01/10/2026
Ijaarsa Dirree Xiyyaaraa Haaraa Aabbuu Seeraa Ilaalchisee Ibsa ABO
Waggoota Soddomman darban kana keessa qonnaan bulaan Oromoo godinoota Oromiyaa garagaraa keessatti argamu yeroo adda addaatti sababa misoomaatiin lafa isaa irraa seeraan ala, beenyaa baay’ee xiqqaa ta’een, yookaan beenyaa homaatuu osoo hin kaffalaminiif buqqaafamaa ture. Buqqaatiin seeraan alaa kun manca’iinsa aadaa, afaan, seenaa, duudhaa akaakilee fi guutummaa eenyummaa sabichaa balaa hamaaf saaxile. Keessattuu, haalli qonnaan bulaa naannawaa Finfinnee irratti raawwatame jiruu fi jireenya hawaasummaa hundee irraa diigee maatii bittinneessuun sadarkaa duguuggaa sabummaa (ethnic cleansing)tti ol guddatee jira. Haaluma kanaan gosoonni Oromoo akka Eekkaa, Galaan, Gullallee fi Abbichuu qe’ee handhuura isaanii irraa dhabamsiisuun har’a gosoonni kunneen eessa akka jiran hin beekamu. Finfinneen baay’ee bal’attee baay’ee guddattee guddinni ishee awwaala gosoota Oromoo kana irratti dhugoome.
Bara 2014 hojiitti hiikamuuf kan karoorfame Master Plan Finfinnee diddaa qindaa’aa Qeerroon Oromoo itti of kitimeen waan maqsame fakkaatus, dhiheenya kana karoorri sun keessa deebi’amee sududa sududaan hojiitti hiikamaa jiraachuu mallattoolee baay’ee argaa jirra. Sirni mootummaa PPs karoora Master Plan duraan waan maqsame fakkaate sana daran babal’isee hojiitti hiikuun jireenya qonnaan bultoota Oromoo yaaddoo fi balaa hamaaf saaxileera.
Pirojektiin Dirree Xiyyaaraa Aabbuu Seeraatti ijaaramuuf karoorfames qaamuma itti fufa Master Plan duraan karoorfamee ta’uu haalli amma raawwatamaa jiru ni agarsiisa. Pirojektii guddaan Dirree Xiyyaaraa sadarkaa Afrikaatti baay’ee guddaa ta’e kun qonnaan bultoota gandoota ja’aa: Aabbuu Aciroo, Aabbuu Garbii, Aabbuu Kombolchaa, Aabbuu Looyyaa, Aabbuu Lugnaa fi Aabbuu Saarkamaa keessa jiraatan abbaa warraa 3000, sadarkaa maatiitti yoo tilmaamne ammoo maatii 15,000 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqisa.
Misooma dirree xiyyaaraaf yaadame kana qonnaan bultoota buqqaafaman deebisanii qubachiisuu fi dandamachiisuuf baajetni qarshii 17,000,000,000 karaa mootummaa Naannoo Oromiyaa akka karooraatti qabamuu odeeffannoo yoo qabaanne iyyuu, baatii darbee kaasee qonnaan bultoonni gandoota ja’an eeraman keessa jiraatan oomisha isaanii osoo hin sassaabbatin, qabeenya isaanii osoo hin sochoofatin, loon isaanii illee osoo hin gurguratin hatattamaan bifa duulaatiin akka kaafamanii fi qarqara magaalaa Bishooftuu ganda Dhibaayyuu keessa akka qubsiifaman taasifamuu quba qabna. Qonnaan bultoonni Aabbuu Seeraa, akkuma qonnaan bultoota Eekkaa, Gullallee, Galaanii fi Abbichuu, lafa isaanii irraa qofa osoo hin taane, aadaa, afaan, seenaa, duudhaa Oromummaa fi abdii egeree ofii irraa buqqaafamu. Mancaatii eenyummaa saba tokkoo beenyaa hangamuu kaffaluun hirphuun hin danda’amu.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n, misooma dirree xiyyaaraa haaraa kanaan walqabatee akkaataa itti qonnaan bultoonni Aabbuu Seeraa itti buqqaafamaa jiran baay’ee kan isa gaddisiise ta’uu ibsuun, adeemsi raawwatamaa jiru adeemsuma qonnaan bultoota Tuulamaa – Gullallee, Eekkaa, Galaanii fi Abbichuu lafa irraa dhabamsiisee dha jedhee amana. Qonnaan bulaa buqqaafame karaa qajeelaa ta’een qaama pirjektichaa taasisuun akka qooda isaatti abbummaa dirree xiyyaaraa sanaa gochuun osoo danda’amu, faallaa kanaatiin qonnaan bulicha buqqaasanii bittinneessuun gocha duguuggaa eenyummaa sirnoonni darban Oromoo irratti raawwataa turan kan itti fufsiisuu dha.
Kana waan ta’eef, Addi Bilisummaa Oromoo:
1. Mootummaan pirojektii Dirree Xiyyaaraa Aabbuu Seeraa akka haaraatti ijaaramuuf karoorfame kana keessatti qonnaan bultoonni Aabbuu Seeraa gandoota ja’a (6) keessaa buqqaafaman beenyaa muraasaan gaggeessuu osoo hin taane, qonnaan bultoonni kunneen buufata xiyyaaraa kana keessaa abbummaa qabeenyaa (share) isaaniif malu akka kennamuuf;
2. Abbummaan qabeenyummaa kunis harcaatii tokko malee, abbootii qabiyyee lafaa fi dhaaltota isaanii akka hammatu taasisuu;
3. Qonnaan bultoota buqqaafamanii deebisanii qubachiifaman kanaaf bu’uuraaleen misoomaa kanneen akka mana barnootaa, manneen waldhaansaa, tajaajila bishaan qulqulluu, ibsaa fi kkf hatattamaan akka guutamuuf;
4. Qonnaan bultoota kunneen mancaatiin eenyummaa akka hin qunnamneef kunuunsi addaa akka taasifamuuf yaadachiisa; gaafatas.
Faallaa kanaa, misooma dhaabbataan qonnaan bulaa Oromoo buqqisuu fi bittinneessuu ABOn ni balaaleffata. Qaamota dhimmi ilaalu waliin ta’uunis yaadi furmaataa olitti tuqame Qonnaan Bultoota Aabbuu Seeraatiif hatattamaan akka raawwatu ni qabsa’a. Asumaanis tattaaffii jaarmiyaan siivikii Global Oda Nabe Association (GLONA) jedhamu mirga qonnaan bultoota kanaa kabachiisuuf taasisaa jiru dinqisiifataa, dhaabbileen Oromoo kaanis kana irraa barnoota fudhachuun dhiibbaa mirga namoomaa maqaa misoomaatiin saba keenya godinoota adda addaa keessa jiraatu irratti raawwatamu akka dura dhaabbatan ABOn waamicha dhiheessa.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Amajjii 09, 2026
Finfinnee