Abdi Amin Bakar/አብዲ አሚን በከር عبد امين بكر

Abdi Amin Bakar/አብዲ አሚን በከር عبد امين بكر Maddoota Oduu fi Odeffannoo adda addaa
Akkasumas Rakkowwan Ummta keenyafi Haala Siyaasa Biyya Kenya irratti. Peejii Kenya Like Share godhaa

Haala Barnoota Midiyaale adda adda akkata itti fayyadama isaa wajjin isin barsifna. Fulli fesebuuka kun kan Abdi Amin Bakar/አብዲ አሚን በከር عبد امين بكر yoo ta'uu, Abdi Amin Bakar/አብዲ አሚን በከር عبد امين بكر afaan addaa addaatiin Barnoota hawaasa keenya fayyadan fi hawasni keenya hubannoo ,Odeeffannoo haala yerooti wajjin deemu Muxannoofi Mudannoos yaadoota ,Odefaanno faayidaa fi barumsa qaban addaa ad

daa kan itti hordooftoota isaa fi ummata ballaa dhaaf ittiin qoodnudha
Peejii Keenya Like Share godhaa

https://youtube.com/c/abdiaminbakar

Haala Barnoota Midiyaale adda adda akkata itti fayyadama isaa wajjin isin barsifna.

Mootummaan Jijjiiramaa masaanuummaa magaalotaafi Oromoo gidduu ture seenaa taasisuu danda'eera! Kabajamoo Obbo Shimelis ...
23/07/2025

Mootummaan Jijjiiramaa masaanuummaa magaalotaafi Oromoo gidduu ture seenaa taasisuu danda'eera! Kabajamoo Obbo Shimelis Abdisa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Mootummaan jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa magaalonni wiirtuufi motora sochiilee dinagdee, bulchiinsaafi hawaasummaa akka ta’an dursee hubachuun, tarsiimoo magaalomsuu haaraa bocee hojiirra oolchaa jiraachuun isaa kan yaadatamuudha. Bu’uurumaa tarsiimoo kanaatiin jalqabarraatti, nama magaalomsuun namni keenya leenjii dhaweessummaa akka argatu, ogummaan akka dagaagu taasisuudha. Lammaffarraatti, mootummaa magaalomsuun mootummaa ammayyeessuun tajaajila si'ataa kennuu yoota'u, inni biraa lafa magaalomsuuf bu’uuralee misoomaa guutuu, pilaanii lafa magaalaa qopheessuudha. Kanaanis, faayidaa ummata keenyaa eeguun hojiin baldhaan waggoottan darban hojjetamaa turee jira.

Sanbata darbee Yaa'ii Idilee 9ffaa Waggaa 4ffaa Bara Hojii 6ffaa Caffee Oromiyaa irratti argamuun dhimmoota siyaas-dinagdee, hawaasummaafi haala waliigala naannichaa irratti ibsa baldhaa miseensota Caffeef kan kennan Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa, Mootummaan Jijjiiramaa masaanuummaa magaalotaafi Oromoo gidduu ture seenaa taasisuu danda'eera jedhan.

Ittifufuun ibsa kennaniin, jijjiiramaa duraa magaalonni keenyaa faallaa fedhii ummata Oromoo akka turan eeruun, tarkaanfii mootummaan jijjiiramaa fudhateen magaalonni wiirtuu misoomaa ummata Oromoo ta’uutti cehuu ibsaniiru. Dabalataanis, kana booda magaalonni dantaafi fedha ummatafi qonnaan bulaa Oromoo jalqaba fayyadamaa hingoone Oromiyaa keessatti akka jiraachuu hindandeenyee akeekkachiisaniiru.

Kanaanis mootummaan jijjiiramaa, seenaa magaalarraa buqqaa’u, miidhamuu, waan qabnu dhabuufi dhiibamuu jijjiiramaa dura ture, boqonnaan isaa akka cufamu gochuu danda’eera jedhan Pirezidaanti Shimallis. Bu’uuruma imaammattootaafi tarsiimoowwan magaalomsuu haaraa mootummaan jijjiiramaa, namaafi lafa walsimsiisee hojiitti galcheen, magaalonni keenya giddugala ce'uumsa dinagdee damdaneessaa akka ta'an karaan saaqamuusaa ibsaniiru. Haaluma kanan magaaloota keenya keessatti jijjiiramni guddaan muldhataa jiraachuu yaadachiisan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas addatti rifoormii magaalaa gaggeessuun, magaalonni fedhiifi faayidaa ummata Oromoo akka mirkaneessan, dinagdee umuu karaa danda’aniifi dinagdeen umaamu ummata Oromoo karaa giddugaleeffateen akka deemuuf hojiin baldhaan hojjetameera. Kunis, seenaa masaanummaa Oromoofi magaalaa gidduu ture dhabamsiisuun, Oromoon abbaa magaalotaasaa ta’uun fayyadamaa taasisuu ibsanii jiru.

Walumagalaatti, mootummaan jijjiiramaa sakallaa gama imaammataafi tarsiimoowwaniin faallaa fedhii, aadaafi duudhaa ummata Oromoo turan hedduu jijjiiruun, imaammataafi tarsiimoowwan ummata keenya fayyadamaa taasisaan, akkasumaas carraawwaniifi dilbii qabanitti dhimma bahuun qabeenya horachuuf isa dandeessisaan akka lafa qabatan taasisaa turuufi fuldurattis kun cimee kan ittifufu ta'uu akeekanii jiru.

By= predentoromia presidentoffice

23/07/2025

Harargee Bahaa Aanaa Baabbilee Ganda Gammachuutti facaan bishingaa Ooyruu Buusaa Gonofaa lafa hektaara 60 bakka Hogganaan Biiroo Buusaa Gonofaa Oromiyaa fi Bulchaan Godinichaa Aadde Miski Mohammed argamanitti Jalqabsiifaneera.

Yeroo kanatti Ummanni Oromoo nagaafi misooma barbaada malee, propagandaa Finxaaleeyyii nageenya biyya keenyaa fi tasgabb...
23/07/2025

Yeroo kanatti Ummanni Oromoo nagaafi misooma barbaada malee, propagandaa Finxaaleeyyii nageenya biyya keenyaa fi tasgabbii ummata kabajamaa kanaa burjaaja'uu miti.

Ummanni keenya Baandaa keessaafi alaa gurmooftee sochootuu duwwaa tahuu dursee hubatee, faayidaa ofii fi biyya isaaf dhimma bahuu barbaada malee, burjaajii fi jeequmsaa kamiifiyyuu bakka hin qabu!

Kanaaf, hawaasni Oromoo bifa kamiinuu finxaaleyyii fi sobduuwwan tasgabbii fi misooma biyyaa keenyaa gufachiisuun dhiiga ilmaan hiyyeessaatiin siyaasa duubaatti hafaa daldaluu barbaadan irratti dammaqinaa ni balaallefata!

Ummanni Oromoo Seenaa isaa keessatti Gantuuf garaa hiree hin beeku, ammaas taanaan oomishaafi oomishtummaa isaanii dachaan dabaluun Badhaadhinaa maatii fi biyyaa mirkaneessuuf miira xiiqiitiin misooma irratti bobbaa'ee argama!

IDA'AMUUN BIYYAAF FAKKIINSII DAAMMUUDHA.Kanniisniniifii Daammuun Qindoomina Guddaadhaan Hojii walitti ida'amanii raawwac...
23/07/2025

IDA'AMUUN BIYYAAF FAKKIINSII DAAMMUUDHA.

Kanniisniniifii Daammuun Qindoomina Guddaadhaan Hojii walitti ida'amanii raawwachuudhaan fakkeenyoota gurguddaadha.Adeemsa walitti idaamuu Keeysatti gaheen Tokkoon tokkoo qaama walitti ida'amanii Addaan bahee Beekamuu qaba.Filoosoofiin Ida'amuu Biyyi keenya eegalte Biqiltuu Biyya tana fakkaattu Habaqaaluuf Daaddeerra jira.Daaddeerratti Daadee qaratanii Qoqoruuf Bineensi Bubbee waliin bubbisu Dhukkee waliin Awwaara kaasuufii Diina waliin foloqqisu maaliif akka gocha kanarratti hirmaatu Abboottii falaasamaatiif Ganamaan ifaadha.

Waan ganamaan adda baafatte guyyaa itti qophooyta waan taheef Galgala hiraata si godhachuu Carraa hin kennituuf.Falaasama Jechuun Daandii Galmaaf toolfamuudha.

Galmi Daandichaa Beekamnaan Qaamni itti amane deemuurraa of duuba hin jedhu.Qaamni Galma hin beekin Daandii irraa lolaa oola.

Sababoonni Falaasamniifii Abbaan Falaasamaa Rukutamaniif Hedduudha.

Eenyuufii Warra akkamiiti daandii kana rukutaaniis Qorannoo barbaada.

MAALIIF ,EENYUUN RUKUTAMA KAN JEDHU:

A.Warra Galma San Keeysoodhaan Yaadaa turaniifii Durfamaniitu maalif Na dursaniidhaaf rukuta.
B.Warra Galma Daandii kanaa Sirritti beekan Kan waan inni beeke kana Akka xuraawee Dhalootaan jibbamu godhaniidha.Kanarraa Imaltoota Hambisuudhaan Plan B dhaan Galma gahuuf Gargaartoota imalaa ummata godhachuufi.

C.Imala siyaasaa Warraaqsaa Keeysatti Qaxxaamura Karoorfameen Gaggeeysuun waan hin mijjaawiniif Laffaatiifii Sagantaa wal bira dabre sun Shaffanuufi.

Hanqina silaa if gaafachuun barbaachisu qaama biraatti Dibuudhaan Qulqulluu of godhuudhaaf Waan saganteeyfame.

D.Diina Warraaqsaa kan Tahe Fira Bulchiinsaa godhachuudhaan Hadoochuu gaaga'ama lubbuu namaa dhabuudhaan Akka Siyaasaaf jecha Hadoochuu dhaban hin jedhamneef Godaannisa Ummataa kulkulsuudhaan akka mucaan aaqilli waan qabate qabatee booya jedhan sanitti Sharaa Taaziyaa keeysa ummata tursiisuufi.

E.Hammaan Ani furuu Rakkoon hin furaminii Yo niin furama jettee Sossoote immoo Rakkoon akka waan uumamaa jiruutti yaaluun hambisuu kun tahuu baatu ammoo Rakko uumtoota tahuudhaan Bakka Tarsiimoon hanqatame sun Tarsiimoo biraatiin akkan dhaqqabamne godhuudha.

Badhaadhinniifii Ida'amuun Biyya Kana Hegereef Bakkaan gahuuf Filannoo osoon tahin Dirqama.

  Gonofaan Imala Walooma Ijaarudha!_______➡️Harargee Bahaatti Hiyyummaa irraa gara badhaadhina maatii fi biyyaatti ce'uu...
23/07/2025

Gonofaan Imala Walooma Ijaarudha!
_______
➡️Harargee Bahaatti Hiyyummaa irraa gara badhaadhina maatii fi biyyaatti ce'uuf Inisheetiivii Buusaa Gonofaa gadi bu'ee Guyyaa har'aa Qindeessummaa Waajjira Buusa Gonofaa Oromiyaa Damee Harargee Bahaa Aanaa Baabbilee Ganda Gammachuutti faca'aan bishingaa Ooyruu Buusaa Gonofaa lafa hektaara 60 bakka hoggansi Godinaaf Naannoo argamanitti gaggeeffamaa Oleera.

➡️Ijaarsa biyyaa milkeessuu keessatti humnoota waloo qindeessuun biyya badhaate ittiin ijaaruu fi giddugala guddinna diinagdee,siyaasaafi hawaasummaa dhugoomsuu keessatti iddoo olaanaa qaba. Biyya hundaaf taatu hundaan utubuuf hirmaanna cimaa taasisuufi waliin misoomsuun jijjiirama gama hundaan jiru mirkaneessuun murteessaadha.

➡️Sochii guddinna dinagdeefi hawaasummaa biyyi keenya yeroo ammaa xiyyeeffannoo olaanan irratti hojjechaa jirtu galmaan gahuuf humnoota waloo kan tahan,keessa Inisheetivii Buusaa Gonofaa hojiirra oolchuun galmoota waloo keenya walooman dhugoomsuu kan gaafatuudha..

➡️Ijaarsa biyyaa milkeessuu keessatti humnoota waloo qindeessuun biyya badhaate ittiin ijaaruu fi giddugala guddinna diinagdee,siyaasaafi hawaasummaa dhugoomsuu keessatti iddoo olaanaa qaba. Biyya hundaaf taatu hundaan utubuuf hirmaanna cimaa taasisuufi waliin misoomsuun jijjiirama gama hundaan jiru mirkaneessuun murteessaadha.

➡️Sochii guddinna dinagdeefi hawaasummaa biyyi keenya yeroo ammaa xiyyeeffannoo olaanan irratti hojjechaa jirtu galmaan gahuuf humnoota waloo kan tahan,keessa Inisheetivii Buusaa Gonofaa hojiirra oolchuun galmoota waloo keenya walooman dhugoomsuu kan gaafatuudha..

Humnoota Waloo Galmoota Waloof!

Odeeffannoo Hatattamaa ️‼️   Godhaaአስቸኳይ መረጃ‼️ #ሼር______📍Lammiileen Itoophiyaa hundi odeeffannoo fi yaadachiisa hatattam...
23/07/2025

Odeeffannoo Hatattamaa ️‼️ Godhaa
አስቸኳይ መረጃ‼️ #ሼር
______
📍Lammiileen Itoophiyaa hundi odeeffannoo fi yaadachiisa hatattamaa Komishinii Poolisii Naannoo Affaar irraa nu qaqqabe gochuun kabajaan isin gaafanna.

📍ከአፋር ክልል ፖሊስ ኮሚሽን ያገኘነው አስቸኳይ መረጃ እና ማሳሰብያ ሁሉም ኢትዮጵያዊ #ሼር በማድረግ መረጃውን እንዲታደርሱ በአክብሮት እንጠይቃለን።

📍የአፋር ክልል ፖሊስ ኮሚሽን ኦፊሴላዊ የፌስቡክ ገጽ ላይ የሚተላለፈው ማንኛውም መልዕክት እና ልጥፎች የአፋር ክልል ፖሊስ ኮሚሽን እንደማይወክል የ አፋር ክልል ፖሊስ ኮሚሽን ኮሚሽነር ጄነራል ቢልዔ አህመድ ገልጿል።

📍የፌስቡክ ገጹን አድሚን ሆኖ ሲያገለግል የነበረ እና የ ፖሊስ ኮሚሽን ህዝብ ግንኙነት ዳይሬክቶር ሆና ሲያገለግል የነበረ ጃሚዕ የተባለ ግለሰብ ራሱን የአፋር ነፃ አውጪ ብሎ የሰየመው የሻዕቢያ መራሹን ሃይል መቀላቀሉን ተከትሎ የኮሚሽኑን የፌስቡክ ፔጅ ተጠቅሞ የሃሰት መረጃ እያሰራጨበት ይገኛል።

📍በመሆኑም ይህ ግለሰብ ወይም በዚህ የፌስቡክ ፔጅ ላይ የሚተላለፉ ማንኛውም መረጃዎች እና ሃሳቦች የአፋር ክልል መንግስትን እና የአፋር ክልል ፖሊስ ኮሚሽን የማይወክል መሆኑን ሁሉም ኢትዮጵያዊ ልያውቀው እንደሚገባ የ አፋር ክልል ፖሊስ ኮሚሽን ኮሚሽነር ቢልዔ አህመድ አሳስቧል።

👉Nbc Afar 👌

📍መረጃውን #ሼር በማድረግ ሁኔታውን ለጠየቁን እና ትክክለኛ መረጃውን ለሚፈልጉ ወገኖቻችን እንዲደርስ ሼር ማድረጉን እንዳይረሱ እንጠይቃለን።


‎ ,

  ‼️Perezidaantiin somaaliyaa Hasan sheikh Mohammed guyyoottan itti aanu keessa marii ajandaa walootiif gara Magaalaa Fi...
23/07/2025

‼️

Perezidaantiin somaaliyaa Hasan sheikh Mohammed guyyoottan itti aanu keessa marii ajandaa walootiif gara Magaalaa Finfinnee akka dhufan miidiyaaleen mootummaa somaaliyaa ibsaa jiru.

Akka odeeffannoon somaaliyaa irraa argamte ibsutti perezidaantichi ministeera muummee Itiyoophiyaa kabajamoo Dr.Abiy Ahmed Ali waliin wal-arguun dhimmoota lama irratti ni mari'ata jedhamee eeggama.

Dhimmoonni lamaan mariif akeekame:-

1ffaa.Wal-dhibdee fi mufii mootummaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa giddutti hammaacha dhufe jaarsummaan xumura itti gochuu fi.

2ffaa.Haala nageenya biyya somaaliyaa irratti gahee raayyaa ittisa biyyaa Itiyoophiyaa bahaa jiran daran sadarkaa Addunyaatti leellisuuf kan kaayyeffate ta'uu miidiyaan somaaliyaa wal-harkaa fuudhe hafarsaa jira.

Itiyoophiyaan ollaa biyya isaa jiran kamuu waliin wal-dhibdee hin barbaadu wal-tumsanii waliin guddachuu malee. kana dhugoomsuf immoo dippiloomaasii dursa ollaaf jedhu hojiirra oolchaa tureera.

Ayyaanni Gabreelii Qullubbii Karaa Nagayaan Akka Kabajamu Qophiin Xummuramuu Hogganaan Qajeelcha Poolisii Godina Hararge...
23/07/2025

Ayyaanni Gabreelii Qullubbii Karaa Nagayaan Akka Kabajamu Qophiin Xummuramuu Hogganaan Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa Gargaaraa Komishinaraa Naasir Mahaammad Ibsan.

Adoolessa 16/2017)
Ayyaana Gabreelii Qullubbii
Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaa Magaalaa Qullubbitti Adoolessa 19/2017 kabajamuuf qophiin xummuramuu qajeelchi Poolisii Godina Harargee Bahaa beeksiseera.

Hogganaan Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa Gargaaraa akka ibsanitti ayyaanni Gabreelii Qullubbii Adoolessa 19/2017 kabajamu rakkoo nageenya tokko malee karaa nagayaa fi duudhaa amantichaa eeggateen akka kajamu qophiin barbaachisaan xummurameera jedhan.

Akkasuma,milka'inaa kabaja ayyaanichaatif humni waloo nageenyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa,Tajaajila odeeffannoo nageenya Biyyaalessaa,Poolisii Naannoo Hararii,Qajeecha Poolisii Godina Harargee Bahaa fi Lixaa,Magaalaa Maayaa,komishinii
Poolisii Magaalaa Dirree Dhawaa fi Bulchinsa fi Nageenya Godina Harargee Bahaa irraa hundaa'un hojii qabatamaa keessaa galuu himan.Humni waloo nageenyaa kun karoora mataa isaa baafachuun ittiin hojjachaa jiraachuu eeran .

Kabaja ayyaana Gabreelii Qullubbii milkeessuf abbootii amantaa fi kutaa hawaasaa gara garaa waliin mariin taasifamuu himan.

Of eeggannoo yeroo ayyaanichaa taasifamuu qaban,konkolaachiftoonni balaan konkolaataa akka hin uumneef naamusaa fi of eeggannoo Cimaadhan konkolaachisuu akka qaban,imaltoonnis meeshaalee gurguddaa fi qaalii tahan,meeshaalee waraanaa fi qara qabu qabachuurraa of qusachuu qabu jedhan.

Hawaasnis akkuma kanaan duraa
ayyaanichi karaa nagaa fi tasgabbii qabuun akka kabajamu waan haaraa yoo muudate qaamolee nageenyaatif eeruu kennuun tumsa isaanii akka taasisan Gargaaran Komishinaraa Naasir Mahaammad dhaamaniiru.

23/07/2025
23/07/2025
23/07/2025

በማህበራዊ ሚዲያዎች ላይ የሚያዩትን የትኛውም አይነት መረጃ እውነትነት ጠርጥረው ያውቃሉ?

የጊዜውን ቴክኖሎጂ ጥቅም ላይ በማዋል ከሚዘጋጁ አሳሳች ይዘቶች መካከል አንዱ ዲፕፌክ ነው። እነዚህን ይዘቶች መለየት ደግሞ ከጊዜ ወደጊዜ አዳጋች እየሆነ መጥቷል። እርስዎም የሚያዩትን ጉዳይ እውነታነት ከተጠራጠሩ ተከታዮቹን ነጥቦች ከግንዛቤ አስገብተው ደግመው ይመለከቱት ዘንድ እንመክራለን።

ተጨማሪ መረጃዎችን ለማግኘት፡-
ድረ ገጽ፦ www.aii.et
ቴሌግራም፦ https://t.me/EthiopianAII
ኤክስ (ትዊተር)፦ https://x.com/EthiopianAII
ዩቲዩብ፦ www.youtube.com/
ሊንክዲን፦ www.linkedin.com/company/etartificialintelligenceinstitute
ቲክቶክ፡- www.tiktok.com/
ኢንስታግራም፡- https://www.instagram.com/ethiopianaii/?hl=en

Address

Sunnyside

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdi Amin Bakar/አብዲ አሚን በከር عبد امين بكر posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Waaee Keeny

CNN Afaan Oromoo irratti Oduuwwan fi Taateewwan wayitawaa Itoophiyaa fi Adduunya tahan yeroo mara yeroo yerootti isin biran geenya nu hordofaa.

Warreen Nu wajjiin hojjachu baraddan Yaada keessan nun gaha