Labuu Inspire

Labuu Inspire Jechoota kaka'uumsaa argachuuf account koo kana follow, like fi copy link godhaa!

Gorsa jireenyaa baayyee barbaachisoo ta'an!. 🧠
03/10/2026

Gorsa jireenyaa baayyee barbaachisoo ta'an!. 🧠

TikTok | Make Your Day

Malli maali?.
02/10/2026

Malli maali?.

Hariiroo jaalalaa cimsuuf jechoota armaan gadii dubbisi!
27/09/2026

Hariiroo jaalalaa cimsuuf jechoota armaan gadii dubbisi!

Gorsa Jaalalaa!
20/09/2026

Gorsa Jaalalaa!

Dhaamsa Guyyaa Har'aa!
18/09/2026

Dhaamsa Guyyaa Har'aa!

Shamarraniif!
12/09/2026

Shamarraniif!

Kana beektuu?
10/09/2026

Kana beektuu?

Wantoota 6 kanaaf dhimmamuu dhiisaa.1. Namoonni biroo waa'ee kee maal yaadu.2. Dogoggora kee kan darbe.3. Sodaa kufaatii...
30/08/2026

Wantoota 6 kanaaf dhimmamuu dhiisaa.
1. Namoonni biroo waa'ee kee maal yaadu.
2. Dogoggora kee kan darbe.
3. Sodaa kufaatii.
4. Hiriyyoota sobaa.
5. Hawaasni irraa eegamu.
6. Wantoota ati hin qabne.

šŸ“šAmaloota Namoota Milkaa’inni šŸ“šAddunyaa kanarratti namootni jireenya isaanii keessatti milka’aan jedhaman amaloota wal i...
09/08/2026

šŸ“šAmaloota Namoota Milkaa’inni šŸ“š

Addunyaa kanarratti namootni jireenya isaanii keessatti milka’aan jedhaman amaloota wal isaan fakkeessu hedduudha qabu. Amalootni isaan wal fakkeessu kunneen iccitii milka’inaa akka ta’anis irratti walii galama.

1ļøāƒ£Namootni milka’an ofitti amanu

Jireenya keessan keessati waan abjootan milkeessuu yoo barbaadan; abjuu keessan galmaan gahuu akka dandeessan onnee keessaniin amanuudha qabdu.

Ofitti amanuun kan wajjiin dhalanne osoo hin taane filannoo keenyaan kan dhufuudha. Namootni milkaawan jedhaman iccitii milkaa’ina isaanii yoogguu dubbatan yoo dhageessan ta’e milkaa’ina isaaniif sababni guddaan ā€œwanti hunduu ni danda’ama !ā€

Jedhaanii waan amananiif malee kennaa addaa wajjiin waan dhalataniif akka hin taane himu. Jabaadhee waanan dubbiseef,hojjadheef….bakkan hara’a jiru gahe siin jedhu. Atis bakka yaadde gahuu akka dandeessu laphee keen amani.

2ļøāƒ£Namootni milka’aan kaayyoo qabu. Hundi keenya uumamaan Sammuu waa kaayyeessuu danda’u qabannee dhalanna. Yoo sammuu keetti waa kaayyeffatte bakka yaade gahuuf halkaniif guyyaa carraqxa.

Kaayyoon sammuu kee kessatti jiru humna siif ta’a; bu’aa ba’ii jireenya keessatti gufuun yoo si muuddata akka laayyooti akka hin kufne ; yoo kuftes kuftee akka hin hafne; miixxattee akka kaatu;akka abdii hin kutanne humna sitti hora.

3ļøāƒ£Namootni milkaa’an tarkaanfi tokko ful-duratti tarkaanfatu

Namootni milka’an kan namootni eeganin alatti dhimma boba’an irratti cimsanii hojjatu. Barataa yoo ta’e haala gaariin qo’achuu; daldalaa yoo ta’e ammoo maamiltoota Isaa haala akamiin qabuun akka irra jiraatu ni beeku.

4ļøāƒ£Namootni milka’an tarkaanfii fudhatu.

Namootni milka’an iccitii tokko beeku ā€ Addunyaa kanarratti tattaafii malee bu’aan argamu akka hin jire; No gain without painā€ jedhaniti amanu. Kanaaf bakka yaadan gahuuf sadarkaa garagaraatti murtii dabarsu/tarkaanfii fudhatu. Bakka yaadde gahuu yoo barbaadde afaaniin qofa haasa’uu hin qabdu;bakkayaadde kan si qaqqabsiisu tarkaanfii keetidha

Jireenya milkaa'aa jiraachuuf qajeeltoowwan jireenyaa sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha!1) Inni jalqabaa of sima...
07/08/2026

Jireenya milkaa'aa jiraachuuf qajeeltoowwan jireenyaa sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha!

1) Inni jalqabaa of simachuu /self acceptance / seenaafi muuxxannoo gaarii qofa osoo hin taane seenaafi mudannoo jireenyaa gaarii hin taanellee simachuun barbaachisaadha.

2) kaayyoo jireenyaaf jiraachuu dha/ Living for life purpose/ jedhu hayyoonni. Ilmi namaa kaayyoo itti jiraatuuf qaba.

3) Dorgommii hin taaneerraa fagaachuun /Avoiding competition/ barbaachisaa ta'uu hayyoonni ni gorsu. Namni ofiin malee isa kaaniin dorgomuu hin qabu.

4) Ilaalchaafi yaada qajeelaa/ positive thinking/ qabaachuudha. Yeroo hunda hamaa yookiin jallina yaadda yoo ta'e gammachuu argachuu hin dandeessu.

5) Yeroo hunda barachuuf eeyyamamoo / Being Willing to learn / ta'uunis gaariidha jedhu hayyoonni. Yeroo hunda dubbisuu, gaafachuu, hubachuun sirraa eegama.

6) Qaroominaan fuula duratti imaluu / walking with Wisdom/ qabda jedhu hayyoonni. Qaroominni /wisdom/ beekumsarraa adda ta’uu hubadhu. Akkamitti akka jiraattu, akkamiin rakkoo akka furtu, hojii milkaa'aa akkamitti hojjechuu akka dandeessu si barsiisa. Qaroomina /wisdom/ qabda taanaan diinakee yookiin nama ilaalcha gaarii siif hin qabne, qajeelchuu, sirreessuufi amansiisuu dandeessa.

7) Dandeettii yookiin beekumsa addaa / Being intelligent / qabaachuunis gaariidha jedhu hayyoonni. Dandeettii yookiin beekumsi addaa barumsa idilee/ Conventional/ irraa argamuu danda’a.

8) Beekmsa saayinsawaa, amantaafi aadaa qabaachuu dandeessa, miirakee hin to'attu taanaan beekumsa qabaachuunkee gatii hin qabu jedhu beektonni.

9) Miira ofii to'achuun murteessaadha jedhu hayyoonni.

10) Haala salphaan namatti qabamuufi aaruun /Taking no offence easily / barbaachisaa miti jedhu hayyoonni. Namoonni si aarsan heddummaachuu danda'u, kanaafuu nama meeqatti aartee, gubattee dandeessa Kanaafuu itti hin qabamiin, kolfii bira darbi.

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Labuu Inspire posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share