06/10/2023
Galii Dabaluu: Haala Dandeettii Maddisiisuufi Sassaabuu!
Cehumsa dinagdee Oromiyaa qabame dhugoomsuuf galii dinagdeen keenya maddisiisu dabaluufi dandeettii sassaabbii galii guddisuun dhimma ijoodha. Cehumsi dinagdee madda faayinaansii itti fufiinsaan dabaluufi amansisaa ta’e barbaada. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo keenyaas milkaa’ina isaaf, seektaroota walhumneessuu danda’an qindeessee, tokkoon tokkooniif tarkaanfilee haaraa bocuun hojjechaa jira.
Hojiilee galii dinagdeen keenya maddisiisu dabaluutiin raawwataman keessaa oomishaalee alergii baay’inaa, ariitiifi qulqullinaan oomishuu, oomishaalee alaa galan bakka buusuu, maatii qaama karoora badhaadhinaa taasisuufi Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa irra deebiin gurmeessuun imala bu’aa qabeessummaa qabsiisuu kaasuu dandeenya.
Gama dandeettii sassaabbii galii guddisuutiin ammoo hojiileen akka bulchiinsa gibiraafi taaksii ammayyeessuu, haqa-qabeessummaa mirkaneessuufi dhaqabamaa taasisuu raawwatamaniiru. Bu’aa isaatinis kenniinsa tajaajilaa si'ataa, qulqulluufi haqa-qabeessa mirkaneessuu irratti fooyya’iinsi mul’dhateera. Yeroo ammaa teeknoolojii “SIGTAS” fayyadamuudhaan gibira kaffaltoota sadarkaa “C” tuttuqaa namaa tokko malee murteessuun danda’ameera. Dabalataaniis, guutummaa Oromiyaatti, “telebir” fayyadamuudhaan gibiraafi taaksii sassaabuun danda’ameera. Gama biraatiin tarkaanfiileen labsii Torbee Galii, moggaasa Ambaasaaddaroota galiifi gibiraa, kenniinsa beekamtii kaffaltoota gibiraa adda duree, akkasumas tarkaanfii olaantummaa seera taaksiifi gibiraa kabachiisuu fudhatamanii jiru.
Bu’uuruma kanaan, galii dinagdeen keenya maddisiisu dabaluu, dandeettii sassaabbii galii guddisuu akkasumas aadaa kaffaltii gibiraafi taaksii hawaasa naannichaa fooyyessuun danda’ameera. Qabatamaan haa ilaallu. Bara baajata 2010, galii Idilee, Mana Qopheessaafi Keessaa irraa bir. bil. 16.2 kan sassaabne yoo ta’u, bara 2014, gara bir. bil. 54.6'tti ol guddisneera. Bara 2015 ammoo, galii Idilee, Mana Qopheessaafi Keessaa irraa karooraa ol, bir. bil. 83 (walduraa duuban bir. bil. 61.5, 8.06, 6.78) sassaabneerra. Waggoota afran kanatti, galiin naannoo keenyaa waggaa waggaadhaan giddu-galeessan %33.83 guddachaa ture jechuudha.
Tarkaanfiilee gama lamaaninuu fudhatamaniin, bu’aa jajjabeessaan argamaa dhufeera. Dandeettiin piroojektoota gurguddoo cehumsa dinagdee naannichaa sochoosan faayinaansii gochuu keenyas dabalaa jira. Haata’uutii, dilbii galii naannoon keenya maddisiisuu danda’uun walbira qabnee yoo ilaalle jijjiiramniifi bu’aan hanga ammaa argame baay’ee xiqqaadha. Gama biraatiin, fedhii faayinaansii piroojektoonni/bu'uraaleen misoomaa cehumsa dinagdee naannichaa akka sochoosaan qabamaniifi raawwatamaa jiran barbaadaniin waliin walbira qabnee yoo ilaallu ammas gadi bu’aadha.
Inumaayyuu ammo, cehumsa dinagdee keenya daran cimsuuf bara 2016 “Karoora Xiiqii” qabachuun keenya hin dagatamu. Haluma kanaan galii bara darbe sassaabne (bir. bil. 83) irratti bir. bil. 61 dabaluun, galii bir. bil. 144 sassaabuuf koroorsinee hojiitti galleerra. Kana keessaa, bir. bil. 103 galii idilee, bir. bil. 29.13 galii Mana Qopheessaafi bir. bil. 10.9 galii kessaa irra kan sassaabamu ta’a. Kanaafuu, tarsiimoo sassaabbii galii adda ta’e baasuun dirqama ta’uu hubatee, kutannoodhaan akka socha’u hooggansa sadarkaan jiruuf dhaamaa, caasaan galii karooraa ol sassaabe kan irra hin fudhatamneefi akkaataa seera faayinaansitiin achumatti kan itti fayyadamu ta’uu hubachiisuun barbaada!