Oromia Stars

Oromia Stars We’re an energetic and forward-thinking digital media platform with a passion for keeping you informed and inspired.

We features on Locals, National, Continental, & Global News that keeps you connected with what’s happening in the world around us. Oda Entertainment is yours; visit, comment, share and invite others

 ! OS - Onkoloolessa 06/2025TPLF Waliin haadhabbannu jechuun Shaabiyaaf waamicha dhiyeessite. TPLF Erteraa Waliin hariir...
06/10/2025

!

OS - Onkoloolessa 06/2025
TPLF Waliin haadhabbannu jechuun Shaabiyaaf waamicha dhiyeessite.

TPLF Erteraa Waliin hariiroo hin Malle, Tigiraayiinis rakkootti kan galchu taasisaa jira jedhamuun himatamaa Turus haalaa turuun isaa ni yaadatama. Hariin Tplf Erteraa Waliin qabu kan uummataati malee Qophii Waraanaa kan of keessaa qabu miti jechuunis komii irratti ka'u haalaa ture.

Amma garuu ifatti balaa Uummata Tigiraayiifi Erteraatti dhufaa jiru Waliin haa ittisnu jechuun Erteraaf waamicha taasise.

TPLF waamicha kana kan dhiyeesse konferaasiin biyyaalessaa Uummata Tigiraayi jechuun turtii baatii tokkoof dhiyaatuuf geggeeffamaa ture wayita goolabamu Ibsa ejjennoo isaaniitiin kan taasifamedhame.

Kutaalee hawaasaa hunda hirmaachiseera kan jedhame Konferaasiin biyyaalessaa Tigiraayi jedhame Kun, Maqaleedhaa hanga baadiyyaa Tigiraayitti bakka Bu'oota ABUT hirmaachiseeras jedhameera.

Xumura konferaasiin kanattis Ibsa ejjennoo isaanii keessatti kan caqasame "Waliin haadhaabbannu" jechuun Erteraaf waamicha dhiyeessaniiru.

Ibsa isaanii kanaanis nuti kan dandeenye hunda ni goona, balaa Uummata Tigiraayiifi Erteraatti dhufaa jiru hambisuuf isinis nu cina dhaabbadhaa, Sagalee keessanis dhageessisaa jechuun ifatti waamicha dhiyeessite .

Silaa akka seera Mootummaa federaalawaa Itoophiyaatti naannoon tokko biyya tokkoof beekamtii Mootummaa federaalaa malee waamicha taasisuu hin danda'u ture.

Ta'us Tplf Mootummaa Federaalaaf erga dhaga'uu didee waggoota torba lakkoofsiseera.

Waliigaltee Piriitooriyaa booda Tasgabbii kan jiru fakkaatus, Qocolloon osoo walirraa hin citin har'a gahuun Amma immoo inumaa biyyaa ollaa Itoophiyaaf deeggarsa Waraanaa sadarkaa waammachuutti ceheera.

Erteraan wayita Waraana Tigiraayi Mootummaa Federaalaa cina goruun Humnoota Tplf lolaa turte, Amma immoo kallattii jijjiirrachuun gara TPLF guruun Mootummaa federaalaa qocolaa jirti.

Qocolloo Tplf ilaalchisuun Presidaantiin Naannoo Tigiraayi duraanii fi Gorsaa MM dhimma baha Afrikaa Obbo Geetaachoo Raddaan TPLF fedhii malee Mootummaan akka Waraanatti galu dhiibaa jira jedhanii turan.

Waraana TPLF Aangoo isaaf jedhee qopheessa jirutti Uummanni Tigiraayi akka hin seennes hanga dhumaatti nan qabsaa'a jedhanii turuun isaaniis ni yaadatama.

Ibsa TPLF kenne ilaalchisee Mootummaan federaalaa hanga Oduun kun qindaa'eetti deebii kenne hin qabu.

Hordoftoota keenya odeeffannoo dabalataa biroo argachuuf YouTube Oromia Stars :👇
https://youtube.com/?si=_5Nhin7bOq5YfCKk Telegram: https://t.me/OromiaStarsà0à0,

Poolisiin Tiraafikaa Magaalaa Finfinnee Balaa Tiraafikaan du'uu KPMF beeksise. OS - Onkoloolessa 06/2025Komishiiniin Poo...
06/10/2025

Poolisiin Tiraafikaa Magaalaa Finfinnee Balaa Tiraafikaan du'uu KPMF beeksise.

OS - Onkoloolessa 06/2025
Komishiiniin Poolisii magaalaa Finfinnee, poolisiin Tiraafikaa magaalichaa Yaadasaa osoo hojiirra jiranii balaa Tiraafikaa muudateen lubbuun isaanii darbuu hime.

Inispeektar Tarrekanyi Fulbaana 04, 2025 osoo hojii idilee isaanii Motoraan Ajjabuurra jiranii balaa tiraafikaa isaan mudateen lubbuun isaanii darbe.

Poolisiin Tiraafikaa kun leenjii poolisii erga fudhatee booda, ALI Ebla 1999 Komishiinii Poolisii magaalaa Finfinneetti makaman. Ramaddii adda addaa irratti erga tajaajilaa turanii booda Adoolessa 2006 irraa eegalee miseensa Tiraafikaa lafoo ta'uun tajaajilaa turan.

Adoolessa 2010 irraa eegalee ammoo poolisii tiraafikaa motoraa ta'uun hanga gaafa lubbuun isaanii darbeetti, nageenya Tiraafikaa eegsisuuf gahumsaan hojjechaa akka turan ibsi Komiishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee (KPMF) fuula 'Facebook' isaaniirratti baasan ni mul'isa.

Komishiiniin poolisii Finfinnee Miseensa isaanii du'aan of biraa dhabuutti gadda ittidhaga'ame ibsuun, reeffi isaaniis gara magaalaa dhaloota isaanii Ambootti geeffamuu beeksiseera.

Hordoftoota keenya odeeffannoo dabalataa biroo argachuuf YouTube Oromia Stars :👇https://youtube.com/?si=_5Nhin7bOq5YfCKk
Telegram: https://t.me/OromiaStarsà0à0,

Maakroon Xalaayaa Aangoo gadhiisuu Muummee Ministiraa biyyatti fudhatan; OS - Onkoloolessa 06/2025Pireezidaantiin Farans...
06/10/2025

Maakroon Xalaayaa Aangoo gadhiisuu Muummee Ministiraa biyyatti fudhatan;

OS - Onkoloolessa 06/2025
Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon kaabinee isaaniif erga ifa godhanii sa’aatii muraasa booda aangoo gadhiisuu Ministira Muummee 'Sebastien Le ' fudhachuu isaanii beeksisan, kunis biyyattii rakkoo siyaasaa hamaa keessa galcheera jedhame.

Ministeerri ittisaa duraanii 'n ji'a darbe Maakrooniin muudaman ture. Garuu kaabineen biyyattii baay’inaan hin simanne, dhaabbilee siyaasaa irraas qeeqni bal’aan isaanmudateera.

Muummeen Ministirichaa paarlaamaa baay'ee qoqqoodame keessatti baajata qusannaa bara dhufuuf raggaasifamuu argachuuf hojii ulfaataatu isaan mudate.

Gama kaaniin Gargaartonni Muummee Ministirichatti dhihoo ta'an lama 'François Bayrou' fi 'Michel Barnier' karoora baasii irratti waliigaltee dhabuu isaaniitiin qaama seera baastoota biyyattiin aangoo irraa ari’amaniiru.


Hordoftoota keenya odeeffannoo dabalataa biroo argachuuf YouTube Oromia Stars :👇
https://youtube.com/?si=_5Nhin7bOq5YfCKk Telegram: https://t.me/OromiaStarsà0à0,

Hamaas Gaazaa Bulchuu hin qabu. - Maarkoo Ruubiyoo.OS - Onkoloolessa 06/2025Waraana waggoota lamatti dhiyaatetti xumura ...
06/10/2025

Hamaas Gaazaa Bulchuu hin qabu. - Maarkoo Ruubiyoo.

OS - Onkoloolessa 06/2025
Waraana waggoota lamatti dhiyaatetti xumura gochuuf, karoora nagaa dhiyeessan irratti qajeelfamaan walii galuu Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubihoon gaazexeessitootatti himuun, garuu Haamaas Gaazaa bulchuu hin qabuu jedhan.

Ejennoon 'elis Haamaas gaazaa bulchuu akka hin qabnedha. Falasxiinonni Gaazaa bulchuu qabu, yaada jedhu irratti Israa’elis waliigalti jedhan Ruubiyoon. Ta'us dhimma Gaazaa gaggeessuu furuun yeroo fudhachuu akka danda'us Ruubihoon akeekaniiru.

Mariin Isiraa'eliifi Haamaas gidduutti gaggeeffamaa jiraachuus Maarkoo Ruubiyoon dubbataniiru.

Ejennoon Amerkaasfi Israa'elis Haamaas Gaazaa bulchuu hin qabuu ta'us, Haamaas garuu Gaazaa bulchuu keessatti qooda qabaachuu akka barbaadu ibsaa tureera.
Waliigalticha wantoota yaaddoo keessa galchan keessaas tokko dhimma bulchiinsa Gaazaati.

Hordoftoota keenya odeeffannoo dabalataa biroo argachuuf YouTube Oromia Stars :👇
https://youtube.com/?si=_5Nhin7bOq5YfCKk Telegram: https://t.me/OromiaStarsà0à0,

  2018/2025 Itoophiyaan alattis kutaalee biyyoota adda addaatti kabajamaa Jira.   kutaalee biyyatti adda addaatti, Chaay...
06/10/2025

2018/2025 Itoophiyaan alattis kutaalee biyyoota adda addaatti kabajamaa Jira.

kutaalee biyyatti adda addaatti, Chaayinaa , akkasuma Jibuutiitti Irreechi kabajamaa jira.

Manni Maree Federeeshiniifi Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa har’a yaa'ii Jalqabbii Bara Hojii Haaraa geggeessu jedhame...
06/10/2025

Manni Maree Federeeshiniifi Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa har’a yaa'ii Jalqabbii Bara Hojii Haaraa geggeessu jedhame.

OS - Onkoloolessa 06/2025
‎Yaa’ii Manneen maree lamaanii bara Paarlaamaa 6ffaa, bara hojii 5ffaa, yaa'ii idilee kana irratti Haasaa baniinsaa kan taasisan Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseeti.

Yaa'iin mana maree lamaanii kun A.L.I tti har'a Fulbaana 26/2018 waree booda sa'aatii 8:00 irraa eegalee akka geggeeffamus himameera.

Hordoftoota keenya odeeffannoo dabalataa biroo argachuuf YouTube Oromia Stars :👇
https://youtube.com/?si=_5Nhin7bOq5YfCKk
Telegram: https://t.me/OromiaStarsà0à0,

Waraana   xumuruuf Mariin Israa'eliifi Haamaas saffisaan waliigalteerra gahamuu qaba - Tiraamp. OS - Onkoloolessa 06/202...
06/10/2025

Waraana xumuruuf Mariin Israa'eliifi Haamaas saffisaan waliigalteerra gahamuu qaba - Tiraamp.

OS - Onkoloolessa 06/2025
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp karoora qabxii 20 baasan irratti mari’achuuf bakka bu'oota Israa’eliifi Hamaas kan hirmaachise “baay’ee saffisaan” akka deemu qabu akeekani.

WayituaTiraamp kana jedhaniifi jilli Israa'eliifi haamaas Mariif Masiriitti imaluuf jedhanitti, dursaan garee jila Haamaas ajjeechaan gaazaa keessatti ittifufee jiraa jedhani.

Tiraamp lolli waggaa lamaatti dhiyaatu Gaazaa keessatti ittifufee jiru kun akka dhaabbatuuf gareen lachuu ariitiin wal-hubatanii waliigalteerra gahuu qabuu jechuun dhaaman.

Mariin Israa'liifi Haamaas kanaan dura Kaataar geggeeffamaa ture, amma garuu geggeeffama.

Dursaan garee jila Haamaas haleellaa Israa'el hoggantoota Haamaas irratti raawwatte jalaa kan oole Al-HAYYA jedhama.

-Hayya kanaan duras yeroo hedduu garee marii Hamas nama dursaa turedha.

Akka gabaasa Al jazeeraatti Al-Hayya'n sababa waraanaan miseensota maatii hedduu dhabeera.

lmi isaa Dhiheenya kana Daarektara Waajjira Al-Hayya, Jihaad Labad waliin haleellaa Israa’el Dohaa irratti raawwattee turteen ajjeefame.

Badii gaazaa keessatti raawwateefi maatii isaa hin dagadhuu jedha namni kun.

Mariin Haamaasiifi Israa'el Masriitti geggeeffamu kun karoora Qabxii 20 qabu Tiraamp baasan irratti xiyyeeffateetu, karooricha keessaa guddaan tokko haamaas hidhannoo hiikkachuu qabaa kan jedhu yoo ta'u haamaas kana fudhachuuf haaldurewwan hedduu kaa'uu akka malutu himama.

Gareen lachuu kan waliifgaluu danda'an yoo ta'e Filisxeemota Gaazaa keessa jiraniif boqonnaa guddaadha.
Al Jazeera EnglishAl Jazeera English
Hordoftoota keenya odeeffannoo dabalataa biroo argachuuf YouTube Oromia Stars :👇
https://youtube.com/?si=_5Nhin7bOq5YfCKk
Telegram: https://t.me/OromiaStarsà0à0,

Manni murtii federaalaa US   Eegdota biyyaalessaa Poortilaanditti akka hin bobbaasne dhorke!OS - Onkoloolessa 06/2025Pre...
06/10/2025

Manni murtii federaalaa US Eegdota biyyaalessaa Poortilaanditti akka hin bobbaasne dhorke!

OS - Onkoloolessa 06/2025
Presidaantiin US Donaald Tiraamp karoora Eegdota Biyyaalessaa gara Poortlaanditti bobbaasuuf qaban Faallaa heera mootummaati jechuun murticha uggure.

Tarkaanfiin Tiraamp loltoota Eegdota Biyyaalessaa gara Poortlaanditti bobbaasuu kun heera mootummaa kan faallessu sababa ta'eef kan dhorkame ta'uus himan.


Hordoftoota keenya odeeffannoo dabalataa biroo argachuuf YouTube Oromia Stars :👇
https://youtube.com/?si=_5Nhin7bOq5YfCKk
Telegram: https://t.me/OromiaStarsà0à0,

Sirni Kabaja     bifa duudhaa Irreechaa Eegeen nagaan goolabamuu isaa Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobamaa Hoolaa Ibsaniiru. 2...
05/10/2025

Sirni Kabaja bifa duudhaa Irreechaa Eegeen nagaan goolabamuu isaa Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobamaa Hoolaa Ibsaniiru.

2018/2025
Oromia Stars

    bifa hawwataan ta'een! Bishooftuu 2018/2025
05/10/2025

bifa hawwataan ta'een!
Bishooftuu 2018/2025

05/10/2025

Kabaja Irreecha
Bishooftuu 2018/2025

Address


Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Stars posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share