OBDI MEDIA

OBDI MEDIA OBDI is the field where mankind is served spiritualy, socially, physically, and mentally to promote wholistic ministry,maturity and successful life.

Subscribe & Share our MEDIA Youtube channel

Barreeffama armaan gadii dubbitaatii warri Waaqayyo isin gargaare mucaa kana gargaaraanii."Tashoomaa Alamayyoo Cimdeesaa...
09/30/2025

Barreeffama armaan gadii dubbitaatii warri Waaqayyo isin gargaare mucaa kana gargaaraanii.

"Tashoomaa Alamayyoo Cimdeesaan jedhama. Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Calliyaa, Ganda Galmoo Goorgisiittin dhaladhe. Abbaankoo qotee bulaa mana namaatti qacaramee nu guddise. Haati keenyas qoraan funaantee gurgurte nu guddiste. Sababa kana irraa kan ka'ee, ani Tiksee mana namaatti qacaramee barnootako kutaa tokko hanga kutaa Ja'affaatti mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Tulluu harriitti sadarkaa tokkoffaa ba'uudhaan kanan baradhe yoo ta'u, mana barnootaa oolmaa addaa kan Aanaa calliyaa magaalaa Geedoo dorgomee argadheen ture.
Garuu Abbaankoo bara koronaa sana yeroon ani kutaa lammaaffaadha gara sadaffaati darbu najalaa boqotee. Haati koos dhukkuba sammuudhaan dhibamaa turte. Carraa mana barnootaa oolmaa addaa kanattis barachuudhaaf nyaata, uffataa fi mana jireenyaa dhabeen rakkachaa ture. Ijoollee biroo wajjin galuudhaaf, waanan kaffalus dhabeen rakkachaa ture.

Akka carraa namni tokko mana ijaaree keessa kan hin jiranne keessa taa'ii baradhu jedhee naaf eeyyeme. Osoon beela'uu fi qorruu jabaadhee ilkaankoo ciniinnadhee kutaa torbaffaa fi saddeettaffaakoos xumureef, qormaata biyyoolessaa kutaa 8ffaa qabxii olaanaa Avereejii 94.4 fi parsantayilii 99.83 galmeessuudhaan gara dorgommii mana barnoota oda special dorgomuutti dhufe. Isas dorgomee akka Aanaa calliyaatti barattoota dorgomanii darban kudha shan keessaa tokkoffa ba'uudhaan mana barnoota oda special damee Najjoo na qaqqabe.

Amma egaa asittis rakkoo cimaatu na mudate abbaankoo narra jiratee nan geggeesu, haatikos fayyaa hin qabdu, obbolankoos anaa gadhidha maaliinan deema? Maalan uffadha, kan jedhu gaaffiin sammuuko na dhiphisa. Kanaafuu namoonni na deeggaruudhaaf fedha qabdan :

, 1000720017877 Baankii daldalaa itiyophiyaa
, 013201652649300 AWASH bank
, 1099347240119 siinqee baankii irratti, akkasumas namoonni hin dandeenye immoo kadhannaadhaan na gargaaraa jedheen isin gaafadha.
Teshome Alemayehu Cimdesa
FULBAANA 20)2018"

09/25/2025

Address

751N Indian Creek
Atlanta, GA
3021

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when OBDI MEDIA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to OBDI MEDIA:

Share

Category