Abdii Rabbi

Abdii Rabbi Amantaa Kootiif Malee Gandummaa dhimma itti hin qabu,garuu Ganda koo tuqnaan, Wollaalummaa Kee Naaf himuu Kee hin dagatin.🤣🤣🤣🤣

 .....✍️Akkam naaf jirtanii❣️Hundumti barsiisaa Daandii namaaf toluisintu garsiisaa.Galanni kee guddaaHimamee yoom dhuma...
04/08/2025

.....✍️
Akkam naaf jirtanii❣️
Hundumti barsiisaa
Daandii namaaf tolu
isintu garsiisaa.

Galanni kee guddaa
Himamee yoom dhumaa
Garuu qarshiin kankee
Dafee maaliif dhumaa.

Abbaa hayyuu hundaa
Uumaa nama beekaa
Karoora bareedaa
Siitu nuuf akeekaa.

Bu'aan biyyaaf buuste
lakkoofsaan danuudha
Si jibbuu jechuunis
Biyyuma ganuudha.

Uumtee lafa keesse
Jara waa barreessu
Qorannoo gaggeessuun
Furmaata tarreessu.

Fiiziksii barsiistee
Xiyyaaraan imaluu
Daandii haalaan fagoo
Goote daftee galuu.

Dokteerii oomishtee
Dhukkubsataa yaalta
Beekumsi kee cimaa
Atoo hunda caalta.

Jara waa xiinxalu
Baree saaykooloojii
Dhukkubaas ni yaalta
Barsiisiista baayloojii.

Of duuba deebistee
Yaadachiista seenaa
Kaayyoon kee cimaadha
Kanaaf hunda feenaa.

Herrega barsiisuun
Warra gamoo jaaru
Namaas ni gorsita
Akka wal gargaaru.

Abdii hin kutatin
Jabaadhu barsiisaa
Karoora jireenyaa
Situ nu garsiisaa.

Dawaa garaa garaaf
Jira keemistiriin
Milkaa'inni kankee
Hedduunsaa misxirii.

Daandiin ati deemtu
Dabaa miti sirrii
Namaaf tola oolta
hin barbaaddu birrii.

Dukkana addunyaa
Situ nurraa saaqe
Doofummaa jibbamtuu
Kan duraan nu laaqe.

Akkam siif haa ta'u
Yaa abbaa hiyyeessaa
Wanta namaaf tolu
Situ nuuf dhiyeessaa.

Galanni kee guddaa
Amalli kee gaarii
Yoomuu nuuf jiraadhu
Qananiidhaan waarii.

Harka kankoo qabdee
Na barsiiste qubee
Utuun hin baratin
Wallaalli na hubee.

Yaada anaaf kennaa
Namni na dhageessan
Namoonni barachuun
Qalamaan barreessan.

Abbaa hayyuu maraa
barsiisaa barumsaa
Barnoota barsiistee
nu qorta qorumsaa.

Galanni kee guddaa
Eenyuyyuu sin gitu
bu'aa ati buuste
Qarshiiniis hin bitu.

Barsiisaa beekumsaa
Galanni kee guddaa
Oolmaan ati oolte
Kan biraatiin addaa
Sammuu kankee keessaa
Beekumsatu maddaa.

Haalli jireenya kee
ana gaddisiise
beektoota addunyaa
Situ maddisiise
Daandii namaaf tolu
Situ nu qabsiise.

Hojiin keetiif miindaan
hedduudha gargari
Garuu abbaan biyyaa
Si ta'uu kee bari.

inni biraa taa'ee
qarshii hatee kuusa
D

01/08/2025

Tishi Gandummaa Kee Garaatti Nyaadhuu Sagaraan dhaqi malee Ani Si gargaaru asirraatti because we are first Oromo Afaan Jawweeti

30/07/2025

Dhugaadhaan Namni Qabsoo Oromootiin Maraadhe jedhuu

Har'a Akkamitti Gandummaa Faarsee Uummata Nagaa Burjaajessu Kun Suudanitti Habuyyaa Koo bira qubatee yeroo Wayyaanee Jalaa biyyaa bahee san

Miidiyaan Kijibduun Maqaa namaa balleessitu tun Ugguramtee Seeraaf dhiheessamuu qabdiIsheenuu Hataa Hawaasa Burjaajessaa...
29/07/2025

Miidiyaan Kijibduun Maqaa namaa balleessitu tun Ugguramtee Seeraaf dhiheessamuu qabdi

Isheenuu Hataa Hawaasa Burjaajessaa Saamaa jiraattii Hoolaa Hattuun Salphina yoo jette Ati maaliif Hatta leebaan si'i

28/07/2025

Gurbaa Dardaraa kan nama Ulfeessu maaliif dhabnee Ijoollee 🤣🤣🤣🤣

17/07/2025

Address

Unity
Asella
NAAFTAANAAN

Telephone

+251927962449

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdii Rabbi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Abdii Rabbi:

Share