Foollee Media

Foollee Media GadaaFoollee

01/22/2022
ADDIS ABABA, Dec 12 (Reuters) - Tigrayan forces have recaptured the town of Lalibela in Ethiopia, less than two weeks af...
12/12/2021

ADDIS ABABA, Dec 12 (Reuters) - Tigrayan forces have recaptured the town of Lalibela in Ethiopia, less than two weeks after government forces and their allies took control, witnesses told Reuters on Sunday.

Lalibela is a town in the Amhara region and a United Nations World Heritage site.

Government spokesperson Legesse Tulu did not respond to requests for comment on the reported recapture of the town by forces loyal to the Tigray People's Liberation Front (TPLF).

Register now for FREE unlimited access to reuters.com

Register

TPLF spokesperson Getachew Reda also did not respond to a phone call seeking comment.

One of the witnesses who spoke to Reuters said that special forces from the Amhara region and their militia allies, both of whom are allies of the Ethiopian government, began leaving Lalibela on Saturday night.

"The last batch left this morning. We heard gunshots from a distance last night but the Tigrayan forces recaptured Lalibela without firing guns in the town," said the witness, a hotel receptionist, by phone.

Forces aligned with the TPLF had taken control of the town in early August.

But on Dec. 1, Ethiopian troops and their Amhara regional allies recaptured the town. That news was one of a number of reported gains on the battlefield against the Tigrayan forces, who had in November pushed south and threatened to march on Ethiopia's capital, Addis Ababa.

The year-old conflict between the federal government and the leadership of the northern region of Tigray has killed thousands of civilians, forced millions to flee their homes, and made more than 9 million people dependent on food aid.

A second witness told Reuters on Sunday that residents had begun fleeing the town. "We panicked, we never saw this coming. TPLF forces are now patrolling the town wearing their uniforms," the witness said.

ICYMIActivist hedge fund Macellum Advisors expects great things from Kohl’s, but says the retailer isn’t delivering… Urban traffic congestion is returning in the U.S. and Britain, though not as heavily as before the pandemic… And Starbucks employees waging a union campaign in Buffalo, New Yo...

12/09/2021

Finxaaleyyiin Amaaraa pp dhaan deeggaramuun ammallee duguuggaa sanyii ummata Oromoorratti raawwataa jiran.

(FBO Mudde 9, 2021)

Kanneen pp dhaan deeggaramanii fi hidhachiifaman humnootni finxaaleyyii Amaaraa ummata Oromoo ajjeesuu, dararuu fi qabeenya gubuu itti fufuun godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu ganda Ciniinaa Hagayyaa, bakka Dhakaa Booraa jedhamutti halkan edaa gara ganamaatti manneen jireenyaa ummataa fi qabeenya keessa jiru hunda gubaa turan.
Namoonni gariin.ajjeefamuun kaanis madaa'aniiru. Ummanni gandichaas baqatee jira.
Obbo Tarraffaa Galataa ajjeessanii mana isaa, kan ilma isaa fi kan soddaa isaa gubanii, loon qalanii midhaan isaas abiddaan gubani.
Soddaan isaa Obbo Damisoo Abbarraa Jaxuu fi ilmi isaa rasaasaan rukutamanii mana yaalaa galanii jiru. Hidhattoonni finxaaleyyii Amaaraa kun halkan walakkaan booda gara ganamaatti lafa qonnaa isaanitti seenuun hojii shororkeessummaa kana raawwatan.

12/09/2021

Duguggaan sanyii Oromoo irratti akka itti fufee jira
(FBO Mud. 7, 2021)
Godina bahaa Shaggar aanaa Boosat magaala Booleetti kibxata galgala har’a obbo Jomboraa Kennoo manguddoo waggaa 65 kan ta’an sababa tokko malee HAO rasaasaa itti roobsun ajjeesu isaani madden SQn argaate ni ifoomsu.

11/14/2021

GadaaFoollee

Hidhattootni Naanno Affar Lola Uummata Walloo Aanaa Baatee Irratti Bananiin Dargaggoota Lama Rasaasaan Ajjeesan!--SBS-Fu...
09/30/2021

Hidhattootni Naanno Affar Lola Uummata Walloo Aanaa Baatee Irratti Bananiin Dargaggoota Lama Rasaasaan Ajjeesan!
--
SBS-Fulbaana, 30/2021
--
Kaaba Oromiyaa Walloo Aanaa Baatee keessatti uummatni Oromoo Walloo adamfamee ajjeefamaa jiraachuun beekame.
Oromoo Walloo Kaaba Oromiyaa jiraatu kana irratti yeroodhaa gara yerootti Liyyuu Haayilii Amaaraa fi Hidhattoota Naannoo Affaariin haleellaan irratti raawwatamuu kan dubbatan jiraattonni, qaama isaaf birmatu dhabe malee duguuggaan sanyii Oromoo Walloo irratti raawwatamaa jiru duguuggaa sanyii Ruwaandaa kan 1994 waliin gargar miti jechuun dubbatu.

Keessumaa Kaaba Walloo Aanaa Baateetti tooftaan lafa isaa irraa buqqisuuf jecha shirri hawaasa naannoo kanaa irratti geggeeffamaa jiru kan umurii ganna 15 qabuu yoo ta’u, sochiin Amaarotaan naannoo Baatetti geggeeffamaa jiru walumaa gala shira eenyummaa hawaasa Oromoo naannoo sanaa dhabamsiisuu akka ta’etti jiraattonni dubbatu.

Akka odeeffannoon Fulbaana, 29/2021 Shinniigaa qaqqabe mirkaneessutti sababa tokko malee ilmaan Oromoo ol adeemaa ta’an kan maqaan isaanii Abduu Huseen Ahmad fi Mohammad Luubee jedhaman Walloo Ganda Dhakaachootti Hidhattoota Affaariin ajjeefamuudha. Hidhattoota kana booddee Liyyuu Hayilii Amaaraatu jira kan jedhan jiraattonni Shinniigaaf yaada laatan, gocha isaan godhan kana hunda kan raawwachiisaan isaan ta’uu qabatamaatti akka quba qaban dubbatu. Maqaa dantaa Waloo jedhuun Liyyuu Hayiliin Amaaraa fi Hidhattoonni Affar harka walqatanii socho’aa jiraachuu fi Oromoo Walloos lafa isaa irraa dhabamsiisuuf karoora qabaachuu isaaniis itti dabaluun nuuf himaniiru.

Kaabinee fi kaadireen Walloo yeroo hidhattootni nannoo Affaar Ummata Oromoo Walloo Aanaa Baatee irra deddeebiin ajjeesan afaan qabatanii taa'uun ummataaf dubbachuu dhabuun immoo ajjeechaa sukkaneessaan irra deddeebiin akka mudatuuf karaa akka saaqe maddeen keenya naannichaatu Shinniigaaf hime.

Waraanni Biliisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Bobbaan Laggasaa Wagii Tarkaanfii Waraana Mootummaa Irratti Fudhachuu Yoo Beeks...
09/30/2021

Waraanni Biliisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Bobbaan Laggasaa Wagii Tarkaanfii Waraana Mootummaa Irratti Fudhachuu Yoo Beeksisu, Eebba Waraana Biliisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Sababeeffachuun Basaastonni Bobbaafamuun Dhagaa’ame!
--
SBS-Fulbaana, 30/2021
--
Waraanni Biliisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Bobbaan Laggasaa Wagii Fulbaana, 29/2021 Wallagga Lixaa Ona Laaloo Assaabii Magaalaa Xiqqoo Kellayii jedhamtu seenuun waraana mootummaa magaalicha maandheeffate irratti haleellaa raawwachuu beeksise.

Tarkaanfii kanaan waraana mootummaa irraa loltoota heeddu irra miidhaan dandammii hin qabne dhaqqabuudha Waraanni Biliisummaa Oromoo Onichaa kan gabaase. Haleellaa kana hordofee humni dabalataa waraana mootummaa haleelame kana tumsuuf kallattii sadii irraa bobba’es Waraana Biliisummaa Oromoon achuma Magaalaa Kellayiitti haleelamuun loltoonni waraana mootummaa gariin du’uun gariin ammoo madoo ulfaataan adamuun beekameera.

Oduma walfakkaatuun ganama kana jechuun Fulbaana, 30/2021 Waraanni Biliisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Wallaggaa Lixaa Gullisootti waraana mootummaa irratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuun dhagaa’ame. Lola hanga amma gabaasa kana qindeessineetti geggeeffameen waraana mootummaa irra miidhaa gurguddaan ga’uu Shinnigaan odeeffateera. Odeessa guutuu akkuma arganneen isin biraan geenya.

Oduu eebba Waraana Biliisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa tibbanaan walqabatee baasastonni yookaan gaadduun mootumma Itoophiyaa biraa ergamuun gara Keeniyaatti hedduminaan bobbaafamuu odeessi Shinniigaa qaqqabe ni ifoomsa. Sababni baasasa kanaa mootummaan Itoophiyaa eebba Waraana Biliisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa kanatti waan rifateef, kanneen Keeniyaa jiraachuun Waraana kana waliin hidhata qaban adamsee dhabamsiisuuf akka ta’eedha kan dhagaa’ame.

Waraanni Biliisummaa Oromoo adamsaa mootummaa Itoophiyaa kana sababeeffachuun uummanni Oromoo waliigalaa Keeniyaa keessa jiraatuu fi keessumaa sochii Waraana Biliisummaa Oromoo irratti shoora olaanaa ba’ataa jiran akka of eeggataniif dhaameera. Kanneen Oromoo mirga isaaf qabsaa’u adamsuuf ba’an bakka jireenyaa fi buufata isaanii qabatamaan qaamni beeku yoo jiraate Waraana Biliisummaa Oromoo Zoonii Kibbaaf eeruu akka kannus dhaameera.

09/30/2021

Mootummaan Itoophiyaa Irreecha Kana Irratti Foollee Fakkeessuun Liyyuu Haayilii Amaaraa Finfinnee Galchaa Jira Jedhame!
--
SBS-Fulbaana, 30/2021
--
Mootummaan Itoophiyaa Irreecha bara kanaa irratti Foolleetti fakkeessuun uffata itti jijjiiree hidhannoo dhoksaa itti hidhuudhaan Liyyuu Haayilii Amaaraa bobbaasuuf akka jiru keessa beektonni Shinniigaaf eeruu kennaniiru.

Akka keessa beektonni kun jedhanitti mootummaan Itoophiyaa Irreecha bara kanaa irraa sodaa guddaa waan qabuuf, Humna Addaa Oromiyaattis fayyadamuu waan sodaateef Liyyuu Haayilii Amaaraa Foollee fakkeessuun bobbaasuuf dirqamee jiraa jedhu. Kanas mootummaa naannoo Oromiyaaf ajaja kennee raawwachiisuuf akka jirutu odeeffamaa jiraa jechuun dubbatu.

Guyyaa ayyaana Irreechaa kana irrattis qeerroo danuu adamsanii sababa itti barbaaduun ukkamsuudhaaf saganteeffatanii waan jiraniif qeerroo fi qarreen Oromoo of eeggannaan akka socho’an kanneen dubbii kana quba qaban dhaamsa dabarsaniiru.
Irreecha bara kanaa ilaachisuun erga abbootiin gadaa akka bara darbee dangeffama kaasuun, dhorkaa tokko malee namni hunduu irratti haa hirmaatu jedhamee mootummaan sodaa guddaa keessa jiraachuun beekamaadha.

09/30/2021

Humni hidhate kan Faannoo jedhamu guyyaa Masqalaa jiraattota 5 rasaasan ajjeese.

[SQ-Fulbaana 30/2021]

Naannoo Benishaangul Gumuz, Godina Matakkal aanaa Dibaaxee keessatti guyyaa Ayyaana Gubaa [Masqalaa] haleellaa raawwatameen lubbuun namoota shanii darbuufi manneen gubachuu beekame.
Akka jiraattotni naannichaa BBCtti himanitti Haleellaan qaama hidhatee naannoo Amaaraa irraa galeen Fulbaana 27, 2021 godina Matakkal ganda Caanchoo Dishgaaraa jedhamutti raawwate jechuun himaniiru.

Jiraataan godina matakkal Matakkal Obbo Tamasgeen,BBC Afaan Oromootti akka himanitti Haleellichi guyyaa Ayyaana Gubaatti ykn masqalaatti guyyaa keessaa gara sa'a 5:00-7:00 gidduu akka raawwate himanii haleellaa kana kan raawwate hidhattoota naannoo Amaaraa irraa fe'amanii galaniin tahuus BBCtti himeera..

Naannoon Amaaraa naannoo Benishaangul waliin waliigaluun hidhattoota Gumuz rukunna jedhanii humna addaa Naannoo Amaaraa fi Faannoo leejisuun ammaan dura hidhachiisanii galchuu isaanii ni yaadatama.
Obbo Tamasgeen jiraataan Godina matakkalis BBCtti akka himanitti Naannoon Amaaraa warreen karaa seeraan seenan ala Faannoo warra jedhaman hidhachiisuun lafoon miillaan galchanii balaa kana raawwachiisaniiru jechuun ajjeechaa guyyaa Gubaa ykn Masqalaa ummata nagaa irratti raawwatame humna hidhate kan naannoo Amaaraa tahuu dubbataniiru

Humni hidhate kan Faannoo jedhamu Konkolaattota dhuunfaan fe'amaniiti gara Benishaangul Gumuz galaa kan turan yoo tahu gariin immoo miilaan nama 200 fi 150 kan tahan hidhachiisuun yeroo galchaa turan ummanni argaa ture jechuun obbo Tamasgeen BBCf himaniiru.
Humni waraanaan konkolaataa fi miillaan gara godina matakkal galan kunis Mana barumsaa keessa kan qubsiifamanii jiran tahuum haleellaa kana guyyaa masqalaa bahanii raawwatanii jechuunis akkaataa haleellaa guytyaa masqalaa tahe himaniiru.

Jiraataan godina matakkal Obbo Tamsgeen haala ture yoo BBCtti himan, namni sammuu dhukkubsatu tokko baqachuu waan hin dandeenyeef mana keessa osoo jiruu manichatti abidda faannoon qabsiiseen waliin gubateera. Dubartiin daa'ima waggaa lamaa of harkaa qabdu humna kanaan ajjeefamteetti jechuunis himeera.

Address

Washington D.C., DC

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Foollee Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Foollee Media:

Share