Oromo Tech Hub

Oromo Tech Hub Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromo Tech Hub, Digital creator, Finfinnee 04 Kilo, Addis Ababa.
(2)

Welcome to OromoTech Hub, the leading channel that empowers the Oromo community with smart technology, digital skills, and modern innovation—all explained in Afaan Oromoo.

 SEERRI YOUTUBE MONETIZATION 2027 NI JIJJIIRAMA!YouTube’n February 1, 2027 irraa eegalee namoota haaraa YouTube Partner ...
12/08/2026



SEERRI YOUTUBE MONETIZATION 2027 NI JIJJIIRAMA!

YouTube’n February 1, 2027 irraa eegalee namoota haaraa YouTube Partner Program (YPP) keessatti galanif ulaagaalee monetization haaraa hojiirra oolchuuf beeksiseera.

Ad Revenue argachuuf:

👤 1,000 Subscribers qabaachuu

Kana malees keessaa tokko guutuu qabda:

▶️ 8,000 sa’aatii (Watch hour) guyyoota 365 darban keessatti
20 Million Shorts Views — guyyoota 90 darban keessatti.

:
• 1,000 Subscribers + 4,000 Watch Hours
YKN
• 1,000 Subscribers + 10 Million Shorts Views ture.

➡️ Kana jechuun ulaagaaleen haaraan watch hours fi Shorts views irratti dachaa lama ta’u.

ergaan keenya:

👉 Yoo channel haaraa qabattee, baraa 2027 dura ulaagaalee YPP guutuuf carraaqqi!

👉 Content qulqulluu fi original hojjedhu.

👉 Watch time fi audience kee sirnaan guddifadhu.

👉 Shorts qofa irratti hin hirkatiin; long-form videos irrattis xiyyeeffadhu.

📅 SEERRI HAARAAN: February 1, 2027 irraa eegala.

📢 Odeeffannoo kana YouTuberoota biroo waliin qoodi!

Hubachiisa: Kun namoota haaraa YPP seenuuf yaalan irratti ulaagaalee ad-revenue haaraa dha; “YouTube’n channel hunda irraa monetization ni haqa” jechuu miti.

YouTube — Official announcement⁠ 

🔖 Barumsa Tech salphaa fi bu’a qabeessaaf nuu hordofaa! Oromo Tech Hub

 ?1.  ?Server jechuun kompiitara ykn sirna (hardware fi software) humna guddaa qabu kan network keessatti tajaajila kenn...
08/06/2026

?
1. ?
Server jechuun kompiitara ykn sirna (hardware fi software) humna guddaa qabu kan network keessatti tajaajila kennuuf qophaa’eedha.
Server’n hojiiwwan armaan gadii raawwata:-
Odeeffannoo kuusa
Gaaffii fayyadamaa fudhata
Deebii barbaachisaa ta’e kenna
Guyyaa guyyaa yeroo interneetii fayyadamtu server fayyadamaa jirta, yeroo baay’ee garuu hin hubattu.

2. ?
Akkaataa hojii isaa salphaan haa ilaallu:
Client (bilbila, kompiitara ykn tablet) gaaffii erga
Network ykn Internet gaaffii sana dabarsa
Server gaaffii sana fudhata
Odeeffannoo barbaachisaa kuusaa isaa keessaa barbaada
Deebii gara clientitti deebisee erga
Fakkeenya
Yoo browser keessatti website tokko banuu yaalte:
Bilbilli ykn kompiitarri kee → Client
Website sana keessummeessu → Server
Odeeffannoo argattu → Deebii server irraa dhufe
Kanaaf:
Client = Gaafata
Server = Deebisa

3. ?
A. Odeeffannoo Kuusuuf
Server irratti wantoonni akka:
Faayilii
Suuraa
Viidiyoo
Database
kuufamuu danda’u.
B. Namoota Hedduu Tajaajiluuf
Server tokko yeroo tokkotti namoota hedduu tajaajiluu danda’a.
C. Tajaajila Yeroo Hunda Kennuuf
Serveroonni yeroo baay’ee sa’aatii 24 keessatti hojii isaanii itti fufu.
D. Nageenya Odeeffannoo Eeguuf
Server’n:
Password eega
Encryption fayyadama
Backup qopheessa

4.
:- Website fi qabiyyee isaa tajaajila.
Fakkeenya: Apache, Nginx, IIS
:-Faayilii kuusuu fi waliif qooduuf fayyada.
:-Odeeffannoo kuusuu fi bulchuuf tajaajila.
Fakkeenya:-MySQL, PostgreSQL, Oracle,
:- Email erguu, fudhachuu fi kuusuuf fayyada.
:-Application fi sagantaalee adda addaa hojjachiisa.
:- Printer tokko namoota hedduuf qooduun akka fayyadaman taasisa.
:- Internet irratti argama; tajaajila online kennuuf fayyada.
Fakkeenya:-
Amazon Web Services (AWS)
Google Cloud
Microsoft Azure

5.


Tajaajila fudhata
Namoota hedduu tajaajila
Humna guddaa qaba
Yeroo baay’ee 24/7 hojjata


Tajaajila kenna
Nama tokko ykn muraasa fayyada
Humna xiqqaa qaba
Yeroo barbaachisummaa qofa hojjata.

6.
🏦 Bankii → Database Server
🏫 Mana Barumsaa → Application Server
🛒 Online Shop → Web Server + Database Server
📱 Mobile Application → Cloud Server

:-
Server jechuun sirna ykn kompiitara tajaajila kennuuf qophaa’eedha. Odeeffannoo kuusa, gaaffii fudhata, deebii kenna, akkasumas namoota hedduu yeroo tokkotti tajaajiluu danda’a.
Addunyaan dijitaalaa yeroo ammaa server malee hojii isaa sirnaan raawwachuu hin danda’u.

🔖 Barumsa Tech salphaa fi bu’a qabeessaaf nuu hordofaa. 👉 Oromo Tech Hub

 ?Website jechuun walitti qabama fuulaalee (web pages) odeeffannoo adda addaa of keessaa qaban kan teessoo addaa (URL) t...
05/06/2026

?

Website jechuun walitti qabama fuulaalee (web pages) odeeffannoo adda addaa of keessaa qaban kan teessoo addaa (URL) tokko jalatti interneetii irratti argamaniidha.

Website fayyadamuuf browser akka Google Chrome, Firefox, Opera ykn browser biroo fayyadamna.

Jechoota Bu’uuraa Website Waliin Walqabatan

1.
Web jechuun odeeffannoo interneetii irratti argamu kamiyyuu jechuun ni danda’ama.

Fakkeenya:- Barreeffama (Text)
Suuraa (Image)
Viidiyoo (Video)
Sagalee (Audio)
Animation

2.
Website jechuun walitti qabama fuulaalee odeeffannoo walqabatan kan teessoo tokko jalatti argamaniidha.

3.
Web Page jechuun fuula tokko kan website keessaa ta’eedha.
Website tokko fuulaalee hedduu qabaachuu danda’a.

4.
Home Page jechuun fuula jalqabaa kan website keessatti nama simatuudha.
Fuulli kun gara kutaa fi fuulaalee adda addaatti geessuuf linkiiwwan qaba.

5.
Web Server jechuun meeshaa ykn sirna website fi faayiloota isaa kuusee tursiisuudha.

6.
Browser jechuun sagantaa website bannee ilaalluuf nu gargaaruudha.

Fakkeenya:- Google Chrome
Mozilla Firefox
Opera
Microsoft Edge

7.
URL jechuun teessoo website kan interneetii irratti bakka website sanaa agarsiisuudha.

Fakkeenya:- www.google.com
www.wikipedia.org

8.
Web Development jechuun hojii website uumuu, fooyyessuu fi bulchuudha.

9.
Web Developer jechuun nama website hojjechuu fi bulchuu danda’uudha.

Website Maal Of Keessatti Qaba?
Website tokko keessaa argamuu danda’u:-
📝 Barreeffama
🖼️ Suuraa fi Fakkii
🎥 Viidiyoo
🔗 Linkii
📄 Faayiloota (PDF, DOC fi kkf)
🛒 Tajaajiloota gara garaa

?
Website’n hojii hedduuf tajaajila:

Odeeffannoo dabarsuuf
Barnoota kennuuf
Daldalaaf
Tajaajila mootummaa kennuuf
Dhaabbata ykn nama beeksisuuf
Oomisha fi tajaajila beeksisuuf

?
Website ijaaruuf afaanota kompiitaraa adda addaa fayyadamu.

:- Fuula website ijaaruuf.

:- Miidhagina fi bifa website irratti dabaluuf.

:- Sochii fi hojii walqunnamtii website keessatti uumuuf.

:- Website hojiiwwan gara serverii wajjin walqabatan akka raawwatuuf.

(Content Management System):- Website koodii baay’ee hin barreessin ijaaruuf fayyada.

Fakkeenya:- WordPress
Joomla
Drupal

:- Website jechuun walitti qabama fuulaalee odeeffannoo kan interneetii irratti argamaniidha. Website’n odeeffannoo dabarsuu, barnoota kennuu, daldala hojjechuu fi tajaajila adda addaa kennuuf fayyada. HTML, CSS, JavaScript fi PHP fayyadamuun ykn CMS akka WordPress fayyadamuun ijaarama.

🔖 Barumsa Tech salphaa fi bu’a qabeessaaf nuu hordofaa. 👉 Oromo Tech Hub

Windows 7, 8, 10 fi 11 Maalii? Garaagarummaan Isaanii Maali?Windows 7, Windows 8, Windows 10 fi Windows 11 hundi isaanii...
03/06/2026

Windows 7, 8, 10 fi 11 Maalii? Garaagarummaan Isaanii Maali?
Windows 7, Windows 8, Windows 10 fi Windows 11 hundi isaanii sirna dalagaa (Operating System) kan Microsoft qopheessedha. Sirnoonni kun kompiutara hojjechiisuuf, faayiloota bulchuuf fi sagantaalee adda addaa irratti hojjechuuf bu’uura ta’u.
1. (2009)
Windows 7 sirna dalagaa yeroo isaa keessatti baay’ee jaallatamaa fi amanamaa ture.
Amala Isaa
Fayyadama salphaa qaba
Start Menu beekamaa fi salphaa ta’e qaba
Saffisaa fi tasgabbaa’aa ture
Haala Ammaa
Deeggarsi nageenyaa isaa dhaabbateera
Yeroo ammaa fayyadamuun nageenya irratti rakkoo qabaachuu danda’a.

2. / 8.1 (2012)
Windows 8 jijjiirama guddaa fiduuf yaale.
Amala Isaa
Start Menu duraanii bakka buusuun Tiles fayyadame
Touchscreen irratti hojjechuuf qophaa’e
Fuula hojii ammayyaa qaba
Hanqina Isaa
Namoota keyboard fi mouse fayyadaman biratti fudhatama guddaa hin arganne
Windows 8.1 keessatti fooyya’iinsi hedduun godhame.

3. (2015)
Windows 10 sirna dalagaa yeroo dheeraaf baay’ee tajaajilaa tureedha.
Amala Isaa
Start Menu deebi’ee dhufe
Saffisaa fi tasgabbaa’aa dha
Browser ammayyaa fi amaloota haaraa qaba
Kompiutara hedduu irratti hojjechuu danda’a
Haala Ammaa
Ammallee namoonni hedduun itti fayyadamu
Deeggarsi isaa yeroo murtaa’e booda ni dhaabbata.

4. (2021)
Windows 11 jechuun sirna dalagaa haaraa fi ammayyaa dha.
Amala Isaa
Design miidhagaa fi ammayyaa qaba
Start Menu giddu galeessa irratti argama
Nageenya fooyya’aa qaba
Saffisa hojii gaarii kenna
Ulaagaa Isaa
Kompiutaroota ammayyaa irratti qofa sirriitti hojjechuu danda’a
Ulaagaa hardware murtaa’e barbaada

Cuunfaa Windows ( Faayidaa Ijoo )
Windows 7:- Salphaa fi amanamaa ture
Windows 8:- Touchscreen irratti xiyyeeffata
Windows 10:- Fayyadama bal’aa fi hojii gaarii
Windows 11:- Nageenya fi teknoolojii ammayyaa

Yaada Xumuraa:-
Yoo kompiutarri kee ammayyaa ta’e Windows 11 filannoo gaarii dha.
Yoo kompiutarri kee moofaa ta’e immoo Windows 10 filannoo gaarii ta’uu danda’a.
Windows 7 fi Windows 8 yeroo ammaa nageenya irratti hanqina waan qabaniif gara sirna dalagaa haarawaatti jijjiiruun ni gorfama.

💻 Ati hoo, kompiutarri kee Windows isa kam fayyadamaa jira?

🔖 Barumsa Tech salphaa fi bu’a qabeessaaf nuu hordofaa. 👉 Oromo Tech Hub

 ? MAALIIF FAYYADAMNA?📌  ?Microsoft Office jechuun walitti qabama sagantaalee kompiitaraa hojiiwwan guyyaa guyyaa salphi...
02/06/2026

? MAALIIF FAYYADAMNA?

📌 ?
Microsoft Office jechuun walitti qabama sagantaalee kompiitaraa hojiiwwan guyyaa guyyaa salphisanii raawwachuuf qophaa’aniidha. Sagantaaleen kun barreessuu, herrega hojjechuu, prezenteeshinii qopheessuu fi odeeffannoo bulchuuf gargaartu.

🧰 Sagantaalee Microsoft Office Keessaa Beekamoo

📝 :- Barreeffamoota adda addaa barreessuu fi gulaaluuf fayyada.

Fakkeenya:- * Xalayaa
* Gabaasa
* Barreeffama barnootaa

📊 :- Lakkoofsota, herrega fi daataa qindeessuu keessatti tajaajila.

Fakkeenya:- * Gabatee (Table)
* Chaartii (Chart)
* Herrega maallaqaa

📽️ :- Prezenteeshinii fi agarsiisa slaayidii qopheessuuf fayyada.

🗄️ Microsoft Access:- Odeeffannoo hedduu kuusuu fi bulchuuf kan gargaaru database software dha.

📧 Microsoft Outlook:- Ergaa imeelii erguu, simachuu fi qindeessuuf tajaajila.

📒 Microsoft OneNote:- Yaadannoo, galmee fi odeeffannoo dhuunfaa qopheessuu fi kuusuuf fayyada.

🎯 ?

📚 Barnootaaf:- * Homework
* Assignment
* Project qopheessuuf

🏢 Hojii Waajjiraaf:- * Xalayaa
* Gabaasa
* Herrega
* Galmee hojii

💼 Daldalaa fi Bizinesii:-
* Herrega maallaqaa hordofuuf
* Odeeffannoo qindeessuuf

🎤 Prezenteeshinii:-
* Yaada ykn hojii keenya namootaaf dhiyeessuuf

📂 Odeeffannoo Bulchuuf:-
* Daataa hedduu sirnaan kuusuu fi qindeessuuf

⏱️ Yeroo Qusachuuf:-
* Hojii saffisaan fi sirna qabeessa ta’een raawwachuuf.



✔️ Fayyadamuun salphaadha
✔️ Addunyaa guutuu keessatti beekamaa dha
✔️ Hojii saffisaa fi qulqullina qabu hojjechuuf gargaara
✔️ Barattoota, hojjettootaa fi daldaltootaaf baay’ee barbaachisaa dha

🔑 :- Microsoft Office jechuun walitti qabama sagantaalee hojii barreessuu, herrega, prezenteeshinii fi bulchiinsa odeeffannoo salphisuudha. Barnoota, hojii waajjiraa fi daldala keessatti gahee guddaa qaba.

🔖 Barumsa Tech salphaa fi bu’a qabeessaaf nuu hordofaa. 👉 Oromo Tech Hub

 , wantoota armaan gadii sirriitti beekuu fi hubachuun baay’ee barbaachisaa dha:1️⃣ Kaayyoo itti fayyadama (Purpose)komp...
31/05/2026

, wantoota armaan gadii sirriitti beekuu fi hubachuun baay’ee barbaachisaa dha:

1️⃣ Kaayyoo itti fayyadama (Purpose)

kompiitara kana maaliif barbaadda?

Barnootaaf 🧑‍🎓?

Hojii waajjiraatiifii? (Word, Excel, Internet)?

Graphics design / Video editing 🎨🎬?

Programming 💻?

Game taphachuuf 🎮?

👉 Kaayyoon kee filannoo Adda baafannaa (Specification) murteessaadha.

2️⃣ Processor (CPU)

👉 Inni kompiitara hojjachiisuuf isa murteessaadha.

Intel Core i3 / Ryzen 3 – hojii salphaaf

Intel Core i5 / Ryzen 5 – hojii giddu galeessaaf

Intel Core i7 / Ryzen 7 – hojii ulfaataa (design, editing, game) kkf

3️⃣ RAM (Memory)

👉 Kompiitara saffisaa fi hojii hedduu yeroo tokkotti hojjechuuf gargaara:

4GB RAM – xiqqaa (hin gorfamu)

8GB RAM – filannoo gaarii 👍

16GB RAM fi ol – hojii ulfaataadhaaf

4️⃣ Storage (Hard Disk / SSD)

HDD – gatii gadi aanaa, garuu suuta hojjata

SSD – saffisaa baay’ee qaba ⚡ (kan gorfamuudha)

256GB SSD – filannoo gaariidha

512GB SSD – caalaatti fooyya’aadha

5️⃣ Screen / Monitor

13–14 inch – mijjaawaadha

15.6 inch – hojii fi barnootaaf gaariidha

Resolution: Full HD (1920×1080) yoo danda’ame filatamaadha

6️⃣ Battery (Laptop yoo ta’e)

Sa’aatii 5–8 ol turu yoo danda’e filadhu 🔋

7️⃣ Operating System (OS)

Windows 10/11 – baay’inaan fayyadamamuu

Linux – programming fi security barbaachisaadha

macOS – design fi editing (MacBook) yoo tahe gaarii

8️⃣ Haala Isaa (New vs Used)

Haaraa (New) – amanamaa

Used / Refurbished – gatii gadi aanaa, garuu sirriitti sakatta’i:-
● Battery, Keyboard,Screen, Portoota

9️⃣ Gatii (Budget)

👉 Baajata kee beekuun murteessaadha.

Hojiin salphaa → gatii xiqqaa

Hojiin ulfaataa → gatii ol’aanaa

🔟 Brand fi Tajaajila Booda (Warranty)

HP, Dell, Lenovo, Acer – amanamoo

Warranty jiraachuu isaa mirkaneessi ✅

✅ Gorsa gabaabaa

SSD + 8GB RAM → filannoo cimaa
Kompiitara gatii gadi aanaa bituun dura sakatta'i!.

🔖 Barumsa Tech salphaa fi bu’a qabeessaaf nuu hordofaa. 👉 Oromo Tech Hub

 Meeshaaleen elektirooniksii naannoo keenya jiran hunduu (bilbila, kompiitara, raadiyoo) meeshaalee elektrikii xixiqqoo ...
30/05/2026



Meeshaaleen elektirooniksii naannoo keenya jiran hunduu (bilbila, kompiitara, raadiyoo) meeshaalee elektrikii xixiqqoo bu'uraa ta'an kanneen irraa ijaaraman. Meeshaaleen kunneen tokkoon tokkoon isaanii hojii adda ta'e qabu.

Meeshaalee elektirooniksii keessatti meeshaaleen bu'uraa isaan armaan gadiiti:

1. (Resistor)
Reezistariin dambalii elektiriikaa (current) to'achuuf ykn hir'isuuf tajaajila. Inni akka "fageessituu" ykn gufuu humna elektiriikaa dhangala'u sanaa hir'isuutti tajaajila.

✓Hojii isaa: Meeshaaleen birootti akka humni itti hin baay'anne eeguudha.
✓Yuunitii: Oohm (Ω) dhaan safarama.

2. (Capacitor)
Kapaasitariin humna elektiriikaa ykn chaarjii yeroo gabaabaaf kuusee tursiisuuf tajaajila. Akka batirii yeroo gabaabaa tajaajilutti ilaalama

✓Hojii isaa: Volteejii tasageessuu fi sagalee (noise) hin barbaachisne calaluu.
✓Yuunitii: Farad (F) dhaan safarama.

3. (Diode)
Daayoodiin elektiriikiin karaa tokko qofa akka darbu hayyama. Karaa faallaa akka hin deebine ittisa.
✓Hojii isaa: Humna AC (alternating current) gara DC (direct current) tti jijjiiruuf (Rectification) tajaajila.
✓Gosa beekamaa: LED (Light Emitting Diode) kan nuuf ifu dha.

4. Tiraanziisterii (Transistor)
Tiraanziisteriin "onni" meeshaalee elektirooniksii ammayyaati. Inni akka switch (on/off) ykn humna elektiriikaa guddisuutti (amplifier) tajaajila.
✓Hojii isaa: Mallattolee elektirooniksii to'achuu fi guddisuu. Processor-oonni kompiitaraa tiraanziisteroota biliyoonaan lakkaawaman irraa ijaaraman.

5. (Inductor)
Indaktariin yeroo baay'ee shiboo (coil) marame yoo ta'u, humna elektiriikaa bifa maagneetiitiin kuusa.
✓Hojii isaa: Jijjiirama ariifataa dambalii elektiriikaa (current) ittisuu fi raadiyoo keessatti frequency addaan baasuuf tajaajila.

6. Circuit (IC) / Chippii
Kun meeshaalee armaan olii (reezistarii, tiraanziisterii, kapaasitarii) kumaatamaan ykn miliyoonaan lakkaawaman bakka tokkotti walitti qabee kan qabate dha.
✓Hojii isaa: Hojii walxaxaa akka yaada kuusuu, herrega hojjechuu fi kkf raawwachuuf tajaajila.

🔖 Barumsa Tech salphaa fi bu’a qabeessaaf nuu hordofaa. 👉 Oromo Tech Hub

  Ykn Gubachuu Danda’u1.   Hin QabneSababni guddaan keessaa tokko chaarjarii ykn kebiloota orijinaalaa hin taane fayyada...
15/05/2026

Ykn Gubachuu Danda’u

1. Hin Qabne
Sababni guddaan keessaa tokko chaarjarii ykn kebiloota orijinaalaa hin taane fayyadamuudha. Meeshaaleen akkasii elektiriikaa sirnaan to’achuu waan hin dandeenyeef:

Bilbilli garmalee akka ho’u taasisa
Baatiriin akka miidhamu danda’a
Yeroo tokko tokko dho’uu ykn gubachuu illee danda’a.

2. Ho’a Garmalee ( )

➤ Kovarii Bilbilaa Hin Baasne

Bilbilli yeroo chaarjii irratti ho’a uuma. Yoo kovarii furdina qabu uffate ho’i alatti hin bahu qaamolee keessaa miidhuu danda’a.

➤ Bakka Qilleensi Hin Seenne Kaa’uu bilbila siree, tiraasii ykn sofa irratti kaa’uun ho’i akka kuufamu taasisa bilbilli akka garmalee ho’u godha

👉 Kanaaf bakka diriiraa fi qabbanaa’aa irratti kaa’uun gaariidha.

3. (Power Surge)

Humni elektiriikaa yeroo tasaa yoo dabale ykn yoo raafame:

Bilbilli chaarjii irratti yoo ta’e miidhamuu danda’a
Motherboard fi qaamoleen keessaa gubachuu danda’u.

4. Irratti Baay’ee Fayyadamuu

Yeroo chaarjii irratti:-
Taphawwan guguddoo taphachuu
Viidiyoo yeroo dheeraa ilaalu
Application ulfaataa fayyadamuu kun ho’a gudda uuma. 👉 Kun:- Umurii baatirii ni gabaabsa, Bilbila ni miidha, Rakkoo nageenyaa illee uumuu danda’a.

5.

Baatiriin yoo:- Bokokee, Dhangala’e, Ykn miidhame ta’e, yeroo chaarjii irratti rakkoo cimaa uumuu danda’a.

👉 Dho’uu ykn gubachuu illee danda’a.

Of-Eeggannoo

✔️ Yeroo hunda chaarjarii orijinaalaa fayyadami
✔️ Bilbilli yoo garmalee ho’e, chaarjii irraa buqqisi
✔️ Halkan bilbila mataa jala kaa’anii chaarjii hin godhinaa
✔️ Baatirii yoo bokokuu jalqabe saffisaan jijjiiri
✔️ Bakka qilleensi gaariin jiru irratti chaarjii godhi.

:-
👉 Chaarjarii gaarii hin taane, ho’a garmalee, fi baatirii miidhame jechuun sababoota ijoo bilbilli miidhamu ykn gubachuu danda’u keessaa muraasa.
👉 Of-eeggannoon sirrii bilbila kee fi nageenya kee eega.

🔖 Barumsa Tech salphaa fi bu’a qabeessaaf nuu hordofaa. 👉 Oromo Tech Hub

  dandeenya?Bilbilli keenya Pattern dhaan cufamee yoo nu jalaa bade ykn banuu yoo dadhabne, furmaanni isaa bilbilicha Ha...
04/05/2026

dandeenya?

Bilbilli keenya Pattern dhaan cufamee yoo nu jalaa bade ykn banuu yoo dadhabne, furmaanni isaa bilbilicha Hard Reset gochuudha. Garuu bilbilichi yeroo banamu Google Account (FRP) isin gaafachuu danda’a.

(Pattern balleessuuf):-
~ Bilbilicha guutummaatti cufaa (off godhaa)
~ Qabduu Power (banaa/cufaa) fi qabduu Sagalee dabaluu (Volume Up) yeroo tokkotti wal-faana dhiibaa qabaa
~ Mallattoon (logo) bilbilichaa yeroo dhufu harka keessan irraa kaasaa; iskiriinii Recovery Mode ni dhufa
~ Qabduu sagalee hir’isuun gadi bu’uun “Wipe data/factory reset” filadhaa, sana booda qabduu Power tiin mirkaneessaa
~ Dhumarratti “Reboot system now” tuqaa.
* Bilbilichi yeroo banamu Pattern ni bada; garuu Google Account gaafachuu danda’a.

’ee FRP (Factory Reset Protection):-
FRP jechuun sirna nageenyaa bilbiloota Android keessatti argamu dha.
👉 Kaayyoon isaa: bilbila hatame ykn nama biraa irraa seeraan ala fayyadamuu ittisu

Kanaaf, erga reset gochuu booda:-
• Google Account (Gmail) duraan itti galfame gaafata
• Yoo hin galchine, bilbilli hin banamu

📌 Hubachiisa
• Hard Reset yeroo gootan ragaaleen keessan (suuraa, viidiyoo, maqaa, faayilii) ni haqamu
•Deebisanii argachuun rakkisaa ykn hin danda’amne ta’uu danda’a.

⚠️ Akeekkachiisa
• Google Account fi password keessan yeroo hunda yaadadhaa ykn bakka nagaa irratti kaa’aa
• Sirni FRP nageenyaaf waan ta’eef, sirnaan itti fayyadamuun barbaachisaa dha

Gabaabumatti:
👉 Pattern irraanfatame → Hard Reset furmaata
👉 Reset booda → Google Account barbaachisa
👉 Nageenyaaf → odeeffannoo keessan sirriitti eeggadhaa.

🔖 Barumsa Tech salphaa fi bu’a qabeessaaf nuu hordofaa. 👉 Oromo Tech Hub

Address

Finfinnee 04 Kilo
Addis Ababa
1000

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromo Tech Hub posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share