Maayaa

Maayaa Unity is most important life

12/04/2024
12/04/2024
Finxaleeyyii fi geeyyriin tokkummaa.
12/04/2024

Finxaleeyyii fi geeyyriin tokkummaa.

Dhimma Galaana Gurraachaarratti giddu seentummaa Ameerikaas ‘NATO’s akka hinbarbaanne Turki beeksiste, Sadaasa 9, 2016 D...
19/11/2023

Dhimma Galaana Gurraachaarratti giddu seentummaa Ameerikaas ‘NATO’s akka hinbarbaanne Turki beeksiste

, Sadaasa 9, 2016
Dhimma Galaana Gurraachaarratti giddu seentummaa Ameerikaas ta’e Dhaabbata Waadaa Waraanaa Atilaantikii Kaabaa (NATO) akka hinbarbaanne Turki beeksiste.

Dhimma nageenyaa naannawichaa irratti Turki kan geessu ta’uu Ajaajaan Humna Galaanaa Turki Ejimant Taatlowuloo dubbataniiru.

Humnoonni giddu seentummaa amaleeffatan akka biyyoota Giddugaleessa Bahaa naannawicha akka jeeqan kan hinbarbaanne ta’uu eeraniiru.

Ajaajaan humnichaa guyyaa hundeeffama Mana Barnootaa Humna Galaanaa biyyattii wayita kabajametti ejjennoo biyya isaanii beeksisuu miidiyaan Mehrnews jedhamu gabaaseera.

Galaanni Gurraachi Awurooppaa fi Eeshiyaa gidduutti kan argamu yoo ta’u, Yuukireen, Raashiyaa, Joorjiyaa, Turkii, Bulgaariyaa fi Roomaaniyaan waloon kan fayyadaman ta’uun eerameera.

FBC afaan oromoo

Oromiyaatti Bakkeewwan Ikkoo Tuuriizimii fi Paarkiiwwan Daangeffaman Suuraan:
19/11/2023

Oromiyaatti Bakkeewwan Ikkoo Tuuriizimii fi Paarkiiwwan Daangeffaman Suuraan:

Hoggantoonni Mootummaa Ol'aanoo fi giddu-galeessaa wiirtuu Haramayaatti leenjii fudhachaa jiran guyyaa har'aa godina Har...
19/11/2023

Hoggantoonni Mootummaa Ol'aanoo fi giddu-galeessaa wiirtuu Haramayaatti leenjii fudhachaa jiran guyyaa har'aa godina Harargee Bahaatti hojiiwwan misoomaa gara garaa daawwachuun muuxxannoo qooddataniiru.

Haaluma kanaan godinichatti ijaarsi Pirojektii Gamoofi Galma Bulchiinsa Godina Harargee Bahaa Qarsh, Mil.300 oliin ijaaramaa jiruu fi Kilaastarri Mudraa Maangoo ,burtukanaa ,pappaayyaa Aanaa Baabbilee leenjitootaan daawwatamuun Muuxannoon fudhatameera.

Godinaalee Iluu Abbaa Boorii fi Jimmaatti hojiileen misoomaa daawwatamanSadaasa 9, 2016  Hoggantootni Mootummaa naannole...
19/11/2023

Godinaalee Iluu Abbaa Boorii fi Jimmaatti hojiileen misoomaa daawwataman

Sadaasa 9, 2016
Hoggantootni Mootummaa naannolee garagaraa magaalaa Mattuu fi Jimmaatti leenjii fudhachaa jiran daawwanaa muuxannoo waljijjiirraa hojilee misoomaa garagaraa taasisaniiru.

Haaluma kanaan, Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Aalleetti kilaastera Dammaa, misooma Baala Shaayee daawwaataniiru.

Kana malees, Aanaa Algee Saachiitti hojiin invastimantii bunaa daawwatameera.

Daawwannicharratti Bulchaan Godinichaa Obbo Kaafiyaalew Ayyaanaa imala Badhaadhina milkeessuuf eegalame keessatti qonnaan bultoonni fi waldaaleen hojiileen hojjechaa jiran milkaa’ina sagantichaaf argisiistuudha jedhan.

Hirmaattooni daawwanichaas muuxanno godinichatti argatan naannawaa dhufanitti wayita deebian ummata hubachiisuu fi qabeenya jirutti sirnaan fayyadamuun jijjiirama fiduuf kutannoon kan hojjetan ta’uu eeraniiru.

Gama biraatiin hoggantoonni mootummaa giddugala leenjii Jimmaa marsaa 3ffaa fudhata jiran Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti Giddugala Raammoo kompoostii fi inisheetiivii misooma Muuzii sanyii fooyya'aa daawwataniiru.

Daawwattoonis carraalee misoomaa qabnu hundatti qixaan fayyadamuun yoo hojjanne yeroo gabaabaa keessatti badhaadhina biyyaa dhugoomsuun akka danda’amu agarsiiftuu ta’uu himaniiru.

Muuxannoowwan daawwannaa kanaan argatan gara naannoo isaaniitti babal'isuudhaan hojii bu'a qabeessa hojjachuudhaaf xiiqeffachuu ibsu ragaan komikeeshinii godinaaleerraa argame ni mul’isa.

Address

Addis Ababa

Telephone

+251901908040

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Maayaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Maayaa:

Share