01/04/2021
Dubbichi Akkana Ture!
Lixa Oromiyaa Baabboo Gambeel
Kibxata darbe galgala 12:00 utuu hin ta'iin waraanni mootummaa karaa dabballoota isaanii uummata wal gahii akka bahan mana mana irra adeemanii itti himuu eegalan. Dubbichi namoota jiraattota biratti bitaa galaa ta'ee argame. Hunduu maal wal gahiin halkanii jechuun ofii isaaniitti hasaasuun guungummii eegalan. Bakki kun wallagga lixaa Aanaa Baabboo Gambeel naannoo Bonee jedhamuttidha. Bakki walgahiin kun itti waamame immoo bakka addaa Sadeqaa Abbaa Dumeessoo jedhamudha. Namoonni hedduunis doorsifamanii dirqiin akka bakka kanatti wal gahaniif karaa dabballootaa waan sodaachifamaniif namoonni humna qaban gara wal gahii kanaatti deemuuf dirqamaniru. Sa'atiin wal gahichaa sa'a 1:30dha. Namoonni miira sodaan guutaman muraasni nama 40 hin caalle bakka Sadeqaa Abbaa Duumessoo kanatti wal gahaniru. Akkuma bakka kanatti wal gahaniin dhukaasni kallattii afur irraan itti baname, duubaan manni jiraattotaa gubachuu eegale. inni humna qabu fiigee miliquuf yaale. Kan humna hin qabne bakkichuma dhaabbatee rasaasa keessummeessuu filate, daqiiqaa shan hin guunnetti reeffi namootaa lafa tuulame, inni carraan isaa isa hambise gara bosonaatti baqatee lubbuu isaa oolfate. Obbo Daggafan jiraataa aanaa Gambeel bakka itti haleellaan kun itti raawwatedha. Obbo Daggafeen haadha warraa isaa fi daa'imman afur waliin haleellaa kana irraa oolanii bosona naannoo Sadeqaa abbaa Dumessoo keessa jiru. Har'a ega bosonicha keessa jiraachuu eegalaniiti guyyoota 3 ta'a. Akka maanguddoon kun jedhanitti gara qe'ee kootti deebi'uuf wabii tokkollee hin qabu, yoon deebi'e qaamni kaleessa wal gahii nu waamee rasaasa nu affeere ammas naaf hin ciisu, achitti deebi'u irra bosonuma kana keessa jiraachuun filadha jechuun yaada isaanii ibsataniru. Warri mootummaa abbaa irree kun erga haleellaa kana raawwataniin booda warra madeessan qabatanii yeroo ammaa kana hospitaala magaalaa Najjootti argamu, suuraa fi viidiyoos waraabbataa jiru. Sababni isaas dokimantarii burjaajjessaa itti. hojjechuuf! Gochaa kana kan raawwachiise bulchaa aanaa Baabboo Gambeelii hoogganaa komaandi poostii magaalaa Najjooti. Waanuma fedheefuu dhugaan hin qalla'atti malee hin cittu. Kun hunduu maqa balleessii waraana bilisummaa oromootiif hinaaffaa Jaal Marroon miidiyaa Aljeezeeraa irratti dhiyaateef akka ta'ee fi dhiibbaa saba bicuu Amaara jettee of waamtuun kan shiramedha. Abiy Ahimadis waca warra Amaaraa fi duula isaan isa,irratti banan tasgabbeessuuf maqaa olaantummaa seeraa kabachiifna jedhuun jiraattota lixa oromiyaa duguguuf shira harki isaa bocee gadi lakkisedha. Yeroon isaan oromoota dhihaa jiilchuuf itti kutatanii kana amma. Isa yeroo kamuu caalaa maqaa ABO shanee jedhuun uummaticha jiilchuuf wixineen isaanii inni ammaa ulfaataafi gara dhabaadha. Kutaaleen oromiyaa hundi yeroon inni sagalee tokkon duula oromummaa irratti xiyyeeffate kana dura dhaabbatee falmatu amma. Abbaa irreef beellamni hin barbaachisu. Abiy Ahimed waraana Shaabiyaa fi humni addaa naannoo Amaaraa utuu hin hafiin guutummaa lixa oromiyaa keessa qubachiiseera. Ajjeechaan kan yeroo kamii caalaa jabaataa dhufuuti mala, oromoon wal irratti callisnee ilaaluuti hin qabnu. Bakka jirru kaanee falma hadhooftuu geggeessuun kan qe'ee keenya irratti nu ajjeesu ofirraa geggeessuuti qabna!!
Injifannoon Uummata Oromoof!