Walal midiyaa

Walal midiyaa Dhugaan dhugaaf hojjenna

Qondaalotni ABO Haaromsa Fudhataa Turan Har’a Waadaa Isaanii Haaromsatan.[SBO/VOL - HAGAYYA 03, 2025] Waajjira ABO Wiirt...
08/03/2025

Qondaalotni ABO Haaromsa Fudhataa Turan Har’a Waadaa Isaanii Haaromsatan.

[SBO/VOL - HAGAYYA 03, 2025] Waajjira ABO Wiirtuu Gullalleetti haaromsa fudhataa kan turan Qondaalotni ABO Hagayya 03, 2025 guyyaa har’aa waadaa isaanii haaromsataniiru.

Miseensi Shanee Gumii GS-ABO Jaal Abdii Raggaasaa sirna har’a Waajjira Muummee Gullalleetti geggeeffame irratti argamuun qondaalota dhaabaa barnoota malu fudhataa turanii fi har’a waadaa isaanii haaromsatan kanneeniif haasaa taasisaniiru.

Haasaa isaanii kanaanis dhaamsa miseensota qondaalotaa Irbuu haaromfataniif dabarsaniin, “Miseensonni keenya gaafa Irbuu jaallanii seenan wareegama qabsoon gaafattu cufa baasuuf of qopheessuu qabu” jedhan.

“Qabsoon Bilisummaa Oromoo ABOn gaggeeffamu qabsoo haqaa waan taheef, miseensi keenya haqaan ummata isaaf hojjachuuf of qopheessuu qabas.” jedhan.

“Qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti namni Irbuu seenee qabsoo keessaa ganee milkaaye hin jiru, Irbuu itti seentan yoo nyaattan isin bal’eessitii eeggadhaa” jechuun dhaamsa dabarsan.

“Qabsoon karaa nagahaa of kenniinsa, kutannoo, gootummaa, obsaa fi murannoo barbaaddi waan taheef, wareegama qabsichi gaafattu baasuuf of qopheessaa” jedhaniiru.

Duulli haaromsaa, barnoota dhaabaa kennuu fi waadaa ofii haaromsatuu kun kan jalqabaa malee kan xumuraa akka hin taane kan ibsame yoo ta’u, deemsi kun hanga miseensota dhaabaa waliigalaatti kan itti fufu tahuu hubachuun danda’ameera.

Baroota dheeraaf qabsoo bilisummaa Oromoo geggeessaa kan turee fi ammas qabsicha harkaa kan qabu ABOn, qabsoo baroota dheeraa hifachiisaa fi wareegama guddoo ulfaattuu baaseen mirgoota jajjaboo ummata Oromoof argamsiiseen Oromoo dhabama irraa hambisee akka sabaatti akka mul’atu godheera. Oromiyaa lafa irratti mul’isuun argamsiiseera. Isa hafe argamsiisuu fi galii qabsichaa milkeessuuf har’as qabsootti jira.

ABOn dhiibbaa siyaasaa waggoota shanan darban kana isa irra gahe dandamatee jaarmaa ofii haaromsatuu fi qabsoo karaa nagaa jalqabe itti fufuuf kutannoon hojjechaa, sochii isaa itti fufee jira.

Murtii fi Kutannoolee Walgahii 3ffaa GS ABO Adoolessa 8, 2025Gumiin Sabaa ABO walgahii isaa dhaabbataa 3ffaa kan Adooles...
07/09/2025

Murtii fi Kutannoolee Walgahii 3ffaa GS ABO Adoolessa 8, 2025

Gumiin Sabaa ABO walgahii isaa dhaabbataa 3ffaa kan Adoolessa 7 – 8, 2025 magaalaa Finfinnee, Gullallee, Waajjira Mummee ABOtti geggeeffateen: Haala Dhaaba ABO, Haala Oromiyaa fi Itoophiyaa, Haala Godina Gaanfa Afriikaa fi haala waliigala Addunyaa kanneen qabsoo ummata keenyaatiif dhiibbaa hamaas tahe tolaa qabaachuu danda’an irratti marii bal’aa gaggeesse. Marii kana irratti hundaawuudhaanis dhimma jaarmayaa ABO fi dhimmoota waliigalaa irratti murtii fi kutannoolee armaan gadii dabarsuudhaan walgahii isaa haala gaariidhaan xumuratee jira.

I. Dhimma Jaarmayaa ABO
1. Kora Sabaa (Kora Addaa) kan Waxabajjii 2019, erga waajjirri muummee ABO Finfinneetti deebi’ee, ulaagaa seerri biyyattii gaafatu guuttachuuf jecha gaggeeffameen asitti dhiibbaa gara garaatiin dhimmoota caasaa fi sirna jaarmayaa ABO irratti qaawwa uumaman cufachuuf, akkasumas, ulaagaa seerri biyyaa gaafatu kan yero yerootti haaromsamu guuttachuudhaan Dhaabicha daran jabeessanii hojii qabsoo itti fufsiisuuf akka gargaaruuf, Korri Sabaa 5ffaan ABO yeroo gabaabaa keessatti akka gaggeeffamu Gumiin Sabaa murteessee Koree Kora kana qopheessitus utubee qajeelfama hojiis kenneefii jira.

2. Dhimma miseensota hoogganaa kanneen Kaayyoo fi Heera Dhaabichaa irraa maquudhaan Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo haqaa Dhaabichi gaggeessu irratti gocha gantummaa raaw’atan ilaalchisee, gabaasa KHR kan Hayyu-Duree ABOtiin dhihaateef, akkasumas, gabaasa Koree Seeraa fi Tohannoo dhaggeeffatee irratti mari’achuudhaan, Heera ABO fi labsii boordii filannoo biyyoolessaa hordofuudhaan tarkaanfii Hayyu-Duree fi Koreen Hojii Raaw’achiistuu wal duraa-duubaan fudhatan kan gabaasichaan dhihaate Gumiin Sabaa ABO raggaasee jira. Itti dabalees, Gumiin Sabaa ABO, Heera ABO fi labsii boordii filannoo biyyoolessaa 1162/2019, aangoo 90.5 irratti hundaawuudhaan, miseensotni hoogganaa kunniin dirqama, gaafatamaa fi mirgoota Dhaaba keessatti qaban hunda irraa ugguramanii dhimmi isaanii murtii maayyiitiif Kora Sabaatti akka dhihaatu qajeelchee jira.

II. Dhimmoota Waliigalaa
1. Ummatni keenya qabsoo bilisummaa hoogganummaa ABOtiin waggoota 50 oliif gaggeessaa yoona gaheen injifannoo fi mirgoota mumul’atoo hedduu gonfatus, har’a illee haadha mirgoota hundaa kan taate bilisummaa isaa akkuma dheebotetti jira. Har’as ajjeechaan, hidhaa fi dararamni ilaalcha siyaasaa keessaa maddu irraa hin dhaabbanne. Keessattuu, bara 2018 qabsoo fi wareegama ummatni Oromoo (addatti ammoo, Qeerroon Bilisummaa Oromoo) qooda ol’aanaa keessatti qabaataniin jijjiiramni mootummaa erga godhamee as, waggoota 7 dabraniif, ummatni keenya roorrifama kan sirnoota dabranii irra hammaatutu isa mudate. Murni EPRDF keessaa aangootti dhufe hunda dura Oromoo irratti lola bane. Akka kanaan waadaa yeroo aangootti dhufu ummataaf seenee ture kan “Rakkoo siyaasaa lolaan osoo hin taane mariidhaan furra.” jedhu hojiitti hiikuu hanqachuudhaan Oromiyaa dirree goolii fi jeequmsaa taasise.

2. Waliigaltee ABO wajjin Asmaraatti godhame faallessuudhaanis Hoogganoota, qondaalota, miseensotaa fi deggertoota ABO bilisummaa sochii sarbee: doorsisa, miidhaa qaamaa, hidhaa fi ajjeechaadhaan sodaachisee of jala galchuudhaan ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf, daba siyaasaa seenaan hin daganne hedduu raaw’ate.

Miseensota hoogganaa fi qondaalota ol’aanoo dabalatee, miseensotaa fi deggertootni ABO hedduun, Oromiyaa bakka hedduutti haala beekamuu fi hin beekamneen ajjeefamuun, miseensota KHR fi GS ABO dabalatee, qondaalotni ol’aanoo fi miseensotni ABO kumoota hedduutti lakkaawaman seeraan alaa fi balleessaa malee hidhamanii waggoota dheeraaf hiraarfamuun, Waajjira Muummee ABO kan amma walgahiin kun keessatti geggeeffame dabalatee, waajjirootni ABO Oromiyaa guutuu keessaa cufamanii turuun daba siyaasaa armaan olitti ibsame kanaaf ragaalee mul’atoo dha.

Gumiin Sabaa daba siyaasaa ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti dalagame kana cimsee balaaleffata. Adeemsi akkanaa kan aadaa siyaasa Itoophiyaa tahee baroota lakkoofsise kun nageenyaa fi wabii jireenya ummatootaa kan waliigalaaf gufuu guddaa tahuun hubatamee, Paartiin biyya bulchaa jiru (PP.n) adeemsa badii kana irraa dhaabbatee, mirgootaa fi bilisummaa sochii siyaasaa kan ABOs tahe Dhaabotni siyaasaa biroo fi lammiileen biyyattii hundi kaayyoo fi imaammata siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa itti amanan geggeeffachuuf qaban akka kabajuu fi dirree siyaasaa kan qabsoo karaa nagaa cufuu irraa akka of qusatu Gumiin Sabaa jabeessee gaafata.

3. Yeroo ammaa olola dogoggorsaa fi burjaajessaa ‘gareen amma Itoophiyaa bulchaa jiru Oromoo dha ykn. Oromoof looga’ jedhu kan faallaa dhugaa lafa irra jiruu taheen Saba Oromoo irratti duulli maqa-balleessii kan balaa guddaa hordofsiisuu danda’u gaggeeffamaa jiraachuun waan argaa fi dhagahaa jirru dha. Sabni Oromoo balaa sababa kanaanis tahe akka biraatti gara kamiinuu itti aggaamamu irraa of ittisuuf tokkummaa isaa cimsatee mooraa qabsoo isaa akka jabeeffatu hubachiisna. Akkasumas, mirga sabootni qabsoodhaan argatan deebisanii sarbuuf ykn. duubatti deebisuuf yaalii bifa kamiinuu taasifamu ummatni keenya dammaqiinsaa fi cichoominaan akka dura dhaabbatu yaadachiisna.

4. Sababii nageenyi dhabamuutiin barattootni mana barumsaatti galmaawan (keessattuu baadiyaa keessatti) lakkoofsaan xiqqaachaa jiru. Barattootni sadarkaa University irraa eebbaaf gahanis akkasuma lakkoofsaan xiqqaachaa dhufuun beekamaa dha. Kana malees ummatni baadiyaa naannoo lolli keessatti geggeeffamu jiraatu dhiheessii qorichaa gahaa dhabuudhaan dhukkuboota irraa fayyuun danda’amuun du’aaf saaxilamuun dabalaa jira. Kun hegeree biyyaa fi ummataaf yaaddoo guddaa dha. Waan taheef, ummatni bal’aa fi qaamotni dhimmi ilaalu hundi yaaddoo kana xiqqeessuuf Paartii biyya bulchaa jiru irratti dhiibbaa feesisu hunda akka godhan hubachiisna.

5. Nagaa fi tasgabbiin: wabii jireenya ummataaf, shaakala dimokiraasii fi guddina waloo argamsiisuuf wabii dha. Waan taheef, mootummaan PP humnoota qabsoo hidhannoo gaggeessan waliin rakkoo siyaasaa jiru mariidhaan akka fixatuu fi nageenya ummataa kan waliigalaa mirkaneessuuf waan isa irraa barbaadamu akka raaw’atu Gumiin Sabaa hubachiisa.

6. Yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti ol’aantummaan seeraa dhabamee, dhiittaan mirga namoomaa (keessattuu mirga dubartootaa fi daa’immanii) hammaatee, saamichi bifa gara garaatiin ummata irratti geggeeffamu daran babal’atee, qaala’iinsi jireenyaa daangaa dabree jira. Maqaa mishoomaatiin hiyyeessa lafa isaa irraa buqqisuu fi gibira humnaan olii itti fe’uudhaan jireenya itti hadheessuun daran hammaatee jira. Kanaaf sababni guddaan ammoo Paartiin biyya bulchaa jiru (PPn) rakkoo siyaasaa fi nageenyaa karaa nagaa fi dimokiraatawaa taheen qaamota dhimmi ilaalu wajjin mari’atee furmaata waaraa barbaaduu diduu fi bulchiinsa abbaa irrummaa itti fufsiisuu filachuu isaa ti. Hannaa fi malaammaltummaan (corruption) haala kanaan uumames rakkinoota ibsaman kanneen daran hammeessuu keessatti qooda ol’aanaa qabu.

7. Dhiittaan mirga namoomaa qaamota mootummaatiinis tahe qaamota birootiin lammiilee nagaa irra gahan hundi qaama walabaan qoratamanii itti gaafatamummaan jiraatuu akka qabu ABOn jabeessee amana. Kana dhugoomsuufis wanti amma Paartiin Badhaadhinaa maqaa ‘Marii Biyyoolessaa/National Dialogue’ fi ‘Haqa Cehumsaa/Transitional Justice’ jedhuun haala qaamota dhimmi ilaalu hunda hin hirmaachisneen gaggeessuutti jiru irraa dhaabbatamee, mariin haqaa kan qaamota dhimmi ilaalu hunda hirmaachisuudhaan gara furmaata dhugaa, kan filannoo haqaa fi bilisa gaggeessuuf haala mijeessuutti geessu akka taasifamu kanneen dhimmi ilaalu hundi dhiibbaa gama isaanii akka godhan yaadachiisna.

8. Jaarmayootni Siyaasaa Itoophiyaa Sagantaa siyaasaa fi mul’ata qaban humnaa fi wal balleessuudhaan osoo hin taane akkaataa itti wal hubatamee rakkoo fi garaagarummaan jiru murtii ummataatiin furmaata waaraa argatutti waliif kabajanii sossohuun barbaachisaa tahuutti ABOn ni amana. Carraa kanaan, waajjirri Muummee ABO akka banamuuf sochii gochaa turre keessatti Gumii Waloo Paartiilee Siyaasaa Damee Finfinnee keessaan warri nu bira dhaabbattan galatoomaa jenna.

9. Humnootni mirga ummataaf dhaabbanne jechaa lafa babal’ifachuuf ummata wal irratti kakaasuudhaan gocha hamaa nageenyaa fi waliin jireenya ummataa boriif godaannisa seenaa kaa’ee dabru raawa’tan, gochaa akkanaa irraa akka of qusatan gaafanna. Kanumaa waliin, gareen aangoo mootummaa harkaa qabus shira akkasiitti fayyadamuudhaan umrii aangoo dheereffachuuf yaaluu irraa akka of qusatu akeekkachiisna.

10. Humnootni biyyoota biroo kan bolola saamicha dinagdee Oromiyaatiif hamuummatan dantaa ofiif jecha qabsoo haqaa Sabni Oromoo bilisummaa isaa gonfachuuf geggeessutti gufuu tahuuf shirri isaan xaxan nageenya waliigalaa naannoo kanaatiif balaa waan taheef akka irraa of qusatan gorsina.

III. Fumaata
ABOn akkuma irra deddeebi’ee ejjennoo isaa ibsachaa turee fi gochaanis itti hirmaatee fedhii isaa agarsiisaa ture, ammas taanaan rakkoon Itoophiyaa inni bu’uuraa rakkoo siyaasaa waan taheef, gaaffii haqaa afaan qawweetiin ukkaamsuu fi filannoo kijibaa kan gareen biyya bulchu kophaa ofii dorgomee yookaan kanneen dantaa dhuunfaa xixiqqoo barbaachaaf hamaamota isaaf tahaniin of dabaalee geggeeffatuun rakkinichi akka hin furamne hundaan hubatamuu qaba jennee amanna. Waan taheef, rakkoo siyaasaa jiruuf furmaatni siyaasaa akka argamsiifamuuf kanneen dhimmi isaa ilaallatu hundi gahee isaanii akka bahatan gaafachaa, ABOn gama isaatiin furmaata waaraa argamsiisuuf hojjechuu ammas cimsee kan itti fufu tahuu beeksisna.

IV. Guduunfaa
Impaayerri Itoophiyaa madda rakkoo nageenyaa fi tasgabbii godinichaa tahaa har’a geesse. Keessa isheettis nagaa waaraa fi amansiisaa argattee hin beektu. Kanaaf sababni ammoo ilaacha farra dimokiraasii mootummootni dhufaa-dabraa Itoophiyaa bulchan ittiin masakamaa yoona gahani dha. Innis mirga waloo kan hiree ofii ofiin murteeffachuu ummatootaa kabajuu irra afaan qawweetiin ukkaamsuutti amanuu dha. Adeemsa faallaa dimokiraasii fi faallaa mirgoota labsii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (United Nations) tahe kana irraa dhaabbatamee rakkoon siyaasaa biyyattii karaa nagaa fi adeemsa Heeraatiin akka furmaata waaraa argatuuf mootummootni fi qaamotni adda addaa kan nagayaa fi tasgabbii naannoo kanaa irraa dantaa qaban, akkasumas, hawaasni addunyaa akka waliigalaatti dhiibbaa gama isaaniin feesisu kan nagaa fi tasgabbii Godina Gaanfa Afrikaa mirkaneessuuf gargaaru akka taasisan yaamicha goona.

Maayyii irratti ilmaan Oromoo kanneen waggoota dabran keessatti balaa ABO diiguuf itti aggaamame qolachuuf hanga wareegama lubbuutti falmatanii Dhaabaa fi qabsicha jiraachisan hundaa GS-ABO gaddaa fi kabaja guddaadhaan isaan yaadata. Gumaa fi beenyaan isaanii qabsoo bilisummaa sabaa isaan kufaniif galmaan gahuu dha jenna. Kanuma waliin hawaasa keenya biyyoota ambaa jiraatan rakkoo Dhaabaa fi ummata keenya biyya keessaa irra gahuuf sagalee tahuutti dabalee miseensota Dhaabaa hidhaan seeraa alaa fi dhiittaan mirgaa bifa gara garaatiin irra gahu waan danda’aniin gargaaruuf birmannaa taasisaniif Gumiin Sabaa carraa kanaan ni galateeffata. Fuula duraafis Sabni Oromoo, akkuma baroota qabsoo dabran (keessattuu waggoota 5 as aanan) miidhama fi wareegama hedduu danda’ee fi obsee qabsaawota isaa of keessatti hammatee falmaa hadhooftuu geggeessaa har’a gahetti, hanga qabsoon haqaa bilisummaa keenyaaf geggeessinu galma gahutti hirmaannaa isaa jabeessee akka itti fufu yaamicha qabsoo haaromsina.

Injifannoo Ummata Bal’aaf
Gumii Sabaa ABO
Adoolessa 8, 2025
Finfinnee

Waajjirri ABO Gullallee Dhaabichaaf Deebi’eWaxabajjii 09, 2025 guyyaa har’aa ABOn ifatti (officially) Waajjira isaa Wiir...
06/09/2025

Waajjirri ABO Gullallee Dhaabichaaf Deebi’e

Waxabajjii 09, 2025 guyyaa har’aa ABOn ifatti (officially) Waajjira isaa Wiirtuu (Gullallee) bakka Hoogganootni Gumii Waloo Paartiilee Siyaasaa Damee Finfinnee jiranitti deebisee fudhatee jira. Tattaafata yeroo dheeraa godhameen kun xumuramuun kaanitti nu tarkaanfachiisa jennee abdanna.

Kana xumuruuf kanneen nu gargaaran Boordii Filatnoo Biyyoolessa Itoophiyaa, Gumii Waloo Paartiilee Siyaasaa Damee Finfinnee fi miseensotni hifannaa tokko malee itti dadhabaa bahan galata guddaa qabu. Akka waliigalaatti qaamotni kana irratti tumsa (cooperate) gootan galata qabdu.

Injifatnoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 09, 2025
Finfinnee

Oromo Liberation Front OLF Official Telegram Adda Bilisummaa Oromoo ABO:Eenyummaan “Oromummaa” Akeeka Yaaddoo Nageenyaa ...
05/26/2025

Oromo Liberation Front OLF Official Telegram Adda Bilisummaa Oromoo ABO:
Eenyummaan “Oromummaa” Akeeka Yaaddoo Nageenyaa fi Dantaa Siyaasaaf Dhimma Itti bahanii Miti

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Hogganni Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) Waggoota Qabsoo hidhannoo fi waajjirri muummee Asmaraa Ertiraa turetti Qabsoo ummata bal’aa Eritrea keessatti gaggeessaa ture. Ummanni, ummata jaalalaa fi waliin jireenya beeku, jaalala biyyaaf qabuuf of duuba hin jenne, Sabboonummaa biyyummaa qabu ta'uu irraa hubanne. Ayyaanni Biyyaa (Independence Day) Ummata bal’aa ERITREAf guyyaa bilisummaa guddaa dha. Muuxannoo qabsoo ummata irraa argineen ummatni bal’aan Eritrea yeroo guyyaa kana kabajatanitti, akka lamaan kabajatu.

1. Qabsoo dhiigaa fi lafee ilmaan isaaniin argame waan taheef miira xiiqii fi eenyummaa biyyummaa gaaffii biraa cinatti hin qabne "Ani Eritrea dha" jedhu ofitti himuun wareegama gootota isaanii yaadataa kabaju.
2. Bilisummaa qaamaa qalbii gahaa dhabuu irraa kan ka'e miira gaddaan yaadatu. Rakkoon mirga namoomaa fi hiyyummaa daangaa darbe keessa jiraachuun ummataa "Bilisummaa Eritrea" irratti gaaffii tahee dhalootaan gungumama.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n irra deebiin Ummata bal’aa Eritrea Bilisummaa dhugaa barbaadamu san dhabullee, baga guyyaa kabajamaa kanana isiniin gahe jechuu fedha.

Bilisummaa Eritrea Ganna 34ffaa Ilaalchisee Haasaa Prezidaant Isiyaas dubbatan Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n dhaggeeffanneerra. Presedaant Isiyyaas haasaa isaanii kanaan, Yoroon kun yeroo itti Bilisummaa isaanii kabajatan, Mirga Abbaa Biyyummaa isaanii kabajsiifatan, Tokkummaa isaanii jabeeffatanii fi Daangaa biyya isaanii eeggatan tahuu akeekanii, Waggaa waggaan dhimmoota Addunyaa, Afrikaa fi Naannawa Gaanfa Afrikaatti murtoo fi Ejjannoo Akka biyyaatti qaban akeekanii Addunyaa araaraa, nageenya waaraa fi misooma itti fufiinsa qabdu akka taatu hawwii isaanii ibsaniiru.

Ibsa isaanii karaa foddaa ERI TVn hordofneen, 1. Ameerikaan addunyaa irratti maaliif ol'aantummaa barbaaddi? 2. Biyya isaanii Eertira irraa kaasee, Afrikaan gargaarsa alaa qofa irratti herkattee rakkina keessa akka jirtu, 3. Naannoon Gaanfa Afrikaatti imaammata ifaa fi mul’ataa tahe qabaachuu dhabuun addatti naannichi sababa geostrategic ta’uun jeequmsijiraachuu dubbatan.

“Geostrategic” ajandaa addaa taasisuun Sudaanii fi Itiyoophiyaa akka fakkeenyaatti fudhataniiiru; Alagoonni naannawa Tarsiimawaa (geostrategic) kanatti dhimma bahuun akka waraanni hammate dubbatu. Itiyoophiyaan rakkoo baroota dheeraa keessa gangalataa turte keessaa bahuu dadhabdee ammas Bishaan “Nile fi Galaana Diimaa”f qabaniin ilaalcha “Oromummaa” kan ummata Oromoos bakka hin buune qabachuun Lola kaasaa jiru jedhan.

Xinxala taasisan keessatti, ilaalchi “Oromummaa” Eritrea fi Itiyoophiyaa dabalatee gaanfa Afrikaaf yaaddoo akka tahetti dhiheessuun, ilaalchi ummata Oromoo bal’aa fi eenyummaa Oromoo Oromummaaf qaban dabaa tahuu irra darbee, dogoggora seenaa dhalootaan wal nama gaafachiisu jennee amanna.

Duulli maqaa “Oromumaan” hooganoota Eritrea dabalatee leelistoota sirna dulloomaa Minilikiin Oromoo irratti taasisaa ture haaraa tahuu baatus, jibbiinsa (Phobia) Oromummaa kanneen qaban olola daangaa hin qabne Media fi Social Media irratti daangaa tokko malee oofamaa ture sadarkaa hoggana biyya Eritrean ifatti ol guddifamee dubbatamuun Oromoo fi Oromiyaaf balaa inni dhaqqabsiisuuf deemuuf gaafatamaan Mootummaa Eritrea tahuu hubachiifna. Sadarkaa mootummaatti kana labsuunis wallaalummaa ykn daguu irraa jennee hin amannu. Tumsa ittiin ijaarratanii galii Siyaasaa, waraanaa fi Imaammata lafa kaawwataniif tahuutti hubanna.

Ololli sadarkaa Aktiivistootaa irraa hanga mootummaatti guddachuun “Oromummaa” Abaaramaa taasisanii kan Ofii fedhan maqaa gara garaa moggaafachuun, (Ethiopiawwinet, Ertrawwinet, Tegaruu (Tigrawwinet), Amarannet) jedhan ajandaa siyaasa ittiin bitachuu kan ummata bal’aa bakka hin buunee fi naannawa gaanfa Afrikaas caalmattuu rakkoo hamaaf saaxilu tahuu akeekuu feena.

Presedaant Isiyyaas gaafa danataa hooganoota Itiyoophiyaa irraa argatan wal eebbisanii akka Mootummaa Eritreatti hayyoota Amhaaraan wal gargaaranii “Abiyyii Nabiyyii” jechaa qubeellaa qubatti waliif kaayaa, gaafa dantaa siyaasaa wal biraa dhaban “Oromummaa” cubbamaa taasisuun Biltsiginnaa qawween ummata Oromoo fi ummattoota Itiyoophiyaa korkodee bulchaa jiru, dhimma Oromoo fi Oromummaa garagalee mil’atee hin beekneef kennuun dogoggora seenaati, Cubbuu guddaa ammas Oromoo irratti yaaduu dha.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n Impaayira Itiyoophiyaa keessatti jaarmiyaalee Siyaasaa fi Waraanaa akeeka Bilisummaa Ummataa wal fakkataa qaban kanneen akka EPLF fi TPLF waliin qabsoo gaggeessaa tureen, Bara 1991 dura ganna 34ffaa har’aa sirna abbaa irree Dargii aangoo irraa hundeen buqqisee sirna dimokiraasii fi mirga ummatotaaf akka dhabatuuf qabsaawaa ture. Akkuma eegametti Dargii aangoo irraa qaarisuun yeroo mootummaan Cee’umsaa Finfinneetti labsame, mirga sabootaa fi sirna federaalummaa bu’uura godhachuun, seenaa haaraa eegaluuf mul’ata waloo qabna ture.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n bu’uura qindoominaa fi qabsoo ummatoota cunqurfamoo keessatti gahee olaanaa bahuun, bu’uuruma Chartara sanaa irratti hirmaannaa murteessaa taasiseera. Garuu osoo waliigalteen mootummaa Ceehumsaa sun mallatteefamee hojiirra oolmaa hin eegalin ABUT/TPLF f tumsa guutuu siyaasaa fi waraanaa EPLF (Eritrean)n ABO shiraan dhiibanii moggatti baasan. Shirri siyaasaa yeroo sana wixinameen hulaan dimokiraasii cufame, Abbaa Irrummaa TPLF f mirkaneessame, Ummattoota Itiyoophiyaaf abdii fi hawwiin nagaaf dimokiraasiif abdatame qilee bu’ee TPLF ganna 27f Ummattoota biyyattii afaan qawween korkoddee bulchite.

Adda Bilisummaa Oromoo dhiibanii of gidduudhaa baasuun ofiifis boqqonnaa nageenyaa waliif hin kennine, daranuu ibidda waraanaa walitti qabsiisaniin Lolli bara 1998–2000 dantaa siyaasaaf jecha jiduu isaaniitti qabsiifame lubbuu qulqullootaa hedduu lafarraa balleesse.

Bara 2018 Mootummaan Eritrea marsaa 2ffaaf seenaa fokkisaa fi gaaffii dhalootaa tahee itti fufu bara jijjiramaa baanamu hojjataniin, Dantaa siyaasaa isaanii Mootummaa Itiyoophiyaa waliin tolfatan tiksuuf jecha Mootummaa Itiyoophiyaa fi humnoota biroo hedduu waliin tahuun Shira Hoogana dhaabaa Eritrea Asmaraa maadheffate irratti xaxaniin bara 2018 jijjiirma dhugaaf wareegama qaamaa qalbii ABO fi Oromoon Qabsoo Bilisummaaf baase gatachiisuun Abdii fi hawwii ummataa ammas dukkaneesan.

Qabsoo eenyummaa Oromoo (Oromummaa) gufachiisuun, seenaa dagachuu fi bu’aa dhabsiisuuf abbaluu qofa osoo hin taane, ajandaa dimokiraasii fi mirga hiree murteeffannaa saboota laamshessuuf shira wixiname tahuu hubachiifna.

Oromummaan ummata Oromoo bal’aaf sirna Gadaa irratti kan ijaarame mallattoo eenyummaa, aadaa, duudhaa fi mirga hiree murteeffannaa ti. Isaa akka rakkoo siyaasaatti dhiyeessuun, falmii dogoggoraa fi olola sadarkaa seerawaa hin qabne seeraa fi seenaanis wal nama gaafachisuu dha. Oromummaan fala tokkummaa sabootaa fi nageenya bu’uuraa ti.

Ajandaa Oromoo fi Kuush akka balaatti dhiyeessuun; ofumaa isaaniif balaa ulfaataa fi hamaataa gaanfa Afrikaatti harkisuuf deemu jennee fudhanna. Ololli madaala hin kaasne akkasii mirga sabootaa ukkaamsuu fi sirna abbaa irree dirirsuun fedhii mirga abbaa biyyummaa ofii kabajchiiftan fakkatanii kan saboota biroo sarbutti akka jiran ifatti mul’isa.

Maayii irratti, “Eenyummaan “Oromummaa” Yaaddoo Nageenyaa Dantaa Siyaasaaf Dhimma Itti bahanii Miti.” Yoo jennu,

1. Oromummaan fala tokkummaa fi nageenyaa ti. Ololli eenyummaa Oromoo irratti gaggeeffamu yakka seenaa fi seeraan wal nama gaaffachiisuu dha. Duulli maqaa Oromummaa balleessuuf taasifamu seenaa keessatti hin milkoofne; kana boodas bakka hin argatu.
2. Ummanni Oromoo bal’aa fi sabaa fi sabalammoonni cuftuu eenyummaa isaanii, wal qixxummaa, dimokiraasii fi mirga abbaa biyyumma isaaniif falmaa barbaachisu gaggeessuuf gorsaa fi heeyyamni gamaa fi gamanaa eggatu hin turre, hin jiru, hin jiraatus.
3.

Olola siyaasa daaboo bitachuuf Qarreerraa walitti darbatamuun Tokkummaan, Eenyummaa, fi Bilisummaan saboota laaffatuu fi laamshayu hin jiraatu; Qabsoon Ummataa ilmaan isaaniin mirkanaawa.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Caamsaa 26, 2025

Finfinnee

Oromo Liberation Front OLF Official Telegram Adda Bilisummaa Oromoo ABO:“Ummata Afaan Qawwee Jalatti Ukkaamsuun Dhiiga U...
05/17/2025

Oromo Liberation Front OLF Official Telegram Adda Bilisummaa Oromoo ABO:
“Ummata Afaan Qawwee Jalatti Ukkaamsuun Dhiiga Ummataa Dahngalaasuun Murna Biltsiginnaa (PP) Dhaabbachuu Qaba!”
Ibsa Addaa Bilisummaa Oromoo (ABO)
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n haala yeroo ammaa Oromiyaa keessatti mul’achaa jiru ilaalchisee , gabaasa bal’aa fi ragaa qulqulluu uummata irraa walitti qabame irratti hundaa’ee, haala suukanneessaa fi gaddisiisaa yeroo ammaa guutummaa Oromiyaa keessatti uummata keenya irratti tahaa jiru ummata Oromoo bal’aa fi hawaasa Iddil-Addunyaa hubachiisuu fedha.
Dhiittaan mirga dhala namaa, saaminsi diinagdee, doorsisaa fi ajjeechaan murna (PP) Oromiyaa Goleeleehunda keessatti tahaa jiru akkaan ulfaataa fi hammaataa dha.
Biltsiginnaan (PP) n heera biyyattii ifatti cabsee, aangoo mootummaa seeraan alaa dhimma itti bahuu eerga egalee, waliigaltee fi seerota idil-addunyaa irra deddeebiin cabsee yakka waraanaa fi sarbamiinsa mirga namoomaa filatee turee bubbuleera. Gochaan irra deddeebiin maal na dhibdeen PPn raawwataa turtee fi jirtu mootummaa seeraan alaa fi shororkeessaa ta’uu ishee ifatti mul’isa.
Addi Bilisummaa Oromoo ABOn badii fi balleessaa Murna PPn ummata meesha maleeyyii irratti taasifamaa ture balaaleffachuu fi dura dhaabbachuun ibsa baasaa tureera, Ammas Yakkoota waraanaa sukkanneessaa daa’imman, manguddootaa fi ummata meesha maleeyyii irratti raawwatamu gadi jabeesinee balaaleffanna duras dhaabbanna.
Murni PP ifatti Oromiyaa irratti “Command Post” labsuun ummata afaan Qawween unkuree bulchaara. Akka kanaan, Daa’imman umrii waraanaa hin geenye humnaan waraanatti guuruu, qonnaan bultoota lafa irraa buqqisuu fi mirga lubbuun jiraachuu lammiilee dhoowwateera.
Ummata Afaan Qawween ukkaamsanii jiruu fi jireenya ummataa booressuu hojii guyya guyyaa kan godhate murni PP Goleelee Oromiyaa cufa keessatti dhiibbaa fi dhiittaa ulfaataa dhaqqabsisaara. Heera biyyattii cabsee, uummata nagaa irratti waraana banuun, Qonnaan bultoota, daldaltoota, Hojjattoota mootummaa (Sivil servant), Barattoota fi qaamolee hawaasaa adda addaa maqaa adda addaa itti moggaasuun doorsisuun qabeenyaa isaanii humnaan irraa guuruu fi dargaggoota ammoo humnaan qabnii mooraa Leenjii waraanaatti geessuun itti fufeera. Lafa qonnaan bulaa seeraan ala saamuu, manneen ummataa fi daldalaa cufuun ykn gurgurachuun, manneen barnootaa fi kiliniikota cufuu fi qabeenya dhuunfaa dhabamsiisuun bal’inaan gaggeeffamaa jira.
Odeessa karaa caasaa keenyaa arganneen, Goleelee Oromiyaa addatti ammoo Godinaalee Kibba-Baha Oromiyaa Arsii Bahaa fi Arsii Lixaa keessatti, daa’imman, dargaggootni fi qonnaan bultoonni humnaan qabamanii gara mooraa leenjii waraanaatti akka geeffamaa jiranii fi qabeenyaan isaaniis bifa gara garaan saamamaa akka jiru Ragaaleen arganne ni mirkaneessu.
Akka sanaan Godinoota Arsii keessatti,
➢ Arsii Lixaa Ona Adaabbaa ganda Haqoo Karraatti namootni 10 ol ukkaamsamanii birrii 300,000 – 900,000 kafalanii bahaniiru,
➢ Daa’imman umriin waraanaaf hin geenye qabamanii, qarshii 5,000 – 10,000 irraa fudhatanii gadi dhiisaniiru,
➢ Shaashamannetti namoota lama dubartii maatii ilaaluuf Amerikaa irraa dhufte dabalateedoorsisaanii mata matatti qarshii Miliyoona tokkotokko irraa saamaniiru,
➢ Daldaltoota heeyyama daldalaa qaban dharaan sababoota garagaraa itti tuuluun qarshii 10,000–50,000 irraa guuraaru,
➢ Lafa qonnaan bulaa saamuun magaalaa jala galchuu fi miseensota PPf raabsuun ummata qe’ee isaa irraa jumlaan buqqisaru,
➢ Manneen daldalaa, manneen barnootaa dhuunfaa, hospitaalotaa fi manneen qorichaa maallaqa humnaa olii irraa guuruun warra kanfaluu dadhabe doorsisaan irraa cufaaru,
➢ Qarshii gibiraa maqaa galii mootummaatiin uummata irraa dirqamaan guuraru,
Gochaaleen murna PP armaan Olii kunneen mirga dhala namaa sarbuun seera mootummaa fi seera idil-addunyaa cabsee raawwatamaa jira. Kaabineen murna PP fi humni waraanaa Command Post gochoota kana keessatti hirmaannaa guutuu kan qaban yoo ta’u, seera akka fedhii dhuunfaatti hiikanii yakka raawwataa jiru.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n “Ummata Afaan Qawwee Jalatti Ukkaamsuun Dhiiga Ummataa Dahngalaasuun Murna Biltsiginnaa (PP) Dhaabbachuu Qaba!” yeroo jennutti,
1.

Gochaan murna PP, Yakki waraanaa, Sarbamni mirga namoomaa ummata meesha maleeyyii irraqtti raawwatamaa turee fi jiru hatattamaan dhaabbachuu qaba.
2. Ummata hidhannoo hin qabne irratti yakka rawwatamu kana akka yakka waraanaa fi sarbamiinsa mirga namoomaatti hawaasni Iddil-Addunyaa hubachuun dura dhaabbachuu qaba.
3. Dargaggoota fi daa’imman humnaan waraanaaf guuraman akka hatattamaan hiikaman fi mirgi ijoollummaa isaanii akka kabajamu ABOn gadi jabeessee gaafata.
4. Namoonni dhunfaa fi murni PP aangoo Siyaasaa golgaa godhachuun guyyaarra guyyatti Yakka ummata meesha maleeyyii irrattu hojjatan dabalatee ajajtoonni waraanaa yakka mirga namoomaa sarbuu fi saamicha raawwatan seera duratti akka dhiyaatan gaaffanna.
5. Ummanni Oromoo bal’aan keessaa fi alaan mirga isaa fi eenyummaa isaa kabachiisuuf falmii nagaa fi haqa qabeessa akka taasisu hubachiifna.
6. Mootummaan Ceehumsaa Biyyaalessaa Nannoo Oromiyaa (MCBNO) falaa fi mala maayii nagaa waaraa fi Tasgabbii sabatiinsa qabu argamsiisuu ti; Bu’uura marii siyaasaa fi waliigaltee dhugaa Lammiilee irratti hundaa’e waan taheef akkaijaaramu irra deebiin yaadachiifna.
Maayii irratti, ABOn rakkoo siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaaf fala argamsiisuuf waraana fi humnaan osoo hin taane, marii, nageenya fi haqa qofa irratti kanrarra’e tahuu amanna.
Ummanni keenya bal’aan keessaa fi alaa, Lammiileen Oromiyaa, Sabaa fi Sablamoonni ummattoonni biyyattii, Cuftinuu mirga ofiin of bulchuu qabachuu fi eenyummaa ofii kabajisiifachuun mirga uumamaan qabnuu dha.
Kanaaf, Roorroo daangaa dabarte of irraa kaasuuf, cunqursaa fi saamich aroga hundaa jalaa bararamuuf fallii fi furmaanni jiru tokkichi falmachuu qofa waan ta’eef, mirga keessaniif falmadhaan dhaamasa keenya.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Caamsaa 17, 2025
Finfinne

05/03/2025

𝐄𝐞𝐧𝐲𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐞𝐞𝐧 𝐁𝐚𝐤𝐤𝐞𝐭𝐭𝐢 𝐓𝐢𝐤𝐟𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐄𝐞𝐲𝐲𝐚𝐦𝐚 𝐄𝐞𝐧𝐲𝐮𝐮𝐲𝐲𝐮𝐮 𝐍𝐮 𝐇𝐢𝐧 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐢𝐬𝐮!

𝐈𝐣𝐨𝐨 𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐢 Sagalee Bilisummaa Oromoo

Manni Maree Ministirootaa Itiyoophiyaa yaa’ii isaa 44ffaa Caamsaa 1, 2025 magaalaa Finfinneetti gaggeeffateen murteewwan gara garaa dabarse. Murtii qabxii 5ffaa irratti, dhimma lafaan walqabatee, lammiileen alaa qabeenya hin sochoone (non-movable property) akka dhuunfatan hayyamamuu murteesse.

Kaabineen Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad wixinee seeraa qopheessuun marii erga irratti geggeessanii booda, murtii kana raggaasuu isaanii ni hubanna. Murtoon kun dogoggora cimaa fi gaafatama jalaa hin baane ta’uu isaa amanna.

Dhimma lafaa akka salphatti ilaaluu fi murtoo badii baay’ee qabu dabarsuun, mootummaan dhimma ummattoota biyyattii waggoota dheeraaf yaaddessaa ture irratti murtii ummataa waliin hin mari’anne kennuu isaatiin dogoggora hamaa raawwateera.

Heera Mootummaa Federaalawaa Dimokraatawaa Rippaabilikaa Itoophiyaa keeyyata 40(3) jalatti, lafti qabeenya mootummaa fi ummata Itoophiyaa ta’ee, hin gurguramnee fi hin jijjiiramne akka ta’e ifatti tumamee jira. Kun kanaan osoo jiruu aangoo siyaasaa afaan qawween dhuunfatanii, afaan Qawween tikfachutti jiran abdachuun Heera biyyaa faallessuun nagaa biyyaa fi ummattootaaf kennuu diduu dha jennee amanna.

"𝗧𝗼𝗸𝗸𝗼𝗼 𝗛𝗶𝗻 𝗧𝗼𝗹𝗹𝗲𝗲 𝗕𝘂𝗱𝗮𝗮𝗻 𝗟𝗮𝗸𝗸𝘂𝘂 𝗗𝗵𝗮𝗹𝘁𝗶𝗶?"
Akkuma jedhamu, gaaga'amni gosa hundaa ganna torba (7)n darbaniif ummattoota irraan gahaa turan hanqannaan rakkoo gara biraa rakkoo irraan dhalchuun maal na dhibdee fi har'a buluu qofaaf waan abbalan fakkaata.

Lafti lafaa, abbaa qe'ee fi qabeenyaa sududaan irraa buqqisanii fi irra qubsiisan hin jirtu, hin jiraattus.

Lafti meeshaa daldalaa bittaa fi gurgurtaaf oolchanii bu'aa (profit) irraa argatan osoo hin taane eenyumma waloo sabaa, sabni tokko itti dhalatee, itti guddatee, aadaa fi afaan isaa itti dagaagse fi seenaa itti horateedha.

Oromiyaan qe'een qubattoonnii fi buqqaatonni itti wal furan, Dalaaltonni (Brokers) aangoo siyaasaan tikfachuuf caalbaasiif dhiheessan, Eenyummaa Oromoo hin tuqamnee fi hin ciramnee dha.

Abbaan qe'ee lafa isaa keessatti eenyummaa dachaa qabuun, Afaan isaan keessatti dubbatee, Aadaa fi Duudhaa isaa keessatti dagaagfatee Ulfina, ayyaana, Seenaa hidda dhalootaa isaa keesatti tikfataa jiraata.

Sirna Bulchiinsaa fi Quunnamtii Lafaa fi Uumamaa waliin qabu daangaa lafa isaa keessatti tikfata. Kun cufti eenyummaa lafaa Lafee sabichaan walitti hidhatee dha.

Lafti qabeenya waloo Addunyaan qabiyyee Sabootaa/Biyyootaatti qoqqooduun eenyummaa isaanii ittiin mirkaneeffatanii dha.

Wixineen Seeraa, Manni Maree Ministirootaa Itiyoophiyaa yaa’ii isaa 44ffaa Caamsaa 1, 2025 magaalaa Finfinneetti gaggeeffateen qabxii 5ffaa irratti lammiileen alaa qabeenya hin sochoone (non-movable property) akka dhuunfatan hayyamamuu qabaan murteesse murtoo dabaa fi dogoggoraa tahuu Sagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO) hubachiisaa, murtoo kanas dura dhaabbata.

Kanumaan waliin, Ummanni keenya daba maal na dhibdeen qaamni biyya bulcha ofiin jedhu ummattoota biyyatti irratti murteessu akka dura dhaabbatanii fi balaaleffatan waamicha goona.

Kanaaf, Eenyummaan Oromoo fi Lammiilee Oromiyaa Lafa teenya, Lafee teenya, Eenyummaa Keenya hundeen bakketti tikfachuuf falmachuu malee eeyyama eenyuuyyuu nu hin Barbaachisu!

𝐈𝐧𝐣𝐢𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐔𝐦𝐦𝐚𝐭𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨𝐟!
𝐒𝐚𝐠𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐁𝐢𝐥𝐢𝐬𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨
𝐂𝐚𝐚𝐦𝐬𝐚𝐚 𝟒, 𝟐𝟎𝟐𝟓
𝐅𝐢𝐧𝐟𝐢𝐧𝐧𝐞𝐞

Address

Washington D.C., DC

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Walal midiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Walal midiyaa:

Share

Category