Oromia Daily News

Oromia Daily News Oromia Daily News Follow fi Like Share godha nu hordofa Dhugaa Dubbanna Haqa Gabaasna

   Finfinneen handhuura Oromiyaa fi Teessoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa, teessoo mootummaa federaalaa, itti waamamni ishe...
08/21/2026

Finfinneen handhuura Oromiyaa fi Teessoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa, teessoo mootummaa federaalaa, itti waamamni ishee immoo mootummaa federaalaaf jechuun Marii Biyyaalessaa irratti waliigalame.

Keeyyatni heera mootummaa 49 mura 5 kan Fayidaa Addaa jedhu immoo Fayidaa Waliinii kan jedhuun bakka akka buufamu waliigalamee jira.

Afaan irratti Afaan federaalaa mara fayyadamti. Bulchiinsaa fi qabeenya irratti naannoo Oromiyaa fi Finfinneetu waliin marii'atee tolfata jedhame.

Afaan waliin walqabatee immoo Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo, Afaan Tigriffaa, Afaan Somaalee fi Afaan Afaar afaanota hojii mootummaa federaalaa akka ta'an waliigalamuu maddeen himan.

Kana malees Ayyaanni Irreechaa Ayyaana Biyyaalessaa ta'ee Kalaandarii keessa akka galus waliigalamuu maddeen walgahichaa daqiiqaawwan muraasa dura OMNtti himan.

Walgahii marii biyyaalessaa amma galgala kana sa'atii 3tti xumurame.

Mariin biyyaalessaa kun boru haasaa pirezidaantii Itoophiyaa Taayyee Asqasillaaseetiin boru cufama.

   Uummanni Oromoo tarkaanfii jabaa fudhachuuf of akka qopheessu hayyuun seeraa fi xinxaalaan siyaasaa Tsaggaayee Raggaa...
08/11/2026

Uummanni Oromoo tarkaanfii jabaa fudhachuuf of akka qopheessu hayyuun seeraa fi xinxaalaan siyaasaa Tsaggaayee Raggaasaa(PhD) hubachiisan.

Tsaggaayee Raggaasaa(PhD) turtii Midiyaa waliin taasisaniin, biltsiginnaan magaalota Oromiyaa Finfinnee fi Dirree Dhawaa gurgurtaaf dhiheessee sarara diimaa uummanni Oromoo kaawwate darbaa jira jedhan.

Gochi biltsiginnaan uummata Oromoo irratti qabata marii biyyaalessaatiin raawwachuuf deemu yakka jabaa akka ta'e himaniiti jiru.

Uummanni Oromoo kumootaan kan itti wareegame dhimma Finfinnee ta'uu hubachuu feesisaa jedhan.

Aggaammii daangaa darbe biltsiginnaan uummata Oromoo irratti aggaamate kana fashalsuuf uummanni Oromoo tarkaanfii jabaa fudhachuuf ofqopheessuu akka qabu hubachiisaniiru.

Biltsiginnaan waan Oromoo akka shaqaxaatti gurgurtaaf dhiheessuu eeranii, dhimmi kun dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu Oromoo akka ta'e himaniiru.

Finfinneen Oromiyaa jalatti deebi'uu qabdi jedhanii namoota ciniinnatanii falmaa jiran kana duuba Oromoota miliyoona 60 ...
08/09/2026

Finfinneen Oromiyaa jalatti deebi'uu qabdi jedhanii namoota ciniinnatanii falmaa jiran kana duuba Oromoota miliyoona 60 oltu jira.

Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaan gaggeessaa jirti jedhame irratti Namoota Oromiyaa bakka buufamanii irraa qooda fudhataa jiran keessaa isaan asii gadii kunneen Finfinneen Oromiyaa jalatti deebi'uu qabdi jedhanii seeraa fi seenaa dhugaan warra falmaa jiran abashootaan arrabsaman tahuu mirkaneeffannee jirra.

Finfinneen Oromiyaa jalatti deebi'uu qabdi jedhanii calqabuma mariif dhiyyeessuun warra dhiyyeesseef dogoggora seenaa tahullee garuu erga dhiyyaatee immoo namoota of kennanii marii sana irratti falmaa jiran kana galateeffachuun barbaachisaadha.

Finfinneen Oromiyaa jalatti yoo deebitu biiyatti diigama taanaan haa diigamtu deebitee ijaaramti jedhanii warra dhugaa qabatanii falman galateeffanna.

Mooraan warra Kaabaa ilaalcha qabeenya Oromoo saamuu bareen har'as Finfinneen alatti Wallaggaan illee kan Amaaraati jedhee marii Biyyaalessaa irratti falmaa jiraachuu dhageenye.

Finfinneen yoo Oromiyaa jalatti deebite Oromoon keessaa nu ariiya nu saama jedhanii yaada gadi bu'aa wayita warri abashaa dhiyyeessan warri Oromiyaa irraa dhiyyaatan immoo Amaarri Oromiyaa bakka hin jiraanne eessa jira? Harargee hanga wallaggaa, Jimmaa fi Iluu hanga Booranaa fi Gujii, Arsii fi Baalee hanga Giddu gala Oromiyaa keessa jiraachaa warri jiran yoom ariyataman jechuun soba afaan afaajjiin saboota biroo ittiin dammaqsuuf turan harkatti kuffiisaniiru.

Finfinneen Oromiyaa jalatti deebi'uu qabdi yoo hin deebine warri mariif dhiyyeesse ammumaan falachuu qaba waan isa mudatu ummata Oromoo irraa kan jedhu dhaamsa keenya.

"Dhii•°gni Qeerroo kan dhangala'e Finfinnee Oromiyaa jalatti deebisuufi. Kanaafuu Finfinneen Oromiyaa jalatti buluu qabd...
08/09/2026

"Dhii•°gni Qeerroo kan dhangala'e Finfinnee Oromiyaa jalatti deebisuufi. Kanaafuu Finfinneen Oromiyaa jalatti buluu qabdi. Finfinneen Oromoo qofa ilaallatas. Habashaa wajjin mariidhaaf dhiyaachuu hin danda'u!”

Prizidaantii yuunivarsiitii Dr. Saamu'eel Kifleetu akkana jedheem!.🫰

  TDF Tigraay Balaafaman Waraana Mootummaa Bilxigina Akka Baala Mukatti Shararina irratti Harcaasee 1000 olli Boojitee M...
08/03/2026

TDF Tigraay Balaafaman Waraana Mootummaa Bilxigina Akka Baala Mukatti Shararina irratti Harcaasee 1000 olli Boojitee Madoo Humaraa fi Hospitaala Gondar Guutee Lokoptoriin gara Finfinneetti Fa'amaa jiraachuun dhagahame jira

Kana Malees Waraanni Eritrea 🇪🇷 Diroonii fi Taankii Akkasumas Maarfii Hidhatee Guyyaa Kaleessa irraa Jalqabee Bay'inaan gara Naannoo Tigraay Seenuudhan Waraana Tigraayin Simataamaa jira

Waraanni TDF Tigraay Balaafaman kallattii Kaaba Bahaatin Karaa Affaariin Lola Haarawa Banuuf Waraana Humna Guddaa qabu Sochoosee jira

Odeeffannoo Haqaa Aritidhan argachuuf Oromia Daily News Follow Like fi share godha nu hordofa

  Finfinneen akkuma Wayyaaneef Beermuudaa taatee Bilxiginnaas dhidhimsuuf teessi. PP? Lallachaa sirbaa. Ummanni Oromoo Y...
08/03/2026

Finfinneen akkuma Wayyaaneef Beermuudaa taatee Bilxiginnaas dhidhimsuuf teessi. PP? Lallachaa sirbaa. Ummanni Oromoo Yeroo Dhumaatiif Bilxigina Awwaalla Qaamaa qalbiin qophaayaa!
=============----=========

Guyyaa Hardha Marii Bilxigina irratti "Ijoollee Oromoo maayikii harkaa fuudhani Dorsisaa Oolan. Isa booda ejjennoon paartii alaa hin ba'inaa jedhani itti Roorisanii Akeekkachiisan.

Ejjennoo paartii jedhame: itti waamamni Finfinnee Teessoo mootummaa naannoo Oromiyaa fi Federaalaa haa taatu. Dantaa addaa Oromiyaan suni hafee dantaa waloo haa jedhamu. Moggaasni maqaa Addis Ababaa- Finfinnee haa taatu .Dhimma lafaatin walqabatee ejjennoon paartii kan duraa hafee lafti lafa dhuunfaa akka hin taanee fi akkuma duraa kan mootummaa fi kan uummataa ta'ee itti haa fufu....

Faallaa kanaa immoo Shimallis ejjennoo keessan kan lafatti irratti walii galle hin jijjiirinaa jechuun warra command poostitti himeera. Warri command posti immoo hirmaattotatti himaniiru. Kaleessa bakka buutonni filatamaniiru jedhan. Dhimma Dirre Dawaa fi kaan ka'aatuu hin jiru. Hirmaattota walitti qabee ejjennoo paartii kan jedhu Kaffaalodha" Finfinneen Faanoo Nafxanyaatti Gurguramaa jira. Yaa Oromoo Off Qopheessi...

Odeeffannoo Haqaa Aritidhan argachuuf Oromia Daily News Follow Like fi share godha nu hordofa

   Biltsiginnaan miseensota isaa gaaffii faayidaa Oromiyaa kaasaa jiran qorachaa fi doorsisaa akka jiru hirmaattonni mar...
08/02/2026

Biltsiginnaan miseensota isaa gaaffii faayidaa Oromiyaa kaasaa jiran qorachaa fi doorsisaa akka jiru hirmaattonni marii biyyaalessaa himan.

Dhimmoota dantaa Oromiyaa Biltsiginnaan mariiif dhiyeesse kan akka Finfinnee fa’irratti hirmaattonni Oromiyaa dura dhaabbachuun falmii guddaa gaggeessaa jiru.

Maddeen Marii Biyyaalessaa yaada kennan, Ejjennoo Finfinnee Oromiyaa jalaa baasuun, naannoo of dandeesse gochuu qabatee mariitti kan seene paartichi miseensota isaa ejjennoo isaa dura dhaabbataniin “ajandaa paartii dhiiftanii ajandaa uummataa leellistu” jechuun qorachaa jira.

Waajjira Biltsiginnaa Oromiyaatti walitti qabee doorsisaa jiras jedhan.

Dhimmoota magaalota lamaanii fi dantaa Oromoo fi Oromiyaarratti hirmaattonni Oromiyaa ejjennoo wal fakkaataan mormii ijibbaachisaa gochaa jiraachuus dhagahe.

Nuti faayidaa Oromiyaa gurguruuf as hin dhufne, yoo gurguruu feetan bakka nuti hin jirretti gurguruun uummata beeksisuu dandeessu jechuun kan falmaa jiran hirmaattonni Oromiyaa ejjennoo paartichaa tasa akka hin fudhanne ejjennoo cimaan ibsachaa jiraachuu dhageenye.

Dhimma dantaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa qabdu kan heerri kaaye fi abbummaa Finfinneerratti uummanni alaa mormii cimaa bakka dhageessisaa jirutti sababni faallaa uummataa dhaabbannee haqa Oromiyaa gurgurruuf tokkollee hin jiru jedhan.

Marii kanarratti dhimmoota Oromoo fi Oromiyaarratti hirmaattonni Oromiyaa lakkoofsa gad aanaa ta’anis yaada paartichi dantaa uummata naannichaa dabarsee kennuuf karoorse tokkummaadhaan didaa jiru.

Waltajjii marii biyyaalessaa kanarratti ajandaawwan siyaasaa gurguddoon hedduun dhimma Oromiyaa ilaallatani ta’uu ni beekama.

Kana kan hubatan hirmaattonni Oromiyaa marichi marii biyyaalessaa osoo hin taane Kora Oromiyaa qoqqooddachuurratti mari’atu fakkaata jedhu.

Dantaa Oromiyaa fi Oromoo dabarsanii kennuun umrii sirnichaa akka gabaabsuu rogeeyyiin Oromoo biyya keessaa fi alaa ibsaa jiru.

Dubbiin Finfinnee fi Dirree Dhawaa akkasumas Oromiyaa guddittiin uummata Oromootiif sarara diimaa tuqamuu hin qabne jedhu xinxaaltonni siyaasaa.

Wayyaaneen har'a haala hammaataa keessa jirtu kun sarara diimaa kana tuttuquutti fincila uummata Oromootiin aangoo irraa qaarifamuus yaadachiisu.

Wayyaaneenis bara sana akkuma kana baankii fi taankii abdattee uummata Oromoo humnaan ukkaamsuuf sochootee jedhu.

Wayyaanee gaaf sana baankii fi taankiin hin baraarre kan jedhan xinxaaltonni, fincilli uummataa Oromiyaa keessatti ka'u hundee mootummaa sochoosee buqqisuu humna akka qabu fincilli diddaa mastarpilaanii agarsiiftuu akka ta'e ibsu.

Uummanni tokko akka uummataatti fincillaan waanti dhaabu hin jiru keessattuu yeroo biyyi raafama hamaa keessa jirtu kanatti waanti biltsiginnaan sarara diimaa uummanni Oromoo kaayyate darbuun dhimma mariif hin dhihaanne mariif dhiheessuun itti jiru ibiddaan taphachuu dha jedhan.

Odeeffannoo Haqaa Aritidhan argachuuf Oromia Daily News Follow Like fi share godha nu hordofa

  Tigraayi fi Eritre🇪🇷 Waraana Biyya Lamaanii isin Obboleyyaan Waliiti, Waliin Diina Waraana Kana booda isin Tsimdoodha ...
08/02/2026

Tigraayi fi Eritre🇪🇷 Waraana Biyya Lamaanii isin Obboleyyaan Waliiti, Waliin Diina Waraana Kana booda isin Tsimdoodha jechuudhan Guyyaa Hardha Daangaa Eritrea 🇪🇷 fi Tigraay irratti Loltoota Waraana isaanii Wal Barsiisanii Walitti michoomsanii jiru

Odeeffannoo Haqaa Aritidhan argachuuf Oromia Daily News Follow Like fi share godha nu hordofa

  Oolmaa Lola Guyyaa Hardhaatin Waraanni Tigraay TDF fi Waraanni Mootummaa Bilxigina Giddutti Kallattiiwan Hedduun Akka ...
08/01/2026

Oolmaa Lola Guyyaa Hardhaatin Waraanni Tigraay TDF fi Waraanni Mootummaa Bilxigina Giddutti Kallattiiwan Hedduun Akka Jabaa Haleelaa Cimaa Wal irratti gegeessaa Oolanii jiru

Waraanni Humaraa fi Shararina Akkasumas Walqayitti Xagadeedhani fi NaciAfariin Akka Jabaa Wal akaayaa Oolee jira

Hogantoonni Waraana TDF Tigraay fi Mootummaan Tigraay Ibsa Hardha Baaseen Mootummaan Bilxigina Waraana Tigraayin irratti Banee Waan jirruuf Off irraa Qolachuudhan Hanga Arat-Kiiloo tti Nan Haleela jechuudhan Addunyaa Beeksiisee jira. Ibsichi itti Dabaluudhan Dhalatoonni Tigraay Biyya Alaa fi keessa jirtan Hundi keessan Off eegannoon Dirree Waraana irratti akka Hirmaatan Waamicha godheeraf

Mootummaan naannoo Amaaraa immoo ibsa Amma Baaseen Luuxxee Seentonni TDF Tigraay Naannoo Amaaraa Riphee Waan Seenaa jiruuf Humna Hidhate addan Wallaalaa Waan jirruuf Fannon Ala Humni Meeshaa waraanaa Hidhatan Hundi keessan Meeshaa waraanaa keessan Mana keessan kaayatani Harka keessan Duwwaa akka Deemtan jechuudhan Ajaja Dabarseera jira

Hordoftoota keenya Kabajamo Lolli Cimaan Wal Haadhaa Waan jiruuf Ummata keenya Odeeffannoon Sa'atii amma Haalaan Isin barbaachisa Waan ta’eef::--- Odeeffannoo Haqaa Aritidhan argachuuf Oromia Daily News Follow Like fi share godha nu hordofa

  Waraanni Mootummaa Bilxigina fi TDF Tigraay Balaafamaa ta'e Waraanni Haalaan Sodaachisaan  Eegamaa ture Hardha Ganamaa...
08/01/2026

Waraanni Mootummaa Bilxigina fi TDF Tigraay Balaafamaa ta'e Waraanni Haalaan Sodaachisaan Eegamaa ture Hardha Ganamaan Dhoohee jira

Waraanni Daangaa Suudaniin Humaraa fi Sharar NaciAfar Akkasumas Walqayitti Xagadeedhan Ganama Hardha Sa'atii 12:00 irraa eegalee Meeshaa waraanaa Gurguddaa dhukaasuudhan Haleellaa Cimaa gegeessaa jiraachuun dhagahame jira

Waraanni Humna Guddaa qabu Kan Suudaan keessatti Yeroo Dheeraa Leenjii Addaa ispeeshal kumaandoo Leeji'aa ture TDF Tigraay Meeshaa Waraana Gurguddaa fi Diroonii Hidhatee kan jiru Yoo ta'u Ganama Hardha Sa'atii 12:00tti Seeraan Ala Daangaa Ethiopia 🇪🇹 Cabsuudhaan Waraana Mootummaa Bilxigina irratti Waraana jabaa banee jira

Waraanni Mootummaa Bilxigina Humna Guddaadhan Socho'uu Birgeediin Makaniyiziimiin Haleellaa Cimaa Off irraa Qolachuudhan Deebisee Haleeluu Sochii Cimaa godha jira

Hordoftoota keenya Kabajamo Lolli Eegamaa ture Eegalee Dhoohee Wal Haleelaa jira Waan ta’eef Jala Buunee Hordofaa Waan jirruuf isinis Odeeffannoo Haqaa Aritidhan argachuuf Oromia Daily News Follow Like fi share godha nu hordofa

Address

Washington D.C., DC

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Daily News posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share