09/07/2025
Ariifachiisaa
Namni hunduu Akka Amantaa Amantaa isaatti.
Daandii Geedoo – Mana Beenyaa keessuma rakkoo km 30f uummatii waggoota hedduuf furmaata dhabee gidiraa argaa waan jiruuf; akkasumas namoota eenyummaa isaanii hin beekamneen saammichaa, dhiiga dhangaalaasuu fi ajjeechaa imaltootaa fi Konkolaachiftoota irratti geeggeeffamaa jiru daraan hammachaa waan dhufee gara Waaqayyotti iyyuun barbaachisaa ta’ee argameera. Kanaaf amantaa kami iyyuu keessa kan jirtan gaafa Adoolessa 13 bara 2017tti sagantaan kadhanna qabamee waan jiruuf guyyaa sana gara Waaqayyootti haa iyyinu! Kanaaf Godina Lixa Shawaa keessaa Aanaa Calliyaa, Aanaa Midaa Qanyii akkasumas Godina Horroo Guduruu keessaa Aanaa Jimmaa Raaree, Aanaa Coomman Guduruu, Aanaa Guduruu, Aanaa Abaaboo Guduruu, Aanaa Abbaay Comman, fi Aanaa Sulula Fincaa, Aanaa Horroo kallattin kan ilaallatu yommuu ta’u yoo dandaa’ame akka Godina Horroo Gudurutti illee yoo kadhaan godhame gaarii dha.
Kanaaf hojii daandii kanaa ilaalchisee yaaliin gama qaami dhimmi isaa ilaallatuun waliin godhamaa jiru akka jirutti ta’ee, Waaqayyoon kadhachuun furmaata hunda irra caaluu waan ta’eef dhimma kana waliif qoodaa! Kadhannaaf yoo danda’aame kadhata laguuf of qopheessaa! Lafa keenya haa baraarru!
! Godhaa guyyicha namni hunduu gara waaqayyootti akka iyyuuf🙏