23/07/2025
16/11/2017
ABS(Adama Broadcasting Service)
Bu'uraaleen misoomaa magaalittii keessatti hojjetaman fayyadamummaa keenya mirkaneessaa jiru jedhan jiraattonni magaalaa maqii ABS dubbise.
Magaalittiitti bara 2017 proojeektonni birrii miiliyoona 200 oliin hojjataman hojii keessa galaniiru.
*******
Piroojeektonni kunneen baajata idilee fi hirmaannaa hawaasa magaalittiin kan ijaaraman yoo ta'u, daandiwwan koobilii keessa keessa, teeraazowwan qarqara daandii,galma walga'ii magaalichaa, sheediwwan misooma innisheetivii, manneen barnootaa, giddugalli gabaa fi kanneen biroo keessatti argamu.
Piroojeektonni ijaaraman kunneen gaaffii bu'uraalee misoomaa kan deebisanii fi hawwatamummaa magaalittii kan dabalan ta'uu jiraattonni tokko tokko dubbataniiru.
Projeektota kaneen kunuunfachuun akka irraa fayyadamanis himaniiru.
Kantiibaa itti aanaa fi itti gaafatamaan waajjira daldalaa,carraa hojii uumuu fi investmentii magaalichaa Obbo Kamaal Qurcaa piroojeektonni 30 ta'an birrii miil.200 oliin ijaaramanii hojii keessa galuu himuun, piroojeektonni kunneen maagaalaa qofa osoo hin taane hawaasas magaalomsaa jiru jedhan.
Magaalichatti ogeessi too'annoo fi hordoffii piroojeektotaa Obbo Daadhii Barruu piroojeektonni kunneen qulqullinaa fi ariitii barbaadameen yeroo qabameef keessatti xumuramuun hojii keessa galuu himan.
Kantiibaan magaalaa Maqii Inj.Dilboo Urgeessaa Piroojeektonni bara 2017tti magaalittiitti hojjataman gaaffilee hawaasaa kan bu'ureeffatan ta'uu himan.
Piroojeektonni kunneen wabii nyaataa mirkaneessuun cinaatti dargaggoota hedduuf carraa hojii bal'aa uumuu danda'anii jirus jedhaniiru.
Magaalittiitti rakkoon nageenyaa qormaata cimaa ta'aa turus harka tokkoon hojiilee nageenyaa gama biroon ammoo hojiileen misoomaa hojjataman fayyadamummaa hawwaasaa mirkaneessuurratti kan argaman ta'uus himaniiru.
Firaa'ol Doddee