Communication Page

Communication Page All Are Done

✨ Discover the Beauty of Harar — The Living Museum. ❤Every street tells a story, every corner preserves history.✨
05/08/2026

✨ Discover the Beauty of Harar — The Living Museum. ❤
Every street tells a story, every corner preserves history.✨

 !Harargee Bahaa Aanaa Gola odaatti duulli Dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara 2018 dhaabun jalqabamurratti argam...
03/08/2026

!
Harargee Bahaa Aanaa Gola odaatti duulli Dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara 2018 dhaabun jalqabamurratti argama.

𝐊𝐞𝐧𝐧𝐢 𝐓𝐚𝐣𝐚𝐚𝐣𝐢𝐥𝐚 𝐋𝐚𝐦𝐦𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐇𝐮𝐦𝐧𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐨𝐨 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐐𝐢𝐱𝐚𝐚𝐧 𝐅𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐮𝐮𝐧 𝐎𝐥𝐤𝐚'𝐢𝐧𝐬𝐚 𝐁𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐮𝐠𝐨𝐨𝐦𝐬𝐮𝐮 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐒𝐡𝐨𝐨𝐫𝐚 𝐎𝐥𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 ...
27/07/2026

𝐊𝐞𝐧𝐧𝐢 𝐓𝐚𝐣𝐚𝐚𝐣𝐢𝐥𝐚 𝐋𝐚𝐦𝐦𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐇𝐮𝐦𝐧𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐨𝐨 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐐𝐢𝐱𝐚𝐚𝐧 𝐅𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐮𝐮𝐧 𝐎𝐥𝐤𝐚'𝐢𝐧𝐬𝐚 𝐁𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐮𝐠𝐨𝐨𝐦𝐬𝐮𝐮 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐒𝐡𝐨𝐨𝐫𝐚 𝐎𝐥𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐓𝐚𝐩𝐡𝐚𝐭𝐚!
-------------
Adoolessa 20/2018 Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola odaatti Gamaaggamni raawwii hojii tajaajila lammummaa bara 2018 fi Boqonnaan qophii karoora bara 2019 kallattiin karoora of danda'uu bakka Bulchaan Aanaa Obbo Aliyi Mohammed, I/G Waajjira Paartii Badhadhinaa Damee Aanicha Obbo Dawit Mengistu Akkasumaas Koreen Qindeessaa Aanaa,,Hoggantoonni Seektaraalee,Aanaa fi Hooggansa Gandootaa hirmaachiseen gaggeeffamaa jira.

Galmi hojii tajaajila lammummaa humna keessoo keenyaa qindeessuun misooma waloof oolchuudha. Hojii waggootan muraasa darban hojjetameen milkaa'inootni gurguddaan galmaa’uu danda’aaniru.

Kenni tajaajila lammummaa tokkummaafi walooma hawaasa gidduutti kan cimsuu yoo ta'u,bakka baajetni mootummaa hin qaqqabnetti rakkoo misoomaa jiru furuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jira.

Kenni tajaajila lammummaa humna keessoo keenyaa qixaan fayyadamuun olka'insa biyyaa dhugoomsuu keessatti shoora olaanaa akka taphatu dubbattaniiru.

  Daandiin Rakkoolee Hawaas Diinagdee furuu keessatti eddoo ol'aanaa qaba!!Adoolessa 17/2018 Godina Harargee Bahaa Aanaa...
24/07/2026


Daandiin Rakkoolee Hawaas Diinagdee furuu keessatti eddoo ol'aanaa qaba!!

Adoolessa 17/2018 Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaa Ganda Jiddoo misraatti Suphaa daandii gandoota walqunnamsiisu haala itti fufiinsa qabuun hojjetamaa jira.

Daandiin hidda dhiigaa dinagdee uummataafi biyyaa guddisuu keessatti utubaa ta'ee kan tajaajiluudha. bu'uuraalee misoomaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessan bakka hundatti hojiirra oolchuufi hawaasa hunda qaqqabsiisuuf daandiin jiraachuun barbaachisaadha.

Hawaasni daandii mijataa bonaafi ganna tajaajilu yoo hin argatin jireenya hawaasummaafi dinagdee isaa karaa guutuu ta'een geggeeffachuuf waan rakkatuuf komataa ta'a.

Kanumaan wal qabatee daandiin Ganda jiddoo misraa bonaafi ganna karaa guutuu ta'een uummata tajaajiluu waan hin dandeenyeef madda komii uummataa Isa olaanaa ta'ee tureera.

Rakkoo kana hundeerraa furuuf maashinni daandii hojjetu kan hirmaannaa Hawaasaatin bitame suppaa daandii Ganda jiddoo misraa hojjii egalame kana galmaan gahuuf hawaasaaf tajaajila akka kennu taassisuuf hojjetamaa jira.

daandiichi osoo suphaa hin argatin yeroo dheeraaf rakkoo bulchiinsa gaarii ta'ee kan turee fi ammarratti daandiichi suphamun isaa hawaasni gandiichaa fi dargaggoonni gammachuu guddaa akka qaban dubbataniiru.

Mootummaan jijjiiramaa rakkoowwan kenninsa tajaajilaa gama hundaan hawaasa keenya mudataa jiru dhawata dhawataan furuuf kutannoo cimaadhaan hojjetaa jira.

Kana malees daandiin Kun qulqullinaan hojjetamee faayidaa barbaadameef akka oolu hordoffii barbaachisaan taasifamaa kan jirudha. hawaasnis daandiin hojjetamaa jiru qabeenya isaanii ta'uu beekanii kunuunsaafi eegumsa barbaachisaa gochuun gahee hawaasaati.

  10K Followers Thank You All My Friends
23/07/2026

10K Followers Thank You All My Friends

𝔾𝕠𝕝𝕒 𝕆𝕕𝕒𝕒𝗕𝗮𝗴𝗮 𝗚𝗮𝗺𝗺𝗮𝗱𝗱𝗮𝗻 𝗕𝗮𝗴𝗮 𝗚𝗮𝗺𝗺𝗮𝗻𝗻𝗲************𝗕𝗮𝗿𝗮𝘁𝘁𝗼𝗼𝗻𝗻𝗶𝗶 𝗠𝗮𝗻𝗮 𝗕𝗮𝗿𝘂𝗺𝘀𝗮 Addaa Haacaaluu Hundeessaa  𝗞𝘂𝘁𝗮𝗮 8𝗳𝗳𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝘅𝗶...
22/07/2026

𝔾𝕠𝕝𝕒 𝕆𝕕𝕒𝕒
𝗕𝗮𝗴𝗮 𝗚𝗮𝗺𝗺𝗮𝗱𝗱𝗮𝗻 𝗕𝗮𝗴𝗮 𝗚𝗮𝗺𝗺𝗮𝗻𝗻𝗲
************
𝗕𝗮𝗿𝗮𝘁𝘁𝗼𝗼𝗻𝗻𝗶𝗶 𝗠𝗮𝗻𝗮 𝗕𝗮𝗿𝘂𝗺𝘀𝗮 Addaa Haacaaluu Hundeessaa 𝗞𝘂𝘁𝗮𝗮 8𝗳𝗳𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝘅𝗶𝗶 𝗢𝗹 𝗔𝗮𝗻𝗮𝗮 𝗚𝗮𝗹𝗺𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗻.

Qormaata Biyyoolessaa Bara Barnootaa 2018 keessaatti Barattoonni Mana Barumssaa Addaa Haacaaluu Hundeessaa Qormaata
Biyyoolessaa kutaa 8ffaa qoraman Qabxii ol'aanaa Galmeessuun gara marsaa itti aanuutti ce'an.

Barattoonni, Barsiisonnii, maatiin barattootaa, qooda fudhattoonni fi hawaasni Aanaa keenyaa marti Baga gammaddan Baga Gammanne Milkiin itti fufa!

Address

Addis Ababa

Telephone

+251930501578

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Communication Page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Communication Page:

Shortcuts

Share