04/05/2026
Paartiin Badhaadhinaa biyya misooma badhaatefi dimokiraasiin dhugaa keessatti dagaagee ijaaruuf yeroo kamiyyuu caalaa kutannoon hojjachaa jira
==
Guyyaa har'aa Godina Jimmaa, Aanaa Limmuu Kossaa Ganda Waleensuutti Paartii Badhaadhinaa filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaatiif sosochii duula na filadhaa bakka miseensotniifi deeggartootni akkasumas ummanni hedduu argamanitti gaggeessineerra.
Paartiin Badhaadhinaa biyya misoomaan badhaatefi dimokiraasiin dhugaa keessatti dagaagee ijaaruuf yeroo kamiyyuu caalaa kutannoon hojjachaa jira.
Mootummaan paartii badhaadhinaa hoogganamuu mirga lammiilee hunda kabajuufi kabachiisuu, nageenya waaraa mirkaneessuufi badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuuf hojii boonsaafi ittifufiinsa qabuu hojjechaa jira.
Paartiin badhaadhinaa hirkattummaarraa gara omishtummaatti biyya keenya ceesisuun hiyyummaafi boodatti hafummaa hambisee biyya badhaadhinaan fakkeenya taate ijaaruuf hojjechaa waan jiruuf filannoo keessan paartii badhaadhinaa taasifadhaa .
Paartii badhaadhinaa filachuun Biyyaa badhaate ijaaruu, nageenyaafi misoomaa filachuudha.