Tamiru Maka

‎• Teaching Financial Accounting in Afaan Oromoo

• Simple | Practical | Easy to Understand

• For Students | Entrepreneurs | Professionals


‎Join:
• ‎Telegram Channel:

‎Contact me:
• ‎WhatsApp: +251 977 794 722

20/09/2025

‎Gosa Galii (7 Types of Income)

‎1. Earned Income

‎Maallaqa hojii hojjachuun argamu.
‎Fakkeenya: mindaa, qansiraa, freelance, ...

‎2. Profit Income

‎Maallaqa daldala irraa argamu. Jechuun, waan bitame gatii ittiin bitame olitti gurguruun argamu.
‎Fakkeenya: daldala suuqii, daldala midhaanii, daldala meeshaalee, ...

‎3. Interest Income

‎Maallaqa baankii kuufame irraa argamu, yookan maallaqa namaaf liqeessuun argamu.
‎Fakkeenya: deposit interest, bu'aa liqii, ...

‎4. Dividend Income

‎Namoonni dhaabbata aksiyoona (share company) keessatti hirmaatan bu’aa dhaabbatichaa yeroo qooddatan, galiin argamu kuni Dividend Income jedhama.

‎Fakkeenya: qooda investimenti irraa argamu, ...

‎5. Rental Income

‎Qabeenya kireessuudhaan argamu.
‎Fakkeenya: mana kireessuu, konkolaataa kireessuu, meeshaalee oomishaaf kireessuu, ... Harrees yoo namni sirraa kireessuu jiraate, galiin isheerra argamu kuni Rental Income dha.

‎6. Royalty Income

‎Maallaqa namoonni hojii, yaada, ykn qabeenya sammuu keetii itti fayyadamuun siif kaffalan.

‎Fakkeenya: kitaabaa barreessuu, sirbaa barreessuu, soooftweerii ijaaruu, ...

‎7. Capital Gains

‎maallaqa qabeenya gatii isaa olitti gurguruun argamu.

‎Fakkeenya: lafa gurguruu, qooda (share) gurguruu, ...

‎8. Pension Income

‎Maallaqa erga hojiirraa soorama bahan booda yeroo hunda kan argamu.

‎Fakkeenya: soorama mootummaa, soorama dhaabbilee dhuunfaa, dhaabbata keessatti miidhamuun argamu, ...

Jedhaa nagaan oolaa!

‎QABXIILEE IJOO TA'AN SHAN (5) FI GOSOOTA ISAANII‎(Taammiruu Makaa)‎‎Accounting keessatti, qabxiilee ijoo ta’an shan (5)...
20/09/2025

‎QABXIILEE IJOO TA'AN SHAN (5) FI GOSOOTA ISAANII
‎(Taammiruu Makaa)

‎Accounting keessatti, qabxiilee ijoo ta’an shan (5) accountant kamiyyuu beekuu qabu: Assets, Liabilities, Owner’s Equity, Revenue fi Expenses. Isaan kunneen immoo gosoota adda of jalatti qabu. Barattoonni, journal entries, ledger fi financial statement barachuun dura, gosoota kana addaan baasanii sirriitti hubachuu qabu:

‎1. - Qabeenya

‎Salphumatti, Asset jechuun qabeenya dhaabbatichaaf fuulduraatti bu'aa argamsiisu danda'u jechuudha.

‎Gosoota isaa:
‎1.1 Cash (Maallaqa)

‎- Cash on Hand: Maallaqa harkatti argamu.

‎- Cash at Bank: Maallaqa baankii jiru.

‎- Petty Cash: Maallaqa guyyaa guyyaatti hojiin ittiin raawwachuuf harkatti qabatamu (baasii tokko tokkoof)

‎- Accounts Receivable: Maallaqa dhaabbatichaa kan dhaabbata biraa ykn nama dhuunfaa irra jiru, kan dhaabbatichi naaf kaffalama jedhee eegatu. Fakkeenyaaf: Fulbaana 5 tajaajila kennitee, Onkololeessa 5 akka siif kaffalamu yoo waliif galtan, hamma gaafa kaffalamuutti accounts receivable jedhama. Yoo odoo hin kaffalamin hafehoo? Yoo akkana ta'e bad expenses jedhama.


‎1.2 Inventory – Meeshaa kuusaa jiru kan gara maallaqatti jijjiiramuu danda’u.

‎1.3 Prepaid Expenses – Kaffaltii dursee raawwatame. Fakkeenyaaf, mana kiraa keessa jiraachuun dura kaffalame.

‎1.4 Property, Plant and Equipment (PPE) – Qabeenya yeroo dheeraaf tajaajila kennu (lafa, mana, maashina, konkolaataa).

‎1.5 Accumulated Depreciation – Hir’ina gatii qabeenya yeroo keessatti ta’u (Contra-asset).


‎2. - Idaa Kaffalamu Qabu

‎Dirqama dhaabbatichi gara fuulduraatti kaffaluu qabu.

‎Gosa isaa:

‎2.1 Accounts Payable – Kaffaltii gara fuulduraatti raawwatamu qabu.

‎2.2 Wages Payable – Mindaa hojjettoota kaffalamuuf jiru.

‎2.3 Taxes Payable – Gibira kaffalamuuf jiru.

‎2.4 Unearned Revenue – Maallaqa dura fudhatame tajaajilli gara fuulduraatti kennamuuf.

‎2.5 Notes Payable – Liqii galmee irratti hundaa’ee kaffalamuuf jiru.


‎3. - Qabeenya Abbaa Dhaabbatichaa

‎Qabeenya abbaa dhaabbatichaa.

‎Gosa isaa:

‎3.1 Owner’s Capital – Maallaqa abbaan dhaabbatichaa gumaache (dhaabbaticha eegalchiisuuf, yookan misoomsuuf).

‎3.2 Owner’s Drawing – Abbaan dhaabbatichaa account dhaabbatichaa irraa maallaqa fudhatee yoo account dhuunfaa isaarra godhate yookan kiisii ofii keessa godhatee dhimma dhuunfaa oolfate. 👈 kuni kan ta'u yoo dhaabbata dhuunfaa ta'e (sole proprietorship)

‎3.3 Retained Earnings – Bu’aa dhaabbatichi argate kan abbootii dhaabbatichaatif hin qoodamne, dhaabbaticha keessatti kuufame.

‎3.4 Share Capital – Qarshii investara irraa argame.


‎4. /Income - Galii

‎Maallaqa gurgurtaa fi tajaajilaan argamu.

‎Gosa isaa:

‎4.1 Sales Revenue – Galii oomisha gurguramerraa argame.

‎4.2 Service Revenue – Galii tajaajila kennuudhan argame.

‎4.3 Interest Income – Bu’aa qarshii baankii tursiisuu ykn liqii kennuu irraa argamu.

‎4.4 Rent Income – Galii kiraa manaa, konkolaataa, ykn meeshaa irraa argamu.


‎5. - Baasii

‎Maallaqa hojii keessatti baafamu.

‎Gosa isaa:

‎5.1 Cost of Goods Sold (COGS) – Baasiilee oomisha oomishuuf raawwatamu.

‎5.2 Salaries and Wages Expense – Mindaa fi kaffaltii biroo hojjettootaa kaffalamu.

‎5.3 Rent Expense – Baasii kiraa manaa ykn meeshaalee.

‎5.4 Utilities Expense – Baasii ibsaa, bishaanii, intarneetii.

‎5.5 Depreciation Expense – Hir’ina gatii qabeenya waggaa tokko keessatti galmeeffamu.

‎5.6 Supplies Expense – Baasii meeshaalee hojii (fakkeenya, meeshaalee barreeffamaa)

‎5.7 Advertising Expense – Baasii beeksisaa.

‎5.8 Insurance Expense – Baasii inshuraansii.

‎5.9 Interest Expense – Baasii liqii irratti kaffalamu (dhala maallaqa liqeeffame irratti dabalamee kaffalamu)

‎5.10 Miscellaneous Expense – Baasii biroo (al idilee)

‎Telegram Channel 👉 https://t.me/tmaka5

19/09/2025

‎Journal | Joornaalii

#‎Journal jechuun homaa jechuu miti, garuu transaction guyyaa guyyaatti raawwatamu seera galmee gam-lamee (double entry bookkeeping) eeguudhaan tartiiba tartiibaan galmeessuudha. Accounting keessatti, galmee jalqaba asirraa eegala.

‎Double Entry?

‎Transaction kamiiyyuu yeroo raawwatu, yoo xiqqaate account lama irratti jijjiirama fida. Innis tokko Debit jalatti, kan hafe immoo Credit jalatti galmaa’a.

‎Fakkeenya 1:

‎Dhaabbanni ABC qarshii 60k baasee laptop bite.

‎👆 Transaction kana keessatti:

‎• Laptop bitame = asset = Debit. 👈 Equipment account irratti jijjiirama fide.

‎• Cash hir’ate = Credit. 👈 Cash account jijjiiramni argame.

‎Joornaalii irratti yeroo galmeessinu:

‎Date Account Debit Credit
‎Jan 1 Equipment........60k
‎Jan 1 Cash....................................60k

Equipment = Asset dha. Akkasumas, Cash = Asset dha. Kanaaf, Asset dabale Debit jalatti, kan hir'ate immoo Credit jalatti galmeessina. Kanaafi wanni equipment account kan Debit ta'ee, Cash account immoo Credit ta'eef.


Fakkeenya 2:

‎Ibsaa fi bishaaniif qarshii 1k kafalame. 👉 Utilities Expenses jedhama.

‎👆 Gosti transaction kanaa baasiidha (expenses). Expenses immoo Debit.

‎Joornaalii keessatti yeroo galmeessinu:

‎Date Account Debit Credit
‎Jan 2 Utilities Exp........1k
‎Jan 2. Cash....................................1k

Utilities Expenses = Expense dha. Cash = Asset dha. Asset fi Expense yoo dabale Debit, yoo hir'ate immoo Credit ta'a. Kanaaf, utilities waan dabaleef Debit goone, Cash waan hir'ateef Credit godhame.

Tole,

‎Transaction kamuu yoo raawwatamu, yoo xiqqaate account lama irratti jijjiirama fida jenne. Maal jechuudha? Yeroo account lamaa ol irratti jijjiirama fidu jiraa? Eyyeeni.

‎Fakkeenya armaan olii yoo ilaalte, transaction Jan 1 fi Jan 2 irratti account lama qofatu jijjiirame. Kan Jan 1 yoo ilaallu:

• ‎Kompiitara bitame 👉 Asset dabale (Laptop). Kana jechuun equipment account irratti jijjiiramni dhufe.

Kan biraa,

• ‎Maallaqa hir’ate 👉 Cash hir’ate

‎Kanaaf account lama: Equipment account fi Cash account irratti qofa jijjiirame.

‎Garuu transaction tokko tokko account lamaa ol irratti jijjiirama ni fida. Yoom?

‎Fakkeenya 3:

‎Dhaabbatichi, Jan 3 meeshaa (inventory) dhiheessitoota irraa qarshii 20k bite. Qarshii 15k oggasuma sana kaffale, qarshii 5k immoo duubee waliif galan (credit).

‎Transaction kana keessatti account sadi jijjiirame:

1. ‎Inventory ni dabale 👉 Inventory account irratti jijjiiramni dhufe.

2. ‎Qarshii 15k kaffalameera 👉 Cash account irratti jijjiiramni dhufe, cash ni hir’ate.

3. ‎Qarshii 5k duubeedha, booda kafalamuu qaba 👉 Account Payable irratti jijjiiramni dhufe, account payable ni dabale.

‎Joornaalii keessatti yeroo galmeessinu:

‎Date Account Debit Credit
‎Jan 3 Inventory........…..20k
‎Jan 3 Cash....…….........…..........15k
‎Jan 3 Account Payable.........…5k

‎kanaafi, transaction yeroo raawwatu yoo xiqqaate account lama irratti jijjiirama fida kan jedhamuuf. Account 3, 4 irrattis jijjiirama fiduu danda'a.

‎Hubadhu:

‎Debit:
‎- Asset yoo dabalu,
‎- Expenses yoo raawwatamu,

‎Faallaan armaan olii Credit. Fakkeenya: Asset yoo hir'atu Credit.

‎Credit:
‎- Liability yoo dabalu,
‎- Equity yoo dabalu,
‎- Galii (revenue) yoo argamu.

‎Faallaan isaanii Debit ta'a. Fakkeenya: Liability yoo hir'ate Debit ta'a.

18/09/2025

Robert Kiyosaki, Asset, Liability fi Cash Flow irratti maal jedha? Isin kofalchiisaa isin barsiisa. 😃

16/09/2025

Join:

16/09/2025

‎BUSINESS PLAN jechuun maal?

‎Mee har’a waa’ee waan kana haa ilaallu:

‎Business Plan (Karoora Daldalaa) jechuun karoora hojii tokko eessarraa ka’ee garamitti deemuu akka qabu bal’inaan ibsuudha. Kun yaada hojii sammuu kee keessa jiru gara hojii qabatamaatti geeddaruu si gargaara.

‎FAAYIDAA KAROORA DALDALAA QOPHEESSUU:

‎Hojiin kee maal akka ta’e, eessarraa ka’ee eessa akka deemu ifatti ibsa

‎Deeggarsa baankii fi investeroota (financial support) argachuuf gargaara

‎Garee fi hirmaattotni hojichaa yaada waliigalaa daldalichaa akka qabaatan taasisa

‎Dorgommii keessatti maaltu akka daldala kee adda godhu ni ibsa

‎Gatii oomisha ykn tajaajila keetii ifa taasisa

‎KUTAALEE GURGUDDOO 8 KAROORA DALDALAA:

‎1. Ibsa Gabaabaa (Executive Summary)

‎Kun seensa barreeffamichaati. Yaada hojii gabaabsee dhiyeessa:

‎- Maqaa Hojii (Business Name)

‎- Maal Hojjetta? (Mission Statement)

‎- Maal Gurgurta? Eenyutti? (Products/Services & Target Market)

‎2. Ibsa Hojii (Business Description)

‎Maal irratti hojjechuu akka barbaaddu namni hunduu akka hubatu ibsi:

‎- Gosa hojii: daldala, tajaajila, qonna, teknoolojii, fi kkf

‎- Yaadni daldalaakee rakkoo maali furuuf akka karoorfame ibsi

‎- Gosa seeraa ittiin dhaabbate (Legal Structure):

‎- Dhuunfaa (Sole Proprietorship)

‎- Garee (Partnership)

‎- PLC

‎- Waldaa Aksiyoonaa (SC)

‎kuni ifatti adda bahee barraa'uu qaba.

‎3. Qorannoo Gabaa (Market Analysis)

‎Gabaan si barbaadu eenyu fa’i? Maaltu si adda godha?

‎Maamiltoonni kee eenyu? (Target Customers)

‎Dorgomtoonni kee eenyu? (Competitor Analysis)

‎Faayidaan ati dorgommii irra argattu maali? (Competitive Advantage)

‎4. Gurma’insa fi Hoggansa (Organization & Management)

‎Hojii kana eenyutu hooggana?

‎Hundeessaa fi Muuxannoo Isaa (Owner Background)

‎Garee Hoggansa (Management Team)

‎Caasaa Dhaabbataa (Organizational Structure)

‎5. Oomisha/Tajaajila (Product or Service Line)

‎Oomisha ykn tajaajila kee ibsi:

‎- Maal oomishta?

‎- Akkamitti oomishta?

‎- Tajaajila akkamii kennita?

‎- Gatii maal irratti hundooftee murteessita? (Pricing Strategy)

‎6. Tarsiimoo Gabaa fi Gurgurtaa (Marketing & Sales Strategy)

‎Oomisha ykn tajaajila kee akkamitti of beeksifta?

‎Tarsiimoo Gabaa: miidiyaa hawaasaa, TV, raadiyoo, afaaniin

‎Tarsiimoo Gurgurtaa: gatii gadi bu’aa, beeksisa addaa, referral, kkf

‎7. Karoora Hojii Guyyaa Guyyaa (Operational Plan)

‎Hojii guyyaa guyyaa akkamiin gaggeeffama?

‎Iddoo Hojii (Business Location)

‎Qabeenya barbaachisu: dhiheessitoota (Suppliers), geejjiba, logistics

‎8. Karoora Maallaqaa (Financial Plan)

‎Maallaqa meeqa si barbaachisa? Galii fi baasii akkamitti madaalta?

‎Baajata Jalqabaa (Startup Budget)

‎Ragaa Waggaa 3–5 (Financial Projections):

‎Gabatee Bu’aa fi Baasii (Income Statement)

‎Gabatee Sochii Maallaqaa (Cash Flow Statement)

‎Gabatee Qabeenyaa fi Idaa (Balance Sheet)

‎Bakka Galii fi Baasii Wal-simu (Break-even Point)

‎Faayidaa Karoora Daldalaa Barreessuu Maali?

‎Karoorri kee ifa fi qindaa’aa ta’a

‎Amanamummaa investerootaa fi baankota biratti horatta

‎Dorgommii keessatti qophii cimaa qabaatta

‎Guddina yeroo dheeraa irratti si qajeelcha


‎Dhumarratti,

‎Tajaajila:

‎- BUSINESS PLAN qopheessuu, fi

‎- Hiikaa Afaanii: Afaan Oromoo, English fi አማርኛ ni kennina!

‎👆Namoonni tajaajila kana argachuu barbaaddan karaa keessaa (inbox) nuuf barreessaa! Yookan 0977794722 irratti "Hello" jedhaa!

‎👉 Fuula kana godhi, gochuun hiriyoota keetiif qoodi!

16/09/2025

‎Yeroo darbe, BUSINESS PLAN maal akka ta’e, maaliif akka barbaachisu, qabiyyee isaa fi fakkeenya tokko hojjedhee isinitti agarsiiseera.

‎Namoonni hubannoo sana argatan BUSINESS PLAN ofiin qopheeffachuu ni danda’u jedheen amana.

‎Haa ta’u malee, namoota yeroo hin qabne, kanneen kaffaltiidhaan akka isiniif hojjetamu barbaaddan isiniif hojjechuu akkan danda'u isinitti himeen ture. Bu’uura kanaan, kan na gaafataa jirtan ni jirtu; kan waliigallee kaffaltii jalqabaa (advance payment) naaf kaffaltanis inuma jirtu.

‎Garuu, BUSINESS PLAN qopheessuuf yaada daldala keessanii odeeffannoo sirrii, guutuu fi ifaa ta’e na barbaachisa. Odeeffannoo kun karoora daldalaa sirrii fi bu’a qabeessa ta’e—kan yaada keessan sirriitti ibsu—tolchuuf na gargaara. Odeeffannoo kana funaanuuf (form) qopheesseera.

‎Kanaaf, namni BUSINESS PLAN akka isiniif qophaa’u barbaaddan: qophaa'e kana sirriitti guutuudhaan naaf erguu qabdu. Busy akka taatan naaf gala, garuu BUSINESS PLAN sirrii ta'e akkan isiniif qopheessuuf na gargaara.

‎Kaayyoon kiyya isin tajaajiluu fi daldala keessan deeggaruudha; maleessa maallaqa isinirraa funaanu qofa miti. Of course, gatiin tajaajilaa akka naaf kaffalamu inuman barbaada; garuu kaayyoon dhumaa milkaa’ina keessan deeggaruudha. Kanaaf, BUSINESS PLAN sirrii fi bu’a qabeessa ta’e akka isiniif hojjedhuuf, isiniif qophaa'e sirnaan guutaa naaf ergaa!

‎Foormicha guutamuu qabu galgala kana hunda keessaniif nan maxxansa. Waan itti dabalamuu qabu yookin waan irraa hir’achuu qabu irratti yaada naaf kennuu dandeessu.

‎Galatoomaa!🙏

Basic Accounting | Afaan Oromoo
16/09/2025

Basic Accounting | Afaan Oromoo

‎Qubee Electronics giddugala gurgurtaa meeshaalee elektirooniksii:‎‎💻 Computer‎🖥️ Laptop‎📱 Tablet‎📲 Smart Phone ‎🎧 Akses...
15/09/2025

‎Qubee Electronics giddugala gurgurtaa meeshaalee elektirooniksii:

‎💻 Computer
‎🖥️ Laptop
‎📱 Tablet
‎📲 Smart Phone
‎🎧 Akseseeroota garaagaraa orjinaala ta’e amanamummaadhaan isiniif dhiyeessa.

‎🏢 Biiroleef, bakkeewwan hojii dhuunfaaf, barsiisota, barattootaa fi daldaltootaaf meeshaalee elektirooniksii armaan olitti caqafaman bakka jirtanitti ni dhiyaessa.

‎Teessoo:

‎LAKK-1: Finfinnee, Boolee Madaaniyaalem, Gamoo Oromiyaa (Oromia Tower)

‎LAKK-2: Finfinnee, Markaatoo, Gamoo Tafarraa jalatti argamu

‎📞 Lakkoofsa Bilbilaa: +251 911 539 551



15/09/2025

Dorgommiin keenya ifatti eegaleera!

Akkuma beeksisa keenya jalqabaarratti isin hubachiifnee fi waadaa galle, badhaasa waldorgommii gosa 3 (sadi) hammatee fi qophaa'e ifatti eegalleerra. Itti dhiyaadhaa!

Meeshaa/badhaasa qophaa'e;
▪Bilbila SAMSUNG GALAXY S25 ULTRA qarshii 150,000 baasu
Inni kun warra reaction/like -dhaan caalaaniif 1ffaa bahaniif qophaa'e.

Ulaagaa dorgommichaa;
WARRA BAAY'INA REACTION/LIKE 'tiin dorgomuu barbaadaniif;
1.Maxxansa kana 'account facebook' kee jalatti share goota.
2.Ergaa barreeffama armaan gadii kana kan waa'ee "Qubee Electronics" irratti barreeffame kana 'account facebook' kee jalatti garagalchuun (copy paste) gochuun maxxansita/post goota. Sana booda akka hiriyoonnikee react/like siif godhan affeerta. Barreeffamni waa'ee Qubee Electronics ibsu kan ati 'timeline' kee jalatti 'post' gootu kan armaan gadii kana.
Ergichi kunooti;👇

"Qubee Electronics giddugala gurgurtaa meeshaalee elektirooniksii yoo ta'u, Computer, Laptop, Tablet, Bibiloota smart ta'anii fi aksaseeroota garaa garaa orjinaala isaa amanamummaadhaan isiniif dhiyeessa. Biiroleef, bakkeewwan hojii dhuunfaaf, barsiisota, barattootaa fi daldaltootaaf meeshaalee elektirooniksii armaan olitti caqafaman bakka jirtanitti ni dhiyeessa."

Teessoon;
LAKK-1
Finfinnee, Boolee Madaaniyaalem, Gamoo Oromiyaa (Oromia Tower)
LAKK-2
Finfinnee, Markaatoo Gamoo Tafarraa jalatti argamna.
Lakkoofsa Bil; +251911539551

(Yoo dandeesse ergaa kana caalatti miidhagsii ibsi. Yoo barbaadde barreeffama/ ergaa kana qofas fayyadamuu dandeessa. Garuu irraa hir'isuun hin danda'amu.

Haala qabxiin kennamu!
1.Maxxansa kee goosisuun qabxii 30% argatta. (Baay'ina share'tiin)
2.Maxxansikee immoo baay'ina react/like 'tiin siif qabama. Isaan immoo 70% argatta.

WARRA MEESHAA BITATTANII WARRANTY of harkaa qabdaniif;
'e;
▪ Bilbila Samsung Galaxy A16 kan qarshii 25,000 (kuma digdami shan) baasu
Inni kun warra meeshaalee elektirooniksii Qubee Electronics irraa kanaan dura bitataniif carraa buusuun abbaa carraaf qophaa'e.

;
Meeshaalee gosa kamuu, bilbila, desktop, laptop fi kkf Qubee Electronics irraa bitattanii warri 'warranty' of harkaa qabdan 'warranty' keessan suuraa kaasuun karaa keessaa nuuf ergitu.

;
Akkaataa tartiiba nuuf ergitaniin lakkoofsa adda baastuu (code) isiniif kennina. Sana booda iftoominaan 'LIVE' irratti carraan isiniif buufna.

WARRA WAA'EE QUBEE ELECTRONICS 'Post' godhaniif;
'e;
▪Bilbila Samsung Galaxy A16 kan qarshii 25,000 (kuma digdami shan) baasu.
Inni kun warra sa'aatii kanaa kaasee waa'ee Qubee Electronics maxxansuun (post) godhaniif carraa buusuun badhaasuuf qophaa'e.


Namni kamuu waa'ee Qubee Elecronics feesbuukii isaa jalatti maxxansuun (post) gochuun, 'screenshot' godhee yoo karaa keessaa (Telgram) irratti nuuf erga, nutimmoo adda baaftuu (code)itti kennuun carraa buusneefii abbaan carraa badhaafama.

;
Akkaataa tartiiba nuuf ergitaniin lakkoofsa adda baastuu (code) isiniif kennina. Sana booda iftoominaan 'LIVE' irratti carraan isiniif buufna.

Dorgommiin kun har'a 05/01/2018 galgala sa'aatii 2:00 irraa eegalee hanga 10/01/2018 galgala keessaa sa'aatii 2:00'tti tura. Guyyoota 5 qofa tura.

Gaafa 12/01 /2018 badhaafamtoonni qaamaan teessoo Qubee Electronics'tti argamuun badhaasa isaanii fudhatu.

Yeroon suuraa fi sirna badhaasaa ni jiraata.
Dabalataanis, affeerraan laaqanaa ni taasifama.

Hubachiisa;
1.Mala ittiin share fi react/like to'annu waan qabnuuf namoonni like/react fi share sobaa/fake fayyadaman dorgommii keessaa haqamu.
2.Yeroo lakkoofsa adda baastuu (code/lotto number) kenninu akka nun rakkifneef, 'screenshot' fi link keessan karaa telegram armaan gadii nuuf ergaa;

+251911539551
3.Injifattoonni yoo xiqaaate injifannoo isaanii booda viidiyoo 1'n Qubee Electronics beeksisuu qabu.

Carraa gaarii!

15/09/2025
Income Statement — Gabatee Bu’aa fi Kisaaraa‎“Income Statement” jechuu homaa jechuu miti, garuu gabaasa dhaabbatichi yer...
13/09/2025

Income Statement — Gabatee Bu’aa fi Kisaaraa

‎“Income Statement” jechuu homaa jechuu miti, garuu gabaasa dhaabbatichi yeroo murtaa’e keessatti galii (revenue) argate fi baasii (expenses) baase wal bira qabuudhan, bu'aa argate (profit) moo ni kasaaraa (loss) waan jedhu kan ittiin agarsiisnuudha. Gabaasni kuni, qabiyyee gurguddaa sadi (3) of jalaa qaba:

‎Bal'inaa suuraa armaan gadiitti maxxanfame irraa argatta.👇

‎PDF isaa yoo barbaadde: Telegram Channel koo irraa argatta. Link isaa Telegram Channel jala isiniif kaa'eera.

‎Hojii kana jajjabeessuu yoo barbaadde:
‎CBE: 1000095045921 | Coop: 1047100384086 | Awash: 01335896810800 irratti deeggaruu dandeessu.


‎Kutaan itti aanu: Balance Sheet maali? Maalifi? Akkamitti hojjetama?

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tamiru Maka posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share