03/15/2025
Abbaa Gadaa Jaldeessa Guyyoo Kunee, ganna saddeet booda bara 2033 Abbaa Gadaa Booranaa ta’uun aangoo fudhata. Ogeessa yaala beelladaa kan ta’e Jaldeessa Guyyoo, amma gaggeessa egeriif marsaa Gadaatiin itti gaafatama fi barnoota argataa akka jiru hime. Guyyo Doyoo qorataan Gadaa, Gadaan gaggeessa hawaasaa dhalootaaf filee barsiisee haalli inni itti guddisu, Booranaa kufaatii siyaasaa fi hawaasummaarraa isa oolcheera jechaan dubbate