BBS Media

BBS Media BBS is an independent nonprofit and non partisan media organization based in USA and Canada.
(1)

Confirmed! The Ambassador Muktar Kedir (PhD) will presented on the 6th year's anniversary of Kuraa-Galaan Organization.:...
10/24/2024

Confirmed!
The Ambassador Muktar Kedir (PhD) will presented on the 6th year's anniversary of Kuraa-Galaan Organization.
:
Ambassador Muktaar Kedir (PhD) saganta kabaja hundeeffama waggaa 6ffaa Dhaabbata Kuraa-Galaan irratti kan argaman taha.

Sagantaan Kabaja Hundeeffama Waggaa 6ffaa Dhaabbata Kuraa-Galaan Kan Boru Jechuun Onkololeessa 24, 2024ti Sa’aati 8:00PM...
10/24/2024

Sagantaan Kabaja Hundeeffama Waggaa 6ffaa Dhaabbata Kuraa-Galaan Kan Boru Jechuun Onkololeessa 24, 2024ti Sa’aati 8:00PM Akka Saudi Arabiyati Magaalaa Riyaaditti Gaggeeffamuuf Taa'uu Kun 'Live' Fuula BBS'tin Kan Dabru Taha.

"Waltajjii Misooma" : Waldaan Kuraa-Galaan "Waltajjii Misooma" gaafa Adoleessa 27, 2024, biyya USA, Kutaa Bulchiinsa Sea...
07/21/2024

"Waltajjii Misooma"
:
Waldaan Kuraa-Galaan "Waltajjii Misooma" gaafa Adoleessa 27, 2024, biyya USA, Kutaa Bulchiinsa Seattle' keessatti gaggeessuuf qophirra jira. Waltajjiin guddoon tun kaayyoowwan ijoo lamaaf tan gaggeeffamtuudha:
1) Duula Gumaataa Misooma Ardaa Jila Oda Bultum Eegalchiisuufi
2) Waggaa 6ffaa hundeeffama Waldaa Kuraa-Galaan kabajuufi,
:
Bakkaafi yeroon Waltajjii kanaa
:
Guyyaa: Adoleessa 27, 2024
Bakki: Siyaatil, Ameerikaa
:
Kaayyoon Waltajjichaa:
:
Waltajjii kanarratti duulli Gumaata Ardaa Jila Odaa Bultum misoomsuu fi kunuunsuuf kaayyeffate sirnaan kan eegalamu ta’a. Sochiin duula gumaata kun hambaalee aadaa, duudhaafi Gadaa Ardaa Jilichaa akkaata xabbooma isaa eeggateen misoomsu duula ummata hirmaachisuudha.
:
Akkasumaas waltajjichi Waggaa 6ffaa hundeeffama Waldaa Kuraa-Galaan kan itti kabajamuudha. Waltajjichi duula misooma Ardaa Jilaa eegalchiisu malees waggoota jahaaf hojii bu'a qabeessa Waldaan Kuraa-Galaan ummata isaatiif hojjate kan ittiin madaalamuufi karoorri hegeree waldichaa kan itti lafa kaayamudha. Kabajni aayyana hundeeffama waggaa 6ffaa Waldaa Kuraa-Galaan kun bu’aa ba’ii darbe kan ittin madaallamuufi galmootni gara fuula duraa kan itti karoorfamu taha.
:
Waamicha Kabajaa!
:
Guyyaa barbaachisaa kana irratti namoonni fedhii qabdan hundi keessanu akka nu waliin waltajjii kanarraa qooda fudhattan, akka hirmaattan, affeerramtaniiti jirtu. Hirmaannaan keessan tattaaffii kunuunsa Gadaa, Aadaa fi misooma hawaasaa irratti taasifnu keessatti gumaacha guddaa qaba jenneeti amanna.
:
Odeeffannoo dabalataaf: bilbila: 206779431/2064748048 kanaan nu qunnamuu dandeessu.
Nagayaa taha. Dhiiba Raasa, Dhiiba bobbaasa.
:
Waldaa Kuraa-Galaan,
Ummata keessatti jijjiirama gaarii fiduuf kan carraaqu,
:
Adoleessa 20, 2024
Siyaatil, Ameerikaa

Hundeeffama Waggaa 6ffaa Sababeeffachuun, Waldaan Kuraa Galaan Kora Hawaasaa Qopheessee jira.Kaaba Ameerikaa Magaalaa Se...
07/21/2024

Hundeeffama Waggaa 6ffaa Sababeeffachuun, Waldaan Kuraa Galaan Kora Hawaasaa Qopheessee jira.

Kaaba Ameerikaa Magaalaa Seattle tti, Adoolessa 27,2024,Waldaan Kuraa Galaan Kora isaa Gaggeessuuf Qophii Hunda Xumuree jira.

Miseensota Waldayichaa Dabalatee Hawaasni Oromoo Kanneen Seattle fi Naannoo Ishii Magaalota akka,
Portland ,Vancouver BC, Utah fi Victoria jiraattan Akka Kora kanarraa Qooda Fudhattan Afeeramtanii jirtu.

Kora Kanarratti, Hooggantoo Waldaa Kuraa-Galaan,
Dura Taa'aan Kuraa Galaan Walii Galaa, Obbo Husseen, Qaasim,
Hooggana Koree Boordii Kuraa Galaan, Obbo Gaaddisaa Badhaasoo fi Dura taa’aa Koree Qindeesaituu Obbo Gammadaa Boruu, kan argaman tahuun beekkamee jira.

Keessummoonni Kabajaa Biyyootaa fi Magaalota Gara garaa irraa kan Hirmaatan yeroo tahu, Hayyuu Seenaa Obbo Naasir Kaliil fi Bareentoo Gadaa Biyya Australia irraa Koricharratti kan argama tahuun beekkamee jira.

Kaayyoon Korichaa: Waldaan Kuraa Galaan Imala Waggoota 6 dabran keessatti Hojiilee Hojjataman gaggamuufi Hojiilee Fuul duraaf karoorfaman hojirra oolchuf, akkasuma Caaseffama Kuraa galaan waggoottan dabranii irratti Miseensota waliin marii gaggeessuufi.

Kana males Koricharratti Qophiilee Bashannansiisoo kanneen akka Walaloo, Sirbaa fi Seenaan Sirna Gadaa isiniif dhiyaata.
Maarree Guyyaa Isaa Adoolessa 27,202
4, Waaree booda Sa’aatii 2: 00 irraa eegaleeti.

Odeeffannoo Dabalataatif
Lakkoofsa Bilbilaa: 2067794310. 2064748048

Kore Qindeessituu Kora Waldaya Kuraa Galaan Magaalaa Siyaattil irraa.

02/08/2024

BBS: Lammiileen Oromoo Baqattummaan Biyya Somaaliyaa Naannawa Geedoo keessa jiraatan maal keessa jiru?

BBS: Oduu Gaddaa: Ulamaan Guddaan Amantii Islaamaa Sheek Muktaar Abdallaa Aakhiraman.Sh/Muktaar Abdallaa, Sheeka Sheekko...
12/19/2023

BBS: Oduu Gaddaa:
Ulamaan Guddaan Amantii Islaamaa Sheek Muktaar Abdallaa Aakhiraman.

Sh/Muktaar Abdallaa, Sheeka Sheekkotaa je'amuun kan Beekkamu,Hayyuu fi barsiisaa Amantii Islaamaa tahuun Baha Oromiyaatti Seenaa Jabaa hojjatanii jiru.

Bara 1960 Ona Carcar Biyyoo Karaabatti Kan dhalatan Sheek Muktaar Abdallaa, Barnoota Sadarkaa Duraa Abbaa isaanii irratti akka barataniiifi San booda Sheekkota heddurraa akka baratan Gaafa lubbuun jiran himanii jiru.

Sheek Muktaar Abdallaa, Barnoota Amantii Islaamaa Biyya Teenya irraa Jalqabee Hanga Biyya Saudi Arabiyaa, Madiinatti Universitii Islaamiyaa(Jaami'atul Islaamiyaa) irraa Mastarsiin eebbifamutti barnoota isaanii kan hordofan yeroo tahu, Tajaajila Barnoota Ol'aanoo Biyya Sauditti erga kenneen booda, Ummata Isaa Tajaajiluuf gara Oromiyaa galuun Seenaa jabaa hojjate.

Aalimni Guddaan Amantii islaamaa kun, Waggoota Dheeraa dura erga gara biyyaa galee booda, Godina Harargee Lixaa Aanaalee gara garaa Keessatti, Amantiin Islaamaa akka babal'attuuf, Madrasaalee Barnootaa Baay'een akka ijaaramanii Barnoota jalqaban taasisee jira.

Ulamaan Guddaan kun bakkoota gahan hundatti bu'uura Diinii lafa kaayuun kan beekkaman yeroo tahu, Akka fakkeenyatti,
Naannawa Dhaloota Isaa Ona Carcar keessatti bu'uuraalee Diin Islaamaa kan ta'an,
Madrasaa galamsoo, Madrasaa Magaalaa Deefoo,
Madrasaa Magaalaa Balballeettii,
Madrasaa Magaalaa Machaaraa,
Madrasaa Magaalaa Kotoraa,
Madrassaa Magaalaa Birbirtii fi Kanneen biraatis bu'ureessuu Seenaan isaanii ni himu.
Kana males, Sheek Muktaar Abdallaa, Waahiloota isaa waliin tahuun, Godina Harargee Lixaa Keessatti,
Jaarmaya jijjiiramaa kan mana marii Dhimmoota islaamummaa keessattis ulamoota Baadiyyaa fii Magaalaa irraa ijaaruun sochii cimaa kan godhaa ture tahuun ni beekkama.

Sheek Muktaar, yeroo dheeraaf amantii Islaamaa barsiisaa,kan turan yeroo ta'an, Wiixata kaleessaa Muddee 18 bara 2023 barattootaa barsiisaa olanii galgala irratti tasa Aanaa Habroo Birbirtiitti boqachuun isaanii dhagahame.

Sirni Awwaalcha Isaanii Guyyaa Har'aa Iddoo Itti Boqatan Birbirtii tti Muddee 19,2023 Raawwatamaa akka jiru, Namoota Naannicha jiran irraa BBS odeeffatee jira.

Sirni Awwaalchaa Silaa kan yeroodhaan Raawwatamu, Sababa Keessummoonni Biyyoota Alaa, Biyya keessaa Magaalaalee akka,Fiinfinnee, Adaamaa, Dirree Dhawaa fi Harar irraa dhufaa jiraniif hanga ammaa harkifachuu Namni yaada nuuf kenne himee jira.

Hordoftoota BBS : Seenaa Sheek Muktaar Abdallaa Guutuu isaa Akkuma arganneen Kan isin biraan geenyu taha.

Sheek Muktaar Abdallaa Rabbiin Jannataan Haa qananiisu,
Firaafi Maatii akkasuma Hawaasa Muslimaa kan Du'a isaanitiin Gaddi itti dhagahameef jajjabina Hawwina.

12/19/2023

BBS: Oduu Gaddaa:
Ulamaan Guddaan Amantii Islaamaa Sheek Muktaar Abdallaa Aakhiraman.

Sh/Muktaar Abdallaa, Sheeka Sheekkotaa je'amuun kan Beekkamu,Hayyuu fi barsiisaa Amantii Islaamaa tahuun Baha Oromiyaatti Seenaa Jabaa hojjatanii jiru.

Bara 1960 Ona Carcar Biyyoo Karaabatti Kan dhalatan Sheek Muktaar Abdallaa, Barnoota Sadarkaa Duraa Abbaa isaanii irratti akka barataniiifi San booda Sheekkota heddurraa akka baratan Gaafa lubbuun jiran himanii jiru.

Sheek Muktaar Abdallaa, Barnoota Amantii Islaamaa Biyya Teenya irraa Jalqabee Hanga Biyya Saudi Arabiyaa, Madiinatti Universitii Islaamiyaa(Jaami'atul Islaamiyaa) irraa Mastarsiin eebbifamutti barnoota isaanii kan hordofan yeroo tahu, Tajaajila Barnoota Ol'aanoo Biyya Sauditti erga kenneen booda, Ummata Isaa Tajaajiluuf gara Oromiyaa galuun Seenaa jabaa hojjate.

Aalimni Guddaan Amantii islaamaa kun, Waggoota Dheeraa dura erga gara biyyaa galee booda, Godina Harargee Lixaa Aanaalee gara garaa Keessatti, Amantiin Islaamaa akka babal'attuuf, Madrasaalee Barnootaa Baay'een akka ijaaramanii Barnoota jalqaban taasisee jira.

Ulamaan Guddaan kun bakkoota gahan hundatti bu'uura Diinii lafa kaayuun kan beekkaman yeroo tahu, Akka fakkeenyatti,
Naannawa Dhaloota Isaa Ona Carcar keessatti bu'uuraalee Diin Islaamaa kan ta'an,
Madrasaa galamsoo, Madrasaa Magaalaa Deefoo,
Madrasaa Magaalaa Balballeettii,
Madrasaa Magaalaa Machaaraa,
Madrasaa Magaalaa Kotoraa,
Madrassaa Magaalaa Birbirtii fi Kanneen biraatis bu'ureessuu Seenaan isaanii ni himu.
Kana males, Sheek Muktaar Abdallaa, Waahiloota isaa waliin tahuun, Godina Harargee Lixaa Keessatti,
Jaarmaya jijjiiramaa kan mana marii Dhimmoota islaamummaa keessattis ulamoota Baadiyyaa fii Magaalaa irraa ijaaruun sochii cimaa kan godhaa ture tahuun ni beekkama.

Sheek Muktaar, yeroo dheeraaf amantii Islaamaa barsiisaa,kan turan yeroo ta'an, Wiixata kaleessaa Muddee 18 bara 2023 barattootaa barsiisaa olanii galgala irratti tasa Aanaa Habroo Birbirtiitti boqachuun isaanii dhagahame.

Sirni Awwaalcha Isaanii Guyyaa Har'aa Iddoo Itti Boqatan Birbirtii tti Muddee 19,2023 Raawwatamaa akka jiru, Namoota Naannicha jiran irraa BBS odeeffatee jira.

Sirni Awwaalchaa Silaa kan yeroodhaan Raawwatamu, Sababa Keessummoonni Biyyoota Alaa, Biyya keessaa Magaalaalee akka,Fiinfinnee, Adaamaa, Dirree Dhawaa fi Harar irraa dhufaa jiraniif hanga ammaa harkifachuu Namni yaada nuuf kenne himee jira.

Hordoftoota BBS : Seenaa Sheek Muktaar Abdallaa Guutuu isaa Akkuma arganneen Kan isin biraan geenyu taha.

Sheek Muktaar Abdallaa Rabbiin Jannataan Haa qananiisu,
Firaafi Maatii akkasuma Hawaasa Muslimaa kan Du'a isaanitiin Gaddi itti dhagahame hundaaf jajjabina Hawwina.

BBS :Oduu Ammee;  Obbo Taayyee Danda'aan aangoo irraa kaafamuun barame.Obbo Taayyee Danda'aa Xalayaa Waajjira MM irraa b...
12/11/2023

BBS :Oduu Ammee; Obbo Taayyee Danda'aan aangoo irraa kaafamuun barame.

Obbo Taayyee Danda'aa Xalayaa Waajjira MM irraa barreeffameen Aangoo irraa kaafame.

Akka Barreeffama Xalayicharraa mul'atutti, Fulbaana 2014 irraa kaasee Deetaa Ministira Nageenyaa Itoophiyaa ta'uun tajaajilaa kan turan Obbo Taayyee Danda'aa har'a Muddee 1 irraa kaasee aangoo irraa kaafamuu xalayaa Waajjira MM Abiy Ahimad irraa barreeffame.

Xalayichi Obbo Taayyee Danda'aa Bira ga'uu BBCn Mirkaneeffachuu gabaase.

Obbo Taayyeen tibbana marii marsaa lamaan Itoophiyaa fi Jiddutti Taanzaaniyaa Daarussalaamitti gaggeeffamaa ture akka fashalaa'uu kan godhe "mootummaa ani keessa jiru" jechuun qeequun isaanii ni yaadatama.

Obbo Taayyeen aangoo irraa kaafamuu isaanii ilaalchisee barreeffama gabaabaa fuula feesbuukii isaanirratti maxxansaniin, "Kabajamoo Ministeera Muummee yaada Ida’amuu dubbattee fi barreessite amanee isin hordofe, dhawaata garuu nama waan dubbatu hin jiraanne qofa otoo hin taane cubbamaa dhiiga namaatiin taphatu ta’uu keessanin hubadhe," je'e.

Kana males, "gaafan dhugaa sehee waraana bilaasha maqaa walabummaa biyyaatiin bantan, isa Itoophiyaanota wal-nyaachisee, fi diinagdee biyyaa kuffise gaggeessaa turtan deeggaretti na faarsaa turtan. Hardha gaafan dubbii argee gara nagaa goruun wal-ajjeechaan obboleeyyanii haa dhaabatu jennaan aangoo narraa fudhattan. Otoon shira Oromoo Oromoodhaan balleessuu fi obboleeyyan isaatiin walitti buusuuf kaatan argaa callisuu dhabuu kootii baayyeen gammada," jechuun barreesse.

Obbo Taayyeen xalayaa aangoo irraa kaafamuu isaan qaqqabuu fi Paartii Badhaadhinaa fi bulchiinsa MM qeequun fuula Feesbuukii isaanii irratti kan barreesanis matuma isaa tahuu BBCf mirkaneessuun gabaafamee jira.

Tarkaanfii Obbo Taayyee Danda'aa irratti Fudhatame kun, Kan Aangoo irraa Kaasuun ala Hanga ammatti wanti biraa hin dhagahamne.

BBS: Mud 9/2023. Barreessituu Kitaaba "Daandii Isaanii" Aadde Bilisummaa Huseen waayee Kitaaba ishii odeeffannee jirra x...
12/09/2023

BBS: Mud 9/2023. Barreessituu Kitaaba "Daandii Isaanii" Aadde Bilisummaa Huseen waayee Kitaaba ishii odeeffannee jirra xiqqo booda nu eegaa.

BBS: Fantaalletti Mariin Tibbana Hooggantoonni RIB  Hawaasa Naannichaa waliin gaggeesse, Kan Shiraan guutame je'ame. God...
11/30/2023

BBS: Fantaalletti Mariin Tibbana Hooggantoonni RIB Hawaasa Naannichaa waliin gaggeesse, Kan Shiraan guutame je'ame.

Goda Shawaa Bahaa AanaaFantaalletti shira hoggansi aanichaa fi waraanni mootummaa waliin tahuun xaxaa jiruun jireenyi hawaasa horsiisee bulaa gadadoo hamaa keessa seenee jira.

Maricha Ilaalchisuun Gabaasni Miidiyaan Mootummaa FBC n Oromoota Ituu Maqaa dhahuun gabaase, Maqa balleessii fi Shira Hojjatamuuf itti yaadameedha je'an Jiraattonni.

Waggoottan shanan dabranitti Oromiyaa drree waraanaa fi beelaa godhamuun ummata bobbaa-gala kan dhoowwe sirni Bilxiginnaa ifii ummata cabsurra dabree ummata Oromoo wal afaan deebisuun walinn cabsurratti hojii idilee isaa godhatee jira je'an.

Godinaalee Oromiyaa Booraa fi Gujii, akkasuma Shawa Bahaa Aanaa Fantaallee keessatti waggoota Afran dabran keessatti ummata Oromoo kutaan, gosa fi amantiin qoodaa waliin cabsuuf yaalii gurguddaan godhamaa turuun isaa ni beekama.

Haa tahu malee, dammaqiinsa qeerroo Oromoo, abbootii gadaa fi barattiotaa akkasumas tokkummaa waraana Bilisummaa Oromootiin yeroo gara yerootti godhamaa tureen yaaliin sirnichaa karaati hafee jira.

Yaa tahu malee, dhimmi hawaasa qoqqooduun farrajuu fi maqaa xureesuutiin waliin dhahuu kun dabree dabree akka mulatu jiraattonni himaati turan.

Kanumaan walqabatee Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee keessatti hawaasa Oromoo Ituu fi Karrayyuu iddutti lolli akka ka’uuf summiin jiibbiinsaa dabballoota surna Bilxiginnaa fi waraana sirnichaatiin facaafamaati jirti.

Mootummaan yeroo adda addaati tooftaa kana fayyadamudhaan torbaan tokko gosa Oromoo Karrayyuu diinomfachuun, torbee biraa ammo gosa Oromoo biraa diinomfachuun diiggaa hamaa geggeessaa jiru.

Magaalaa-baadiyyatti waraannii mootummaa nama tokicha karaa deemu ati Karrayyuu moo Ituu’ je’ee gaafatuun adda baasee hidhaan gidirsuu fi ukkaamsuun, akkasuma ajjeesuun aadeffatanii jiru.

Haala laalllatee kan sirbu sirni Bilxiginnaa kun ji’a tokko dura Oromoota Karrayyuurratti yoo xiyyeeffate ji’a itti aanu ammo Ituurratti fuulleffatee akka jiru jiraattonni naannicharraa BBS yaada kennan himanii jiran.

Yeroo gabaasni kun qophaaya jirutti dabareen gidiraa fii ajjeechaa kan gosa Oromoo Ituuti kan je’e namni BBS dubbise kun, gandoonni martii sadeenii Kaniifaa, Faatee-Leedii fi Saaraa-Weebaa roorroo jabduu keessa jirani je’e.

Mana hidhaa aanichaa keessatti hidhamtoonni jiran dhibbeentaan 90% jiraattota gosa Oromoo Ituu tahuus namni BBS dubbise kun himeeti jira.

Turtii guyyoota muraasaa booda ammo dabareen kan gandoota Oromoo Karrayyuu tahuun beekamaadhasi je’e.

Torbee sadeen dabre kana keessa gandi Faatee-Leedii haala hammaataa keessa kan jiru hoggaa tahu, hawaasni tikfatuu fii calla birraa sassaabbachuu hanqatee rakkataa jiruus jiraataan kun yaada BBSf kenneen himee jira.

Waraanni RIB naannawa san sosso'u kan Commander Ahmed Eemmiitiin durfamu halkan gandicha keessa naannawuun manguddoota fi dubartii mana irratti jijjigsaa ukkaamsee hidhatti guuraa jiruus jiraatan kun himee jira.

Akka jiraataan kun je'etti fkn dhalataa fi jiraataan ganda Faatee-Leedii kan ta’e fii barataa waggaa 1ffaa Yuuniavrsitii Haroo-Maayaa kan taye Aadam Boree Asoobaa erga hidhamee ji’ootaaf bubbuleen booda mana hidhaa aanichaa keessatti ulee fi gidiraa cimtuun erga irra geessee turtee mana hidhaa keessaa odoo hin bahin achumati yaala dhabee du’uu kaasee jira.

Dhibeen daddarbaa fi ariifataa yeroo sanitti gammoojjii aanichatti mudateen mana hidhaa keessatti rakkoo cimaatu tureesi je'e.

Barataan kun dhukkubsatee guyyaa lammaffatti akka mana yaalaa geessan gaafate kan ture hoggaa tahu Fuudhanii mana yaalaa geessanni ogeeyyin buufata Fayyaa Aanichaa barataan kun dhibeen isaa hammaata tahuufii siree ciisee akka yaalamu gaafataniis, Commander Ahmed Eemmi dirqamaan akka mana hidhatti deebisan ajaje ture.

Halkan mana hidhatti ciisee bakka ciisutti hadhaa du’a keessummeesse.

Hidhamtoonni baay’ee dhibee kanaan qabamuu sodaachuudhaan namoota 30 bilisaan gadi lakkisanii turan. Namoonni dhibbaan lakkaa’aman ammas achumatti dhibee kanaan dararamaa akka jiranis jiraatan kun BBS mirkaneesseeti jira.

Haati isaa Aadde Haloo Roobaa Torroo hidhamuun ilma ishee hordofamtee mana jireenya ishee ganda Faatee-Leedii bakka addaa Cophii je’amuu butame Aanaa Gumbii Bordoddee magaalaa Calalaqatti hidhamtee turte.

Guyyaa ilmi ishee du’u manuma hidhatti itti himamee qarshii 10000 ol kafaluun baatee booyicha ilma isaa akka dhuftu taasifamus rifaatuu hamaa mudateen torbee sadeen dabreef haala sodaachisaa keessa jirti jiraatan kun.

Barataa Aadam Boree nama akka Aanaa Fantaalletti qabxii seensa Yuunivarsitii ol’aanaa galmeessee fii tarree barattoota akka biyyatti qabxii seensa Yuunivarsitii galmeessanii kessatti kan argamu hoggaa tahu,Barataan kun nama yeroo boqonnaa gannaatiis maatii gargaaruu fi dubbisaan dabarsuu malee hirmaannaa siyasaa tokkollee kan hin qabneedhasi ture je'e jiraatan kun.
Barataa cimaan kun haala saniin du’uun kan isaan naasise hawaasni aanichaa keessattuu gandi dhaloota barataa kanaa shororkaa jabduu keessa seenee jiraachuus himee jira.

Waraanni mootummaa haga manatti deemuun ummata rakkisaa kan jiru. Guyyaa gaafa 29/2023 ganda Faatee Leediitti hawaasa walgayii yaamudhaan dhimma nageenyarratti mari’achiisuuf turan.
Hawaasni gidiraa waraanatiin baarage kun hedduu wareeree bosnoatti galee hammi hafe ammo walgayii argameeti ture.

Yaa tahu malee, walgayii guyyaa dheengaddaa kanarratti ammo mootummaan ibsa miidiyaaf kenneen gabaasni Miidiyaan FAANAA Afaan Amaaraa qabatee bahe kan nama wareersu ture.

Miidiyaan kun ibsa baaseen suuraa hawaasa guyyaa kaleessaa walgayirra turee fayyadamuun ‘Marii hawaasa gosa Oromoo Ituu waliin dhimma nageenyarratti taasifameen namoonni SHanee logistic gargaraa turan 155 harka kennatanii jiru’ je’e.

Akka Miidiyaan FANA kun gabaasetti namoonni kunneen warreen nyaata, rasaasa, motora adda addaa kan Shaneen deeggaraa turan dabarsanii humna mootummatti kennanii jiru je’e.

Kun ammo qabatama jirurraa kan fagaatefii hiikkoo siyaasaa addaa kan qabuudha jedha hirmaataan walgayii Sanii kan ture jiraataan ganda Faatee-Leedii kan BBS dubbise.

Walgayichi xixxaa fii sodaachisa irraa kan hafe dhimmi nageenyaa haasayame tokkolleen hin turre.

Ammoo gandi keenya nagayaan bobbaafatee galfatuu malee balaa lolaafii Shane isaan jedhaniin waliiniis hidhata homaatuu hin qabu jecguun yaada isaa goolabe jiraatan BBS dubbise kun.

BBS: ODUU AMMEE (BREAKING NEWS)Mariin marsaa lammaffaa WBO fi Mootummaa Federaalaa iddutti biya Tanzania Magaalaa Daaris...
11/21/2023

BBS: ODUU AMMEE (BREAKING NEWS)

Mariin marsaa lammaffaa WBO fi Mootummaa Federaalaa iddutti biya Tanzania Magaalaa Daarissalamitti torbaan lamaaf godhamaa ture walii galtee malee xumuramuun dhagahame.

Mariin Mootummaa fi WBO idduu ture kun milkii malee xumuramuu Mootummaan Federaalaa fi WBOtis ibsa baasaniin mirkaneessaniii jiran.

Mariin lola Waraana Bilisummaa Oromoofi Mootummaa Federaalaa goolabuuf gaggeefamaa ture milkii malee xumuramuu Mootummaan Itoophiyaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo ibsa mataa mataa isaanitiin baasaniin mirkaneessaniiti jiran.

Mariin lola Waraana Bilisummaa Oromoofi Mootummaa Federaalaa iddutti wagoottan shanan dabraniif godhaamaa ture goolabuuf gaggeefamaa ture milkii malee xumuramuu Mootummaan ibsa gama waajjira komunikeeshinii isaatiin baaseen beeksise jira.

Mariin nagaa qaamolee lamaanii guyyootaaf magaalaa guddittii Taanzaaniyaa Daaresselaamitti gaggeefamaa ture milkii malee xumuramuu kan beeksisan Gorsaa Dhimma Nageenyaa Ministira Muummee Ethiopian kan ta'an Ambaasaaddar Redwaan Huseenis gama isaaniitiin beeysisaniiti jiran.

Mariin kun milkii malee xumuruu isaatiif qaamolren lachuu quba walitti qabaa kan jiran hoggaa tahu,

Mootummaa Itoophiyaa bakka bu'uun marii kanarratti hirmaachaa kan turan Ambassador Reedwaan mariin marsaa lamaan WBO waliin gaggeessaa turre waliigaltee malee xumuramee jechuun fuula Facebook isaanii gubbaatti ibsan.

Ambassador Reduwan itti dabaluudhaan Adeemsi danqaa uumuufi fedhiin dhugoomuu hin dandeenye WBO qabate milkaahina dhabuu mariiwwan kanaatiis sababa guddadha ja'an.

Akkasumas Adeemsi danqaa uumuufi fedhiin dhugoomuu hin dandeenye WBO qabate milkaahina dhabuu mariiwwan kanaaf sababa tahuudha ibsan Ambassador Redwan Hussen.

Dhumarrattis Ambassador Reedwaan ibsa baasan keessatti xumurri maricha akka eegame ta'uu dhabuutti gaabbuu isanii ibsuun dhaabbilee marii kana qindeessaa turaniif biyya maricha keessummeessite Tanzaniya galateeffatanii jiran.

WOB ammoo gama isaatiin Ibsa galgala kana baaseen akka je'etti Mootummaan Itoophiyaa adeemsa sirrii hordofuu dhabuu isaarra kan ka’ee carraan seena qabeessi kun fashalaa'eeti jira je'e.

WBOn mariin marsaa lammaffaa waliigaltee malee xumuramuu mirkaneessuun mootummaan Itoophiyaa hooggansa WBO of jala galchuuf qofa malee rakkoolee bu’uuraa furmaata nageenyaa fi siyaasaa biyya kanaa furuuf fedhii hin qabu jechuun komii qabu dhiheesseti jira.

WBO ibsa isaa kanaan marii marsaa kana keessatti hoggansa isaa ol’aanaa akka hirmaachise ibsuun,Gaaffilee ijoo ummata keenyaa furuuf daandii saaquuf,

WBOn yaada hunda qabatee Oromiyaatti jijjiirama hiika qabeessa ta'e fiduuf Zanzibaar irraa kaasee hanga DaariSalaamitti dhiyaatee mari'atee jira je'e.

Mootummaan Itoophiyaa adeemsa sirrii hordofuu dhabuu isaatiinis carraan seena qabeessa ta'e kun akka fashalaa'e ibseeti jira.

Mariin marsaa lammataa kun qondaalota waraanaa olaanoo qaamolee lamaanii hirmaachiisuun torban tokkoo oliif gaggeefamaa turuun ni beekama.

Ta'uus dhimmootni mariif dhiyaatan maal akka ta'an dabalatee adeemsa marichaa irratti hanga guyyaa har'aatti odeeffannoon gahaan hawaasa bira gahaa hin turre.

Mariin kun jaarsummaa dhaabbilee akka IGAD, biyyoota akka US, Noorwaay fi Keeniyaan gaaggeefamaa ture.

Ajajaan waliigalaa WBO Marroo Dirribaa marii kanarratti argamuu isaa dabalatee, sababoota adda addaatiif mariin marsaa milkiin goolabama abdiin jedhu keeysaafuu ummata Oromoo biratti guddaadha ture.

Ajajaa olaanaan WBO Marroo Dirribaa Taanzaaniyaatti marii nagaa irra osoo jiraanii tibbana marii karaa Zoom bakka bu'oota deeggartoota WBO waliin haasaa godhaniin Oromoon hojiin ijaaramuu qaba,yaada jedhu dubbatanii turuun isaanii ni yaadatama.

Waayee marii nagaa gaggeessaa jiranii ifatti kan hin dubbannee ' Jaal Marroon', Waan amma deemaa jiru kana sani jechuu hin barbaadu jechuun bira dabran.

Kuni ammoo Naamusa isaati miti waan taheef Garuu qormaata guddaatu fuuldura keenya jira anis kana niin beekaa jechuun bisaanii turuun yaadatama.

Mootummaan Itoophiyaa fi WBO lola kutaalee addaa addaa keessa waggoota afuriif gaggeessaa jiranitti xumura gochuuf yeroo jalqabaaf marii kallattiif kan wal argan ji'a jaha dura biyyuma Tanzania ododla zanzibar irratti ture.

Mariin jalqabaa odola Zaanzibaaritti gaggeessan wal-hubannaa uumuufi marii dabalataaf haala mijeessuun goolabamuu isaatiis qaamoleen lamaan ibsanii turuun ni yaadatama.

Kun osoma kanaan jiruu.
Wayita mariin nagaa Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa turetti Lixa_Oromiyaatti waraanni itti fufuun Horroo Guduruutti namootni afur ajjeefamanii turan.

Godina Horroo_Guduruu_Wallaggaa aanaa Sulula Finca'aatti guyyaa kaleessa Sadaasa 20, 2023 waraana humnoota mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo WBO gidduutti gaggeeffameen lubbuun namoota nagaa afur darbuu jiraattonni nannicharraa BBS dubbise mirkaneessanii jiran.

Akka jiraattonni kanneen ja'anitti kaleessa Sadaasa 20 ganama barii sa’aatii 12:00 hanga ganama sa’aatii 2:00tti qaamolee lamaan gidduu waraanni cimaa gaggeeffamee kan ture hoggaa tahu.

Walitti dhukaasa kanaan namoota maqaan isaanii Baayisaa Margaa, Tollaanii Alamaayyoo, Lammii Dirribaa fi Dofee Olaanaa jedhaman ajjeefamani jiran.

Kanneen keessaa namoonni sadi bakka hojii isaanii irraa otoo deebi'aa jiranii naannoo Shiboo Gibbii jedhamutti dhukaasa humnoota Raayyaa Ittisaa Biyyaa irraa itti dhukaafameen kan ajjeefaman hoggaa tabu Obbo Lammii Dirribaa ammoo ganama naannoo sa’aatii tokkotti buufata konkolaataa keessa yeroo qaamni lachu walitti dhukaasanitti ajjeefaman.

Address

4545 45 Street SW
Calgary, AB
T3E3W3

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when BBS Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to BBS Media:

Share