatan.

Yeroo ammaattis hojiirra oolmaa pirojektii kanaaf qorannoon hojjetamaa jiraachuu kan himame yemmuu ta'u, hojiileen qooda fudhattoota qindeessuufi maloota to'annoo qopheessuu hojjetamaa akka jiranis eeraniiru.

"Investaroonni baay'inaan gara Itoophiyaa dhufan anniisaa magariisa barbaachadha. Nuti immoo anniisaa haayidiro elektiriikii fi baayo-inarjiin walqabatee muuxxannoo gaarii waan qabnuuf biyya (investarootaan) filatamtuu nutaasisa" jedhan.

Mootummaan anniisaa magariisaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa akka jiru kan himan Obbo Tweodiroos, "akkuma beekamu omishni qonnaa daran guddachaa jira. Hafteewwan omisha qonnaa kunneen fayyadamuun anniisaafi xaa'oo omishuuf karoorfannee hojjechaa jirra" jedhan.
Gama biraatiin pirojektiin har'a sanadni wal hubannoo irratti mallattaa'e pirojektii waggoota dheeraaf turu akka ta'e himameera.

 : Baankichi Itti fayyadama Herrega Baankii dhuunfaafi Qaama 3ffaa ilaalchisuun qajeelfama dabarse. Baankiin Biyyaalessa...
10/24/2025

: Baankichi Itti fayyadama Herrega Baankii dhuunfaafi Qaama 3ffaa ilaalchisuun qajeelfama dabarse. Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Itti fayyadama Herrega Baankii Dhuunfaafi Qaama 3ffaa ilaalchisee qajeelfama cimaa ta’e dabarse.

Maamiltoonni baankii hedduun lakkoofsa herrega baankii isaaniin galmaa’een ala kan qaama sadaffaa fayyafamuun gurgurtaa raawwatu jedheeera. Daldaltoonni hedduu lakkoofsa herrega baankk maqaa isaaniin galmaa’een ala kan qaama sadaffaa fayyafamuun bittaa fi gurgurta raawwachaa jiraachuu himeera.

Baankichi qorannoo gaggeesseen sosochiin bittaa fi gurgurtaa hedduun lakkoofsa herrega baankii qaama sadaffaan kan raawwatamu ta’uu mirkaneessera jedhe. Kunis to’annoo fi hordoffii sassaabbii galii gibiraa dheefuuf hojmaata raawwatamu akka ta’eedha kn hime.

Sosochiin maallaqaa haala kanaan raawwatu shororkeessummaa maallaqaan deeggaruu waliin kan walqabatu ta’uus ni mala jedhe. Baankiin Biyyaalessaa hojimaata kanneenirratti tarkaanfii qindaa’aan akka fudhatamu murteessuu ibseera.

Bu'uura kanaan nageenyummaa fi amanamummaa sirna faayinaansii eeguuf, akkasuma nageenya diinagdee tiksuuf baankonni hundi maamiltoota lakkoofsa herrega dhuunfaa fi qaama sadaffaa hojmaata seeraan alaaf oolchaan ilaalchisee ragaalee barbaachisu gurmeessuun akka ergan Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa qajeelfama dabarseera.

 : (NEWS) Ministeerri Fayyaa wixinee qajeelfama istaandaardii haaraa qorannoo hayyama ogeessota fayyaa yaada dhiyeesseer...
10/24/2025

: (NEWS) Ministeerri Fayyaa wixinee qajeelfama istaandaardii haaraa qorannoo hayyama ogeessota fayyaa yaada dhiyeesseera. Wixineen kun ulaagaalee gahumsaa istaandaardii taasisuu fi to’annoo ogummaa damee fayyaa cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu ibseera.

Qajeelfamni Raawwii Qormaata Hayyama Ogeessota Fayyaa (Wixinee) bu’uura qormaata biyyoolessaa, hojimaata qophii gaaffii, irra deddeebiin qormaataa, qabxii kennuu, fi irra deebi’anii yaaluu bal’inaan kan ibsudha. Yaada dhihaate kanaan qormaanni hayyamaa waggaatti al sadii kan gaggeeffamu yoo ta’u, karaa kompiitara irratti hundaa’uun, waraqaa irratti hundaa’uun ykn bifa walmakaatiin kennamuu danda’a. Wixineen kun sirna qabxii saayinsaawaa, qorannoo yaalii, fi itti fayyadama sammuu namtolchee guddina gaaffii keessattis kan dhiyaatu yoo ta’u, gamaaggama ogeessaatiin kan dhiyaatudha.

Dorgomtoonni hayyama barbaadan dhaabbata beekamtii qabu irraa digrii tokkoffaa qabaachuu, ragaa leenjii qabatamaa dhiyeessu, akkasumas, kanneen biyya alaa barataniif, sanada walqixxummaa dhiyeessu qabu. Wixineen kun dorgomtoonni erga eebbifamanii waggaa lama keessatti yaalii qormaataa afur qofa kan daangessu yoo ta’u, irra deddeebiin kufaatiin yeroo leenjii qabatamaa ji’a jahaa barbaachisa. Tokkoon tokkoon madaallii gaaffilee 180 hanga 200 kan of keessatti hammate yoo ta’u, qaamolee filannoo dachaa ti’oorii ogeeyyii gahumsa qabaniin qophaa’anii fi gamaaggamaman ni qabaata.

Ogeeyyiin fayyaa jalqabbii kana simataniiru. ogeessi fayyaa hojii hojjetu Bereket Ayele (MD) wixineen kun ''yaadota barbaachisoo barnootaa fi sadarkaa ogummaa dabalatee haala gaariin kan ijaarame'' jechuun ibsaniiru. Eebbifamtoota sadarkaa dippiloomaatif ibsi hojii ifa ta’uu baatus, wixineen kun jalqabbii abdachiisaa akka bakka bu’u hubachiisaniiru.

Dr Bereket itti dabaluudhaan qormaanni yaadame qulqullina barnoota fayyaa fi sadarkaa ogummaa ol kaasuu danda'a jedhan. "Qormaata biyyoolessaa darbuu akka qaban beekuun barattoonni cimanii akka baratanii fi gahumsa irratti akka xiyyeeffatan ni jajjabeessa. Bu'aan qormaataa qulqullina leenjii isaanii waan calaqqisiisuuf yunivarsiitiiwwan sadarkaa barnootaa olaanaa akka eegsisan ni dhiiba," jedhan.

Haa ta’u malee, qabeenyi leenjii daangeffamee fi garaagarummaa meeshaalee qabatamaa manneen barnootaa fayyaa keessatti mul’atan kaasuun qormaanni raawwii hojii akka jiru akeekkachiiseera. Qormaatni jiraatus ogeessonni fayyaa fi qondaalli fayyaa kallattiin lubbuu namaa waliin waan hojjetaniif qormaanni kun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Qulqullina fooyyessuun Ministeera qofa irratti kufuu akka hin qabne cimsanii kan ibsan yoo ta’u, qajeelfamni kun bu’a qabeessa ta’ee akka hojiirra oolu mootummaan, yunivarsiitiiwwan, fi barattoonni hundi gumaachuu qabu jedhan.

Wixineen kun gahee supparvaayizaroota qormaataa, qindeessitoota, fi madaaltootaas kan qulqulleessu yoo ta’u, qorattootaaf sirna komii ni diriirsa. Dorgomtoonni sagantaa qormaataa yoo xiqqaate guyyoota 10 dursanii kan beeksifaman yoo ta’u, bu’aan qorannoo guyyoota hojii 15 keessatti ni eegama. Qajeelfamni fi maanuwaalii bal’aan pilaanii qormaataa, mala madaallii, fi qabxii kennuu irratti kennamuu ni danda’a, Ministira Mekdes Dabaan kan mallatteesse qajeelfamni kun dhuma bara kanaa hojiirra akka oolu yaadameeti jedhaniiru.

  (ADA) konfiraansii eebbaa isaa har'a magaalaa   gaggeessaa jira. Hogganaan paartichaa Atoo Geetaachoo Redaa haasaa ban...
10/24/2025

(ADA) konfiraansii eebbaa isaa har'a magaalaa gaggeessaa jira. Hogganaan paartichaa Atoo Geetaachoo Redaa haasaa baniinsaa konfiraansii kanarratti taasisaniin lubbuun jiraachuu ummata Tigraay eegsisuuf hojjechuu qabna jedhaniiru.

Paartichi hanga ammaatti miseensota kuma 5 fi 600 ol galmeessuu isaa, yaaddoo nageenyaa irraa kan ka’e miseensonni konfiraansii eebbaa kana irratti hirmaachuu akka hin dandeenye hubachiisaniiru.

Paartichi cunqursaa Wayyaaneen Uummata Tigraay mudachaa jiru karaa nagaa qolachuuf kan hundeeffame ta’uu, wayyaaneen qaamota alagaa biroo waliin tumsuun nagaa naannichaa fi biyyattii miidhaa akka jirtu ibsameera. Konfiraansii gaggeeffamaa jiru kana irratti miseensonni 256 sagalee kennuun akka hirmaatan gabaafameera.

Lt. Jeneraal Tsedkan Gebretnisae gama isaanitiin waggoota 50 oliif qaama siyaasa Itiyoophiyaa kan taate Wayyaaneen ummata Tigraay siyaasaan fayyadamaa jirti jedhan. Humna osoo hin taane yaada irratti hundaa’ee qabsaa’uuf Paartiin Tokkummaa hundeeffamuun isaa mallattoo fedhii ummanni Tigraay nagaa ta’uu ibsaniiru.

Walgahii eebbaa kana irratti kan argaman Itti Gaafatamaan Damee Ijaarsa Aadaa Demokraatawaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Melese Alemuu akka jedhanitti, Paartiin Tokkummaa imala badhaadhina Itiyoophiyaa gara fuula duraatiif dandeettii dabalataa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

 : Itiyoophiyaa Keessatti Madaqfamuu Haala Qilleensaa Guddisuuf Qajeelfama Haaraa Baase. Inistiitiyuutiin Qorannoo Beeyl...
10/24/2025

: Itiyoophiyaa Keessatti Madaqfamuu Haala Qilleensaa Guddisuuf Qajeelfama Haaraa Baase.

Inistiitiyuutiin Qorannoo Beeyladaa Idil-addunyaa (ILRI) qajeelfama bu’uuraa sirna ekisteenshinii qonnaa Itiyoophiyaa fooyyessuuf kaayyeffate baase. Malli haaraan kun yaada ragaa irratti hundaa'uun, qabeenya dabalataa irratti osoo hin hirkatin, maatii kalaqaa furmaata addaa mataa isaanii fayyadamuun qormaata haala qilleensaatiin milkaa'inaan madaqan adda baasee ibsa.

Qajeelfamni kun furmaata beeyladaa itti fufiinsa qabuu fi naannootti mijatu uumuuf qonnaan bultoota waliin tumsa gochuu cimsee kan ibsudha. Ogeessota misoomaa, hojjettoota ekisteenshinii qonnaa, fi barsiisota Itoophiyaa keessatti argaman deeggaruuf kan qophaa’e yoo ta’u, qormaata haala qilleensaa madaqsuu haala bu’a qabeessa ta’een akka furan gargaara.

Inispeekshiniin kun sagantaalee Gesellschaft für Internationale Zusammenarbeit(GIZ) fi CGIAR Research Initiative on Livestock irraa kan deeggaramee yoo ta’u, lamaan isaanii iyyuu horii, haala qilleensaa dandamachuu, fi sirna nyaataa itti fufiinsa qabu irratti kan xiyyeeffatani dha.

Qajeelfamni haaraan kun dhiibbaa haala qilleensaa waliin walqabatu guddachaa dhufuun damee qonnaa Ityoophiyaa cimsuuf gahee olaanaa qaba jedhamee eegama.

Koorporeeshiniin Daandii Baaburaa Itiyoophiyaa Tarsiimoo Invastimantii Haaraa Ifoomse. Korporeeshiniin Baabura Ityoophiy...
10/24/2025

Koorporeeshiniin Daandii Baaburaa Itiyoophiyaa Tarsiimoo Invastimantii Haaraa Ifoomse.

Korporeeshiniin Baabura Ityoophiyaa tarsiimoo invastimantii haaraa karaa Walta’iinsa Mootummaa fi Dhuunfaa (PPP) fi walta’iinsa walootiin invastaroota dhuunfaa fi alaa hawwachuuf kaayyeffate ifoomseera.

Akka qaama tarsiimoo kanaatti Ethiopia Railways Corporation( ERC) waajjira muummee isaa finfinnee keessa jiru gara kompileeksii itti fayyadama walmakaa ammayyaatti deebisee misoomsuuf karoorfateera. Pirojektichi waajjiraalee dhaabbilee, hoteelota, iddoowwan jireenyaa, fi dhaabbilee daldalaa kan hammatu ta’a. Dabalataanis, korporeeshinichi bu’uuraalee geejjibaa isaa cimsuuf iddoowwan ijoo kanneen akka Indoode, Moojoo, fi Dire Dawaatti wiirtuuwwan loojistikii misoomsuu irratti hojjechaa jira.

ERCn pirojektoota daandii baaburaa ijoo isaa, sarara Awaash-Haraa Gebeyaa dabalatee, kan yeroo ammaa misoomarra jiru, irratti kutannoo qabaachuu isaa itti fufeera. Korporeeshinichi akkasumas tajaajila geejjibaa maltimoodaalii ta’ee kan muudame yoo ta’u, tarkaanfiin kun tajaajila loojistikii fi geejjibaa walitti hidhame guutuu biyyattii fooyyessuuf kan kaayyeffatedha.

Jijjiiramni tarsiimoo kun tattaaffii ERCn damee geejjibaa Itoophiyaa ammayyeessuun guddina dinagdee bu’uuraalee misoomaa fi walta’iinsa fooyya’aa ta’een guddisuuf taasisaa jiru kan hubachiisudha.

 : Akka Baha Afrikaatti wirtuun leenjii baaburaa guddichi ijaaramuuf deema. Jalqabbiidhaaf barattoota kutaa 12ffaa qabxi...
10/24/2025

: Akka Baha Afrikaatti wirtuun leenjii baaburaa guddichi ijaaramuuf deema. Jalqabbiidhaaf barattoota kutaa 12ffaa qabxii darbinsaa fidan Inistiitiyuutii Baaburaatti sadarkaa teeknikiifi ogummaatiin leenjisuuf jedhame. Kana Inistiituutii Baabura Itoophiyaatu har'a beeksise.

Inistiitiyuutiin Baaburaa Itoophiyaa barattoota sadarkaa teeknikaafi ogummaatiin leenjisuuf hojjechaa jiraachuu Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Korporeeshinii Baaburaa Itoophiyaa Injiinar Hilliinaa Balaachoo himte.

Bara 2018tti barattoota gulantaa tokkoo haga sadiin barsiisuuf hayyama argachuufi yeroo barattoota kutaa 12ffaa darban fudhachuun barsiisuu ni eegala jechuu Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa gabaase.

Fuuldurattis, Bishooftuutti lafa heektaara 62 irratti Wiirtuu Gahumsa Afrikaa Bahaa ijaaruuf qophiin duraa xumuramuu dubbatanii; wiirtichi dandeettii dhaabbatichaafi baay’ina humna nama baratee akka guddisus eeraniiru.

 : 🇪🇹 "Afrikaa Sirna Addunyaa Jijjiiramaa jiru keessatt" mata duree jedhuun Bahiradaaritti kan gaggeeffamu Waltajjiin Xa...
10/24/2025

: 🇪🇹 "Afrikaa Sirna Addunyaa Jijjiiramaa jiru keessatt" mata duree jedhuun Bahiradaaritti kan gaggeeffamu Waltajjiin Xaanaa 11ffaan har'a eegalee jira.

Ministeera Dhimma Alaatti Daarektarri Dhimma Afrikaa Ambaasaaddar Zerihun Abebe akka jedhanitti, waltajjiin kun mata duree "Afrikaa Sirna Addunyaa Jijjiiramaa jiru keessatti" jedhuun waltajjiiwwan sadii irratti kan gaggeeffamu ta'a.

Waltajjiin jalqabaa har'a magaalaa Baahir Daaritti, lammataa Addis Ababaatti, sadaffaan immoo Walgahii Ministiroota Dhimma Alaa irratti ni gaggeeffama.

Bakka bu’oonni dhaabbilee naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa, dippilomaatonni, dhaabbilee biyyoota hedduu fi ergamtoonni addaa waltajjicharratti hirmaatan magaalaa Baahirdaar galaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos dabalatee qondaalonni mootummaa olaanoon magaalaa Baahir Daar galaniiru. Pirezidaantii Fooramii Xaanaa tahuun tajaajilaa kan turan pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Oleesugun Obaasaanjoos fooramicha irratti argamu.

Waltajjiin guyyaa sadiif turu kun Afriikaanonni sirna addunyaa jijjiiramaa jiru keessatti qooda fudhattoonni gahee isaanii akka bahatan ni dandeessisa jedhameera.

10/23/2025

🔔 Odeeffannoo haaraa Itoophiyaa fi Gaanfa Afrikaa argachuuf OVM hordofaa!Gabaasa har’aa keessatti:🇪🇹 Ambaasaaddar Diinaa Muftiin waa’ee Ertiriyaa fi Hulaa...

 ? 🇪🇹 Buufanni Galaana Diimaa Magaalaa Guddoo Itiyoophiyaa Finfinnee Irra 860 KM fagata. Ertiraan Asmaraa Irraa 1185km k...
10/23/2025

? 🇪🇹 Buufanni Galaana Diimaa Magaalaa Guddoo Itiyoophiyaa Finfinnee Irra 860 KM fagata. Ertiraan Asmaraa Irraa 1185km kan fagaatuufi boba’aan addunyaa harki 60 tahu irra deddeebi’u fi kaabaa hanga kibbaatti km 1000 dheeratu kun Itiyoophiyaaf maal ture? Galaana kanarraa Ertiraan odolawwaan xixiqqoo 300 qabdi. Buufanni doonii Asab meetira 1025 kan diriiru yoo tahu, boca ‘U’ qaba, yeroo tokkotti dooniiwwan torba dhaabuu danda’us galaanuma kanarra jira.

Buufanni lafa kuusaa meeshaalee iskuweer kiloomeetira kuma dhibba 2 fi kuma 75 fi dhibba 320 kan qabu yoo tahu, miya kuma 385 hanga 930 qabachuu danda’a.Itoophiyaan hanga bara 1993 Hulaa Galaana Diimaatti isii baasu qabdi ture. Keessattuu buufanni doonii Assaab handaara galaanatti argamu seenaa Itoophiyaatti hidhatu qaba.

akkasumas daangaa Itoophiyaarraa fagoo miti. Buufanni kun Asmaara caalaa Finfinneetti dhiyaata.Finfinneerraa Km 860 qofa hoggaa tahu, Asmaraarraa ammoo km 1,185 fagaata. Buufanni doonii Assaab meeshaalee garaagaraa fe'uu fi buusuuf Itoophiyaa sirriitti tajaajilaa kan ture yoo tahu, gargaarsa Soviyeet Raashiyaa duriin jaarame.

ALA bara 1998 waraanni Itoophiyaa fi Eertiraatti ka'uun dura hanga bara bara 1995tti meeshaaleen Itoophiyaan gara biyyaatti galchitu % 98 karaa hulaa galaanaa kana seena ture. Bara san ala ergiin Itoophiyaa %50 karaa Hulaa galaanaa kana biyya alaatti ergama ture. Dhaabbanni Xaaliyaanii tokko ALI bara 1869 buufata doonii kana qabate.

Itoophiyaan dhimma hariiroo dantaa alaarratti Xaaliyaanii wajjiin odoo wal hin loliin Waraana Aduwaa dura Xaaliyaaniin meeshaalee waraanaa karaa buufata doonii Assaab galchuun Itoophiyaatti gurguraa turte.

Meeshaaleen Itoophiyaan gara alaatti ergitus karaa Hulaa galaanaa Assaab dabraa ture.Waraanaa Addunyaa Lammeessaa booda Xaaliyaaniin biyyoota Afrikaa koloneeffatte wayita gadhiiftu, Ingiliziitu buufata doonii kana bulchaa ture.

 : Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa (NEBE) guyyaa filannoo waliigalaa biyyattii marsa 7ffaan waxabajjii 1, 20...
10/23/2025

: Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa (NEBE) guyyaa filannoo waliigalaa biyyattii marsa 7ffaan waxabajjii 1, 2026 akka gaggeeffamuu yaada dhiyeesse. Hoggantoota paartilee siyaasaa waliin Onkoloolessa 20, 2025 mariin gaggeeffameen Boordichi sagantaa kanaaf mariin dabalataa hanga gaggeeffamutti fooyya’iinsaaf banaa kaa'ee jira.

Hogganaan olaanaa paartii siyaasaa marii Boordichaa irratti hirmaate Addis Standard akka himetti, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa sochiin filannoo Onkoloolessa 30 bara 2025 akka eegaluuf beellamamuu fi guyyaan filannoo Waxabajjii 01, 2026 akka ta’u ibsa jedhan. Sagantaan gulaallii jalqabaan dhiyaate kun haala yeroo filannoo fi haga labsii bu’aa filannootti kan ibsu ta’uu llee ibsaniiru.

Hogganaan Boordii Fillannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelaatwarqi Hailuu ibsa gaazexeessitootaaf kennani akka himanitti, kaayyoon marii kanaa ilaalcha ijoo paartilee siyaasaa irraa dhufan haammachuu fi yaaddoon isaanii haala iftoomina, haqummaa fi amanamummaa qabuun akka ibsatan gochuu akka ta’ee fi dabalatan hubannoo waloo irra ga’uuf kan yaadame ta’uus ibsan.

 : 🦟 🇪🇹Itoophiyaatti ji’oota sadi darban keessa namoonni miliyoonni 1.3 dhibee busaan qabamuun ibsame. Itoophiyaatti nam...
10/23/2025

: 🦟 🇪🇹Itoophiyaatti ji’oota sadi darban keessa namoonni miliyoonni 1.3 dhibee busaan qabamuun ibsame. Itoophiyaatti namoota miliyoona 3.8 ji’oota sadan darban qorannoo dhibee busaa taasisan keessaa namoonni miliyoona 1.3 dhibichaan qabamuu ministeerri fayyaa beeksise

Ministeera Fayyaatti hoji gaggeessaa olaanaa kutaa ittisaa fi to’annoo dhibee Doktar Hiwoot Salamoon, tamsa’inaafi bal’ina dhibee busaa qorachuun dhibee kana ittisuuf hojiin cimaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara baajata 2017’tti aanaalee 177 keessatti keemikaalli akka biifame yaadachiisuun, bara kanas aanaalee 217 fi manneen miliyoona 3 keessatti biifamuuf galteewwan raabsamee, iddoolee baay’eetti biifameera jedhan.

Bara bajataa kanatti saaphana bookee busaa miliyoona 13 ol dhibee busaa ittisuuf hawaasa dhaqqabsiisuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu odeeffannoon miidiyaalee biyya keessaa irraa argame ni agarsiisa.

Haala kanaan walqabatee Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Itoophiyaan talaallii busaa ‘R21/Matrix M’ jedhamu kennuu eegaluun, biyyoota Afrikaa talaallii kana hojiirra oolchan 23ffaata’uu ishee beeksise. Haga yoonaa naannolee dhibeen busaa itti hammaatutti aanaalee 58 keessatti talaallin kun eegalamuu eeran.

Address

Washington D.C., DC

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromo Voice Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromo Voice Media:

Share