Al Sofumar News-ASN

Al Sofumar News-ASN Oduu addunyaa Afaan Oromootiin Oduulee waqtaawoo idil-Addunyaa

Beekaa ta'uu yoo barbaaddan dubbisaa
16/08/2026

Beekaa ta'uu yoo barbaaddan dubbisaa

Shororkeessitoota Kiristiyaanaa Maqaa Islaamaatiin Bobbaafaman.ISIS yeroo dheeraaf dhaabbata shororkeessaa Islaamaati je...
15/08/2026

Shororkeessitoota Kiristiyaanaa Maqaa Islaamaatiin Bobbaafaman.

ISIS yeroo dheeraaf dhaabbata shororkeessaa Islaamaati jechuun miidiyaalee warra dhiyaatiin ololamaa turuun isaa ni yaadatama. Dhaabbanni kun guutummaa addunyaatti lammiilee nagaa mana waliin gubuun, masjiidota guyyaa salaata Jum'aa namoota kumaatamaan lakkaa'aman waliin barbadeessuun beekama. Kanuma waliinuu dhaabbanni badee balleessuun beekamu kun kaabbaa maqaa muslimootaa uffatee bobbaafamaa tureedha.

Dhugaan Jiru Hoo Maaliidha?

Namni suuraa irratti armaan gaditti mul'atu kun maqaan sirriii isaa"Beenjaamiin Efreem" jedhama. Shororkeessaa maqaa muslimaa "Abu Hafs" jedhamu uffachuun baroota dheeraaf Liibiyaa keessatti shororkeessummaan lammiilee nagaa fixaa ficcisiisaa tureedha. Kanaan dagalettis namni kun imaama masjiidaa ta'uun ummata hogganaa kan ture yoo ta'u, icciitii mootummaas baasee dhaabbata basaasaa Israa'il mosaadiif fi CIA Ameerikaatiif kennaa turuu isaattu irra gayame. Guutummaa addunyaatti shorokeessitoonni kiristaanaa kaabbaa maqaa muslimootaa uffachuun bobbaafaman kumaatamaan lakkaayamu jechuun miidiyaaleen gabaasan.

Oduu AddaatiinRaajiin Sudaan Kibbaa Pheexroos jedhamu hoggantoonni Sudaan Kibbaa umriin isaanii waggaa 55 ol ta'e gidduu...
15/08/2026

Oduu Addaatiin

Raajiin Sudaan Kibbaa Pheexroos jedhamu hoggantoonni Sudaan Kibbaa umriin isaanii waggaa 55 ol ta'e gidduu ji'oota Sadaasa hanga Muddeetti du'aan addunyaa kana irraa ni boqatu jechuun raajee jira.

RAKKINNI WARAANAA OROMIYAA KEESSATTI HAMMAACHAA JIRAOromiyaa keessatti, keessumaa naannolee Shaggar, Harargee Bahaa fi B...
14/08/2026

RAKKINNI WARAANAA OROMIYAA KEESSATTI HAMMAACHAA JIRA

Oromiyaa keessatti, keessumaa naannolee Shaggar, Harargee Bahaa fi Baalee Bahaa, dargaggoota dirqiin waraanaaf guuruun irra deebiin gabaafamaa jira.

Maatiin tokko tokko akka jedhanitti, dargaggoonni fedhii isaanii malee qabamanii fudhatamaa jiru; yeroo tokko tokko immoo gadhiifamuuf maallaqa humnaa olii gaafatamaa jirra jechuun himatan.

Yeroo rakkoon nageenyaa Itiyoophiyaa keessatti itti fufetti, gabaasni kun gaaffiiwwan ciccimoo kaasaatii jira.

Dirqiin waraanaaf guuruun maalif?
Eenyutu itti gaafatama?

Nageenyi uummata eeguuf malee, uummata sodaachisuuf miti.

Qormaata naannoo irratti dhibba keessaa dhibba galmeessite   ~Najiwaa Sayid, Kombolchaa irraa!Qormaata biyyaalessaa fi n...
14/08/2026

Qormaata naannoo irratti dhibba keessaa dhibba galmeessite
~Najiwaa Sayid, Kombolchaa irraa!

Qormaata biyyaalessaa fi naannoo irratti dhibba keessaa dhibba (100%) galmeessuun waan yeroo baay’ee hin mul’annee dha. Haa ta’u malee, barattuun Kombolchaa, Najiwaa Sayid, qormaata naannoo kutaa 6ffaa bara 2018 A.L.I. irratti qabxii guutuu galmeessiteetti.

Najiwaan barattuu Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa fi Giddugaleessaa Lak. 2 Kombolchaa yoo taatu, qormaata naannoo kutaa 6ffaa irratti barnoota hunda keessaa 100% fiduun qabxii olaanaa galmeessitee jirti.

Maatiin ishee fi barsiisonni akka jedhanitti, Najiwaan kutaa 1ffaa irraa eegaltee barnoota ishee fi naamusa isheetiin barattuu dorgomaa fi cimaa turte jedhu.

Najiwaan akka ibsiteetti, iccitii milkaa’ina ishee sa’aatii dheeraaf taa’anii qofa qo’achuu osoo hin taane, daree keessatti sirriitti hirmaachuu fi mata-duree barnootaa sirriitti hubachuu dha. Waan dubbistu xiqqoo xiqqoodhaan yaadachuu fi irra deebi’anii barreessuunis mala qo’annoo isheen itti fayyadamtu keessaa isa tokko dha.

Yeroo sammuu ishee qophaa’aa fi dammaqaa ta’e, jechuunis subii sa’aatii 11:00 irraa eegalee qo’achuu akka filattu ibsiteetti.

Najiwaan gara fuulduraatti qorattuu urjiiwwanii (astronomer) fi injinara sooftiweerii (software engineer) ta’uu akka hawwitu dubbatti. Dhaabbilee guguddoo addunyaa, kanneen akka NASA keessatti hojjechuu fi damee Artificial Intelligence (AI) keessatti hanqina jiru furuuf kalaqa teeknooloojii haaraa uumuu akka abjuu ishee guddaa ta'e ibsite.

Abbaan ishee, Obbo Sayid Isheetee, maatiin isaanii sagantaa qo’annoo baafachuun fi hordoffii gochuun Najiwaadhaaf deeggarsa akka godhan ibsaniiru. Yeroo “barattoonni biroon si caaluu hin qaban” jedhanii ishee kakaasan, Najiwaan “Ani kan dorgomu ofuma koo wajjin” jettee akka deebistu abbaan ishee himaniiru.

Haati ishee, Aadde Faaxumaa Ibraahim, Najiwaan mana keessatti hojiiwwan salphaa hojjechuu fi barnoota isheef xiyyeeffannoo guddaa kennuu akka dandeessu ibsaniiru.

Itti-aanaan daarektara Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa fi Giddugaleessaa Lak. 2 Kombolchaa, Indiris Ababaa, Najiwaan kutaa 1ffaa irraa eegalee barattuu baay’ee dorgomaa, naamusa gaarii qabdu fi cimaa ta’uu ibsaniiru. Dorgommii barnoota Qalam sadarkaa magaalaatti gaggeeffame irrattis tokkoffaa ba’uu ishee himaniiru.

Dhumarrattis, milkaa’inni fi qabxiin olaanaan Najiwaa carraaqqii ishee qofa osoo hin taane, tattaaffii waloo maatii fi barsiisotaan kan dhufe ta’uu ibsameera.

Gammachuu fi milkaa’ina guddaa Najiwaaf!

14/08/2026
Pizdaantiin Ameerikaa gaarii geejjibaa nyaataaKeessatti Dhokatan.New York Times maddoota mootummaa Ameerikaa eeruun akka...
13/08/2026

Pizdaantiin Ameerikaa gaarii geejjibaa nyaataa
Keessatti Dhokatan.

New York Times maddoota mootummaa Ameerikaa eeruun akka gabaasetti, Iraan Pirezidaantii Ameerikaa Donaald Tiraamp irratti haleellaa raawwachuuf karoorfachuu isaa ilaalchisee Erga odeeffannoon kun qaqqabee booda, yeroo Tiraamp Turkii irraa ba’aa turetti, humnoonni nageenyaa Ameerikaa gaarii geejjibaa nyaataa (catering cart) keessa dhoksuun gara xiyyaara waraanaa geessanii turan jedhame.

ITOOPHIYAATTI WAL QIXXUMMAAN AMANTAA HIN JIRU.Muslimoonni Aksuum yeroo du'an illee Aksuum keessaa iddoo Awwaalchaa hin q...
13/08/2026

ITOOPHIYAATTI WAL QIXXUMMAAN AMANTAA HIN JIRU.

Muslimoonni Aksuum yeroo du'an illee Aksuum keessaa iddoo Awwaalchaa hin qaban.
Iddoo dhaloota isaaniitti bakka Awwaalchaas hin qaban, Salaataas ni dhoorkamu, Itoophiyaa keessatti walqixxummaan amantiiwwanii ni jira jedhamuus wal qixxummaan Amantaa ammayyuu hin jiru jedhan" hoogganaan Waraana Itiyoophiyaa duraanii Jeneraal Saamoraa Yoonis

Hojiin kun konfiraansii amma deemaa jiru irratti furmaata argachuu qaba jedhamee eegamaa ture.

Hubachiisa: Obboleessi Samooraa fi firoottan isaa barattoota yunivarsiitiiwwan Tigraay keessatti galmaa'aniif masjiida ijaaran - duraan naannoo ijaarsi hin hayyamamnetti mana kireeffachaa turan.

ODUU ADDAAHumna waraana galaanarraa Ameerikaa giddutti waldhabdee uumameen lubbuun namoota 7 you darbu, hedduun isaanii ...
13/08/2026

ODUU ADDAA

Humna waraana galaanarraa Ameerikaa giddutti waldhabdee uumameen lubbuun namoota 7 you darbu, hedduun isaanii miidhamuu gabaasni miidiyaalee ibse. Taateen kun kan uumame, doonii waraanaa Abraham Lincoln jedhamu gubbatti jeequmsi gargaartota doonichaa giddutti uumame gara walwaraansaatti ce'uun jedhame. Sababni waldhabdee kanaatis tajaajiltoonni walitti aansuun guyyoota hedduuf doonii gubbaa turuu gubbaa turuu irraa kan ka'eedha jedhan.
Jeequmsichi battala gorsaan ajaja waraana giddugaleessa Ameerikaa (CENTCOM) Brad Cooper komii maatii tajaajiltoota doonichaa irraa itti ka'aa jiru qabbaneessuuf argamanittiidha jedhan. Komattoonni gorsicha itti iyyuun bishaan highland itti darbachaa turuu isaaniis miidiyaaleen gabaasan. Jeequmsichi iyyaafi bishaan walitti darbachuun eegale hammaatuun, tajaajiltoonni doonichaa walwaraansatti ce'uun cuubeefi meeshaalee qara qaban kanneen biraatiin waldiruun lubbuun miseensota torbaa darbuufi kanneen biraa miidhama adds addaatiif saaxilamuu ibsan.
Haalli doonicha gubbaa jiru ammas hoo'aa fi kan hin qabbanoofne ta'uu tajaajilli oduu Tasniim gabaase. Doonichi bobbaafamee guyyoota 263 yoo ta'u yeroo ammaa garba Hindii gubbaa jiraachuu himan. Kaayyoon bu'uuraa doonichi bobbaafameef, daangessa seeraan alaa biyya Iraan iraan irra kaa'ame dirqisiisuuf jedhame.
Seenaa waraanaa Ameerikaa jabanaa keessatti dooniin waraanaa Abraham Lincoln doonii guyyoota dheeraaf galaana irra ture ta'uun galmaaye.

Waamicha Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Dargaggoota Itoophiyaaf  Taasisan*****Dargaggoota Itoophiyaa jaalatamtoot...
08/08/2026

Waamicha Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Dargaggoota Itoophiyaaf Taasisan
*****
Dargaggoota Itoophiyaa jaalatamtoota,
Ganni kun akkasumaan akka hin darbine carraa guddaa qabatee dhufeera. Barnootni koodersii miliyoona 5 kan warqaa ragaa sadrkaa idil-addunyaatti beekamtii qabu kennisiisu tola dhiyaateera.
Itoophiyaanonni miliyoona 5 dursanii murteessaaniiru; ammammoo dabareen kan keessani!
Ammuma galmaa'aa: https://ethiocoders.et jechuun beeksisan.

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Al Sofumar News-ASN posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Al Sofumar News-ASN:

Shortcuts

Share