12/22/2022
⚖️ Naamusaa fi Adabbiilee Hojjettoota Mootummaa,fi Dhimmoota Mana Murtii Bulchiinsaatiin Ilaalaman:
================================
⚫🔀 Naamusaa fi Adabbiilee:
👉Kaayyoo Adabbii Naamusaa Kaayyoon adabbii naamusaa hojjetaan mootummaa hir’ina naamusaa raawwateef,balleessaa isaa irraa gaabbee of sirreessu,ilaalchaa fi amala gaarii akka qabaatuu fi hojjetaa gahoome akka ta’u dandeessisuuf yookiin kan of hin sirreessine yoo ta’ee,hojii irraa gaggeessuufidha.
👉 fi Ramaddii Isaanii:
• Hojjetaan mootummaa hir’ina naamusaa raawwate akkaataa ulfaatina balleessaa raawwatameen adabbiiwwan kanatti aanaan keessaa tokko irratti murtaa’uu ni danda’a:
1. Akeekkachiisa afaanii;
2. Akeekkachiisa barreeffamaa;
3. Adabbii mindaa hanga guyyaa kudha shan gahu;
4. Adabbii mindaa hanga ji’a sadii gahu;
5. Yeroo waggaa lama hin caalleef sadarkaa hojii fi mindaa irraa gadi buusuu;
6. Hojii irraa gaggeessuu.
⚖️1ffaa hanga 3ffaatti kan tarreeffaman adabbiiwwan naamusaa salphaa jedhamanii kan ramadamaniidha.
⚖️4ffaa hanga 6ffaatti kan tarreeffaman adabbiiwwan naamusaa cimaa jedhamanii kan ramadamaniidha.
⚖️Hojjetaan mootummaa tokko naamusaan erga adabamee booda adabbichi rikoordii ta’ee turuu fi irratti caqasamuu kan danda’u:
⚖️ Adabbii naamusaa salphaa yoo ta’e, guyyaa adabbichi murtaaee irraa kaasee hanga waggaa lamatti;
⚖️Adabbii naamusaa cimaa yoo ta’e, guyyaa adabbichi murtaa’ee irraa kaasee hanga waggaa shani ni ta’a.
=============================
🔴 Adabbii Naamusaa Cimaa Hordofsiisan:
a) Ajaja seera qabeessaan kennamu kabajuu dhiisuu, maal na dhibdeedhaan, dhibaa’uummaadhaan yookiin ta’e jedhee sirna hojimaataa yookiin imaammata mootummaa hordofuu dhabuudhaan hojii irratti miidhaa geessisuu,
b) Ta’e jedhee dhimmoota tursiisuu yookiin abbootii dhimmaa deddeebisuu;
c) Hojiin akka hin hojjatamne ta’e jedhee jeequu yookiin warra jeeqan waliin wal ta’uu;
d) Tarkaanfiiwwan adabbii naamusaa salphaadhaan of sirreessuu dhabuudhaan sababa gahaa