18/08/2026
Baga Ayyaana Tulluu Taaboor
(Buhee) Nagaan Geechan!
Maqaa Abbaa kan ilmaa kan Afuura Qulqulluu waaqayyo tokko Ameen.
🔜Kun ilma koo isa ani jaalladhu,
isa dhaga'aa!
Mar. 9:7
🔜Ayyaanni ayyaanota Gooftaa Gurguddoo manni amantaa keenya kabajju 9'n keessaa tokko yoo ta'u waggaa waggaadhaan hagayya 13 haala ho'aa fi miidhagaa ta'een kabajama!!
🔜Gama biraatiin Ayyaanni kun Ayyaana Buhees ni jedhama. Buhee jechuunis mul'achuu, ifoomuu, beekamuu jechuudha.
Kunis waaqummaa Iyyesuus kiristoos warreen shakkaa turaniif guyyaa itti ifoome waan ta'eefi.
🔜Guyyaa gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos Duuka bu'oota isaa keessaa PHeexiroos, Yohaannisiif Yaa'iqoobin, warra du'an kessaa waggaa 1644 booda Musee, warra jiran keessaa immoo "Eliyaasiin" fidhuudhaan inni (Iyyesuus Kiristoos) Waaqa warra jiraatanii, Waaqa warra du'anii waaqa barabaraan jiraataa kan ta'e ta'uu isaa tullicha irratti Kan mul'ise ta'uu isaatu barreeffamee argama. Mat 17:1-9, Marq 9:2-8 Luq 9:28-36
☑️Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyesuus kiristoos Maaliif ifa waaqummaa isaa Tulluu Taaboor irratti mul'isee???
1.🔜Waaqummaa Iyyesuus kiristoos irratti shakkii namoota gidduu ture hambisuuf.
🔜Akkuma Mat 16:13 irraa hubannu gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos waa'ee eenyummaa isaa yeroo duuka buutota isaa gaafatutti (namoonni Eenyu jedhanii na waamu?) jedhee yammuu gaafatu baay'en isaanii
🥀ati Eeliyaasidha,
🥀ati Museedha
🥀ati Ermiyaasdha
🥀kaan immoo raajota keessaa isa tokko siin jedhu jedhanii duuka bu'oonni isaa deebisaniiruuf. Deebiin jaraa kun gooftaa keenya iyyesuus kiristoosiin waan hin ibsneef duuka buutota isaatiin immoo isiin hoo eenyu nan jettu jedheen.
☑️Gooftaanis isiin warri barumsa Afaan kootii, dinqiiwwan harka kootii agartan eenyu nan jettu? jedhee duuka buutota isaa gaafate. yeroo kana Hangafti Duuka buutota gooftaa Qulqulluun Pheexiroos akkas jedheen:-
kunoo
👇
🔜Simoon Phexros deebisee, "Ati Masiihicha, ilma Waaqayyoo jiraataa ti" jedhe.
Mat. 16:16
🔜Eeyyee Amantaan keenyas kan bu'uureffame Pheexiroos kana irrattidha. gooftaanis kana kan sif mul'isee foonii fi dhiiga osoo hin taane koo isa samii irraatu siif ibsee malee erga jedheeniin booda mana qulqullummaa isa samii gubbaa kenneeraf. kan inni lafa iraatti hidhe samii irratti akka hidhamu, kan inni lafa irratti hiike samii irratti akka hiikamu waadaa galeeraaf.
kunoo
👇
🔜Banaa mootummaa waaqaa siifan kenna; waanumti ati lafa irratti hiite, waaqa irratti hidhamaa in ta'a; waanumti ati lafa irratti hiikte immoo waaqa irrattis hiikamaa in ta'a" jedhe.
Mat. 16:19
🔜Har'as Amantaaleen heedduun biyya lafaa kana irra jiran gooftaa keenya Iyyesuus kiristoosiin maqaa sirriin hin waaman. kaan iyyesuus har'as araarsaadha jedhu, kaan immoo Iyyesuus Nabiyyii rabbiiti jedhu, kaan Waaqayyo hin dhalus hin dhalchus jechuun ammallee ilmi waaqayyoo "𝙬𝙖𝙖𝙦𝙖𝙮𝙮𝙤" hin dhalanne jedhu kkf jedhu.
☑️Egaa Amantaa Qulqulleettii Tewaahidoon hamma dhumaatti jiraachuun akka Qulqulluu Pheexiroos warra Iyyesuus ilma isa ! jennu waaqayyo nu haa gargaaru.
🔜kanaaf jecha gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos , , Ermiyaasiinis kan hin taane ta'uu isaafi inni Musee, Eeliyaa fi Ermiyaas faa ta'uu isaa namoota turan hubachiisuuf Museef Eeliyaas tullicha irratti akka argaman isaan taasise
🔜Yeroo kana qulqulluun Pheexiroos gooftaadhaan, as jiraachuun nuuf gaariidha! godoo sadiis asitti ijaarra tokko si'iif, tokko Museef, tokkos Eliyaasiif jedhe. tokko ofii kootiif hin jenne sababni isaa qulqulloonni anaaf jechuu irraa obboleessa kootiif jechuu filatuum.
kunoo
👇
🔜Phexros gidduutti, "Yaa barsiisaa! Asitti argamuun keenya attam gaarii dha! Kottaa asitti godoo sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokkos Eliyaasiif in ijaarraa" jedhee Yesusitti dubbate.”
Mar. 9:5
🔜dhugaattuu bakka kiristoosii fi qulqulloonni jiran jiraachuun akkam namatti tolaa???
2.Waadaa Museef galee ture raawwachuuf.
☑️Akkuma Ba'uu 33:17-23 irratti barreeffame Museen walitti dhufeenya cimaa waaqayyo waliin qabu irraa kan ka'e "Maaloo Fuula kee natti agarsiisi!" jedhee waaqayyoon kadhatee ture! waaqayyos kadhannaa isaa kanaaf akkas jedhee deebii kenneef! "Namni fuula koo arge jiraachuu waan hin dandeenyeef, ati fuula koo arguu hin dandeessu." (Seera Ba'uu 33:20)
☑️sababni inni akkas jedheef waaqayyo waaqummaa isaatiin eenyumtillee arguu waan hin dandeenyeef,yoo arges jiraachu waan hin dandeenyeefidha.
waaqayyo ammas itti fufee Museedhaan akkana jedheen... "(Kunoo ana bira as iddoo kana kattaa irra dhaabadhu! Yeroo ulfinni koo darbuutti jiru, holqa kattaa keessa sin kaa'a, hamma ani darbuttis harka kootiin sin golbooba. Ani harka koo si duraa nan fuudha, ati immoo koo in argita; fuulli koo garuu hin argamu" jedhe.(Seera Ba'uu 33 )
☑️Dugda koo ni argita jechuun isaa dugdi booda keenyatti akka argamu "gara boodaatti waaqayyo ilmi durbee Maariyaam irraa dhalachuudhaan Tulluu Taabor irratti yeroo mul'atu nii argita" jechuu isaati!
☑️kattaa irra dhaabbadhu "jechuun isaa waggaa 5500 xumuramee foon namaa uffadhee dhaladhee irratti hamman mul'adhutti ati duutee awwalcha keessa nii turta jechuu isaati. (na arguudhaaf hamma kana eeguu qabda jechuusaati)
☑️harka kootiin sin golbooba!" jechuun isaa dhaladhee hamman Tulluu Taabor irratti mul'adhutti (humna) koo sirra nan kaa'a jechuu isaati.
☑️Ani harka koo siduraa nan fuudha!" jechuun isaa foon namaa uffadhee yeroon dhaladhutti aangoo du'aa sirraa nan fuudha. du'aa sin kaasa jechuu isaati
🔜Egaa Waaqayyo akkuma waadaa isaaf gale kanatti yeroo yeroon isaa gahetti haadha keenya durbee Maaryaam irraa dhalachuudhaan ulfina waaqummaa isaa Tulluu Taabor irratti yeroo mul'isutti raajota keessaa Museef Eeliyaas duuka bu'oota keessaa immoo PHeexiroos ,Yohaannisiif Yaa'iqoob Tullicha irratti akka argaman taasise.
🔜 Museen hawwii waaqayyoon arguuf qabu osoo hin raawwataminiif yoo boqote illee waaqayyo (Iyyesuus kiristoos) Awwaala keessaa waamee tulluu Taaboor irratti waadaa galeef raawwateeraaf.
🌹Waaqayyo kakuu siif gale (waan sitti dubbate) osoo siif hin raawwatin hin hafuum.
kunoo
👇
🔜Kunoo, ani sii wajjinan jira, iddoo ati dhaqxu hundumaatti sin eega; biyya kanatti sin deebisa, waan ani sitti dubbadhe malee, si hin gatu!" akkuma jedhu.
Uma. 28:15
🔜kakuu moofaa keessaa Museef Eeliyaasiin, kakuu haaraa keessaa bartoota sadan fudhatee tullicha irratti argamuun isaas:-
☑️Tulluun Taabor fakkeenya (Bataskaanaa) yommuu taatu mana kiristiyaanaa keessatti immoo kakuu moofaa fi kaakuu haaraan gonkumaa kan addaan hin baaneef wajjin kan jiraatan ta'uu isaa nu hubachiisuufidha.
🔜Manni Kiristiyaanaa dubbii raajonni kakuu moofaa keessatti dubbachaa turanii fi duuka buutonni gooftaa kakuu haaraa keessatti barsiisaa turan fudhachuudhaan waaqummaa Iyyesuus kiristoos kan amantuu fi barsiistu ta'uu ishee nu hubachiisuuf.
🔜Tulluun Taabor fakkeenya Mootummaa waaqayyoo yommuu taatu mootummaa waaqayyoo immoo raajonnis duuka bu'oonnis kan dhaalan ta'uu isaa nu barsiisuuf
🔜Museen kan fuudhe yommuu ta'u Eeliyaas garuu hin fuune. mootummaan waaqayyoo, warri fuudhanis warri hin fuunes qajeelummaatti jiraannaan kan dhaalan ta'uu nu barsiisuuf
🔜Museen seera uumamaa yeroo barreessu "jalqaba irratti waaqayyo samiif lafa uume"jechuun jalqabe. seera uum.1:1 Yohaannis immoo yeroo wangeela barreessu "jalqaba irratti sagaleetu ture" jechuun jalqabe! Yoh 1:1
Iyyesuus Kiristoosis inni Museen duraan waaqummaa ko ragaa bahe inni Yohaannis amma waaqummaa koo ragaa bahaatti jiru ani "Waaqayyodha" jedhee nu barsiisuudhaaf
🔜Duraan Eeliyaasiif kennaa kennuudhaan waggaa 3f ji'a 6f bokkaan akka hin roobneef samiin akka hidhamtu taasisee waggaa kana booda immoo samiin hiikamte bokkaa roobuu akka dandeessu akkuma goosise sana PHeexiroosiifis kennaa "hidhuuf hiikuu" isaaf kennuudhaan ""Bantuu mootummaa waaqaa siifan kenna; waanumti ati lafa irratti hiite, waaqa irratti hidhamaa in ta'a; waanumti ati lafa irratti hiikte immoo waaqa irrattis hiikamaa in ta'a"
(Maatewos 16: 19) jedhee kennaa guddaa kana isaaf kennuu isaa nu hubachiisuufi dha.
3.Raajii dubbatame raawwachuuf.
🔜Tulluu Taaboriin kan inni filateef Duraan dursee ulfinni waaqummaa isaa Tulluu kana irratti akka mul'atu raajotaan dubbatamee waan tureef raajii kana raawwachuuf Tulluuwwan jiran keessaa Taaboriin qofa filate!
kunoo
👇
🔜Gara bitaa fi gara mirgaa situ uume, tulluun Taaborii fi Armooniyeem maqaa keetti nii ililchu (gammadu)!."
Faar 88(89): 12)
🔜Guyyaa kanattis waaqayyo Abbaan duumessa keessaan ilmi koo an jaal'adhu isaatii, isa dhaga'aa jedhe!
kunoo
👇
⛔️Yommus duumessi dhufee hunduma isaaniitti uffise; sagaleenis duumessicha keessaa dubbatee, "Kun ilma koo isa ani jaalladhu, isa dhaga'aa!" jedhe.
Mar. 9:7
🔜har'a biyyi lafaa nagaa kan argatu waan ilmi waaqayyoo jedhe yoo dhaga'ee ittiin jiraate qofaadha. malee hangafa nagaa kan ta'e dhiisanii, kaanis walga'ii nagaa yeroo adda addaatti taa'uun nagaa hin argamsiisu. kanaafuu waan ilmi waaqayyoo jedhu haa dhageenyu!
🔜Guyyaa Ayyaana kanaa:-
🥀xomboorri maaliif qabsiifama?,
🥀Qacceen Maaliif dhukaafama?
🥀Daabboon maaliif hojjetamaa?
Deebiin isaa:-
kunoo
👇
✝️Qacceen kan xaxxaaxeffamuuf yeroo gooftaan keenya Tulluu Taaboor irratti ifa waaqummaa isaa mul'isu waaqayyo Abbaan duumessa keessaan ilmi koo an jaal'adhu isa, isa dhaga'aa jedhee sagalee dhageessiseera. Sagalee kana yaadachuufis Qacceen ni xaaxeffama. Gama biraatiin Qacceen kan xaaxeffamuuf Akka Abbootni keenya barsiisanutti Yeroon itti Gooftaan keenya fayyisaan keenya Iyyesuus kiristoos Humna waaqummaa (ifa waaqummaa) isaa itti mul'ise gara ture. yeroo kana Gooftaan ifa waaqummaa isaa waan mul'iseef Tulluun taaboor irri ni ife. tiksitoonnis bakki kaan dukkana waan tureef ifa kana ilaalanii gammadaniis dinqisiifachaa qaccee turan. fakkeenya kana godhachuun baadiyyaatti ijoolleen qaccee xaxxaaxessu. Magaalaatti immoo fi kanneen sagalee qaban biraa xaaxessu.
🔜Warri maatii tiksitootaas ijoolleen jaraa akka duraaniitti yeroon horii galchuu waan hafaniif ijoollee jaraa barbaacha qabsiifatanii, waan jarri nyaatan daabboo harkatti qabatanii gara ijoollee jaraa deeman.
🔜kana fakkeenya godhachuunis guyyaa Ayyaana Tulluu Taaboor Daabboon ni tolchama, xomboorris ni ifsama.
🔜Gama biraatiin xomboorri kan qabsiifamuuf Ayyaanichi Ayyaana ifaa ta'uu isaatiini Guyyaa itti ilmi waaqayyoo ifa waaqummaa isaa itti mul'ise waan ta'eef qabsiisu.
🔜Jalbultii Ayyaana kanaa irrattis ijoollonni gammachuu jaraa ibsachuuf mana irra naanna'uun ni faarfatu. namoonnis qarshiis ta'ee daabboo waan qabanu ni kennuuf.
🔜ha ta'u malee namoota qarishii kennan eebbisanii, kan waan kennan dhaban abaaruun, Ayyaanicha qarishii itti walitti qabatan godhanii ilaaluun, sirbuu fi dhuganii machaa'uun hiikaa ayyaanicha dhabsiisa waan ta'eef irraa of qusachuu qabna.
🔜Sababni isaa Ayyaanichi Ayyaana kiristaanaati. kiristaanni immoo Ayyaaneffachuu kan qabu baay'ee dhuguu fi sirbuu (dhiichisuu)'n osoo hin taane mana waaqayyootti argamuun sagalee waaqayyoo barsiisuu fi barachuun, gaabbii galuun foonii fi dhiiga gooftaa fudhannee kan ittiin wal dhabnetti araaramuun ta'uu qaba.
🔜Ayyaanni gooftaa Iyyeesuus Kiristoos, jaalalli Waaqayyoo, tokkummaan hafuura qulqulluus hunduma keenyaa wajjin haa ta'u!
2Qor. 13:13
Mi'ooftuu multimedia
🥀A𝙮𝙮𝙖𝙖𝙣𝙖 G𝙖𝙖𝙧𝙞𝙞!!!
🥀Ameen