06/10/2026
!!
√√ Ilma waaqaa dhaga'uun jireenya.
Nuti warri Gooftaati Amanu isa dhaga'uun keenya filannoo keenya miti dirqama keenya.
Isa dhageeffacha jiraachuun jireenya bara baraa of keessa qaba.
Yohn 5:24
“"Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee isa ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du'a keessaa gara jireenyaatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu.”
√√ Namni Ilmaa waaqayyoo dhaga'aa jiraatu;
Bari hamatus, bubbee fi gar-galli baay'atus, waanti jireenya namootani balleessuu, Roobni ciiman Roobe Addunyaan Lolaadhan badulee Atiin namni dubbi ilma waaqayyoo dhaga'aa jiraatu akkuma markabi Nohii bishaan badisa gubbati ol ba'a adeeme, Waan Addunya kana balleessa irraatti ol baha adeemta!!!
Mat. 7:24-25
²⁴ Yesus, "Egaa namni dubbii koo dhaggeeffatee akka isaatti hojjetu hundinuu nama ogeessa mana isaa dhagaa irratti ijaarratetti in fakkeeffama.
²⁵ Bokkaan roobee, lolaan lola'ee, qilleensis qilleensa'ee, manasanatti bu'an; manichi garuu hundeen isaa dhagaa irra dhaabamee waan tureef, hin jigne.
Mat. 17:1~5
¹ Guyyaa ja'a booddee, Yesus Phexrosii fi Yaaqoobin, Yohannis obboleessa Yaaqoobis fudhatee, ol gara gaara dheeraa tokkotti kophaatti isaan baase.
² Innis bifa ulfina isaatiin isaanitti mul'ate, fuulli isaas akka biiftuu ibse uffanni isaas akka ifaa addaatee balaqqise.
³ Kunoo, Museenii fi Eliyaas achitti isaanitti mul'atanii, isaa wajjin dudubbachaa turan.
⁴ Phexros gidduutti, "Yaa gooftaa! Asitti argamuun keenya attam gaarii dha; fedha kee yoo ta'e asitti godoo sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokkoos Eliyaasiif nan ijaara" jedhee Yesustti dubbate.
⁵ Utuu inni kana dubbachaa jiruu, kunoo, duumessi ifa of keessaa qabu tokko isaaniitti uffise. Sagaleenis duumessicha keessaa dubbatee, " Kun Ilma koo isa an jaalladhu, gammachuun koos isatti in raawwatama; isa dhaga'aa!" jedhe.
Namni ilma waaqayyoo qabu kan isaa dhaga'uu tahiiii!!!!
~~ Eebbifama Waan sagantaa kana qoodataniif~~~ Hafuurri gooftaa ittii siif haa dabaluu!!!!!